LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • km 6/03 ful. 1
  • Tajaajila Kristiyaanummaa —Hojii Keenya Isa Guddaa

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Tajaajila Kristiyaanummaa —Hojii Keenya Isa Guddaa
  • Tajaajila Mootummaa—2003
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Tajaajila Keessaniin Fakkeenya Kiristos Hordofaa
    Tajaajila Mootummaa—2007
  • Tajaajila Keessan Guutummaatti Raawwachaa Jirtuu?
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2019
  • Wanti Ati Jireenya Kee Keessatti Dursa Laattuuf Maal Innii?
    Tajaajila Mootummaa—2003
  • “Atis Qajeelchaa Gaarii Ta’uu Ni Dandeessa!”
    Tajaajila Mootummaa—2010
Dabalataan Ilaaluuf
Tajaajila Mootummaa—2003
km 6/03 ful. 1

Tajaajila Kristiyaanummaa —⁠Hojii Keenya Isa Guddaa

1 Hundi keenya hojiiwwan hojjechuu qabnu adda addaa qabna. Namni tokko wanta maatiisaatiif barbaachisu dhiheessuunsaa ulaagaa Waaqayyo baasedha. (1 Xim. 5:⁠8) Haata’u malee, ulaagaa kana guutuuf hojiin hojjennu barbaachisummaa misraachoo Mootummichaa labsuufi hojii bartoota taasisuu kan caalu ta’uu hin qabu.​​—⁠Mat. 24:14; 28:​19, 20.

2 Yesus ‘Mootummaa Waaqayyoo barbaaduudhaan’ fakkeenya hordofuu dandeenyu nuuf ta’eera. (Mat. 6:​33; 1 Phe. 2:​21) Qabeenya qabaachuu baatuyyuu, guutummaatti fedha Abbaasaa raawwachuutti qabamee ture. (Luq. 4:​43; 9:​58; Yoh. 4:​34) Carraa argate hundaan dhugaa ba’uuf yaalii godha ture. (Luq. 23:43; 1 Xim. 6:​13) Bartoonnisaas hojii makaraa kanarratti hirmaachuuf miira ho’aa akkanaa akka qabaatan itti himeera.​​—⁠Mat. 9:​37, 38.

3 Yeroo Har’aatti Yesusin Fakkaachuu: Jireenya keenya salphaa goonee hirmaannaa tajaajila Kristaanummaarratti qabnu guddisuudhaan fakkeenya Yesus hordofuu dandeenya. Wantoota jireenyaaf nubarbaachisan qabna taanaan, waan hedduu biyyi lafaa kun qabu akka hin hawwine gorsa Macaafni qulqulluun kennu haa fudhannu. (Mat. 6:​19, 20; 1 Xim. 6:⁠8) Hirmaannaa hojii lallabaarratti goonu guddisuun hangam filatamaadhaa! Haalliwwan rakkisaa ta’an yoo nuquunnaman dhimmawwan jireenyaatiin qabamnee hojii barbaachisaa misraachoo Mootummichaa lallabuurraa akka duubatti hin jenne akkuma Yesus carraaqqii haa goonu.​​—⁠Luq. 8:​14; 9:​59-​62.

4 Namoonni itti gaafatamummaa hedduu qabanillee hojii lallabaa kanaaf dursa ni kennu. Obboleessi maatii guddaafi, itti gaafatamummaa hojii qabu akkasumas gumii keessatti jaarsa ta’ee tajaajilu tokko, “Tajaajila koo akka hojii guddaattan ilaala” jedheera. Obboleettiin qajeelchituu taate tokkommoo, “Qajeelchaa ta’uun hojii gaarii jedhamu hundumaa ni caala” jechuudhaan dubbatteetti.

5 Haala akkamii keessa yoo jiraanneyyuu fakkeenya Yesus haa hordofnu. Akkamittii? Tajaajila Kristaanummaa hojii keenya isa guddaa gochuudhaani.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi