Sagantaa Walga’ii Tajaajilaa
Torban Adoolessa 14 Jalqabu
Faarfannaa 26 (56)
Daq. 10: Beeksisa gumii. Beeksisa Tajaajila Mootummaa keessaa Filataman. Yaada seensaa fuula 4 irra jiruun gargaaramuudhaan Masaraan Eegumsaa Waxabajjii 1 fi Dammaqaan! Waxabajjii 2003 Si’anaa naannoo gumichaatti raabsamuu danda’an yeroo raabsaman kan argisiisu hojiin argisiisni lama haa dhihaatu. Lamaanirrattuu kan beeksisnu barruu tokko qofa ta’us lamaanuu ergaan takkaa kennamuu qaba.
Daq. 15: Waaqeffannaan Yihowaa Jireenya Keenya Hiika kan Qabu kan Taasisu Akkamittii? Marii dhaggeeffattootaa wajjin godhamuun kan dhihaatu. Waaqeffannaan dhugaa jireenya gammachuufi hika qabu argachuuf furtuudha. (1) Rakkoowwaniifi yaaddoo jireenyaa akka moonu nugargaara. (Filp. 4:6, 7) (2) Amalawwan Waaqayyoon gammachiisan horachuuf nugargaara. (2 Phe. 1:5-8) (3) Yeroofi qabeenya keenyatti karaa bu’a qabeessa ta’een akka fayyadamnu nudandeessisa. (1 Xim. 6:17-19) (4) Fuulduraaf abdii amansiisaa nuufkenna. (2 Phe. 3:13) (5) Yihowaa wajjin walitti dhufeenya cimaa akka qabaannu nudandeessisa. (Yaq. 4:8) Namoonni Yihowaa hin beekne ykn hin tajaajille kana hundumaa akka hin qabaanne ilaali.
Daq. 20: “Oo’asaatiif Waaqayyoon Galateeffachuu” Yeroo keeyyata 3ffaarratti mari’attan Tajaajila Mootummaa Onkololeessa 1998 fuula 12 irratti hundaa’uudhaan yaada maamila barruulee horachuu ilaalchisee kenname dhiheessi. Qayyabannaa Macaafa qulqulluu jalqabsiisuuf mala bu’a qabeessa ta’ee argatan akka dubbatan babal’istoota dandeetti qaban lama ykn tokko gaafadhu. Hundisaanii qayyabannaa Macaafa qulqulluu jalqabsiisuufi geggeessuu kaayyoo akka godhatan jajjabeessi.—Kitaaba Tajaajila Keenya jedhamu Ful. 91
Faarfannaa 34 (77) fi kadhannaa xumuraa.
Torban Adoolessa 21 Jalqabu
Faarfannaa 95 (213)
Daq. 10: Beeksisa gumii fi “Oduu Proojeektii Ijaarsaa.” Gabaasa herregaa.
Daq. 10 “Hojii Gaarii Hojjechuudhaan Fakkeenya Ta’aa.” Gaaffiifi deebidhaan irratti mari’adhaa.
Daq. 25: Ija Jabina Isaan Hojii Lallabaarrtti Argisisan Hordofaa. Kitaaba Tokkummaa Waaqeeffannaa jedhamu fuula 172-3 irratti hundaa’uudhaan marii dhaggeeffattootaa wajjin godhamuun geggeeffama. Gaaffii keeyyata 8ffaa yeroo deebisan caqasawwanirratti akka yaada kennan dhaggeeffattoota afeeri. Caqasawwan filataman tokko tokko dubbisi. Yaadawwan kanarraa barumsa akkamii akka argataniifi, tajaajla manaa gara manaa dabalatee hojii lallabaa keenyaaf ilaalcha sirrii qabaachuuf akkamitti akka nugargaaru ibsi.
Faarfannaa 89 (201) fi kadhannaa xumuraa.
Torban Adoolessa 28 Jalqabu
Faarfannaa 20 (45)
Daq. 10: Beeksisa gumii. Babal’istoonni gabaasa tajaajilaa ji’a Adoolessaa akka deebisan yaadachiisi. Yaada seensaa fuula 4irratti argamuun gargaaramuudhaan Masaraan Eegumsaa Waxabajjii 15 fi Dammaqaan! Waxabajjii 22 (Ingiliffa) Si’anaa yeroo raabsamu kan argisiisu hojiin argisiisni lama haadhihaatu; lamaanirrattiyyuu kan beeksifamu barruu tokko ta’us kan kennamu ergaan takkaadha. Tokkoosaarratti babal’isichi karaa alidileetiin yeroo dhugaa ba’uu kan argisiisu haata’u.
Daq. 15: Akka gumiif barbaachisutti itti fayyadamaa.
Daq. 20: “Tuutaan Tajaajiluun Gammachuu Argamsiisa.” Yeroo keeyyata 3ffaarratti mari’attan yaada Saanduqa Gaaffii Tajaajila Mootummaa Fulbaana 2001 irratti kenname dabalii dhiheessi. Ilaaltuu olaanaa Qayyabannaa Kitaabaa Gumiitiif gaaffiifi deebii gabaabaa godhi. Tuuta qayyabannaa kitaabaasaatiif qophii tajaajilaa akkamii akka godheefi tuutichi walii wajjin dhugaa ba’uusaatiin bu’aa argate gaafadhu.
Faarfannaa 29 (62) fi kadhannaa xumuraa.
Torban Hagayya 4 Jalqabu
Faarfannaa 71 (163)
Daq. 10: Beeksisa gumii. Barreeffama ji’a kanatti raabsamu dubbadhu. Akkaataa dhiheenyaa hojiirra ooluu danda’u tokko ykn lama hojiin argisiisa gabaabaadhaan dhiheessi.
Daq. 20: “Naannoo Afaan Hedduun Dubbatamutti Barreeffamawwan Raabsuu.” Gaaffiwwan dhihaatanitti gargaarami. Gumiin Ingiliffaa fedhii namoota afaan biyya alaa dubbatanii kan Finfinnee keessatti argaman kakaasuuf ittigaafatamummaa akka qabu ibsi.
Daq. 15: Dargaggoonni Yihowaa Faarsaa Jiru! Haasawaa marii dhaggeeffattootaa wajjin godhamuufi gaaffiifi deebiin kan dhihaatu. Dargaggoonni deebii qophii gaariin irratti godhame yeroo kennan dhaga’uu keenyaan ni gammadna. Carraaqqiifi guddinni Mana Barumsaa Tajaajila Ti’ookraasiirratti argisiisan nama gammachiisa. Tajaajilarratti akka gaaritti dhugaa ba’uudhaan amantiisaanii ni argisiisu. Amalli gaariin isaan argisiisan Yihowaa kabajchiisa. (yb88 ful. 53-4) Guddinni karaa hafuuraa gochaa jiran mirga addaa tajaajilaa gara fuuladuraatti argataniif bu’uura isaanii kaa’a. Dargaggoota gumii keessatti hirmaannaa walirraa hin cinne gochuusaaniitiin kan gammadan lama ykn sadiif gaaffiifi deebii gabaabaa godhi. Dargaggoonni gumii sanatti argaman Yihowaa faarsuuf carraaqqii godhaniif galateeffadhu.
Faarfannaa 47 (112) fi kadhannaa xumuraa.
[Miiljalee]
Yaada seensaa daqiiqaa tokko hin guunneen erga fayyadamtee booda gaaffiif deebiin dhiheessi.