Hojii Gaarii Hojjechuudhaan Fakkeenya Ta’aa
1 Walga’ii koonyaarratti baay’annee yeroo walgeenyu hojii keenyaafi haala namoota itti qabnu ilaaltonni ni hubatu. Kanaafuu tokkoon tokkoon keenya gorsa Macaafa qulqulluu ‘kan of qabadan waan hundumaa keessatti hojii gaarii hojechuudhaaf kan fakkeenya taatan ta’aa’ jedhu kanaaf xiyyeeffannaa adda ta’e laachuun nubarbaachisa. (Tit. 2:6, 7) ‘Waan warra kaanitti tolus malee waan nutti tolu duwwaa ilaaluu’ dhiisuun carraaqqii cimaa gaafata. (Filp. 2:4) Walga’ii Koonyaa dhihaachaa jiru mataduree “Waaqayyoof Ulfina Kennaa” jedhuurratti yaada jajjabinaa kana karaa itti hojiirra oolchuu dandeenyu tokko tokko haa ilaallu.
2 Warraafi Ijoollee: Addunyaa dargaggoonni baay’een guddis badii itti ta’an kanatti ijoolleen keenya isaanirraa adda ta’uunsaanii Yihowaafi jaarmiyaasaa kabajchiisa. Haata’u malee, yeroo tokko tokko ijoolleef to’annaan barbaachisaan waan hin godhamneef rakkoowwan ni uumamu. (Fak. 29:15) Kanaafuu, warri walga’ii koonyaarrattis ta’e bakka itti keessumsiifamanitti, ijoolleesaanii to’annaa malee gadi dhiisuu hin qabani.
3 Warri tokko tokko walga’icha dura ammalli akkamii akka isaanirra eegamu ijoolleesaanii wajjin mari’achuun barbaachisaa ta’ee argataniiru. (Efe. 6:4) Jaalalli Kristiyaanota dhugaa ‘lafa salphinaa kan hin ijaajjine’ ykn ‘waan isatti tolu duwwaas kan hin barbaanne’ ta’uusaa akka hubatan ijoolleesaanii ni gargaaru. (1 Qor. 13:5) Walga’iin koonyaa Yihowaarraa barachuuf yeroo itti of qopheessinu waan ta’eef ijoolleenis ta’e ga’eessonni kabaja qophii kanaaf qaban walga’icharrattis ta’e iddoo garabiraatti amalasaaniitiin argisiisuu danda’u.—Isa. 54:13.
4 Amalli gaariin argisiisnu ilaalcha doggoggora hambisuudhan, namoota gara waaqeeffannaa dhugaatti harkisa. (Mat. 5:16; 1 Phe. 2:12) Namoota walga’ii koonyaarratti walbarru hundinuu gocha keenyaafi akkaataa itti isaan qabannuun sirriitti akka dhugaan ba’amuuf haa goonu. Karaa kanaan, ‘hojii gaarii hojjechuudhaan fakkeenya’ taana; akkasumas Yihowaaf ulfina fidna.—Tit. 2:7.
[Gaaffiiwwan Qayyabannaa]
1. Keesumaa yeroo walga’ii koonyaa akkaataa amala keenyaatiif dammaqoo ta’uun kan nubarbaachisu maaliifii?
2, 3. Ijoolleen Yihowaadhaaf ulfina fiduu kan danda’an akkamittii? Warroo itti gaafatama maalii qabuu?
4. Amalli keenya inni gaariin warra kaanirratti dhiibbaa akkamii geessisaa?