Walga’ii Koonyaa Dhuga Baatota Yihowaa 2008
1 Phaawulos ergamaan, Kiristiyaanonni Ibroota ta’an, guyyaan gooftaa dhihaachuusaa yommuu argan “caalchisanii” akka walitti qabamaniifi wal jajjabeessan gorseera. (Ibr. 10:24, 25) Ragaawwan “guyyaan” Phaawulos dubbate dhihaachuusaa argisiisan baay’eedha. Kanaafuu, obboloota keenyaa wajjin sassaabamnee, qajeelfama hafuuraa ‘guyyoota gara dhumaa’ sodaachisaa ta’aa jiran kanatti nu gargaaran argachuuf carraa banametti ni gammanna. (2 Xim. 3:1) Walga’iin koonyaa 2008titti godhamu carraa akkasii nuu argamsiisa.
2 Guyyaa Sadanuu Argami: Guyyaa sadanuu akka argamtu si jajjabeessina. “Walitti qabamuu keenya hin dhiifnu” yoo ta’e, barumsi hafuuraa barbaachisaa ta’e kun nu jala hin darbu. (Ibr. 10:25) Ammumaa qophii gochuu jalqabi. Nama si hojjechiisutti daftee himuunkee, qophii barbaachisaa ta’e gochuuf isa dandeessisa. Ijoolleenkee yeroo walga’iin kun godhamutti barumsa kan qaban yoo ta’e, waa’ee sagantaa keessanii dursii barsiisotasaaniitti himi. Walga’iin kun kutaa waaqeffannaa keessanii ta’uusaa akka beekan godhi. Carraaqqii Mootummicha dursuuf gootu Yihowaan akka sii eebbisu mirkanaa’aa ta’uu dandeessa.—Mat. 6:33.
3 Warri Kaanis Akka Argaman Gargaari: Phaawulos, obboloonnisaa ‘tuttuqanii yaada walii akka kakaasanis’ gorseera. (Ibr. 10:24) Obboloonni Qayyabannaa Kitaabaakee keessa jiran, walga’ii kanarratti argamuuf gargaarsi isaan barbaachisaa? Namoonni Macaafa Qulqulluu qayyabsiistu guyyaa tokkoof qofa kan argaman yoo ta’ellee, akka sii wajjin argaman gargaaruu ni dandeessaa? Walga’ii kanarratti argamuuf karoora baafatte yommuu miseensota maatiikee warra hin amannetti himtu, isaanis akka si wajjin argaman afeeri. Carraaqqiin jaalalaan kakaatee gootu eebba hin yaadamne sii argamsiisuu danda’a.
4 Gargaarsa Addaa: Babal’isaan tokko bakka bultii argachuuf gaaffii yoo dhiheesse, koreen tajaajilaa gumii babal’isaan kun foormii Namoonni Bakka Bultii Hin Qabne Guutan guutuu danda’uufi dhiisuusaa murteessuu qaba. Barreessan gumii foormii kana gara Kutaa Keessumsiisaa walga’ii koonyaatti erguusaa dura, qajeelfamni foormii kanarra jiruufi xalayaan Muddee 14, 2007 qaama jaarsoliitiif ergame ilaalamuu qaba.
5 Yesus jireenyi keenya, “dubbii afaan Waaqayyoo keessaa ba’u hundumaa” dhaggeeffachuurratti kan hundaa’e ta’uusaa dubbateera. (Mat. 4:4) Yihowaan, walga’ii koonyaa keenyarratti, “nyaata” hafuuraa “hojjetaan amanamaanii fi ogeessi” ‘yeroosaatti’ qopheessu nuu dhiheessa. (Mat. 24:45) Nyaata hafuuraa kana qopheessuufi dhiheessuuf hojii hedduun hojjetameera. Walga’ii kanarratti argamuufi kutaawwan hundumaa xiyyeeffannaadhaan hordofuudhaan, kunuunsa Yihowaan jaalalaan nuu godhuuf dinqisiifannaa keenya haa argisiisnu.
[Gaaffiiwwan Qayyabannaa]
1. (a) Gorsa Phaawulos Kiristiyaanota Ibroota ta’aniif kenne hojiirra oolchuun yeroo har’aa ariifachiisaa kan ta’e maaliifi? (Ibroota 10:24, 25 dubbisi.) (b) Gorsa Phaawulos hojiirra oolchuuf carraan akkamii nuu banameera?
2. (a) Guyyaa sadanuu walga’icharratti argamuun barbaachisaa kan ta’e maaliifi? (b) Walga’icharratti argamuuf dursinee qophii gochuu kan qabnu akkamitti?
3. Warra kaaniif akka yaannu karaawwan kamiin argisiisu dandeenya?
4. Foormii Namoonni Bakka Bultii Hin Qabne Guutan ilaalchisee yaadachiisa akkamiitu kenname?
5. Maatewos 4:4, kutaawwan dhihaatan hunda xiyyeeffannaadhaan hordofuu akka qabnu kan addeessu akkamitti?
[Ibsa fakkii fuula 1rra jiru]
Sa’aatii Walga’ichaa:
Jimaataafi Sanbadduraa
Ganama 3:20 - 10:55
Dilbata
Ganama 3:20 – 10:00