Karaa Alidilee Ta’een Dhugaa Ba’uu Ni Dandeessu!
1 Gumii keessan keessaa namoonni karaa alidilee ta’een dhugaa dhaga’an meeqa ta’u? Deebii gaaffii kanaa utuu hubattee baay’ee dinqisiifamta. Karaa alidilee ta’een dhugaa ba’uun, sochiiwwan yeroo hunda raawwannu jechuunis karaarratti, yeroo fira ykn ollaa keenya gaafannu, gabaatti, mana barumsaatti, bakka hojiifi kan kana fakkaatanitti misiraachicha namoota argannetti himuu dabalata. Garee babal’istoota 200 ol ta’an qabu tokko keessaa, obboloonni harka 40 ta’an dhugaa kan dhaga’an karaa alidilee ta’eenidha. Kanaaf bifa tajaajilaa kanaan fayyadamanii dhugaa ba’uun bu’aa guddaa qaba.
2 Jaarraa jalqabaatti duuka buutonni Kiristos yeroo baay’ee karaa alidilee ta’een dhugaa ba’u turan. Fakkeenyaaf, Yesus yommuu karaa Samaariyaarra darbe dubartii boolla bishaanii Yaaqoob keessaa bishaan waraabbachaa turte tokkoof dhugaa ba’eera. (Yoh. 4:6-26) Filiphos, abbaa taayitaa Itoophiyaa macaafa Isaayaas dubbisaa tureen, “Waan dubbisuutti jirtu kana in hubattaa?” jedhee gaafachuudhaan isaa wajjin maree jalqabeera. (HoE. 8:26-38) Phaawulos yommuu Filiphisiiyusitti hidhame eegduu mana hidhaa sanaaf dhugaa ba’eera. (HoE. 16:23-34) Yeroo boodas Phaawulos, “warra gara isaa dhufan hundumaa in simata ture. Ija jabina guutuudhaan, dhowwaa malees mootummaa Waaqayyoo in lallaba, waa’ee Yesus Kristos gooftichaas in barsiisa ture.” (HoE. 28:30, 31) Nama uumamaan qaana’u yoo taatellee karaa alidilee ta’een dhugaa ba’uu ni dandeessa. Akkamitti?
3 Jalqabuu: Baay’een keenya nama hin beeknee wajjin maree jalqabuun nu rakkisa. Namoota beeknu tokko tokkotti waa’ee dhugaa itti himuunillee hamma tokko nu rakkisuu danda’a. Haata’u malee, gaarummaa Yihowaarratti, barumsa hafuuraa gati jabeessa tajaajiltootasaatiif kennuufi haala gadhee biyyi lafaa keessatti argamurratti yaaduun keenya, ija jabinaan akka dubbannu nu kakaasa. (Yon. 4:11; Far. 40:5; Mat. 13:52) ‘Ija jabina akka nuuf kennus’ Yihowaa kadhachuu dandeenya. (1 Tas. 2:2) Obboleessi Giili’aaditti barate tokko, “Yeroo namootatti dubbachuun na rakkisu, si’a baay’ee kadhannaa gochuun na gargaareera” jedheera. Kanaaf, namootaa wajjin maree jalqabuun si sodaachisa taanaan, sagaleekee utuu hin dhageessisin kadhannaa gabaabaa godhi.—Nah. 2:4.
4 Akkuma maqaasaarraa hubachuu dandeenyutti, karaa alidilee ta’een dhugaa ba’uun yaada seensaatti gargaaramuu ykn caqasatti fayyadamuudhaan maree jalqabuu hin gaafatu. Yeruma sana nama tokkoof dhugaa ba’uu qabna jennee utuu hin dhiphatin, salphaadhumatti maree jalqabuun keenya gaarii ta’uu danda’a. Babal’istoonni baay’een akkas gochuunsaanii suutuma jedhanii misiraachicha lallabuuf ija jabina akka isaanii kenne dubbataniiru. Namichi mari’achuuf fedhii hin qabu taanaan, dirqamaan akka mari’atu gochuu hin qabnu. Yeroo akkasiitti suuta jennee maree sana dhaabuudhaan achii adeemuu qabna.
5 Obboleettiin qaanoftu tokko yommuu gabaadhaa mi’a bittu, jalqabarratti namoota ijasaanii keessa erga ilaaltee booda akka seequu taati. Namni sunis akka seequu yoo ta’e, yaada gabaabaa dubbatti. Namichi fuula ifaadhaan yommuu deebii kennu, maree dabalataa gochuuf ija jabina argatti. Xiyyeeffannaadhaan erga dhaggeeffattee booda, waa’ee maalii dhaga’uun akka isa gammachiisu hubachuuf yaalii gooti. Mala kanatti fayyadamuudhaan, barreeffama hedduu raabsuufi qayyabannaa Macaafa Qulqulluu argachuu dandeesseetti.
6 Maree Jalqabuu: Maree jalqabuu kan dandeenyu akkamitti? Yesus boolla bishaanii biratti dubartittiin bishaan akka isaaf laattu gaafachuudhaan maree jalqabeera. (Yoh. 4:7) Kanaaf, fuula ifaa itti argisiisnee nagaa gaafachuudhaan ykn gaaffii gaafachuudhaan maree jalqabuu dandeenya. Yommuu mari’achaa dhufnu, Caqasa tokko caqasuufi dhugaa garaasaanii keessa kaa’uuf carraa argachuu dandeenya. (Lal. 11:6) Obboloonni tokko tokko yaada nama hawwatu caqasuudhaan fedhiin namootaa akka kaka’uufi gaaffii akka gaafatan godhu. Fakkeenyaaf, mana yaalaatti ogeessa fayyaa bira galuuf dabaree utuu eeggannuu, “Yeroon itti hin dhukkubsanne akka dhufu beekuunkoo baay’ee na gammachiisa” jechuudhaan maree jalqabuu dandeenya.
7 Wanta naannoo keenyatti raawwatamu qalbeeffachuun keenyas maree jalqabuuf nu gargaaruu danda’a. Warra mucaasaanii seeraan guddisan yommuu arginu, isaan galateeffachuufi “Milkaa’ina akkasii akka argattan kan isin gargaare maalidha? jennee isaan gaafachuu dandeenya. Obboleettiin tokko dhimma namoonni ishee wajjin hojjetan irratti mari’atan hubachuudhaan, dhimma sana ilaalchisee yaada gaggaarii tokko tokko isaanitti himti. Dubartiin ishee wajjin hojjettu tokko heerumuuf akka jettu yommuu hubattu, barruu Dammaqaa! akkamitti gaa’elaaf qophaa’uun akka danda’amu ibsu kenniteef. Kun Macaafa Qulqulluurratti maree bal’aa gochuuf isaan gargaareera.
8 Maree jalqabuuf kan nu gargaaru malli garabiraanimmoo bakka namoonni nu ilaalanitti barreeffamoota keenya dubbisuudha. Obboleessi tokko barruu Masaraa Eegumsaa ykn Dammaqaarraa! mataduree nama hawwatu baasee calluma jedhee dubbisa. Namni isa bira taa’ee barreeffama kana ilaalu akka jiru yoo hubate, mataduree sana ilaalchisee gaaffii isa gaafata ykn yaada gabaabaa kennaaf. Kunimmoo yeroo baay’ee maree jalqabuufi dhugaa ba’uuf isa gargaareera. Barreeffamoota keenya bakka namni ilaaluu danda’u kaa’uun keenya, namoonni nuu wajjin hojjetan ykn baratan dhimma sana ilaalchisee gaaffii akka gaafatan gochuu danda’a.
9 Carraa Barbaaduu: Hojiin lallabaa ariifachiisaa waan ta’eef, yoo haallisaa nuu mijaa’e qofa dhugaa baana jennee yaaduu hin qabnu. Kanaa mannaa yeroo maa’ii keenyaaf baanu carraa itti namootaaf dhugaa baanu barbaaduuf carraaqqii gochuu qabna. Waa’ee namoota argachuu dandeessuu dursitee xiinxaluudhaan, fuula ifaa itti argisiistee akkamitti maree jalqabuu akka dandeessu yaadi. Macaafa Qulqulluufi barreeffama namoota fedhii qaban itti haasofsiistu qabadhu.—1 Phe. 3:15.
10 Babal’istoonni hedduun malaan carraa barbaaduudhaan, karaa alidilee ta’een dhugaa ba’uu danda’aniiru. Obboleettiin gamoo eegumsi cimaan godhamuuf keessa jiraattu tokko, bakka bashannanaa kellaa sana keessatti argamu filachuudhaan tapha fakkiiwwan uumamaa nama gammachiisaniin qophaa’e tokko keesse. Namoonni dhaabatanii waa’ee bareedina fakkii kanaa yommuu yaada kennan, carraa kanatti fayyadamtee maree jalqabuufi abdii Macaafni Qulqulluun waa’ee, “bantii waaqaa haaraadhaa fi lafa haaraa” dubbatu itti himti. (Mul. 21:1-4) Isinoo carraa karaa alidilee ta’een dhugaa ba’uuf isin dandeessisu barbaaduu dandeessuu?
11 Namoota Fedhii Qaban Deddeebi’anii Gargaaruu: Nama fedhii qabu yoo argattan deddeebitanii gargaaruuf yaalii godhaa. Barbaachisaa yoo ta’e, “Sii wajjin mari’achuu kootti baay’ee gammadeera. Ammas akka mari’annutti yoom wal arginu?” jennee gaafachuu dandeenya. Babal’istoonni tokko tokko teessoofi lakkoofsa bilbilasaanii namichaaf kennuudhaan, “Maree goonetti gammadeera. Wanta mari’anne kana ilaalchisee beekumsa dabalataa argachuu yoo barbaadde, teessoofi bilbila kanaan na argachuu dandeessa” jedhu. Nama haasofsiistan hordoftanii gargaaruu hin dandeessan taanaan, gumiin naannoosaatti argamu akka isa gargaaruu danda’utti yeruma sana foormii Hordofaa Gargaaraa (S-43) jedhu guutuudhaan barreessaa gumii keessaniitti kennaa.
12 Sa’aatii karaa alidilee ta’een dhugaa baanu gabaasuu qabna. Kanaaf, daqiiqaa muraasa yoo ta’ellee galmeessuu hin dagatinaa. Mee fakkeenya kana ilaalaa: Babal’istoonni hundi guyyaa guyyaadhaan daqiiqaa shaniif karaa alidilee ta’een utuu dhugaa ba’anii, ji’a ji’aan sa’aatiin miliyoona 17 argamuu danda’a.
13 Waaqayyoofi namoota waan jaallannuuf, karaa alidilee ta’een dhugaa ba’uuf sababii ga’aa qabna. (Mat. 22:37-39) Amalawwan Yihowaafi kaayyoosaatiif dinqisiifannaa qabaachuun keenya, ‘waa’ee ulfina mootummaasaafi waa’ee hojii aangoosaa akka himnu’ nu kakaasa. (Far. 145:7, 10-12) Namootaaf garaadhaa yaaduun keenya, yeroonsaa utuu hin darbin carraa arganne hundatti fayyadamnee misiraachicha akka isaanitti himnu nu kakaasa. (Rom. 10:13, 14) Hundi keenya dursinee xinnuma irratti yaaduufi qophii gochuudhaan, karaa alidilee ta’een dhugaa ba’uufi nama garaa qajeelaa qabuutti dhugaa himuudhaan gammachuu argachuu dandeenya.
[Gaaffiiwwan Qayyabannaa]
1. (a) Karaa alidilee ta’een dhugaa ba’uu jechuun maal jechuudha? (b) Obboloota asitti argamtan keessaa karaa alidilee ta’een dhugaa kan dhageessan meeqa taatu?
2. Karaa alidilee ta’een dhugaa ba’uu ilaalchisee Caaffata Qulqullaa’oorraa fakkeenya akkamii arganna?
3. Sodaa nutti dhaga’amu mo’uuf maaltu nu gargaaruu danda’a?
4. Karaa alidilee ta’een dhugaa ba’uudhaaf kaayyoo akkamii qabaachuu qabna? Maaliif?
5. Obboleettiin qaanoftu tokko karaa alidilee ta’een akka dhugaa baatu kan ishee gargaare maalidha?
6. Karaa alidilee ta’een maree jalqabuu kan dandeenyu akkamitti?
7. Wanta naannoo keenyatti raawwatamu qalbeeffachuun keenya karaa alidilee ta’een dhugaa ba’uuf kan nu gargaaru akkamitti?
8. Barreeffamoota keenyatti fayyadamnee maree jalqabuu kan dandeenyu akkamitti?
9, 10. (a) Karaa alidilee ta’een dhugaa ba’uuf carraa barbaaduu kan dandeenyu akkamitti? (b) Mala kanatti fayyadamuudhaan dhugaa baatanii beektuu?
11. Namoota karaa alidilee ta’een dhugaa isaanii baaneefi fedhii qaban gargaaruu kan dandeenyu akkamitti?
12. (a) Sa’aatii karaa alidilee ta’een dhugaa baanu galmeeffachuufi gabaasuu kan qabnu maaliifi? (b) Karaa alidilee ta’een dhugaa ba’uudhaan bu’aan akkamii argameera? (Saanduqa, “Karaa Alidilee Ta’een Tajaajiluun Bu’aa Qaba!” jedhu ilaali.)
13. Karaa alidilee ta’een akka dhugaa baanu maaltu nu kakaasuu qaba?
[Yaada gabaabaatti fudhatameefi fuula 4rra jiru]
Namootaa wajjin wal arguufi maree jalqabuuf karoora baafachuunkee si gargaaruu danda’a
[Yaada gabaabaatti fudhatameefi fuula 5rra jiru]
Babal’istoonni hedduun malaan carraa barbaaduudhaan, karaa alidilee ta’een dhugaa ba’uu danda’aniiru
[Saanduqa fuula 5rra jiru]
Yaadawwan Maree Jalqabuuf Gargaaran
◼ Jabina maree jalqabuuf si gargaaru argachuuf kadhadhu
◼ Namoota fuula ifaa argisiisaniifi hin jarjarre filadhu
◼ Ijasaanii keessa ilaaliitii akka seequu ta’i, achiis yaada lamaan keessan irratti walii galtan tokko kaasi
◼ Akka gaariitti dhaggeeffadhu
[Saanduqa fuula 6rra jiru]
Karaa Alidilee Ta’een Dhugaa Ba’uun Bu’aa Qaba!
[Fakkii fuula 6rra jiru]
• Obboleessi tokko mana gaaraajiitti utuu konkolaataasaa hojjechiifachaa jiruu namoota isa bira turaniif erga dhugaa ba’ee booda, haasaa sabaarratti akka argaman waraqaa afeerrii isaanii kenne. Walga’ii koonyaa waggaa tokko booda godhamerratti obboleessi inni hin beekne tokko ho’isee nagaa isa gaafate. Obboleessi kun, namoota inni waggaa tokko dura bakka gaaraajiitti waraqaa afeerrii kenneef keessaa tokko ture. Namni kun haasaa sabaa sana dhaga’uuf kan dhaqe yommuu ta’u, Macaafa Qulqulluu qayyabachuu jalqabe. Yeroo boodas inniifi haati manaasaa ni cuuphaman.
• Obboleettiin karaa alidilee ta’een dhugaa ba’ameef tokko, namoota sababii ijoolleeshee sadaniin argattu akka naannoo tajaajilaasheetti ilaalti turte. Naannoon tajaajilaashee ollaawwanshee, warra ijoollee mana barumsaatti argattuufi maatiiwwan walga’ii mana barumsaarratti argaman hunda kan dabalatu ture. Yeroo maqaashee isaanitti himtu, faayidaa ijoolleeshee wajjin Macaafa Qulqulluu dubbisuudhaan argatte ilaalchisee yaada gabaabaa erga dubbattee booda dhimma garabiraatti ceeti. Maree sana takkaa waan jalqabdeef, sana booda Macaafa Qulqulluurratti hundaa’uudhaan maree gochuun ishee hin rakkisu. Mala kanatti fayyadamuudhaan namoonni 12 akka cuuphaman gargaarteetti.
• Obboleettiin tokko carraa argattetti fayyadamuudhaan nama dhaabbata inshuraansii keessatti hojjetuuf dhugaa baate. Fayyaa gaarii, gammachuufi jireenya barabaraa amansiisaa ta’e utuu argattee hin gammadduu? jettee isa gaafatte. Namichis utuu argatee akka gammadu erga itti himee booda, waa’ee inshuraansii isa kamii dubbachaa akka jirtu ishee gaafate. Isheenis abdii Macaafa Qulqulluu keessatti ibsame erga dubbisteefii booda, barreeffama isaaf kennite halkanuma tokkotti dubbisee fixe. Sana booda Macaafa Qulqulluu akka qayyabatu qophiin ni godhameef. Achiis walga’iirratti argamuu jalqabee yeroo booda ni cuuphame.
• Obboleettiin tokko utuu xiyyaaraan deemtuu, dubartii ishee bira teessu tokkoo wajjin maree jalqabuudhaan dhugaa baateef. Bakka barbaadan yommuu ga’an, obboleettiin teessoofi lakkoofsa bilbilashee erga kenniteefii booda, gara fuulduraatti yommuu Dhugaa Baatonni Yihowaa manashee dhaqan Macaafa Qulqulluu akka ishee qayyabsiisan akka gaafattu ishee jajjabeessite. Guyyaa itti aanutti Dhugaa Baatonni lama mana dubartii kanaa dhaqan. Dubartiin kun Macaafa Qulqulluu qayyabachuu jalqabdee guddina gochuudhaan kan cuuphamte si’a ta’u, yeruma sana isheenis namoota sadii Macaafa Qulqulluu qayyabsiisuu jalqabde.
• Obboleessi umrii waggaa 100, qaro dhabeessa ta’eefi bakka maanguddoonni itti kunuunfaman keessa jiraatu tokko yeroo baay’ee, “Mootummichi nu barbaachisa” jedha ture. Kana jechuunsaa narsoonniifi namoonni yaalamuudhaaf dhaqan Mootummichi maal akka ta’e akka gaafataniifi deebiisaa akka argatan godheera. Dubartiin achi keessaa hojjetu tokko obboleessi kun Jannata keessatti maal gochuu akka barbaadu isa gaafatte. Innis, “Deebi’een ilaaluufi adeemuu jalqaba, akkasumas barcumakoo isan ittiin adeemu nan guba” jedhee deebiseef. Inni qaro dhabeessa waan ta’eef, barruulee akka isaaf dubbistu ishee gaafata ture. Yommuu intalli obboleessa kanaa isa gaafachuu dhuftu, dubartiin kun barruulee kana manasheetti fudhattee galuuf heyyama ishee gaafatte. Narsiin tokkos intala kanaan, “Dhaabbata kana keessatti wanti yeroo hunda irratti mari’atamu, ‘Mootummichi nu barbaachisa’ kan jedhu ta’eera” jetteen.
• Obboleettiin tokko mana nyaataatti utuu nyaata ajajattee eeggachaa jirtuu, maanguddoonni hedduun ishee bira taa’anii turan waa’ee siyaasaa yommuu haasa’an dhageesse. Isaan gidduudhaa namni tokko mootummaan biyyattii rakkinasaaniitiif furmaata kennuu akka hin dandeenye dubbate. Obboleettiin kunis, ‘Carraa kanatti fayyadamuun qaba’ jettee of amansiiste. Achiis kadhannaa gabaabaa erga gootee booda, isaanitti siqxee teesse. Maqaashee isaanitti himtee rakkoowwan namootaatiif furmaata kan fidu Mootummaa Waaqayyoo akka ta’e erga dubbattee booda, birooshura tokko isaanii kennite. Yeruma sana hogganaan hoteelichaa garashee dhufe. Yeroo kanatti hoteelicha keessaa ba’i waan isheedhaan jedhu itti fakkaate. Inni garuu mareesaanii dhaggeeffachaa akka tureefi birooshura kana akka barbaadu isheetti hime. Dubartiin hoteelicha keessaa hojjettuufi mareesaanii dhaggeeffachaa turte tokkos imimmaanshee dhangalaasaa garashee dhufte. Dubartiin kun kanaan dura Macaafa Qulqulluu qayyabachaa kan turte si’a ta’u, ammas qayyabannaashee itti fufuu kan barbaaddu turte.