LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • km 10/03 ful. 3-8
  • Sagantaa Mana Barumsaa Tajaajila Ti’ookraasii 2004

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Sagantaa Mana Barumsaa Tajaajila Ti’ookraasii 2004
  • Tajaajila Mootummaa—2003
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Qajeelfama
Tajaajila Mootummaa—2003
km 10/03 ful. 3-8

Sagantaa Mana Barumsaa Tajaajila Ti’ookraasii 2004

Qajeelfama

Manni Barumsaa Tajaajila Ti’ookraasii 2004 qophiiwwan kanaa gaditti argamaniin dhihaata.

BURQAA BARUMSI IRRAA FUDHATAME: Macaafa Qulqulluu afaan Oromoo bara [1997], Masaraa Eegumsaa [w], Leenjii Mana Barumsaa Tajaajila Ti’ookraasiirraa Faayidaa Argadhu [be], ‘Caaffanni Qulqullaa’aan Hundinuu Geggeessaa Hafuura Waaqayyootiin Kan Caafameefi Kan Dhimma Baasudha’ (bara 1990 Kan maxxanfame) [si], Caaffata Qulqullaa’aarraa Ragaa Dhiheessanii Xiinxalsiisuu (bara 1989 Kan maxxanfame) [rs].

Manni barumsichaa SA’AATIISAATTI faarfannaadhaan, kadhannaadhaafi simannaa gabaabaadhaan erga jalqabamee booda, akka qajeelfama kanaa gadiitti gaggeeffama.

AMALA HAASAWAA: Daq. 5. Amalli haasawaa kun kitaaba Mana Barumsaa Tajaajila Ti’ookraasiirratti hundaa’uudhaan ilaaltuu olaanaa mana barumsichaatiin, kan isaa gargaaree gorsa kennuun, ykn jaarsa dandeettii gaarii qabuun dhihaata. (Gumiiwwan jaarsoliin baay’inaan hin jirretti, tajaajilaan gumii dandeettii gaarii qabu kuticha dhiheessuu ni danda’a ta’a.) Ibsi garabiraan yoo kenname malee, barumsa dhihaatu keessatti saanduqoonni argamanis dhihaachuu qabu. Gilgaalonni, baratichi dhuunfaasaatti akka itti gargaaramuufi gorsa akka argatuuf yaadamanii kan qophaa’an waan ta’eef, kuticha keessa galuu hin qaban.

HAASAWAA LAK. 1: Daq. 10. Kutaan kun, Masaraa Eegumsaa, kitaaba Mana Barumsaa Tajaajila Ti’ookraasii, ykn ‘Caaffanni qulqullaa’aan Hundinuu Geggeessaa Hafuura Waaqayyootiin Kan Caafameefi Kan Dhimma Baasuudha’ jedhamanirratti hundaa’ee jaarsa ykn tajaajilaa gumiitiin dhihaata. Kutichi akka haasawaa qajeelfamaatti daqiiqaa 10f kan dhihaatu yeroo ta’u, gaaffii irra deebii hin qabaatu. Kaayyoonsaa kuticha dhiheessu qofa utuu hin ta’in, yaada gumicha gargaaru dubbachuudhaan faayidaa barumsichaarratti kan xiyyeeffate ta’uu qaba. Kutichi yeroo dhihaatu mataduree kennameen gargaaramuun barbaachisaadha. Obboloonni kutaa kana dhiheessuuf ramadaman yeroo kennameefitti fixuu qabu. Yoo barbaachisaa ta’e dhuunfaatti gorsi kennamuufii danda’a.

IJOOWWAN DUBBII DUBBISA MACAAFA QULQULLUU: Daq. 10. Jaarsi ykn tajaajilaan gumii dandeetti gaarii qabu kuticha wanta gumii sanaaf barbaachisuu wajjin walqabsiisee daqiiqaa 6f dhiheessa. Yaada dubbisa Macaafa Qulqulluu kan torbaniif dhihaaterraa lakkoofsaafi boqonnaa barbaade kamirrattiyyuu yaada kennuu danda’a. Kutichi boqonnaawwan torban sanaaf kennaman irra deebi’uudhaa qofa dhihaachuu hin qabu. Kaayyoon inni guddaan dhaggeeffattoonni barumsi dhihaatu akkamittiifii maaliifi akka fayyadu akka hubatan gargaaruudha. Obboleessi haasawicha dhiheessu jalqaba barumsichaarratti daqiiqaa 6 ramadameef caalaa akka hin fudhanne of eeggannoo gochuu qaba. Daqiiqaan arfan hafan dhaggeeffattoonni kan irratti hirmaatan ta’uusaa beekuu qaba. Dhaggeeffattoonni yaada gabaabaa (sekoondii 30 ykn yeroo isaa gadi ta’eef) dubbisa Macaafa Qulqulluu torban sanaarraa wanta isaan tuqeefi bu’aa maalii akka argatan akka dubbatan afeeramuu qabu. Achiis ilaaltuun olaanaa mana barumsichaa barattoonni Galma lammaffaatti kutaa dhiheessan deemuu akka danda’an ibsa.

HAASAWAA LAK. 2: Daq. 4. Kutaa kana obboleessa tokkotu dubbisaan dhiheessa. Dubbisni kun yeroo baay’ee Macaafa Qulqulluurraa dhihaata. Kutaan kun ji’atti al tokko Masaraa Eegumsaarraa dhihaata. Baratichi kutaa kana seensa ykn yaada xumuraa utuu hin kennin dubbisuu qaba. Kutaan torban torbaniin akka dubbifamuuf kenname hammisaa kan wal caalu ta’us, hundinuu daqiiqaa 4 ykn isaan gaditti xumuramuu qabu. Ilaaltuun olaanaa mana barumsichaa kuticha utuu hin kennin dura, kutaan sun umuriifi dandeetti baratichaa kan madaalu ta’uusaa beekuufi kutaa sana dursee ilaaluu qaba. Ilaaltuun olaanaa mana barumsichaa, barattoonni hubannaadhaan, akka gaariitti, jechoota furtuu ta’an bakka barbaachisaa ta’etti jabeessuudhaan, sagalee gegeeddaruudhaan, dhaabachuudhaafi akkaataa haasaa uumamaatiin gargaaramanii akka dubbisaniif gargaaruu barbaada.

HAASAWAA LAK. 3: Daq. 5. Kutaan kun obboleetti tokkoof kennama. Barattoonni kutaa kana akka dhiheessaniif ramadaman, yoomessoota kitaaba Mana Barumsaa Tajaajila Ti’ookraasii fuula 82 irratti kennaman gidduudhaa tokkoosaa filachuu danda’u; ykn ilaaltuu olaanaa mana barumsichaatu yoomessa kuticha ittiin dhiheessan kennaaf. Barattittiin mataduree saganticharratti argamuun gargaaramuufi haala naannoo tajaajilaa gumichaa wajjin wal qabsiisuudhaan dhiheessuu qabdi. Barattoota haaraadhaaf kutaan ibsa barbaachisaa qabu kennamuufii qaba. Ilaaltuun olaanaa mana barumsichaa, barattittiin mataduree kennameef akkamitti akka gabbifattuufi, abbaan manichaa hiika caqasawwaniifi tuqaawwan ijoo kutichaa akka hubatuuf, haala isheen itti gargaartu arguu barbaada. Obboleettiin kutaa kana akka dhiheessituuf ramadamte dubbisuu danda’uu qabdi. Ilaaltuun olaanaa mana barumsichaa gargaartuu tokko ramadaaf.

HAASAWAA LAK. 4: Daq. 5. Baratichi mataduree kennameef gabbifachuu qaba. Matadureesaa qofti yeroo kennamu, baratichi barreeffamawwan hojjetaa amanamaafi ogeessaan qophaa’anirratti qo’annaa gochuudhaan qabxiiwwan kutaa sana gabbisan walitti qabachuu qaba. Kutaan kun obboleessa tokkoof yoo kenname, dhaggeeffattoota Galma Mootummaa keessatti argaman sammuutti qabachuudhaan haasawaan dhiheessa. Kutaan kun obboleettii tokkoof yoo kenname, yeroo hundaa akka qajeelfama haasawaa Lak. 3⁠ffaadhaaf kennametti dhihaachuu qaba. Ilaaltuun olaanaa tajaajilaa, obboleessi tokko Lak. 4⁠ffaa dhiheessuunsaa sirrii ta’ee yeroo itti argame kutaa kana kennuufii danda’a. Matadureewwan mallattoon urjii irratti argaman haasawaan kan dhihaatan waan ta’eef obboloota dhiiraatiif kennamuu qabu.

YEROO EEGUU: Kan haasawaa dhiheessus ta’e, kan gorsa kennu sa’aatii dabarsuu hin qabu. Obboloonni Haasawaa Lak. 2 hanga 4⁠tti dhiheessan yoo sa’aatii dabarsan malaan akka dhaaban godhamuu qaba. Obboloonni, amala haasawaa, haasawaa Lak. 1 ykn ijoo dubbii dubbisa Macaafa Qulqulluu dhiheessan sa’aatii yoo dabarsan dhuunfaatti gorsi kennamuufii qaba. Hundisaani sa’aatii ramadameef sirriitti eeguu qabu. Faarfannaafi kadhannaa utuu hin dabalatin guutummaan sagantichaa daqiiqaa 45⁠tti xumurama.

GORSA: Daq. 1. Ilaaltuun olaanaa mana barumsichaa, tokkoon tokkoon haasawaa barataa booda, yaada nama jajjabeessu kutaa dhihaaterraa argame kaasee, yaada kennuuf daqiiqaa tokko caalaa fudhachuu hin qabu. Kaayyoonsaa akkasumaan kutaan dhihaate “gaariidha” jechuu miti; kanaa mannaa, sababii barumsichi gaarii itti ta’e addaan baasee dubbata. Akka baratichaaf barbaachisutti gorsi dabalataa walga’ii booda, ykn yeroo garabiraa dhuunfaatti kennamuufii danda’a.

GARGAARTUU GORSA KENNAA: Qaamni jaarsolii ilaaltuu olaanaa mana barumsichaatiin ala jaarsa dandeettii gaarii qabuufi gargaartuu gorsa kennaa ta’ee tajaajilu tokko filachuu danda’a. gumicha keessa jaarsoliin dandeetti qaban hedduun yoo jiraatan, waggaa waggaadhaan hojii kana akka hojjetaniif ramadamuu danda’u. Itti gaafatamini gargaartuu gorsa kennaa, obboloota haasawaa Lak. 1fi ijoo dubbii Macaafa Qulqulluu dhiheessaniif dhuunfaatti gorsa kennuudha. Kana jechuun garuu, jaarsoliifi tajaajiltoonni gumii yeruma haasawaa dhiheessan hundaatti gorsa kennaaf jechuu miti. Qophiin kun, 2004⁠tti hojiira kan oolu yeroo ta’u, yoo barbaachisaa ta’ee argames sirreeffamni irratti godhamuu danda’a.

FOORMII XUQAALEE GORSI ITTI KENNAMU: Kitaaba mana barumsichaa keessatti argama.

IRRA DEEBII AFAANII: Daq. 30. Ji’a lama lamatti ilaaltuun olaanaa mana barumsichaa irra deebii afaanii kana geggeessa. Akka qajeelcha kanaa ol kennametti amala haasawaafi ijoon dubbisa Macaafa Qulqulluu erga godhamee booda, irra deebiin afaanii itti fufa. Irra deebiin kun, torban irra deebiin afaanii itti dhihaatu dabalatee, barumsawwan ji’oottan lamaan darban dhihaatanirratti kan hundaa’eedha.

SAGANTAA

Ama. 5 Dubbisa Macaafa Qulqulluu: Uumama 1-5 Far. 35 (79)

Amala Haasawaa: Faayidaa Barumsichaa Ifa Gochuu (be ful. 157 key. 1–ful. 158 key. 1)

Lak. 1: Wanta Irraa Haasawaa Dhiheessan Qopheessuu (be ful. 39-​42)

Lak. 2: Uumama 2:​7-​25

Lak. 3: Gara Fuulduraatti Lafti Akka Jannata Taatu “Kakuu Moofaa” Qofamoo “Kakuu Haaraanis” ni Dubbataa? (rs ful. 284 key. 6-ful. 285 key. 2)

Lak. 4:  Wanta Sirrii Ta’e Hojechuu Dhiisuun Cubbuu Akka Ta’e Fakkeenyawwan Macaafa Qulqulluurraa Maal Baranna?

Ama. 12 Dubbisa Macaafa Qulqulluu: Uumama 6-​10 Far. 96 (215)

Amala Haasawaa: Faayidaa Barumsichi Dhaggeeffattootaaf Qabu (be ful. 158 key. 2-4)

Lak. 1: Qulqullina​​—⁠Jechuun Maal Jechuudha? (w02 2/1 ful. 4-7)

Lak. 2: Uumama 8:​1-​17

Lak. 3: Sobuun Dogoggora Kan Ta’e Maalii fi?

Lak. 4: “Jannatni” Luqaas 23:​43 Irratti Ibsame, Kutaa Heds ykn Samii Kan Hin Taane Maaliifii? (rs ful. 286 key. 1–ful. 287 key. 1)

Ama. 19 Dubbisa Macaafa Qulqulluu: Uumama 11-​16 Far. 98 (220)

Amala Haasawaa: Faayidaa Barumsichaa Akka Hubatan Gargaaruu (be ful. 158 key. 5-ful. 159 key. 3)

Lak. 1: Seerawwan Bu’uuraa Waaqayyo Baaserraa Faayidaa Argachuu Ni Dandeessa (w02 2/15 ful. 4-7)

Lak. 2: Uumama 13:​1-​18

Lak. 3: Jannatni Luqaas 23:43 Irratti Caqasame Lafarra Ta’uusaa Kan Argisiisu Maalidha? (rs ful. 287 key. 2–ful. 288 key. 2)

Lak. 4: Dhugaa Baatonni Yihowaa Abdiisaanii Warra Kaaniif Kan Hiran Maaliifi?

Ama. 26 Dubbisa Macaafa Qulqulluu: Uumama 17-​20 Far. 45 (106)

Amala Haasawaa: Jechoota Sirrii Ta’an Filachuu (be ful. 160 key. 1-3)

Lak. 1: Rakkina Warra Kaanii Akka Kan Ofiitti Ilaaluun​​—⁠Gaarummaafi Amala Garalaafinaa Argisiisuuf Kan Gargaaru (w02 4/15 ful. 24-7)

Lak. 2: w02 1/1 ful. 10-​11 key. 9-​11

Lak. 3: Hiikkaan Jechoota Yesus Luqaas 13:​24 Irratti Dubbate Maalidha?

Lak. 4: Beekumsa Sirriifi Ogummaa Argachuu Kan Dandeenyu Akkamitti? (rs ful. 288 key. 3–ful. 289 key. 2)

Gur. 2 Dubbisa Macaafa Qulqulluu: Uumama 21-​24 Far. 61 (144)

Amala Haasawaa: Ibsa Hubachuuf Nama Hin Rakkisne (be ful. 161 key. 1-4)

Lak. 1: Kutaa Mana Barumsichaatii Barattootaaf Kennamuuf Qophaa’uu (be ful. 43 key. 1–ful. 44 key. 3)

Lak. 2: Uumama 21:​1-​21

Lak. 3: Maddi Falaasama Ijoollee Namaa Maalidha? (rs ful. 289 key. 3–ful. 290 key. 2)

Lak. 4:  Kristiyaanonni Gaa’elaaf Wal Kaadhimachu Akka dhimma Guddaatti Ilaaluu Kan Qabnu Maaliifii?

Gur. 9 Dubbisa Macaafa Qulqulluu: Uumama 25-​28 Far. 33 (72)

Amala Haasawaa: Jechoota Adda Addaafi Sirrii Ta’aniin Gargaarami (be ful. 161 key. 5–ful. 162 key. 4)

Lak. 1:  Qophii Matadureefi Yoomessaa Wajjin Walsimu (be ful. 44 key. 4–ful. 46 key. 1)

Lak. 2: Uumama 28:​1-​15

Lak. 3: Addunyaa Dhiphinaan Guutame Keessatti Keessa Ofiitti Nagaa Argachuun Kan Danda’amu Akkamitti?

Lak. 4: Falaasama Ijoollee Namaa Mannaa, Barumsa Yesus Kristos Qo’achuun Keenya Yaada Sirrii Akka Qabnu Kan Argisiisu Maaliifii? (rs ful. 290 key. 3–ful. 291 key. 3)

Gur. 16 Dubbisa Macaafa Qulqulluu: Uumama 29-​31 Far. 69 (160)

Amala Haasawaa: Jechoota Humna Qaban, Miira Barumsichaa Dabarsaniifi Ibsituu Ta’an (be ful. 163 key. 1–ful. 164 key. 1)

Lak. 1: Ciminni Ejjennoo, Warra Gara-qajeeloo Ni Geggeessa (w02 5/15 ful. 24-​7)

Lak. 2: w02 2/1 ful. 15-​16 key. 6-​10

Lak. 3: Kadhannaan Waaqayyo Dhaga’uuf Fedhu Kan Eenyuu Fa’i? (rs ful. 292 key. 1–ful. 293 key. 1)

Lak. 4: Gaarummaan Kristiyaanotaaf Amala Barbaachisaa Kan Ta’e Maaliifi?

Gur. 23 Dubbisa Macaafa Qulqulluu: Uumama 32-​35 Far. 23 (48)

Amala Haasawaa: Akkaataa Haasawaa Seera Galee Jechootaa Eege (be ful. 164 key. 2–6)

Irra Deebii Afaanii

Bit. 1 Dubbisa Macaafa Qulqulluu: Uumama 36-​39 Far. 47 (112)

Amala Haasawaa: Wanta Irraa Haasawaa Dhiheessaniin Gargaaramuu (be ful. 166 key. 1–ful. 167 key. 1)

Lak. 1: Haasawaa Gumiif Dhihaatan Qophaa’uu (be ful. 47 key. 1–ful. 49 key. 1)

Lak. 2: Uumama 37:​12-​28

Lak. 3: Amantiin Keenya Ciminaa Wajjin Kan Wal Qabachuu Qabu Maaliifii?

Lak. 4:  Haaliwwan Kadhannaan Nama Tokkoo, Waaqayyo Biratti Akka Hin Fudhatamne Godhan Maal Fa’i? (rs ful. 293 key. 2–9)

Bit. 8 Dubbisa Macaafa Qulqulluu: Uumama 40-​42 Far. 67 (156)

Amala Haasawaa: Yaada Dhiheessuu Barbaaddu Qindeessi (be ful. 167 key. 2–ful. 168 key. 1)

Lak. 1: Walga’ii Tajaajilaatiifi Haasawaa Garabiraadhaaf Qophaa’uu (be ful. 49 key. 2–ful. 51 key. 1)

Lak. 2: Uumama 42:​1-​20

Lak. 3: Yihowaa Wajjin Walitti Dhufeenya Cimaa Uumuu Kan Danda’amu Akkamitti?

Lak. 4:  Dhimmiwwan Sirrii Ta’an Kadhachuu Qabnu Tokko tokko Maalfa’i? (rs ful. 294 key. 1–8)

Bit. 15 Dubbisa Macaafa Qulqulluu: Uumama 43-​46 Far. 31 (67)

Amala Haasawaa: Wanta Irraa Haasawaa Dhiheessitu Salphaa Godhi (be ful. 168 key. 2–ful. 169 key.6)

Lak. 1: Yihowaan Carraaqqii Garaadhaa Goonu Ni Eebbisa (w02 8/1 ful. 29-​31)

Lak. 2: Uumama 43:​1-​18

Lak. 3: Namni Tokko, ‘Jalqaba Wajjin Kadhannee Isa Booda Ergaakee Natti Himta’ Yoo Jedhe (rs ful. 294 key. 9-ful. 295 key. 1)

Lak. 4: Qabeenya Biyya Lafa Irraa Isa Hin Amansiisfneen Firoota Baafachuu Kan Dandeenyu Akkamitti?

Bit. 22 Dubbisa Macaafa Qulqulluu: Uumama 47-​50 Far. 83 (187)

Amala Haasawaa: Barumsicha Karaa Seera Qabuun Qindeessuu (be ful. 170 key. 1–ful. 171 key. 2)

Lak. 1: Abeel Ayyaana Waaqayyoo Argachuuf Aarsaa Horii Dhiheessuu akka Qabu Beeka Turee? (w02 8/1 ful. 28)

Lak. 2: Uumama 47:​1-​17

Lak. 3: Raajiiwwan Macaafa Qulqulluu Gurguddaan, Gara Fuulduraatti Raawwataman Tokko Tokko Maal Fa’i? (rs ful. 295 key. 3–ful. 296 key. 6)

Lak. 4: Waaqayyoon Sodaachuun Jalqaba Ogummaa Kan Ta’e Maaliifi?

Bit. 29 Dubbisa Macaafa Qulqulluu: Ba’uu 1-6 Far. 90 (204)

Amala Haasawaa: Barumsicha Hala Qabatamaadhaan Dhiheessuu (be ful. 171 key. 3–ful. 172 key. 5)

Lak. 1: Dandeettiin Hubanna Si Eeguu Kan Danda’u Akkamitti? (w02 8/15 ful. 21-4)

Lak. 2: w02 2/15 ful. 19-​20 key. 7-​11

Lak. 3: Yihowaan Koora Akkamitti Ilaala?

Lak. 4: Kristiyaanonni Raajiwwan Macaafa Qulqulluu Hawwii Guddaadhaan Hordofuu Kan Qaban Maaliifi? (rs ful. 296 key. 7- ful. 297 key. 4)

Ebl. 5 Dubbisa Macaafa Qulqulluu: Ba’uu 7-​10 Far. 63 (148)

Amala Haasawaa: Xuqaawwan Barbaachisan Qofa Filachuu (be ful. 173 key. 1-4)

Lak. 1: Haasawaa Sabaaf Dhihaatu Qophaa’uu (be ful. 52 key. 1–ful. 54 key. 1)

Lak. 2: Ba’uu 8:​1-​19

Lak. 3: Namni tokko, ‘Raajiidhaaf Iddoo Guddaa Laattu’ Yoo Jedhe (rs ful. 297 key. 5-ful. 298 key. 1)

Lak. 4: Abdiin ‘Akka Qofoo Sibiilaa’ Kan Ta’ee Akkamitti?

Ebl. 12 Dubbisa Macaafa Qulqulluu: Ba’uu 11-​14 Far. 40 (87)

Amala Haasawaa: Jecha Ofiitiin Dubbachuu (be ful. 174 key. 1–ful. 175 key. 5)

Lak. 1: Murtoowwan Nama Haasawaa Dhiheessuuf Dhiifaman (be ful. 54 key. 2-4; saanduuqa ful. 55)

Lak. 2: Ba’uu 12:​1-​16

Lak. 3: Adaba Yihowaa Gammachuudhaan Fudhachuu Kan Qabnu Maaliifi?

Lak. 4: Barumsi Bakki Ce’umsaa Samiifi Qilee Gidduu Jira Jedhu, Maalirratti Kan Hundaa’edha? (rs ful. 298 key. 2-ful. 299 key. 3)

Ebl. 19 Dubbisa Macaafa Qulqulluu: Ba’uu 15-​18 Far. 75 (169)

Amala Haasawaa: Jecha Mataa Keenyaan Yeroo Dubbannu Wantoota Irraa Of Eeguu Qabnu (be ful. 175 key. 6–ful. 177 key. 1)

Lak. 1: Qormaataaf Ilaalcha Akkamii Qabaachuu Qabna? (w02 9/1 ful. 29-​31)

Lak. 2: w02 3/1 ful. 15-​16 key. 8-​11

Lak. 3: Namni Tokko Erga Du’ee Booda, Cubbuu Dur Hojjeteef Dabalee Ni Adabamaa? (rs ful. 299 key. 5-ful. 300 key. 3)

Lak. 4:  Gaa’elli Hidhata Bara Baraa Ta’uu Kan Qabu Maaliifi?

Ebl. 26 Dubbisa Macaafa Qulqulluu: Ba’uu 19-​22 Far. 78 (175)

Amala Haasawaa: Warra Kaaniif Ibsa Kennuun Yeroo Barbaachisu (be ful. 177 key. 2–ful. 178 key. 2)

Irra Deebii Afaanii

Cam. 3 Dubbisa Macaafa Qulqulluu: Ba’uu 23-​26 Far. 6 (13)

Amala Haasawaa: Akkaataa Haasawaatiin Dubbachuu (be ful. 179-​180)

Lak. 1: Dandeettii Barsiisuukee Guddisi (be ful. 56 key. 1–ful. 57 key. 2)

Lak. 2: Ba’uu 23:​1-​17

Lak. 3: Namni Tokko Amalawwan Gadhee Akka Mo’uuf Yihowaan Kan Gargaaru Akkamitti?

Lak. 4: Qomoowwan Adda Addaa Eessaa Dhufan? (rs ful. 300 key. 4-ful.301 key. 2)

Cam. 10 Dubbisa Macaafa Qulqulluu: Ba’uu 27-​29 Far. 51 (127)

Amala Haasawaa: Qulqullina Sagalee (be ful. 181 key. 1-4)

Lak. 1: “Adda Baasaa” (be ful. 57 key. 3–ful. 58 key. 2)

Lak. 2: Ba’uu 28:​29-​43

Lak. 3: Lafarra Kan Ture Maatii Tokko Qofa Erga Ta’ee Qaayin Haadhamanaa Eessaa Argate? (rs ful. 301 key. 3-5)

Lak. 4: Qomoodhaaf Looguun Dogoggora Kan Ta’e Maaliifi?

