LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • km 2/07 ful. 1
  • Tajaajila Keessaniin Fakkeenya Kiristos Hordofaa

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Tajaajila Keessaniin Fakkeenya Kiristos Hordofaa
  • Tajaajila Mootummaa—2007
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Tajaajila Kristiyaanummaa —Hojii Keenya Isa Guddaa
    Tajaajila Mootummaa—2003
  • “Dhaqaatii . . . Namoota Barattoota Koo Godhaa”
    “Kottuutii Duuka Buutuu Koo Taʼi”
  • “Dhaqaatii . . . Saba Hundumaa Keessaa Namoota Barattoota Godhaa”
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2016
  • Yesus Waa’ee Mootummaa Waaqayyoo Maal Barsiise?
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2010
Dabalataan Ilaaluuf
Tajaajila Mootummaa—2007
km 2/07 ful. 1

Tajaajila Keessaniin Fakkeenya Kiristos Hordofaa

1 Yesus fakkeenya tajaajila keenyarratti hordofuu dandeenyu nuu kaa’eera. Jaalala guddaa Waaqayyoofi namootaaf qabu yeroo baay’ee karaawwan hedduudhaan argisiiseera. Namoota garraamii ta’an dhugaa kan barsiise yommuu ta’u, warra dhiphataniifi cunqurfamaniif gocha gaarummaa raawwateera.—Mat. 9:35.

2 Fakkeenyaafi Barumsawwan Yesus: Yesus dhimmawwan siyaasaa ykn gocha arjummaa hawaasa fayyada jedhamu kan biraarratti hirmaachuudhaan yaannisaa akka fudhatamu hin goone. Yookiinimmoo wantoota gaariidha jedhaman hordofuun xiyyeeffannaasaa akka fudhatus ta’e hojiisaa isa guddaa akka isa dagachiisu hin heyyamne. (Luq. 8:1) Rakkina ilmaan namootaatiif furmaata bara baraa kan fidu Mootummaa Waaqayyoo qofa ta’uusaa barsiisuurratti xiyyeeffatee ture. Yesus hojii guddaa kan qabu si’a ta’u, yeroon hojii kana raawwachuuf isaaf kennamemmoo murtaa’aa ture. Namoonni Qifrinnaahom Yesus isaan bira akka turu yeroo barbaadanitti, bartootasaatiin akkas jedhee ture: “Ani isaaf waanan ba’eef, achittis akkan lallabuuf kottaa gara mandaroota[a] . . . in dhaqnaa!”—Mar. 1:38.

3 Yesus bartootasaa erga leenjisee booda, qajeelfama akkas jedhu kenneefii isaan erge: “‘Mootummaan waaqaa dhi’aateera’ jedhaa lallabaa!” (Mat. 10:7) Jireenyasaanii keessatti hojii Mootummaa Waaqayyootiif bakka guddaa kennuu akka qaban duuka buutotasaa barsiiseera. (Mat. 6:33) Wanti Yesus gara samiitti deebi’uusaa dura bartootasaatiin jedhe hojiinsaanii maal akka ta’e ifa godheeraaf. Akkas jedhe: “Egaa dhaqaa, . . . saba hundumaa bartoota koo godhaa!”—Mat. 28:19.

4 Barbaachisummaa Mootummichaa: Dhaamsi Yesus inni guddaan Mootummaa Waaqayyoo si’a ta’u, bartoonnisaas fakkeenyasaa akka hordofan isaan gorsee ture. Carraaqqiin namoonni rakkina ilmaan namootaa hiikuuf godhan milkaa’uu hin danda’u. (Er. 10:23) Mootummaa Waaqayyoo qofatu maqaan Waaqayyoo qulqulluu ta’ee akka eegamu gochuufi ilmaan namootaatiif furmaata bara baraa fiduu danda’a. (Mat. 6:9, 10) ‘Namoota wanta ciiggaasisaa hojjetamuuf gaddanii boo’an’ dhugaa Mootummichaa barsiisuun, namoonni kun yeroo ammaa jireenya gammachiisaafi milkaa’aa akka jiraatan, gara fuulduraatiif immoo abdii amansiisaa ta’e akka qabaatan isaan gargaara.—His. 9:4.

5 Yesus hojii lallabaa kanarratti hirmaannaa guddaa qabaachuusaa kan itti fufu yommuu ta’u, akka nu gargaarus waadaa galeera. (Mat. 28:20) Tajaajilli keenya fakkeenya Yesus akka hordofnu hammam argisiisa? (1 Phe. 2:21) Guyyaa gara dhumaa adda ta’e kanatti, fakkeenya Yesus tajaajilasaatiin nuu kaa’e hordofuuf waan dandeenyu hundumaa haa goonu!

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi