Dammaqinaan ‘Dhugaa Ba’aa’
1 Akkuma Yesusiif tajaajiltoota amanamoo hedduu durii Phaawulosiis haala akkamii keessa yoo jiraateyyuu Hinaaftuu labsii himaa misraachoo Mootummichaa ta’uudhaan ‘dhugaa ba’a’ ture. Yeroo mana hidhaa turellee, ‘warra gara isaa dhufan hundumaa simatee. Ija jabina guutuudhaan, dhowwaa malees mootummaa Waaqayyoo in lallaba, waa’ee Yesus Kristos gooftichaas in barsiisa ture’—HoE. 28:16-31.
2 Nuyis yeroo hundumaa ‘dhugaa ba’uudhaaf’ kan dammaqne ta’uu dandeenya. Kunimmoo namoota addeemmii keenyarratti arganuuf ‘dhugaa ba’uu’ dabalata.—HoE. 28:23; Far. 145:10-13.
3 Akka Tasaa moo Karaa Alidilee Ta’een Dhugaa Ba’uu? Garaa garummaa qabuu? Eeyyee. Wanti tokko akka tasaa yeroo ta’u, akkasumaan akka carraa ykn utuu itti hin yaadaminiifi hin karoorfamin barbaachisuummaa baay’ees utuu hin qabaatin kan raawwatamudha. Ibsi kun tasumaa tajaajila keenya kan iddoo bu’u miti. Nuyis akkuma Phaawulos misiraachicha lallabuudhaan Waaqayyoon kabajuuf iddoo guddaa waan laannuuf bakka danda’amu hundaatti dhugaa ba’uuf qophaa’oo ta’uu qabna. Haata’uu malee, utuu hin dhiphatin, hiriyyummaafi haaluma barameen namootatti dhihaachuun— alidilee jedhamuu danda’a. Mallii kunimmoo bu’aa gaarii argamisiisuu danda’a.
4 Dhugaa Ba’uuf Qophii Godhaa: Phaawulos Roomaatti yeroo hidhamee ture, carraa itti namootaaf dhugaa ba’u ni barbaada ture. Dura buutota Yihudii naannoosaa jiran manasaatti aferuuf dursa fudhata ture. (HoE. 28:17) Gumiin Kristiyaanaa Roomaa keessa yoo jiraateyyuu hawwaasni Yihudii waa’ee amantii Kristiyaanaa odeeffannoon qaban xiqqoo ta’uusaa bareera. (HoE. 28:22; Rom. 1:7) Phaawulos waa’ee Yesus Kristosiifi Mootummaa Waaqayyoo dammaqinaan ‘dhugaa ba’uurraa’ duubatti hin jenne.
5 Namoonni ati haasofsiistus hedduun waa’ee Dhuga-baatota Yihowaa baay’ee akka hin beekne dursii yaadi. Kaffaltii tokko malee Macaafa qulqulluu akka qayyabsiisnullee hin beekan ta’a. Namoota yeroo karaa deemtu, mi’a bittu, hoteela qabattetti, yeroo hoteelaa nyaattu, geejjibaa ummataatiin yeroo gargaaramtuufi carraa kkf irratti dhugaa ba’uuf kan dammaqxe ta’i. Marii jalqabuudhaan gabaabumatti dhugaa ba’uuf maal akka jettu dursii murteessi. Tarii guyyoota duraatti ollaawwan, firoottan, kan wajjin hojjettuufi namoota beektuuf karaa alidileetiin dhugaa ba’uun shaakaluu dandeessa.
6 Karaa alidilee ta’een dhugaa ba’uuf barreeffamoonni sibarbaachisan kam fa’ii? Traaktii Waa’ee Macaafa Qulqulluu Caalaatti Beekuu Ni Barbaaddaa? jedhamuun gargaaramuu dandeessa ta’a. keeyyatawwan shanan jalqabaa sababa Macaafa qulqulluu dubbisuu qabnuuf kennamanrratti xiyyeeffadhu. Duuba traaktichaarratti kaffaltii malee qayyabannaa Macaafa qulqulluu akka godhamuufii danda’u yaada kennaman itti argisiisi. Nama fedhii qabu yoo ta’e brooshuura Waaqni Nurraa Maal Barbaadaa? jedhamu kenniif. Konkolaataadhaan deemta taanaan namoota ergaa Mootumichaatiif fedhii gaarii argisiisaniif kennuu akka dandeessutti barreeffamawwan barbaachisaa ta’an dabalataan qabachuu dandeessa.
7 Uffannaafi Amala Keessaniif Xiyyeeffannaa Kennaa: Amalli, uffannaafi filannaan keenya namoonni kaan jaarmiyaa Yihowaatiif ilaalcha dogoggora ta’e qabachuudhaan ‘mormii akka hin kaasne’ ofeeggachuu qabna. (HoE. 28:22) Kana gochuu kan qabnu, walga’iirratti ykn tajaajilarratti qofa utuu hin ta’in yeroo karaa deemnus ta’e sagantaawwan kanaan alattis ta’uu qaba. Masaraan Eegumsaa Hagayya 1, 2002 fuula 18 keeyyata 14 akkas jechuun nu’akeekkachiisa “akkaataan uffannaa keenyaa na argaadhaaf kan godhamu, sabrii kan hin qabne, miira saalaa kan kakaasu, kan qullaa namaa argisiisuufi uffanaa barri fide ta’uu hin qabu. Kana malees uffannaan keenya warra ‘Waaqayyoof sagadna jedhaniif kan ta’u’ ta’uu qaba. Wanti kun kan itti yaadamuu qabu mitii? Walga’iiwwan gumiirratti uffannaa seera qabu uffanna, yeroo garabiraammoo akkuma feene taana jechuu miti. Guyyaa keessatti Kristiyaanota sa’atii 24 waan taaneef yeroo hundaa uffannaan keenya kan nama kabajchiisu ta’uu qaba.”—1 Xim. 2:9, 10.
8 Uffannaan keenya amala qabeeyyii akka taane kan argisiisuufi kan nama kabajchiisu ta’uu qaba. Uffannaafi amalli keenya yeroo hunda amantii keenya kan calaqqisu yoo ta’e, karaa alidilee ta’en dhugaa ba’uuf duubatti hin jennu.—1 Phe. 3:15.
9 Karaa Alidilee Ta’een Dhugaa Ba’uun Bu’aa Qaba: Phaawulos Roomaatti waggaa lamaaf hidhaarra yeroo ture dhugaa ba’uuf carraaqqii godheen bu’aa gaarii argateera. Luuqaas “kaan dubbii Phaawulos dubbateen tole jedhan” jechuun gabaaseera. (HoE. 28:24) Phaawulos dammaqinaan ‘dhugaa ba’uun’ bu’aa qabu gamaaggamuudhaan “wanti ana irra ga’e kun wangeela bal’isuuf ba’eessa godhee hojjechuu isaa, ani Kristosiif jedhee hidhamuun koo warra mana mootummaa warra Roomaa keessaa hundumaa, namoota warra kaan hundumaa birattis beekameera. Sababii ani mana hidhaatti galfameef obboloonni garri caalan gooftaa amanatanii, dubbii Waaqayyoo sodaa malee dubbachuudhaaf caalaa ija jabaatan.”—Filp. 1:12-14.
10 Waggaa darbe walga’iin koonyaa erga godhamee booda, abbaan manaafi hati manaa tokko keessumsiistuu mana nyaataa kaardii qomarratti maxxanfatan argitee gaaffii isaan gaafatte tokkoof karaa alidilee ta’een dhugaa ba’uusaaniitiin muuxanoo bu’aa qabu argataniiru. Waa’e walga’ichaafi abdii fuula duratti Macaafnii qulqulluun ilmaan namaatiif qabate itti himan. Traaktii Waa’ee Macaafa Qulqulluu Caalaatti Beekuu Ni Barbaaddaa? jedhamu kennaniifii qophii kaffaltii malee Macaafa qulqulluu qayyabachuudhaaf godhame ibsaniif. Isheenis duuba traaktii kanaatti maqaafi teessooshee guutuudhaan namni tokko deddeebii gaaffii akka godhuuf gaafatte. Achiis dhuga-baatonni kun akka qophii kana godhaniif gaafatte. Atoo dammaqinaan ‘dhugaa ba’uudhaan’ bu’aa nama gammachiisu akkamii argatta laata?
11 Misraachicha Dammaqinaan Lallabaa: Phaawulos warri kaan fakkeenya hinaaffaasaa hordofaa akka jiran dhaga’uunsaa hangam akka isa gammachiise tilmaami! Nuyis waa’ee amantii keenya isa Macaafa qulqulluurratti hundaa’ee karaa alidilee ta’een dammaqinaan dhugaa ba’uuf haa carraaqnu.
[Gaaffiiwwan Qayyabannaa]
1, 2. Ilaalchii Phaawulos misraachichaaf qabu akkamitti sixuqaa? Akkamitti fakkeenyasaa hordofuu dandeenyaa?
3. Karaa alidilee ta’een lallabuuf Carraa qofa eeguu kan hin qabne maaliifii?
4. Phaawulos manasaatti dhugaa ba’uu kan danda’e akkamittii?
5, 6. Karaa alidilee ta’een dhugaa ba’uuf carraa akkamii qabnaa? Carraa kanaan bu’aa argachuuf qophii akkamii gochuu dandeenyaa?
7, 8 Yeroo karaa deemnus ta’e yeroo garabiraa uffannaafi amala keenyaa ilaalchisee akeekkachiisa hojiirra oolchuu qabnu kamtu nuukennamee?
9. Phaawulos Roomaatti dhugaa ba’uusaatiin bu’aa akkamii argatee?
10. Abbaan manaafi haati manaa tokko karaa alidilee ta’een dhugaa ba’uusaaniitiin bu’aa akkamii argataniiruu?
11. Dammaqinaan ‘dhugaa ba’uuf’ dandeetti akkamii horachuu qabnaa?
[Saanduqa fuula 3rra jiru]
Karaa Alidileetiin Dhugaa Ba’uuf Barreeffamawwan Barbaachisan. ■ Waa’ee Macaafa Qulqulluu Caalaatti Beekuu Ni Barbaadaa? (traaktii)
■ Waaqnii Nuurraa Maal Barbaadaa? (brooshuura)
■ Guud Niwuus Foor Ool Neeshins (buukleetii)
■ Barreeffamawwan garabiraa
[Saanduqa fuula 4rra jiru]
Isaan Hin Irraanfatinaa!
Eenyuun? Namoota Ayyaana Yaadannoo ykn haasawaa addaarratti argamuudhaan fedhii argisiisan. Walga’iiwwan garabiraa, walga’ii addaafi walga’ii koonyaa waggaa kanaarratti akka argaman afeerreerraa? Baay’eesaaniitiif yaadni jajjabinaa yoo kenname argamuu danda’u. obbolootatti yeroo dhihaataniifi sagantaa hafuura nama jajjabeessu kana yeroo dhaggeeffatanYihowaafi jaarmiyaasaatti maxxanuu danda’u. Akka argaman afeertee deebii isaan kennan maaliif hin dhageessuu? Sa’aatiifi bakka walga’iin gumii, aanaa, addaafi koonyaa itti godhamuufi walga’ichii akkamitti akka gaggeeffamu itti himi.