LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • km 11/09 ful. 7
  • Saanduqa Gaaffii

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Saanduqa Gaaffii
  • Tajaajila Mootummaa—2009
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Waaqeffannaadhaaf Walitti Qabamuu kan Qabnu Maaliifi?
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2016
  • Walgaʼiiwwan Dhugaa Baatota Yihowaa kan Si Fayyadan Akkamitti?
    Bara Baraaf Gammachuudhaan Jiraadhu!—Kitaaba Qulqulluu Qoʼachuudhaan Fayyadami
  • Bilbilaan Lallabuun Bu’a Qabeessa Ta’uu Ni Danda’a
    Tajaajila Mootummaa—2009
  • Walgaʼiiwwan Gumii Kan Nama Cimsan Akka Taʼan Gumaacha Ni Gootaa?
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2010
Dabalataan Ilaaluuf
Tajaajila Mootummaa—2009
km 11/09 ful. 7

Saanduqa Gaaffii

◼ Walga’ii gumii bilbilaan dabarsuu wajjin haala wal qabateen, hubannoo gaarii qabaachuun barbaachisaa kan ta’e maaliifi?

Gumiiwwan baay’een sababii dhukkubaa ykn wanta humnaa ol ta’e tokko tokkoon kan ka’e obboloonni walga’ii gumiirratti argamuu hin dandeenye sagantaa walga’ii bilbilaa Galma Mootummaatii darbuun akka hordofan haala mijeessaniiru. Qophiin jaalalarratti hundaa’e kun, warra dhugumaan isaan barbaachisuuf ooluu akka qabu mirkaneessuun hubannoofi qindoomina gaarii gaafata. Kanaaf, jaarsoliin qophii kana akka to’ataniif ramadaman ‘wanti hundinuu akka tolutti, sabiriidhaanis akka hojjetamutti’ karaa qindoomina qabuun faayidaarra ooluusaa olaantummaadhaan hordofuu isaan barbaachisa—1 Qor. 14:40.

Jaarsoliin, babal’istoonni gumiisaanii dhukkuba cimaa, hir’ina qaamaa ykn sababii birootiin manaa ba’uu hin dandeenye dursa argachuufi dhiisuusaanii mirkaneessuu qabu. Babal’isaan yeroodhaaf dhukkubsate ykn qaamnisaa hir’ate, akkasumas namni Macaafa Qulqulluu qayyabatuufi guddina gaarii argisiisaa jirus qophii kanarraa fayyadamuu kan danda’an si’a ta’u, isaanis akka namoota gumiirratti argamanitti ilaalamanii lakkaa’amuu danda’u. Bakka qophiin bilbilaa ga’aan hin jirretti, namoota kanarraa akka fayyadamaniif isaaniif heyyamameef kutaan walga’ii gumiirratti dhihaate waraabamee akka isaaniif kennamu gochuun ni danda’ama.

Ta’us, walga’iiwwan keenyarratti qaamaan argamanii bu’aa argamu dhamdhamuu wajjin wanti walgitu hin jiru. Obboloota keenya wajjin qaamaan wal arguun keenya, “amantii waliitiin akka jajjabeeffamnu” kan nu gargaaru ta’uusaarrayyuu, namoonni haaraanis bu’aa walga’iirratti argamuun qabu akka hubatan isaan gargaara. Yeroo walga’iiwwan keenyarratti argamnu, hojiin argisiisa dhihaaturraa barumsa arganna, jaarsoliinis dhuunfaatti nu gargaaru, akkasumas ofuma keenyaa jaalala obbolummaa dhamdhamuu dandeenya. Obboleettiin umrii dheeraa tokko, Galma Mootummaa keessaa utuu ba’aa jirtuu obboleettiin tokko hammaatee yommuu nagaa ishee gaafatu wanta itti dhaga’ame, “Kana bilbilaan argachuu hin dandeessu!” jechuudhaan ibsiteetti.—Rom. 1:11, 12.

Akkuma Haannaa ishee, ‘mana qulqullummaa keessaa hin dhabamnee,’ har’as obboloonni dullooman baay’een hanga fayyaafi haallisaanii isaaniif heyyametti yeroo hunda walga’iiwwan gumiirratti argamu. (Luq. 2:36, 37) Obboloonni kun qophee yeroo barbaachisutti bilbilaan fayyadamuuf godhame kana walga’ii Galma Mootummaatti godhamurratti qaamaan argamu kan bakka bu’u godhanii hin ilaalan. Fakkeenyasaanii isa gaarii kana hordofuudhaan, walga’iirratti qaamaan argamuuf tattaaffii goonutti gammaduufi Yihowaa, Waaqa keenya isa guddaa waaqeffachuu keenya itti haa fufnu.—Far. 95:1-3, 6; 122:1.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi