LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • km 5/03 ful. 7
  • Saanduqa Gaaffii

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Saanduqa Gaaffii
  • Tajaajila Mootummaa—2003
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Bilbilaan Lallabuun Bu’a Qabeessa Ta’uu Ni Danda’a
    Tajaajila Mootummaa—2009
  • Gatii ‘Saantima Xixinnoo Lamaa’
    Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa Barreeffama Qo‵annaa Walga‵ii—2020
  • “Kennaa Yihowaadhaaf Kennamu”
    Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa barreeffama qo‵annaa walga‵ii—2018
  • Yihowaadhaaf Kennaa Akkamii Kennuu Dandeenya?
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2018
Dabalataan Ilaaluuf
Tajaajila Mootummaa—2003
km 5/03 ful. 7

Saanduqa Gaaffii

◼ Yeroo bilbilaan tajaajillu qophii buusii qarshiitiif godhame ibsuu qabnaa?

Dhuunfaatti nama tokkoof yeroo dhugaa baanu, hojiin addunyaa maratti wangeela barsiisuu dhugaa baatota Yihowaatiin hojjetamu guutummaatti kan gargaaramu buusii fedhaan godhamuun ta’uu isaafi buusii inni godhus akka gammachuudhaan fudhannu nama tokkotti himuu ni dandeenya ta’a; haa ta’u malee namoonni yaada kanaaf hikkaa sirrii hin taane kennuudhaan akka kadhaatti ilaaluu waan danda’aniif, yeroo bilbilaan tajaajillu waa’ee qophii buusiidhaaf godhamee itti kaasuu hin qabnu. Tajaajilli dhugaa baatota Yihowaa kara kamiin iyyuu daldala irraa walaba dha.​​—⁠2 Qor. 2:​17.

◼ Yeroo bilbilaan dhugaa baanu, namni tokko dhugaa baatonni Yihowaa lammaffaa akka hin bilbilleef yoo gaafate maal gochuu qabnaa?

Fedhiin nama kanaa kabajamuu qaba. Babal’istoonni kaan lakkoofsa kanaan lammaffa akka hin bilbilleef waraqaan yaadannoo guyyaan sun irratti barreeffame kaardii tajaajila manaa gara manaa wajjin wal qabsiifamee kaa’amuu qaba. Galmeen namoota lammata akka hin bilbilamneef gaafatanii waggaatti al tokko irra debi’amee ilaalamuu qaba. Qajeelcha ilaaltuun olaanaa tajaajilaa kennuun babal’istoonni mala beekaniifi muuxannoo qaban fedhii jarri kun yeroo ammaatti qaban gaafachuuf ramadamuu danda’u.​​—⁠Saanduqa Gaaffii Tajaajila Mootummaa Waxabajjii 1994 ilaali.

◼ Namoota mana adabaa keessa jiraniif yeroo dhugaa baanu of eeggannoo akkamii gochuu qabnaa?

Addunyaa maratti namoota mana adabaa jiran, yoo xinnaate miliyoona saddeet ta’an keessaa tokko tokko misraachoo kanaaf fedhii argisiisaniiru. (1 Xim. 2:⁠4) Damee biiroo tokkoof namoota mana adabaa jiraniifi maatii isaanii irraa akka barreeffamni ergamuuf ykn akka dhuunfaatti gaafataman barbaaduu isaanii kan ibsu, tokkoon tokkoo ji’aatti xalayaan 1, 400 ni ergama. Adabmtoota seeraa keessaa baay’een isaanii fedhii dhugaa qabaatan iyyuu, isaan keessaa tokko tokko garuu, kan fedhii dhugaa qaban fakkaatanii saba Waaqayyoo irraa ofittummaadhaan faayidaa dhuunfaa argachuuf kan fiigan ta’uu isaanii muuxannoowwan ni argisiisu. Kanaan kan ka’e, hundi keenya adabamtootaaf yeroo dhugaa baanu, of eeggannoowwan kanaa gadi jiran qalbeeffachuu qabna.

Yeroo baay’ee namoota mana adabaa jiraniif xalayaadhaan dhugaa ba’uun ni danda’ama. Obboloonni durbaa gargaarsa karaa hafuuraa kennuuf illee taanaan, warra dhiiraa mana adabaa jiraniif xalayaa akka hin barreessine ciminaan ni gorfamu. Itti gaafatamummaan akkasii kun kan kennamuu qabu obboloota dhiraa ga’eessota ta’an qofaafi. Obboloonni durbaa ga’eessota ta’an dubartoota mana adabaa jiran, kan dhugaa Macaafa qulqulluutiif fedha dhugaa qabaniif xalayaa akka barreessan ramadamuu danda’u. Qarshii ykn kennaa dhuunfaa yoo gaafatan iyyuu adabamtootaaf kennuun barbaachisaa miti.

Namni hidhame tokko fedhii yoo argisiise, maqaaniifi teessoon isaa gumii naannoo manni adabichaa itti argamutti ergamuu qaba. Yeroo baay’ee obboloonni ga’eessa ta’an haalawwan naannoo isaaniitti uumamuu danda’an adda addaa akkamitti akka qaban beeku. Gumiin naannoo sana jiru hin beekamu taanaan, odeeffannoon jiru damee biirootiif ergamuu qaba.

Obboloonni adabamtoota qayyabsiisuuf ramadaman, hidhamtoonni baay’een yeroo tokkotti akka qayyabatan gochuun isaanii dogoggora miti. Haa ta’u malee, adabamtoonniifi babal’istoonni to’annaa tokko malee mana adabaa sana keessatti isaanii wajjin yeroo dabarsuuf qophiin addaa godhamuu hin qabu. Kana malees babal’istoonni karoora of eeggannoo hin qabneen adabamtoota gaafachuunis ta’e, tokkummaa uumuun isaanii ogummaa dhabuu dha.

Yeroo adabamtootatti misraachoo kana himnu, “akka bofaa afchaala, akka gugees garraamii” haa taanu.​​—⁠Mat. 10:⁠16.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi