LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • km 11/09 ful. 6-7
  • Nuti Yeroo Hunda Dhugaa Baatota

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Nuti Yeroo Hunda Dhugaa Baatota
  • Tajaajila Mootummaa—2009
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Karaa Alidilee Ta’een Dhugaa Ba’uu Ni Dandeessu!
    Tajaajila Mootummaa—2010
  • Dandeettii Tajaajilarratti Qabnu Fooyyeffachuu—Karaa Alidilee Taʼeen Dhugaa Baʼuuf Marii Jalqabuu
    Tajaajila Mootummaa—2014
  • Yesuus Dubartii Samaariyaa Tokkoof Dhugaa Baʼe
    Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa barreeffama qo‵annaa walga‵ii—2018
  • Karaa Alidilee Ta’een Lallabuuf Qophooftaniittuu?
    Tajaajila Mootummaa—2009
Dabalataan Ilaaluuf
Tajaajila Mootummaa—2009
km 11/09 ful. 6-7

Nuti Yeroo Hunda Dhugaa Baatota

1. Seenaa Yesus dubartii bool’a bishaanii qarqara turte sanaaf dhugaa ba’uusaa dubbaturraa wanti barannu maali?

1 Yesus sa’aatii dheeraadhaaf deemaa tureera. Innis dadhabee dheebotees ture. Bartoonnisaa akkuma nyaata bituu deemaniin, innimmoo boqochuuf bool’a bishaanii magaalaa Samaariyaatii alaa jiru tokko qarqara taa’e. Yesus gara Samaariyaa kan dhaqe lallabuuf hin turre; Galiilaatti lallabasaa itti fufuuf qofa achiin darbaa ture. Haata’u malee, carraa argametti fayyadamee dubartii bishaan waraabbachuu dhufte tokkoof dhugaa ba’e. (Yoh. 4:5-14) Maaliif? Yesus gonkumaa “dhuga-baatuu isa amanamaa, isa dhugaadhaaf dhugaa ba’u” ta’uusaa hin dhaabne. (Mul. 3:14) Nutis yeroo hundaa Dhugaa Baatu Yihowaa ta’uudhaan Yesusin fakkaachuu qabna.—1 Phe. 2:21.

2. Karaa alidilee ta’een dhugaa ba’uuf qophaa’uu kan dandeenyu akkamitti?

2 Qophaa’oo Ta’aa: Barreeffama of harkatti qabachuudhaan karaa alidilee ta’een dhugaa ba’uuf qophaa’oo ta’uu ni dandeenya. Babal’istoonni baay’een tiraaktii qabatanii ba’uudhaan, namoota suuqii keessatti hojjetan barreessitoota kuusaa, hojjettoota buufata boba’aafi namoota guyyaa guyyaadhaan argataniif kennu. (Lal. 11:6) Obboleettiin guyyaa hedduu asiif achi deddeebitu tokko yeroo hunda Macaafa Qulqulluu xiqqoo tokkoofi kitaaba Barumsa Macaafaa Qulqulluu boorsaatti kan qabattu ta’uusaarrayyuu, nama ishee cinaa ta’u waliin haasaa jalqabuuf yaalii gooti.

3. Haasaa jalqabuu kan dandeenyu akkamitti?

3 Haasofsiisuu Jalqabaa: Karaa alidilee ta’een yeroo dhugaa baanu, jalqabumaa waa’ee Macaafa Qulqulluu isaanitti hin himnu. Yesus dubartii bool’aa bishaanii biratti argatee wajjin haasa’uu kan jalqabe Masiihii ta’uusaa of beeksisuudhaan miti. Fedhashee kakaasuuf, bishaan akka isa obaaftu gaafate. (Yoh. 4:7-9) Obboleettiin tokkos ayyaana kabajuun akka ishee gammachiise yeroo gaafatamtu, fakkeenya Yesus hordofuudhaan haasawaa jalqabuu dandeesseetti. Dhugaa Baatu Yihowaa waanan ta’eef ayyaana hin kabaju jechuu mannaa, “Kabajuu dhiisuuf filannoo mataakootii godheera” jettiin. Namni fedhii qabu tokko maaliif jedhee gaafachuudhaan, obboleettiin akka dhugaa isaaf baatu karaa bana.

4. Maatewos 28:18-20 kan si kakaasu maaliifi?

4 Yesus hinaaffaadhaan tajaajilasaa isa lafarraa xumuruyyuu, hojiin lallabaa kun akkaataa inni hojjeteen hojjetamuusaatti ni gammada. (Mat. 28:18-20) Kanaafuu, akka Fakkeenya keenya Yesusitti, nuti Dhugaa Baatota yoomiyyuu waa’ee amantiisaanii beeksifachuuf qophaa’aniidha.—Ibr. 10:23.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi