Walga’ii Koonyaa Dhugaa Baatota Yihowaa, Mataduree “Fayyinni Keenya Dhihaateera” Jedhuun 2006tti Dhihaatu
1 Mootii Yihudaa kan ture Hisqiyaas, namoonni Yerusaalemitti akka walitti sassaabaman gochuuf warri fiigan xalayaa kana akka geessan godha ture. (2 Sen. 30:6, 13) Deebii namoonni kennan, ilaalcha waaqeffannaa dhugaatiif qaban kan argisiisudha. (2 Sen. 30:10-12) Haaluma wal fakkaatuun, tajaajiltoonni Yihowaas yeroo muraasa booda walitti qabamanii Yihowaa waaqeffachuu danda’uusaaniitiif dinqisiifannaa qaban argisiisuuf carraa argatu. Walga’ii Koonyaa “Fayyinni Keenya Dhihaateera” jedhurratti akka argamtan isin afeeruuf xalayaan gara gumii keessanitti ergameera. Atoo, afeerrii kanarratti ni argamtaa?
2 Ammumaa Qophii Godhaa: Qophii hafuuraa nuu qophaa’e kanarraa guutummaatti fayyadamuuf, guyyaa sadanuu saganticharratti argamuu qabna. Walga’iicharratti argamuuf ammumaa jalqabaatii qophiiwwan isiniifis ta’e maatii keessaniif barbaachisan godhaa. (Fak. 21:5) Qophiiwwan kun bakka hojiitii heyyama gaafachuu, hiriyaa gaa’elaa hin amannee wajjin karoora keessanirratti mari’achuufi namoonni Macaafa Qulqulluu qayyabsiistan guyyaa sadanuu walga’icharratti akka argaman gargaaruu dabalata. Dhimmawwan kanaaf utuu furmaata hin kennin hanga guyyaan sun ga’utti hin turinaa. Kanaa mannaa, Yihowaan akka ‘isiniif raawwatu’ amanuudhaan kadhannaadhaan isatti beeksisaa.—Far. 37:5.
3 Qophii Addaa: Fakkeenyi 3:27 akkas jedha: “Gochuudhaaf utuu dandeessuu, warra wanta gaarii argachuun ta’uuf duraa hin hambisin!” Haala walga’ii koonyaa wajjin walqabateen namootaaf gaarii gochuu kan dandeenyu akkamitti? Babal’istoota dullooman, warra hiri’ina qaamaa qabaniifi warra tajaajila yeroo guutuu keessatti hirmaatan dabalatee obboloonni kaan geejjiba ykn bakka bultii akka argatan gargaaruun barbaachisaa ta’uu danda’a. Obboloota akkasii gargaaruuf caalaatti itti gaafatamummaa kan qaban firoottansaaniiti. (1 Xim. 5:4) Isaan gargaaruu hin danda’an taanaan garuu, namoonni hidhata amantii ta’an gargaaruunii danda’u. (Gal. 6:10) Foormiin Namoonni Haala Addaa Qaban Bakka Boqotan Akka Argataniif Itti Gaafatamu, babal’istoota iddoo bultii barbaadaniifi maatiin ykn gumiin isaan gargaaruu hin dandeenye qofaaf kan qophaa’edha. Qophiin kun babal’istoota karaa hafuuraa ejjennoo gaarii qabaniifi ijoolleensaanii amala gaarii qaban qofaaf kan godhamedha. Iddoo taa’umsaa, barreeffama, bakka bultiifi kkf akka argattaniif, walga’ii koonyaa gumiin keessan itti ramadametti argamuun keessan gaarii ta’a.
4 Hojjettoota Fedhaan Of Dhiheessan: Namoonni walga’ii koonyaarratti argamuudhaan nyaata hafuuraa dhihaaturraa bu’aa argataniifi warra kaanii wajjin haasaa nama jajjabeessu godhan hundi guddaa akka gammadan beekamaadha. Hojiiwwan walga’iin kun sirriitti akka geggeeffamu godhanirratti hirmaachuun caalaatti gammachuun keenya akka dabalu godha. (HoE. 20:35) Koreewwan Walga’ii Koonyaa, hojii kanarratti akka hirmaataniif warra kaan ni afeeru. Atoo hojii kanaaf of dhiheessitaa?—Far. 110:3.
5 Mucaan waggaa shanii tokko walga’ii koonyaarratti yeroo argamu akkas jedheera: “Walga’iin koonyaa kutaa waaqeffannaa Yihowaa ani jaalladhu keessaa isa tokkodha.” Yaanni garaadhaa madde kun, walga’ii koonyaa waggaatti al tokko godhamurratti yeroo argamnu gammachuu nutti dhaga’amu kan ibsudha. Akkuma faarfatichi “Iddoo biraa guyyaa kuma tokko ooluu irra, oobdii kee keessa guyyaa tokko ooluu wayya” jedhee faarfate nutti dhaga’ama. (Far. 84:10) Daawit, ‘bara jireenyasaa hundumaa mana Waaqayyoo keessa jiraachuufi mana qulqullummaasaa dinqisiifachuuf fedhii akka qabu faarfannaadhaan ibseera. (Far. 27:4) Daawit waaqeffattoota Yihowaa keessaa tokko ta’uusaatti guddaa gammadeera. Nuyis Walga’ii Koonyaa “Fayyinni Keenya Dhihaateera” jedhurratti guyyaa sadanuu argamuudhaan dinqisiifannaa Daawit waaqeffannaa Yihowaatiif argisiise haa qabaannu.
[Gaaffiiwwan Qayyabannaa]
1. Sabni Waaqayyoo bara duriitti turan, dinqisiifannaa waaqeffannaa Yihowaatiif qaban kan argisiisan akkamitti? Yeroo ammaattoo carraa walfakkaatu akkamii qabna?
2. Walga’ii koonyaarraa guutummaatti fayyadamuuf ammumaa maal gochuu dandeenya?
3. (a) Babal’istoonni gargaarsi addaa isaan barbaachisu gargaaramuu kan qaban akkamitti? (b) Haalli tokko tokko walga’iiwwan koonyaa kan biraatti argamuuf kan nu dirqisiisu yoo ta’e tarkaanfii akkamii fudhachuu qabna?
4. Walga’iin koonyaa akka nama gammachiisu gochuu karaan itti dandeenyu inni tokko maalidha?
5. Wanti walga’ii koonyaarratti dinqisiifattu maalidha? Murtoonkee maal ta’uu qaba?
[Saanduqa fuula 11rra jiru]
Sa’aatii Walga’ichaa
Jimaataafi Sanbadduraa
3:30 - 11:15
Dilbata
3:30 - 10:15