Karaa Alidilee Ta’een Lallabuuf Qophooftaniittuu?
1. Fakkeenyi karaa alidilee ta’een lallabuun bu’a qabeessa ta’uu akka danda’u argisiisu kamidha?
1 Karaa alidilee ta’een lallabuun bu’a qabeessa ta’uu danda’a. Macaafni Qulqulluun, fakkeenya hedduu karaa alidilee ta’een lallabuun bu’aa gaarii akka argamsiisu ibsan qabateera. (Yoh. 4:7-15) Karaa alidilee ta’een lallabuuf qophaa’uuf maal gochuu dandeenya?
2. Akkaataan uffannaafi filannaa keenya dhugaa ba’uuf karaa nuu banuu kan danda’u akkamitti?
2 Uffannaafi Filannaa: Yeroo hundumaa akkaataa uffannaafi filannaa keenyaaf xiyyeeffannaa kennuun, sodaa malee waa’ee amantii keenyaa warra kaanitti himuuf nu dandeessisa. (1 Xim. 2:9, 10) Akkaataan uffannaa keenya Yihowaa akka hin kabachiisne kan nutti dhaga’amu taanaan lallabuurraa duubatti jechuu dandeenya. Faallaa kanaatiinimmoo, uffannaan keenya qulqulluu ta’uunsaa qofti namoonni waa’ee keenya beekuuf hawwii akka qabaatan gochuu danda’a. Fakkeenyaaf, Dhugaa Baatonni Yihowaa haadha manaafi abbaa manaa ta’an tokko geejjibaan yeroo deeman nama Musiliima ta’e tokko bira taa’an. Akkaataa uffannaasaanii ilaaluudhaan Kiristiyaana ta’uusaanii isaan gaafate. Kanaan kan ka’e sa’aatii sadiif maree Macaafa Qulqulluu gochuu danda’aniiru.
3. Fakkeenya Yesus hordofuudhaan, maree jalqabuu kan dandeenyu akkamitti?
3 Maree Jalqabuu: Yesus dubartii biyya Samaariyaa tokko bishaan boollaa isa kan Yaaqoob biratti ennaa argate, ishee wajjin maree kan jalqabe bishaan akka isaaf kennitu gaafachuudhaan ture. Haaluma wal fakkaatuun, waan xinnoo dubbachuudhaan ykn gaaffii salphaa gaafachuudhaan maree jalqabuu dandeenya. Al tokko tokko dubbachuu kan sodaannu ta’us, gargaarsa Yihowaatti amanamuudhaan maree jalqabuuf “ija jabina” argachuu dandeenya.—1 Tas. 2:2.
4. Karaa alidilee ta’een lallabuuf qophaa’uu kan dandeenyu akkamitti?
4 Carraa Argachuuf Yaaluu: Babal’istoonni hedduun karaa alidilee ta’een lallabuuf carraa argataniiru. Haala keessan erga qortanii booda, waa’ee namoota guyya guyyaadhaan argachuu dandeessanii yaadaa. Barreeffamoota isaaniif ta’uufi Macaafa Qulqulluu xinnoo qabadhaa. Wantoota argitan qalbeeffadhaa; namootaaf akka yaaddanis argisiisa. Carraawwan guyyaa keessatti argachuu dandeessanirratti yoo yaaddan, akka gaariitti lallabuuf qophaa’oo ta’uu dandeessu.—Filp. 1:12-14; 1 Phe. 3:15.
5. Karaa alidilee ta’een lallabuuf hamma carraa argannutti eeguu kan hin qabne maaliifi?
5 Carraa argannetti fayyadamnee karaa alidilee ta’een lallabuuf kan nu kakaasu jaalala Waaqayyoofi namootaaf qabnudha. (Mat. 22:37-39) Hojiin lallabaa ariifachiisaa waan ta’eef, karaa alidilee ta’een lallabuuf hamma haalli mijaa’utti eeguu hin qabnu. Yeroo hafe kanatti carraa gaarii arganne hundatti fayyadamnee, misiraachoo Mootummichaa lallabuuf qophaa’oo ta’uu qabna.—Rom. 10:13, 14; 2 Xim. 4:2.