Sagantaa Walga’ii Tajaajilaa
Torban Fulbaana 8 Jalqabu
Faarfannaa 5 (10)
Daq. 10: Beeksisa gumii. Beeksisawwan Tajaajila Mootummaarraa filataman. Hundisaanii walga’ii aanaa waggaa darbe godhamerratti yaadannoo qabatan irra deebi’uudhaan walga’ii tajaajilaa torban dhufu godhamuuf akka qophaa’an jajjabeessi. Yaada fuula 4 irratti argamuun gargaaramuudhaan, barataan ykn warri barataa seensa tokkoon fayyadamanii Masaraa Eegumssaa Hagayya 1 fi Dammaqaa! Hagayya 2003 si’anaa barsiisaa mana barumsaatiif yeroo raabsan kan argisiisuu hojiin argisiisni haadhihaatu.
Daq. 10: “ ‘Waaqayyoof Ulfina Kennaa’ Walga’ii Koonyaa Dhugaa Baatota Yihowaa 2003.” Warra duraan dursanii walga’ii koonyaatiif haalasaanii mijeessani galateeffadhu. Warri qophii hin goonemmoo hamma danda’an dafanii qophiisaanii akka xumuran jajjabeessi.
Daq. 25: “Dargaggoota Nana—Fulduraaf Bu’uura Gaarii Kaa’adhaa.” Yaada seensaa daqiiqaa tokko hin guunneen erga fayyadamtee booda gaaffiifi deebiidhaan dhiheessi. Gaaffiiwwan dhihaataniin fayyadamuudhaan kan jaarsaan dhihaatu. Yeroo keeyyata 5 irratti mari’attan tajaajilli yeroo guutuu gammachuufi eebba argamsiisu addeessi.
Faarfannaa 21 (46) fi kadhannaa xumuraa.
Torban Fulbaana 15 Jalqabu
Faarfannaa 54 (132)
Daq. 10: Beeksisa gumii. Gabaasa herregaa.
Daq. 10: Akka gumiif barbaachisutti itti fayyadamaa.
Daq. 25: “Waaqayyoon Amanadhu, Wanta Gaarii Ta’es Hojjedhu.” (Far. 37:3) Gaaffiiwwan kanaa gadii, yaadawwan furtuu sagantaa walga’ii koonyaa waggaa darberratti hundaa’ee marii dhaggeeffattootaa wajjin godhamuun geggeeffama. Dhaggeeffattoonni dhuunfaadhaan ykn maatiisaanii keessatti, qabxiiwwan furtuu ta’an hojiirra oolchuu kan danda’an akkamitti akka ta’e yaada akka kennan affeeri. Qaamolee sagantichaa keessaa kan asii gadii addeessi: (1) “Yihowaa Akka Abdattan Argisiisaa.” Jireenya keenya guutuudhaan abdii Yihowaarratti qabnu argisiisuun murteessaa kan ta’e maaliifi? (it-2 ful. 521) Karaa kanaan Indeeksiin Masaraa Eegumsaa kan nugargaaru akkamitti? (2) “Hojiiwwan Waa’ee Hin Baasnerraa Ofeegaa.” (Lal. 2:4-8, 11) Hojiiwwan waa’ee hin baasne kamfa’irraa of eeguu qabna? Kana gochuu kan dandeenyuhoo akkamitti? (3) “Hamaarraa Fagaadhaa—Waan Gaarii Hojjedhaa.” Sadarkaa ejjennoo Yihowaan baase hordofuun barbaachisaa kan ta’e maaliifi? (Isa. 5:20) Hojiiwwan gaariin nuuf baay’achuu qaban maalfa’i? (4) “Amantii Yihowaarratti Qabnu Eeguu.” Yeroo rakkinniifi qorumsi nurra ga’u jabaannee dhaabachuuf maaltu nugargaara? Wantoota tokko tokko Yihowaatti laannee dhiisuun kan nubarbaachisu maaliifi? (5) “Mootummaa Waaqayyootiif Ga’eessa Taatanii Lakkaa’amtuu Laata?” (Qol. 1:10) Fakkeenya Macaafa qulqulluu isa kamtu akka Yihowaadhaaf ta’utti deddeebi’uuf nujajjabeessa? (6) “Abdii Yihowaan Kennetti Amanamaa.” Kana gochuun jireenya keenya kan tuqu akkamitti?
Faarfannaa 28 (58) fi kadhannaa xumuraa.
Torban Fulbaana 22 Jalqabu
Faarfannaa 83 (187)
Daq. 10: Beeksisa gumiifi yaadachiisawwan walga’ii koonyaa. Yaada seensaa fuula 4 irratti argamuun gargaaramuudhaan Masaraa Eegumsaa Hagayya 15 fi Dammaqaa! Hagayya 8, 2003 (Ingiliffa) kan si’anaa yeroo raabsan kan argisiisu hojiin argisiisni lama haa dhihaatu. Inni tokko jaarsi gumii tokkoofi babal’isaan dhukkubaan ykn dullumaan kan ka’e manaa ba’uu hin dandeenye tokko bilbilaan yeroo lallaban kan argisiisu haata’u.
Daq. 15: Waggaa darbe tajaajila akkamii raawwanneerra? Ilaaltuun olaanaa tajaajilaa gabaasa tajaajilaa gumichaa kan 2003 keessaa yaada ijoo irra deebi’a. waan gaarii hojjetaniif gumicha galateeffadhu. Gabaasa ilaaltuu olaanaa aanaa isa dhumaa keessaa qabxiilee tokko tokko dabalii dhiheessi. Waggaa dhufuuf karoora bira ga’amuu danda’u tokko ykn lama ibsi.
Daq. 20: Amantaan hundinuu Waaqayyo duratti fudhatama qabaa? Kitaaba Xiinxalsiisuu irratti hundeeffamee dhaggeeffattootaa wajjin mariidhaan kan dhihaatu. Yaada kanarratti marii nama tokkoo wajjin goonuun sababii gahaa dhiheessuun kan danda’amu akkamitti akka ta’e mari’adhaa. (rs ful. 321-2) Karaa amantaan sirrii adda baasuun itti danda’amu keessaa tokko tokko ibsi. (rs ful. 327-29) Tajaajilli keenya namoonni waaqeffannaa Waaqayyo duratti fudhatama qabu akka filatan isaan gargaara.—Qol. 1:9, 10.
Faarfannaa 11 (29) fi kadhannaa xumuraa.
Torban Fulbaana 29 Jalqabu
Faarfannaa 57 (136)
Daq. 10: Beeksisa gumii. Babal’istoonni gabaasa tajaajila dirree Fulbaanaa akka deebisan yaadachiisi. Barreeffamawwan Onkololeessatti raabsaman ibsi. Brooshuura Waaqni Nurraa Maal Barbaadaa? jedhamuun qayyabannaa Macaafa qulqulluu jalqabsiisuun akkamitti akka danda’amu kan argisiisu hojiin argisiisni gabaabaan akka dhihaatu godhi.
Daq. 15: Tajaajila Mootummaa Caamsaa 2003 mata duree “Tajaajila Manaa Gara Manaa Yeroo Har’aatti Waggaa Dhibba Lakkoofsise—Irratti Hirmaachaa Jirtaa? jedhu keessaa yaada ijoo irra deebi’i. Naannoon gumiitti akkamitti akka hojjetame ibsi.
Daq. 20: “Amala Gad Of Deebisuu Uffadhaa.” Yaada seensaa daqiiqaa tokko hin guunneen jalqabiitii gaaffiifi deebiidhaan dhiheessi. Caqasawwan hojiirra oolchuun akkamitti akka danda’amu yaada akka kennan dhaggeeffattoota affeeri.
Faarfannaa 74 (168) fi kadhannaa xumuraa.
Torban Onkololeessa 6 Jalqabu
Faarfannaa 78 (175)
Daq. 10: Beeksisa gumii. Ji’a kanatti qayyabannaa Macaafa qulqulluu jalqabsiisuuf carraaqqii addaa goona. Tajaajila Mootummaa Caamsaa 2002 fuula 1, keeyyata 1 gabaabsii irra deebi’i.
Daq. 15: “Waan Durfamuu Qabu Dursaa.” Masaraa Eegumsaa Fulbaana 1, 1998 fuula 19-21 irratti hundaa’uudhaan haasawaafi mariidhaan kan dhihaatu. Sagantaalee Ti’ookraasii ji’oota dhufaniif ba’an ibsiitii guyyaa sana yaadannoosaaniirratti akka qabatan hundasaanii jajjabeessi. Qophii hafuuraa irraa akka hin hafne maal gochuu akka danda’an akka dubbatan dhaggeeffattoota affeeri.
Daq. 20: Dhiibbaa Hiriyaa Danda’uu. Jaarsa ykn tajaajilaa gumii maatii Kristiyaanaa keessatti guddateef gaaffiif deebii godhiif. Masaraa Eegumsaa Guraandhala 15, 2003 keessaa qabxiiwwan filataman caqasi. Yeroo mana barumsaa turetti dhiibbaan akkamii isa mudateera? (ful. 24 key. 3; ful. 25 key. 4-5) warra kaanirraa dhiibbaan gaarii hin taane isarra ga’eeraa? (ful. 26 key. 4-6) Ammas ga’eessa ta’ee utuu jiruu dhiibbaan irra ga’aa jiraa? Dhiibbaa irra ga’e mo’achuuf kan isa gargaare maali? Masaraa Eegumsaa Hagayya 1, 1999, fuula 24-5 irratti hundaa’uudhaan warra kaanii wajjin walitti dhufeenya gaarii uumuun bu’aa maal akka qabu ibsuudhaan haasawaa gabaabaadhaan xumuri.
Faarfannaa 9 (26) fi kadhannaa xumuraa.
[Ibsa fakkii fuula 2rra jiru]
( gara fuula 3 tartiiba 2 )
[Ibsa fakkii fuula 3rra jiru]
. . . walga’ii Tajaajilaa
( fuula 2irraa )