LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • km 6/03 ful. 2-7
  • Sagantaa Walga’ii Tajaajilaa

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Sagantaa Walga’ii Tajaajilaa
  • Tajaajila Mootummaa—2003
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Torban Waxabajjii 9 Jalqabu
  • Torban Waxabajjii 16 Jalqabu
  • Torban Waxabajjii 23 Jalqabu
  • Torban Waxabajjii 30 Jalqabu
  • Torban Adoolessa 7 Jalqabu.
Tajaajila Mootummaa—2003
km 6/03 ful. 2-7

Sagantaa Walga’ii Tajaajilaa

Torban Waxabajjii 9 Jalqabu

Faarfannaa 36 (81)

Daq. 10: Beeksisa gumii. Beeksisa Tajaajila Mootummaa keessaa filataman. Yaada seensaa fuula 8 irratti argamuun fayyadamuudhaan Masaraan Eegumsaa Caamsaa 1fi Dammaqaan! Caamsaa 2003. Yeroo raabsamu kan argisiisuu hojiin argisiisni lama haa dhihaatu. Lamaanirrattiyyuu kan beeksifamu barruu tokko qofa ta’us kan kennamu lamaansaati.

Daq. 15: “Tajaajila Kristiyaanummaa​​—⁠Hojii Keenya Isa Guddaa.” Tajaajila yeroo guututti galuudhaan eebba gammachiisaa akka argataniif dargaggoota jajjabeessi. Masaraa Eegumsaa Sadaasa 1, 2000 fuula 19-20 irratti mataduree xiqqaa “Aadaaniifi Yaadnii Garaa Yeroo Walfaallessan,” jedhu keessaa yaadawwan tokko tokko dabalii dhiheessi.

Daq. 20: “Soorama Ba’uun​​—⁠ Sochii Tajaajilaa Guddisuuf Balbala Nuubana Ta’innaa?” Yoo danda’amee obboleessa soorama ba’ee carraa kana tajaajila Yihowaarratti caalaatti hirmaachuuf itti fayyadame tokkoo wajjin gaaffiifi deebii godhi. Sirreeffama akkamii akka godheefi kanaanimmoo bu’aa akkamii akka argate gaafadhu.

Faarfannaa 84 (190) fi kadhannaa xumuraa.

Torban Waxabajjii 16 Jalqabu

Faarfanna 58 (138)

Daq. 8: Beeksisa gumii. Gabaasa herregaa.

Daq. 12: Akka gumiif barbaachisutti itti fayyadamaa.

Daq. 25: “Dammaqinaan ‘Dhugaa Ba’aa’ ” Gaaffiwwan dhihaataniin gargaarami. Keeyyata 5 fi 6 irratti erga mari’attanii booda nama suuqii keessaa gurguruu tokkoof karaa alidilee ta’een dhugaa ba’uudhaan traaktiin Waa’ee Macaafa Qulqulluu Caalaatti Beekuu Ni Barbaaddaa? jedhamu yeroo kennamuuf kan argisiisu hojiin argisiisni gabaabaan haadhihaatu. Keeyyata 7 fi 8 irratti mari’achuu keessan dura keeyyatawwan kana dubbisi. Dhumarratti saanduqa “Isaan Hin Irraanfatinaa!” jedhu dubbisiitii irratti mari’adhaa.

Faarfannaa 69 (160) fi kadhnnaa xumuraa.

Torban Waxabajjii 23 Jalqabu

Faarfannaa 71 (163)

Daq. 10: Beeksisa gumii. Yaada seensaa fuula 8 irra jirutti gargaaramuudhaan Masaraan Eegumsaa Caamsaa 15 fi Dammaqaan! Caamsaa 22 (Ingliffa) yeroo raabsamu kan argisiisu hojiin argisiisni lama haadhihaatu. Lamaanirrattiyyuu kan beeksifamu barruu tokko qofa ta’us kan kennamu lamaansaati.

Daq. 20: Miira Abdii Kutachuu Mo’uuf Maal Gochuu Qabnaa? Masaraa Eegumsaa Sadaasa 15, 1999 fuula 28-9 mataduree xiqqaa “Ilaalcha Sirrii Guddifachuu” jedhu dabalatee haasawaafi maree dhaggeeffattootaa wajjin godhamuun kan dhihaatu. Caaffata qulqullaa’aarraa gorsa hojiirra ooluu danda’u dhiheessi. Obboloota firii argachuusaanii beektu tokko ykn lama tajaajilasaanitti akka gammadan kan isaan gargaare maal akka ta’e akka dubbataniif dursii qopheessii.

Daq. 15: “Addunyaa Yeroo Yeroodhaan Jijjiiramu Keessatti Lallabuu.” Keeyyata 2-3 irratti yeroo mari’attan haala tibba sana ga’etti fayyadamuudhaan akkamitti maree jalqabsiisuu akka danda’an dhaggeeffattoota gaafadhu. Keeyyata 4 irratti yeroo mari’attan akkaataa dhiheenyaa caqasaman keessaa tokkorratti hojiin argisiisni gabaabaan akka dhihaatu godhi.

Faarfannaa 2 (4) fi kadhannaa xumuraa.

Torban Waxabajjii 30 Jalqabu

Faarfannaa 1 (3)

Daq. 10: Beeksisa gumii. Babal’istoonni gabaasa tajaajila dirree ji’a Waxabajjii akka deebisan yaadachiisi. Barreeffamawwan Adoolessafi Hagayyatti raabsaman ibsi. Brooshuura gumii keessatti argaman lama beeksisiitii akkamitti raabsuun akka danda’amu kan argisiisu hojiin argisiisa qophii gaariin itti godhame akka dhihaatu godhi. Akkaataa dhiheenyaa kennaman argachuuf Tajaajila Mootummaa Adoolessaafi Hagayya 1995 fi 1996, Hagayyaafi Fulbaana 1997, akkasumas Tajaajila Mootummaa Hagayya 1998 fuula dhumaa ilaali. Yaadni dhiheenyaa dabalataa Baafat Barreeffamawwan Masaraa Eegumsaa (Index) mataduree “Presentation” jedhuufi mata duree xiqqaa “List by Publication” jedhu ilaali.

Daq. 15: “Hir’ina Qaamaa Qabaachuun​​—⁠ Bu’aa Qabeeyyii Akka Hintaane Nu Hin Godhu.”* Warri kaan akkamitti isaan gargaaruu akka danda’an Dammaqaa! Hagayya 22, 1990 fuula 22-3 (Ingiliffa) mata duree “Warri Kaan Gargaarsa Akkamii Gochuu Danda’uu?” jedhu jalatti yaada argamu dabalii dhiheessi.

Daq. 20: Mootummicha Lallabuuf Sagalee Waaqayyootiin Akka Gaariitti Gargaaramaa. Daawwataan olaanaa tajaajilaa marii dhaggeeffattootaa wajjin godhamuun kan dhiheessu. Namoota tajaajilarratti argannu hundaaf caqasa nama jajjabeessuufi waa’ee Mootummichaa ibsu caqasuuf ni carraaqana. Haata’u malee, caqasa dubbisuu caalaa wanti nurraa eegamu jira. Ibsa kennuu, fakkeenya dhiheessuufi akkamitti hojiirra ooluu akka danda’an dubbachuu qabna. Kitaaba Xiinxalsiisuu fuula 155-6 mataduree dalga ciise, “Bulchiinsi Namootaa Ilmaan Namaatiif Wanta Barbaachisu Hatattamaan Dhiheessuu Hin Dandeenye” jedhu jalatti caqasawwan tokko tokko akka fakkeenyaatti fudhaachuun Kana gochuun akkamitti akka danda’amuu argisiis. Marii booda yeroo deddeebii gaaffiitti caqasa tokko karaa bu’a qabeessa ta’een akkamitti akka fayyadamuun danda’amu babali’isaan qophii gaarii godhe tokko hojiin argisiisaan haadhiheessu. Ibsa gabaabaadhaan, fakkeenya salphaafi, Mootummichi dhuunfaatti abbaan manichaatiif bu’aa akkamii akka argamsiisuuf ibsuudhaan xumurama. Hojiin argisiisichi caqasa dubbisuudhaan haajalqabamu. ittaansees caqasichi akkamitti akka ibsame, fakkeenyi akkamitti akka kennameefi akka itti hojiirra oluu danda’u irra deebi’ii ibsi. Hundi isaanii karaa bu’a qabeessa ta’een sagalee Waaqayyootti akka gargaaraman jajjabeessi.

Faarfannaa 23 (48) fi kadhannaa xumuraa.

Torban Adoolessa 7 Jalqabu.

Faarfannaa 57 (136)

Daq. 5 Beeksisa Gumii.

Daq. 20 Ulaagaalee Yihowaa Kabajuuf Kaka’uu. Masaraa Eegumsaa Hagayya 1, 2002 fuula 17-19 keeyyata 11-18 irratti hundaa’uudhaan gaggeessaa qayyabannaa Masaraa Eegumsaatiin kan haasawaan dhihaatu. Gaaffiiwwan Masaraa Eegumsaarratti dhihaatan fayyadamuudhaan deebii sirrii ta’e qopheessi. Yeroo dhuma keeyyata 13 geessu saanduqa gaaffii Tajaajila Mootummaa Waxabajjii 2002 Yeroo Beteeliin daawwannu uffannaa seera qabeessa ta’e uffachuu ilaalchisee yaada kenname dabalii dhiheessi. Daawwattoonni baay’een seera kana kan hojiirra oolchan ta’us, ammayyuu jiinsiin iddoo bashannanaatti kan uffatamu waan ta’eef uffannaa kanaan gumii irratti argamuufis ta’e beeteeliin daawwachuun sirrii akka hin taane beekuun barbaachisaadha. keeyyata 16 irratti yeroo mari’attan dubartoonni biiroofi bakka daldalaatti hojjetan uffata qullaa argisiisu uffachuun akka irraa eegamuufi kunimmoo sadarkaa ejjennoo Yihowaan uffannaadhaaf baasee wajjin kan wal hin simne ta’uusaa ibsi. Keeyyata 18 wajjin walqabsiisuudhaan hundisaanii akkaataa uffannaa ilaalchisee sadarkaa ejjennoo olaanaa Yihowaan baase akka kabajan jajjabeessi.

Daq. 20: “Maqaa Waaqayyoo Beeksisuu.” Gaaffiiwwan dhihaataniitti gargaarami. Keeyyata 4 irratti ennaa mari’attan, yaadawwan kitaaba Labsii Himtoota jedhamu fuula 124 saanduqa “Maqaa Waaqayyoo Beeksisuu” jedhurraa yaada dabalataa dhiheessi. Kitaaba Xiinxalsiisuu fuula 197-8 irraa caqasa lama ykn sadi caqasuudhaan babal’isaan dandeetti qabu tokko yeroo deddeebii gaaffii godhu maqaa Waaqayyootti fayyadamuun maaliif barbaachisaa akka ta’e hojiin argisiisaan haadhiheessu.

Faarfannaa 22 (47) fi kadhannaa xumuraa.

[Miiljalee]

Yaada seensaa daqiiqaa tokko hin guunneen erga fayyadamtee booda gaaffiif deebiin dhiheessi.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi