Dubbii Waaqayyoo Ni Deggertuu?
1 Biyyi lafaa Macaafa Qulqulluu tuffatuyyuu, Kiristiyaanonni dhugaan Dubbii Waaqayyoo hinaaffaadhaan deggeru. ‘Caaffanni qulqullaa’aan hundinuu geggeessaa hafuura Waaqayyootiin akka caafaman’ waan amannuuf, kadhannaa Yesus “dubbiin kee dhugaa dha” jechuudhaan Yihowaaf dhiheesse ni deggerra. (2 Xim. 3:16; Yoh. 17:17) Dubbii Waaqayyoo akka gaariitti deggeruu kan dandeenyu akkamitti?
2 Caaffata Qulqullaa’oo Baradhaa: Yesus Dubbii Waaqayyoo barachuufi qayyabachuutti qabamee akka ture hin shakkisiisu. Kana gochuunsaa yeroo tajaajilu hundumaatti Caaffata Qulqullaa’oo keessaa caqasee barsiisuuf isa gargaareera. (Luq. 4:16-21; 24:44-46) Caqasawwan tajaajilaaf nu gargaaran baay’ee yaadatti qabachuu kan dandeenyu akkamitti? Kana gochuu kan dandeenyu, Macaafa Qulqulluu guyyaa guyyaadhaan dubbisuufi caqasawwan tajaajilaaf nu gargaaran ykn nu jajjabeessanirratti gadi fageenyaan xiinxaluudhaani. Yommuu walga’iidhaaf qophoofnu, caqasawwan kennaman kallattiidhaan Macaafa Qulqulluurraa dubbisuufi caqasawwan kanarratti yaada kennuuf qophaa’uu qabna. Walga’iiwwanirratti yeroo waltajjiirraa caqasni dubbifamu Macaafa Qulqulluu keenya baafannee hordofuu qabna. Caqasawwan Macaafa Qulqulluu beekuun keenya ‘dubbicha isa dhugaadhaan qajeeltootti hojjechuuf’ nu qopheessa.—2 Xim. 2:15.
3 Macaafa Qulqulluutti Fayyadamaa: Tajaajilarratti yommuu hirmaannu Macaafa Qulqulluutti fayyadamuu qabna. Fakkeenyaaf, haallisaa kan nuu heyyamu yoo ta’e, nama haasofsiifnuuf caqasa tokko dubbisnee ibsuufii qabna. Namni kun gaaffii ykn mormii yoo qabaate, Macaafa Qulqulluutti fayyadamnee deebii kennuun keenya baay’ee barbaachisaadha. Namichi hojiin kan itti baay’atu yoo ta’ellee, “Utuun hin deemin dura caqasa tokko akkan sii dubbisu ykn sitti himu naa heyyami” jechuudhaan yaada Macaafa Qulqulluu tokko ibsuufii dandeenya. Hamma danda’ametti namichi akka isin hordofu gaafachuudhaan Macaafa Qulqulluu bantanii dubbisuun keessan gaariidha.
4 Namichi tokko Sillaaseen soba ta’uusaa Macaafa Qulqulluu keessaa yommuu arge, “Jireenyakoo guutuu mana sagadaatti deddeebi’aa kanan ture yoo ta’ellee, Macaafni Qulqulluun akkas akka jedhu matumaa hin beekun ture!” jechuudhaan dinqisiifateera. Namni kun yerumasana Macaafa Qulqulluu qayyabachuuf murteesse. Yesus hoolonnisaa sagaleesaa akka dhaga’an dubbatee ture. (Yoh. 10:16, 27) Namoonni garaa qajeelaa qaban karaan itti dhugaa barachuu danda’an keessaa inni hunda caalu, kallattiidhaan Macaafa Qulqulluurraa ilaaluusaaniiti. Kanaaf, hundi keenya Dubbii Waaqayyoo isa dhugaa kan deggerru haa taanu.