LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • km 10/03 ful. 2
  • Sagantaa Walga’ii Tajaajilaa

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Sagantaa Walga’ii Tajaajilaa
  • Tajaajila Mootummaa—2003
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Torban Onkololeessa 13 Jalqabu
  • Torban Onkololeessa 20 Jalqabu
  • Torban Onkololeessa 27 Jalqabu
  • Torban Sadaasa 3 Jalqabu
Tajaajila Mootummaa—2003
km 10/03 ful. 2

Sagantaa Walga’ii Tajaajilaa

Torban Onkololeessa 13 Jalqabu

Faarfannaa 96 (215)

Daq. 10: Beeksisa gumiifi beeksisa Tajaajila Mootummaa keessaa filataman. Yaada seensaa fuula 10 irra jiruun fayyadamuudhaan Masaraan Eegumsaa Hagayya 1fi Dammaqaan! Hagayya 2003 yeroo raabsamu kan argisiisu hojiin argisiisni lama haadhihaatu. Kan beeksifamu tokko ta’uyyuu kan raabsaman walumatti. Hojiin argisiisa lamaan keessaa inni tokko maamilee barruu tokkoof deddeebiin gaaffii yeroo godhamu kan argisiisu haata’u. “Maxxansa itti aanutti” kan jedhu itti argisiisuudhaan deddeebii gaaffii itti aanuuf haala mijeessi.​​—⁠Tajaajila Mootummaa Onkololeessa 1998, ful. 12, key. 7-8 ilaali.

Daq. 20: “Waaqayyoof Gammachuudhaan Hojjedhaa.” Yaada seensaa daqiiqaa tokko hin guunneen fayyadamiitii, gaaffiifi deebiidhaan dhiheessi. (Hundisaanii marii kanaaf miiltoo Tajaajila Mootummaa Amajjii 2002 fudhatanii dhufuu qabu.) Keeyyata 4 irratti erga mari’attanii booda ji’a Sadaasaatti brooshuura Waaqni Nurraa Maal Barbaadaa? jedhamuufi kitaaba Beekumsaa akka raabsinu ibsi. Yaada seensaa miiltoo Tajaajila Mootummaa Amajjii 2002 keessaa tokko gabaabumatti irra deebi’i. Achii hojiin argisiisa kanarratti yeroo shaakalan kan argisiisu hojiin argisiisni haa dhihaatu. Hundiisaanii tajaajilaaf akka gaariitti akka qophaa’an jajjabeessi.

Daq. 15: Qayyabannaa Macaafa qulqulluu geggeessuun eebba argamsiisa. Haasawaafi mariidhaan dhihaata. Qayyabannaawwan Macaafa qulqulluu jijjiirama argisiisan dabaliitii muuxannoowwan barreeffama keenyarraa argatte hiriif. (w00 3/1 ful. 6; yb98 ful. 55-​60) Muuxannoo dubbatamerraa maal akka baranneefi qayyabannaa Macaafa qulqulluu geggeessuun faayidaa maalii akka qabu akka dubbatan dhaggeeffattoota affeeri.

Faarfannaa 76 (172) fi kadhannaa xumuraa.

Torban Onkololeessa 20 Jalqabu

Faarfannaa 39 (86)

Daq. 15: Beeksisa gumii. Ilaaltuun olaanaa tajaajilaa gabaasa tajaajilaa gumichaa jalqaba waggaa haaraatii kaasee jiru irra deebi’a. Ilaalcha qabdu itti himi, naannoo tajaajilaa akka hojjetan jajjabeessi.

Daq. 10: “Sagantaa Haaraa Guyyaa Walga’ii Addaa” kan jedhurratti mari’adhaa.

Daq. 20: “Walga’iwwan Sa’aatiiti Jalqabaati Sa’aatiidhaan Xumuraa.” Gaaffiifi deebiidhaan kan dhihaatu. Keeyyatni hundinuu haadubbifamu.

Faarfannaa 47 (112) fi kadhannaa xumuraa.

Torban Onkololeessa 27 Jalqabu

Faarfannaa 61 (144)

Daq. 12: Beeksisa gumii. Gabaasa herregaa. Babal’istoonni gabaasa tajaajilaa ji’a Onkololeessaa akka deebisan yaadachiisi. Yaada seensaa fuula 10 irra jiruun fayyadamuudhaan Masaraan Eegumsaa Hagayya 15 fi Dammaqaan! Hagayya 8, (Ingiiliffa) 2003 yeroo raabsamu kan argisiisu hojiin argisiisni lama haadhihaatu. Kan beeksifamu tokko ta’uyyuu kan raabsaman walumatti. Lamaan keessaa inni tokko, nama “Fedhii hin qabu” jedhuuf akkamitti akka deebisnu kan argisiisu haata’u.​​—⁠Kitaaba Xiinxalsiisuu, ful. 16 ilaali.

Daq. 20: Billaa Hafuura Qulqulluu Fayyadamaa. (Efe. 6:​17) Kitaaba Mana Barumsaa Tajaajila Ti’ookraasii fuula 143-4 irratti hundaa’uudhaan mariidhaan kan dhihaatu. Gaaffiwwan asii gadiirratti yaada akka kennan afeeri. (1) Yeroo gaaffii gaafatamneef deebii laannu Macaafa qulqulluutti kan fayyadamnu maaliifi? (2) Maqaan Dhugaa Baatota Yihowaa jedhu waa’ee keenya maal ibsa? (3) Yesus fakkeenya akkamii nuu kaa’eera? Isa fakkaachuu kan dandeenyuhoo akkamitti? (4) Naannoo gumii keetti yaada Macaafa qulqulluu himuuf haalliwwan bu’a qabeessa ta’an kam fa’i? (5) Yoo danda’ame kallattiidhaan Macaafa qulqulluurraa deebisuun gaarii kan ta’e maaliifi? (6) Jaarsoliin warri kaan Macaafa qulqulluutti akka gaariitti akka fayyadaman akkamiin jajjabeessuu danda’u? Babal’isaan dandeettii qabu, gilgaala fuula 144 irra jirurratti hundaa’uudhaan yoo xinnaate caqasa Macaafa qulqulluu tokko caqasuudhaan gaaffii gaafatameef deebii ennaa laatu kan argisiisu hojiin argisiisni haa dhihaatu. Hundisaanii yeroo dhugaa ba’an Macaafa qulqulluu fayyadamuuf karoora akka baafatan jajjabeessi.

Daq. 13: Muuxannoowwan gumii keessaa argaman. Dhaggeeffattoonni walga’ii koonyaarratti argamuudhaan ykn karaa alidilee ta’een, iddoo hojiitti, mana barumsaatti ykn iddoo gara biraatti lallabuudhaan gammachuu argatan akka dubbatan afeeri.

Faarfannaa 24 (50) fi kadhannaa xumuraa.

Torban Sadaasa 3 Jalqabu

Faarfannaa 20 (45)

Daq. 5: Beeksisa gumii.

Daq. 15: Akka gummiif barbaachisutti itti fayyadamaa.

Daq. 25: “Waaqa Gammadaa Wajjin Gammadaa.” Haasawaa Masaraa Eegumsaa Caamsaa 1, 2001 ful. 8 -13 irratti hundaa’uudhaan kan dhihaatu.

Faarfannaa 80 (180) fi kadhannaa xumuraa.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi