Irra Deebii Mana Barumsa Tajaajila Ti’ookraasii
Gaaffiiwwan kanaa gaditti jiran, Mana Barumsaa Tajaajila Ti’ookraasii torban Waxabajjii 30, 2003 jalqabutti kan afaaniin irratti mar’iatamu dha. Daawwataan ol aanaa mana barumsichaa, barreeffamawwan gaaffiiwwan irra deebii torban Caamsaa 5 hanga Waxabajjii 30, 2003 irratti hundaa’udhaan daqiiqaa 30f irra deebicha gaggeessa. [Yaadachiisa: Gaaffiiwwan booda barreeffamni deebiin irratti argamu hin caqasamne taanaan, deebiiwwan argachuuf dhunfaatti qorannaa godhi.—Kitaaba Mana Barumsaa Tajaajilaa fuula. 36-7 ilaali.]
AMALAWWAN HAASAWAA
1. Yeroo haasawaa dhiheessinu sagalee gegeeddaruun barbaachisaa kan ta’e maaliifii? Kun hoo kan danda’amu akkamittii? [be saanduqa ful. 111; saanduqa ful. 112]
2. Namni haasawaa dhiheessu tokko wanta dubbatu sanatti kan amanuufi Yihowaa kan jaallatu ta’ee utuu jiruu miira ho’aa kan dhabu maaliif ta’uu danda’a? [be ful. 115 key. 3-4; ful. 116 key. 1]
3. Kan haasawaa dhiheessu tokko miira jaalallummaa akka argisiisu maaltu isa gargaaruu danda’aa? Kuni hoo barbaachisaa kan ta’e maaliifii? [be ful. 119 key. 1-4]
4. Haasawaa keessatti miira ho’aadhaan dubbachuun, miira jaalallummaafi miira gara biraas argisiisuun maal irratti kan hundaa’e dhaa? [be ful. 120 key. 2-5]
5. Dhugaa ykn Soba: Ibsi qaamaafi fuulaa kan fayyadu dhaggeeffattoonni gara kee yoo ilaalan qofa. Ibsi. [be ful. 121 key. 3]
HAASAWAA LAK. 1
6. Yosiyaas ijoollummaa isaatii kaasee rakkina keessa yoo ture iyyuu, karaa sirrii ta’e akka filatu maaltu isa gargaaree? (2 Seenaa. 34:1, 2) [w01 4/15 ful. 26 key. 5 hanga ful. 27 key. 5; ful. 28 key. 4]
7. Hiikni Fakkeenya 9:7, 8a, maal innii? Kuni hoo tajaajila irratti akkamiin hojiirra ooluu danda’aa? [w01 5/15 ful. 29 key. 4-5]
8. Yihowaan saba Israa’eeliin, ‘irraanfachuu hin qabdan’ yeroo jedhu maal jechuu isaa turee? Nuyi hoo irraanfachuu irraa fagaachuu kan dandeenyu akkamittii? (Kes. 4:9; 8:11) [be ful. 19 key. 3 hanga ful. 20 key. 2]
9. Ibsi Daawwit Faarfannaa 32:1, 5 fi 51:10, 15 irratti ibse namni tokko cubbuu jabaa hojjeteef qalbii diddiirrannaa onnee irraa madde erga argisiisee booda, akka waan gatii hin qabneetti of ilaaluu akka hin qabne kan argisiisu akkamittii? [w01 6/1 ful. 30 key. 1-3]
10. Namoota rakkatan kunuunsuu ilaalchisee qajeelcha Phaawulos 1 Ximotewos 5:3-16 irratti kenne irraa barumsa maaliitu argamaa? [w01 6/15 ful. 11 key. 1]
DUBBISA MACAAFA QULQULLUU KAN TORBANII
11. Akka Yohannis 3:3 irratti galmeeffametti Yesus “olii dhalachuu” yeroo jedhu maal jechuu isaa turee? [w95 7/1 ful. 9-10 key. 4-5]
12. Yesus barumsa argatetti akkamitti itti fayyadame? Kana irraa barumsa gaarii akkamii argannaa? (Yohannis 7:15-18) [w96 2/1 ful. 9-10 key. 4-7]
13. Yohannis 7:53–8:11 Macaafa qulqulluu Hiikkaa Addunyaa Haaraa keessatti kan dabalame ta’e kan kaa’ame maaliifii?
14. Yesus ‘akkuma gara waaqaa dhaqe sanatti deebi’ee kan dhufu’ akkamittii? (Hojii Ergamootaa 1:11) [w90 6/1 ful. 11 key. 5]
15. Hojii Ergamootaa 5:13 irratti akka ibsameen ‘warra kaan keessaa garuu namni tokko illee dhimma bartootaa keessa lixuudhaaf ija kan hin jabaanne’ maaliifii?