Sagaleen Waaqayyoo Dhugaadha
1 “Faarfatichi dubbiin kee walumattiin isaa dhugaa dha” jechuudhaan barreesseera. (Far. 119:160) Yihowaan karaa sagaleesaa isa geggeessaa hafuuraatiin barreeffameen gaaffiiwwan gurguddaa jireenya keenya keessatti nuquunnamaniif deebii quubsaa kenna. Namoota dhiphataniifi jabinaafi abdii kenna. Akkasumas karaa itti garasaatti dhihaachuu dandeenyu nutti argisiisa. Dubartiin tokko “dhugaa Macaafa qulqulluu barachuun dukkana limxii keessaa gara ifa guddaattiifi bakka gammachiisaatti ba’uudha” jechuudhaan dinqisiifannaa qabdu ibsiteetti. Atoo carraa argatte hundumaatti dhugaa Macaafa qulqulluurraa argatte warra kaaniif hiruuf ni carraaqxaa?
2 Humna Nama Hundumaa Jijjiiruufi Ofitti Harkisuu Danda’u: Dhugaan Macaafa qulqulluu humna onnee namootaa xuquufi namoota jijjiiruu danda’u qaba. (Ibr. 4:12) Sagaagalummaa, dhugaatii nama macheessuufi qoricha sammuu namaa hadoochu fudhachaa kan turte dubartiin Roozaa jedhamtu tokko akkas jechuudhaan dubbatte: “Gaaf tokko baay’ee abdii kutadhee utuun jiruu abbaan manaafi haati manaa Dhuga-baatota ta’an Macaafni qulqulluun rakkoowwan keenyaaf akkamitti akka furmaata nuuf argamsiisuu danda’u natti himan; anis sagalee Waaqayyoo isa dinqisiisaa ta’e qayyabachuun jalqabe. Humna argadhee jijjiiramuudhaan jireenya haaraafi qulqulluu jiraachuun jalqabe. Yeroo ammaatti kaayyoon jireenyaa maal akka ta’e waanan bareef dhugaatiifi qoricha sammuu namaa hadoochu fudhachuu dhiiseera. Jaalallee Yihowaa waanan ta’u barbaadeefis sadarkaa ejjennoo inni baase eeguuf murteesseera. Gorsa nama jajjabeessu sagalee Waaqayyoorratti argamu utuun argachuu baadhee yoona of ajjeeseen ture”—Far. 119:92.
3 Macaafni qulqulluun kitaabolii yeroo har’aatti argaman hundaarraa karaa adda ta’een, ‘saba, gosa, namaafi afaan dubbatamu’ hundumaa keessaa namoota ofitti harkisuu danda’a. (Mul. 7:9) FedhiinWaaqayyoo ‘namni hundinuu akka fayyu, dhugaa beekuu biras akka ga’udha.’ (1 Xim. 2:4) Kanaafuu, akkaataa guddinaa nama tokkoo ilaaluun qofa misraachicha hin dhaga’u jennee murteessuu hin qabnu. Kanaa mannaa, yeroo danda’amu hundaa ergaa Mootummichaa kallattiidhaan Macaafa qulqulluurraa namoota hundumaaf haa caqasnu.
4 Caqasawwanitti fayyadami: Tajaajila keenyarratti Macaafa qulqulluutti gargaaramuuf carraa hedduutu jira. Yeroo barruulee beeksistu, caqasa yaada seensaarra jiru dubbisuuf yaali. Obboloonni tokko tokko barreeffama ji’a sanaa yeroo beeksisan, caqasa eeggannoodhaan filatame dubbisuu bu’a qabeessa ta’ee argataniiru. Yeroo deddeebii gaaffii gootu namni haasofsiistu sun sadarkaa sadarkaadhaan beekumsa sirrii ta’e akka argatutti caqasa tokko ykn lama dubbisiif. Yeroo Macaafa qulqulluu qayyabsiistu caqasawwan furtuu ta’anirratti xiyyeeffannaa godhi. Karaa alidilee ta’een yeroo tajaajiltu, carraa argattutti gargaaramuu akka dandeessuuf yeroo hundumaa Macaafa qulqulluu qabadhu.—2 Xim. 2:15.
5 Tajaajila keenyarratti carraa arganne hundumaan Macaafa qulqulluutti gargaaramnee, beekumsa hojiif nama kakaasu kan dhugaa sagalee Waaqayyoo keessatti argamuun akka fayyadaman warra kaan haagargaarru.—1 Tas. 2:13.
[Gaaffiiwwan Qayyabannaa]
1. Macaafni qulqulluun ergaa barbaachisaa akkamii qabaa?
2. Macaafni qulqulluun jireenya namootaa kan fooyyessu akkamittii?
3. Ergaa Macaafa qulqulluu namootatti himuurraa gara boodaatti jechuu kan hin qabne maaliifii?
4. Yeroo dhugaa baanu Macaafa qulqulluutti akkamitti gargaaramuu qabnaa?
5. Tajaajila keenyarratti Macaafa qulqulluutti gargaaramuuf carraaqqii gochuu kan qabnu maaliifii?