Saanduqa Gaaffii
◼ Waldaa, awwaalchaaf jecha namoota qomoo tokko taʼan ykn naannoo tokko jiraataniin hundeeffame keessatti hirmaachuun sirriidhaa?
Biyyoota hedduutti namoonni inshuraansii baasii awwaalchaa isaaniif kaffalu qabu. Warri kaanimmoo namoonni qacaranii isaan hojjechiisan mindaasaaniirraa hirʼisanii kuusuudhaan baasii kana isaanii kaffalu. Biyya keenyattis waldaawwan naannoo kan akka iddirii jiran kaayyoo kanaaf kan qophaaʼanidha. Haataʼu malee, Kiristiyaanni tokko miseensa waldaa tokkoo taʼuun maalfaa akka dabalatu qoruunsaa barbaachisaadha. Seerri bulmaataafi gochi waldaawwan akkasii keessatti mulʼatu, aadaawwan gosa tokkoo ykn sirna amantii, seera buʼuuraa Caaffata Qulqullaaʼoo wajjin wal faallessan of keessatti kan qabatan taʼuusaanii qorannaan tokko ni argisiisa. (Yaq. 1:27; Yoh. 17:16; Qol. 2:8) Waldaawwan kun hamma tokko garaagarummaa kan qaban taʼus, baayʼeensaanii sirna awwaalchaa amantii sobaa wajjin wal qabaterratti hirmaachuu kan gaafatanidha. Fakkeenyaaf, waldaawwan iddirii tokko tokko, sirna awwaalchaa amantiin tokko raawwatuuf qarshii ni kaffalu. Namni waldaawwan akkasii keessatti miseensa taʼeefi babalʼisaa ‘misiraachichaa’ taʼuu barbaadu kamiyyuu, ajaja 2 Qorontos 6:14-17fi Mulʼata 18:4rratti kenname hordofuu akka barbaadu beekamaadha.
Iddirii sirna awwaalchaa amantiin tokko raawwatuuf qarshii hin kaffallee wajjin haala wal qabateenillee, ogummaadhaan akka jiraannu argisiisuuf wantoonni qoruu qabnu kan biraan jiru. Iddiriin, yeroo wanta caalaatti barbaachisaa taʼeef oolchuu dandeenyu nu jalaa fudhata. (Efe. 5:15,16) Miseensa iddirii taʼuun, namoota Dhugaa Baatota hin taanee wajjin hiriyaa akka taanu kan nu godhu siʼa taʼu, kunimmoo karaa hafuuraa nu laaffisuufi yaada garaa keenyaa xureessuu dandaʼa. (1 Phe. 3:16; 1 Qor. 15:33) Waldaaleen iddirii duʼarratti kan xiyyeeffatan siʼa taʼu, Macaafni Qulqulluun garuu ilaalcha kanarraa adda taʼe akka qabaannu nu barsiisa. Kanaaf, gumiiwwan keenya waldaa awwaalchaa hin hundeeffatan. (Luq. 9:60; 1 Tas. 4:13; Mat. 22:32) Yaadawwan olitti ibsaman kun, iddiriis taʼe waldaalee akkasii keessa galuu dhiisuuf sababa nuu taʼu.
Sirni awwaalchaa salphaafi ulfina qabeessa taʼe qofti gaʼaa akka taʼe, namoota Macaafa Qulqulluu qayyabsiisnu tokko tokko hubachiisuun barbaachisaadha. Obboloota amanamoo dhibbaan lakkaaʼamaniifi miseensota iddirii utuu hin taʼin duʼan keessaa seeraan utuu hin awwaalamin kan hafe hin jiru. Dhugaa Baatonni obbolootasaanii taʼan yeroo tokko tokko ofumaan boolla qotuudhaan ykn saanduqa reeffaa tolchuudhaan gargaarsa barbaachisu godhaniiru. (1 Phe. 2:17) Akka gaariitti gurmaaʼuudhaan, nyaataafi geejjibaaf baasii guddaan akka hin baane gochuu dandaʼaniiru. Maatiiwwan tokko tokko dursanii irratti yaaduudhaan, haala akka tasaa uumamu kanaaf qarshii kuufataniiru. Obboloonni tokko tokko miʼa manaa dirqama barbaachisaa hin taane gurguruudhaan, baasii akkasiitiif itti fayyadamaniiru. Utuu dunkaana hin dhaabin, jajjabina barbaachisu kennuufi akka gaariitti dhugaa baʼuudhaan jaalalli obbolummaa hojiidhaan yeroon itti argisiifames jira ture.
Keessumaa miseensonni maatii lubbuudhaan jiran qarshii isaan barbaachisu hin qaban taanaan, jaarsoliin jaalala qabeeyyii taʼan maaticha gargaaruuf dursa akka fudhatan hin shakkisiisu. (Gal. 6:9,10) Jaarsoliifi obboloonni kaan gargaarsa akkasii gochuu malees, jajjabina barbaachisu ni kennu. (1 Tas. 5:14) Birooshurri Namni Jaallattan Yeroo Duʼu jedhamu, keessumaa matadureen “Warri Kaan Gargaarsa Gochuu Kan Dandaʼan Akkamitti?” jedhu, (fuula 20-24) dhimma kana ilaalchisee yaada gaarii qabateera. Haala akkasii keessatti, ogummaan Waaqayyo biraa argamuufi gargaarsi Yihowaan kennu deggersa guddaa namaaf taʼa.—Far. 37:25; Mar. 10:28-30; Fak. 3:3-6.