Soorama Ba’uun —Soochii Tajaajilaa Guddisuuf Balbala Nuubana Ta’innaa?
1 Namoonni hojiisaanitti jaboo ta’an baay’een hojii isaan dhamaasuufi dhiphisurraa yeroo itti soorama ba’uudhaan walaba ta’an hawwu. Yeroo baay’ee, namoonni soorama ba’an ‘gammachuu dhabu, ni nuffu, yeroo malee dulloomu. Sochiin kaayyoo malee godhamu sammuun dhimma dhuunfaatiin akka dhiphatu taasisa. Namoonni hedduun soorama ba’uunsaanii gammachuu akka dhaban, akka aaran, tasgabbii akka dhaban, wara kaan biratti akka hin amanamne itti dhaga’amuusaafi jireenya kaayyoo hin qabne akka jiraatan’ gaazexaan Braaziil tokko gabaaseera.
2 Karaa garabiraammoo, Kristiyaanonni hedduun yeroo itti soorama ba’an kana, akka carraa guddaa tajaajilasaanii guddisuu isaan dandeessisutti ilaalu. Obboleessi umuriinsaa waggaa 65 eega guutee torban lama booda qajeelchaa ta’e tokko, “Jireenya koo keessatti akka waggoota kurnan qajeelchaa ta’ee dabarseetti yeroon eebba baay’ee itti argadhe hin jiru” jedheera. Haati manaafi abbaan manaa tokkommoo, “Waggootni akka warqeetti lakkaa’aman kan jalqabaman yeroo qajeelchitoota taanetti” jechuudhaan ibsaniiru. Eeyyen soorama ba’uun namoota baay’eedhaaf tajaajilasaanii bal’isuufi eebba Yihowaa argachuuf carraa adda ta’e banaaf.
3 Hojiin Kan Siif Baay’atuufi Kan Firii Godhattu Ta’i: Namoonni soorama ba’an baay’een yeroo dargaggummaa isaaniitti meeshaaleen hojii salphisan waan hin jirreef hojii humnaa cimaa ta’e hojjechuu baraniiru. Namoonni kun humna dargaggummaatti qaban amma qabaachuu baatanis, ammayyuu hojii bu’a qabeessa ta’e hojjechuu danda’u. Naannoo tajaajilaa tokkotti qajeelchitoota dhibbeentaa 22 ta’an keessaa—tilmaamaan obboloonni 20,000 ta’an—yoo xinnaate umuriinsaanii 60 ta’a. Obboloonni umuriinsaanii dheeraa ta’e kun, hojii lallabaa kanarratti qooda guddaa fudhatu. Muuxannoofi amalli gaariin isaan argisiisan gumii isaan keessatti tajaajilaniifi bu’aa guddaa argamsiisa.—Yaq. 3:17, 18.
4 Yeroo ofii tajaajila Kristiyaanummaatiin qabsiisuun fayyaa argachuufi jireenya foyya’aa jiraachuuf nama gargaara. Yeroo ammaatti obboleettiin umuriinshee waggaa 84 taateefi erga soorama baatee qajeelchaa taate tokko, “Namoota fedhii qaban baay’ee Macaafa qulqulluu qayyabsiisuun koo sammuun koo dammaqaa akka ta’u nagargaareera. Konkolaataa waanan hin qabneef milaan baay’een deema. Kunimmoo fayya akkan ta’uuf nagargaareera” jetteetti. Abbaa manaafi haati manaa umurii dheeraa qabaniifi qajeelchitoota ta’an tokko, “Tajaajilli kun sammuufi qaamaan fayyaa akka taanu nugargaareera. Yeroo hundaa waliin taana, baay’ee kolfina, jireenya keenyattis ni gammadna” jechuudhaan dubbataniiru.
5 Bakka Gargaarsi Barbaachisutti Tajaajiluu: Kristiyaanonni soorama ba’aniifi humna diinagdee qaban tokko tokko, bakka labsitoonni Mootummichaa caalaatti barbaachisan dhaqanii tajaajiluudhaaf kaka’aniiru. Warri kaanimmoo naannoo afaan biyya biraa dubbatamutti lallabuudhaan tajaajilasaanii guddisaniiru. Akkuma Phaawulos, babal’istoonni hinaaftota ta’an kunis ‘hojii wangeelaatiin kennaa isaa keessaa hirmaachuudhaaf, wangeelaaf jedhanii kana hundumaa ni godhu.’—1 Qor. 9:23.
6 Abbaan manaafi haati manaa tokko, erga ijoolleesaanii lamaan guddisanii waggoota dheeraadhaaf qajeelchitoota ta’anii booda afaan Chaayinaa barachuu jalqaban. Amma umuriinsaanii 79 fi 76 ta’eera. Yeroo ammaatti tuutni afaan Chaayinaatiin gaggeeffamu kan isaan wajjin hojjechaa turan gumii ta’uusaatti gammadaniiru. Haati manaafi abbaan manaa akkanaa kun eebba nuuf ta’u.
7 Tajaajilarraa Soorama Hin Ba’amu: Namoonni baay’een hojii keessaa soorama kan ba’an yoo ta’eyyuu, Kristiyaanni kamiyyuu tajaajila Waaqayyoorraa soorama hin baafamu. Kristiyaanonni Hundinuu “hamma dhumaatti” amantiidhaan itti fufuu qabu. (Mat. 24:13, 14) Dhugaadha, obboloonni tokko tokko yeroo umuriinsaanii dabalaa deemu, amma kanaan duraa tajaajila Yihowaarratti hirmaachuu hin danda’an ta’a. Haata’u malee, garaasaanii guutuudhaan hanga danda’an yeroo hojjetan ilaaluun akkam nama jajjabeessaa! Sagaleen Waaqayyoo hojiisaaniifi jaalala isaan maqaasaatiif argisiisan Yihowaan akka hin irraanfanne ni mirkaneessa.—Luq. 21:1-4; Ibr. 6:10.
8 Atis soorama ba’uutti dhihaachaa jirta taanaan haala kee geeddaramu kanatti guutummaatti fayyadamuuf maaliif kadhaadhaan itti hin yaadduu? Soorama ba’uun kee gargaarsa Waaqayyootiin sochii kee guddisuudhaan Yihowaa akka jajjuufi eebbasaa akka argattu balbala kan siif banu ta’ee argatta.—Far. 148:12, 13.