Cam. 17 Dubbisa Macaafa Qulqulluu: Ba’uu 30-​33 Far. 66 (155)

Amala Haasawaa: Akkaataa Afuura Baafannaa To’achuu (be ful. 181 key. 5–ful. 184 key. 1; saanduuqa ful. 182)

Lak. 1: Dhaggeeffattoonni Dhimmicharratti Akka Yaadan Gochuu (be ful. 58 key. 3–ful. 59 key. 3)

Lak. 2: Ba’uu 30:​1-​21

Lak. 3: Garraamummaa Argisiisuun Barbaachisaa Kan Ta’e Maaliifi?

Lak. 4: Qomoowwan Adda Addaa Bifa Adda Addaa Kan Qabaatan Maaliifidha? (rs ful. 302 key. 1–ful. 303 key. 1)

Cam. 24 Dubbisa Macaafa Qulqulluu: Ba’uu 34-​37 Far. 39 (86)

Amala Haasawaa: Irreewwan Walitti Shuntuuran Laaffisuu (be ful. 184 key. 2–ful. 185 key. 2; saanduuqa ful. 184)

Lak. 1: Karaa Itti Hojiirra Ooluu Danda’u Ibsuufi Fakkeenya Gaarii Ta’uu (be ful. 60 key. 1–ful. 61 key. 3)

Lak. 2: Ba’uu 36:​1-​18

Lak. 3: Dhallii Namaa Hundinuu Ijoollee Waaqayyootii? (rs ful. 303 key. 2–ful. 304 key. 1)

Lak. 4: Wantoota Xixiqqoottillee Taanaan Amanamoo Ta’uu Kan Qabnu Maaliifi?

Cam. 31 Dubbisa Macaafa Qulqulluu: Ba’uu 38-​40 Far. 91 (207)

Amala Haasawaa: Namootaaf Akka Yaadnu Argisiisuu (be ful. 186 key. 1-4)

Lak. 1: Dandeetti Namootaa Wajjin Mari’achuu Guddisuu (be ful. 62 key. 1–ful. 64 key. 1)

Lak. 2: w02 5/1 ful. 19-​20 key. 3-6

Lak. 3: 1 Yohannis 3:​19, 20 Hubachuun Keenya Kan Nu Jajjabeessu Akkamitti?

Lak. 4: Garafuulduraatti Qomoon Hundinuu Akka Obboloota Maatii Tokkoo Ta’uu? (rs ful. 304 key. 2–ful. 305 key. 1)

Wax. 7 Dubbisa Macaafa Qulqulluu: Lewwoota 1-5 Far. 123

Amala Haasawaa: Xiyyeeffannaan Dhaggeeffachuu (be ful. 187 key. 1-5)

Lak. 1: Mareen Akka Itti Fufu Gochuu (be ful. 64 key. 2–ful. 65 key. 4)

Lak. 2: Lewwoota 3:​1-​17

Lak. 3: Duuti Yesus Kristos Namoota Aarsaa Ta’anii Du’an Kaanirraa Kan Adda Ta’e Maaliini? (rs ful. 305 key. 3-ful. 306 key. 2)

Lak. 4: Wantoota Hojii Dawweessaa Wajjin Walqabatanirratti Hirmaachuun Dogoggora Maalii Qaba?

Wax. 14 Dubbisa Macaafa Qulqulluu: Lewwoota 6-9 Far. 7 (19)

Amala Haasawaa: Warri Kaan Guddina Akka Argisiisaniif Gargaaruu (be ful. 187 key. 6–ful. 188 key. 3)

Lak. 1: Ilaalcha Namoota Gaaffii Dhiheessanii Hubachuu (be ful. 66 key. 1–ful. 68 key. 1)

Lak. 2: Lewwoota 7:​1-​19

Lak. 3: Wanta Gadhee Jibbuu Barachuu Kan Dandeenyu Akkamitti?

Lak. 4: Jireenya Bara Baraa Akka Arganuuf Furichi Karaa Kanaan Dhihaachuunsaa Barbaachisaa Kan Ta’e Maaliif Ture? (rs ful. 306 key. 4–6)

Wax. 21 Dubbisa Macaafa Qulqulluu: Lewwoota 10-​13 Far. 82 (183)

Amala Haasawaa: Gargaarsa Kennuu (be ful. 188 key. 4–ful. 189 key. 4)

Lak. 1: Akkamitti Akka Deebii Kennuu Dandeessu Baradhu (be ful. 68 key. 2–ful. 70 key. 3)

Lak. 2: Lewwoota 11:​1-​25

Lak. 3: Waaqayyo Kan Isaaf Ajajamuu Filatan Hundinuu, Salphaadhumatti Bara Baraaf Akka Jiraatan Heyyameera Jedhee Kan Hin Dubbane Maaliifi? (rs ful. 307 key. 1–4)

Lak. 4: Yihowaan Gowwomsaa Attamitti Ilaala?

Wax. 28 Dubbisa Macaafa Qulqulluu: Lewwoota 14-​16 Far. 39 (86)

Amala Haasawaa: Namoota Kabajuu (be ful. 190 key. 1-4)

Irra Deebii Afaanii

Ado. 5 Dubbisa Macaafa Qulqulluu: Lewwoota 17-​20 Far. 4 (8)

Amala Haasawaa: Karaa Ulfinni Itti Argisifamu Adda Addaa (be ful. 191 Key. 1–ful. 192 Key. 1)

Lak. 1: Xalayaa Barreessuu (be ful. 71-73)

Lak. 2: Lewwoota 17:​1-​16

Lak. 3: Jaarmiyaa Yihowaatti Amanamuun Barbaachisaa Kan Ta’e Maaliifi?

Lak. 4: Furii Aarsaa Yesusitti Jalqaba Kan Fayyadaman Warra Kam Turani? Kaayyoonsaahoo Maal Ture? (rs ful. 308 Key. 1-2)

Ado. 12 Dubbisa Macaafa Qulqulluu: Lewwoota 21-​24 Far. 58 (138)

Amala Haasawaa: Namootaaf Ulfina Akka Kenninu Karaa Argisiisuun Dubbachuu (be ful. 192 Key. 2–ful. 193 Key. 2)

Lak. 1: Guddina Argisiisi (be ful. 74 Key. 1–ful. 75 key. 3)

Lak. 2: Lewwoota 22:​1-​16

Lak. 3: Bara Keenyatti Aarsaa Yesusirraa Faayidaa Kan Argatan Namoonni Kaan, Eenyu Fa’i? (rs ful. 308 Key. 3- ful. 309 key. 1)

Lak. 4: Yihowaan Waaqa Yihuudii Qofaa?

Ado. 19 Dubbisa Macaafa Qulqulluu: Lewwoota 25-​27 Far. 62 (146)

Amala Haasawaa: Shakkii Malee Dubbachuu (be ful. 194 Key. 1–ful. 195 Key. 2)

Lak. 1: Kennaa Qabdutti Gargaarami (be ful. 75 key. 4–ful. 77 key. 2)

Lak. 2: Lewwoota 25:​1-​19

Lak. 3: Gooli Umtummaan Kan Badu Akkamitti?

Lak. 4: Sababa Furichaatiin Gara Fuulduraatti Eebbawwan Akkamiitu Argama? (rs ful. 309 key. 2-ful. 310 key. 1)

Ado. 26 Dubbisa Macaafa Qulqulluu: Lakkoobsa 1-3 Far. 29 (62)

Amala Haasawaa: Karaa Itti Mirkanaa’oo Ta’uun Keenya Mul’ifamu (be ful. 195 key. 3–ful. 196 key. 4)

Lak. 1: Kristiyaanonni Hinaafuu Qabuu? (w02 10/15 ful. 28-​31)

Lak. 2: w02 6/15 ful. 18 key. 6-ful. 19 key. 9

Lak. 3: Aarsaa Furii Yesusirraa Faayidaa Argachuuf Maaltu Nurraa Barbaadama? (rs ful. 310 key. 2–5)

Lak. 4: Namni Jaallannu Yeroo Du’uu Gadduun Dogoggoraa?

Hag. 2 Dubbisa Macaafa Qulqulluu: Lakkoobsa 4-6 Far. 88 (200)

Amala Haasawaa: Tooftaan Haasawaa Dhiheessuu (be ful. 197 key. 1-3)

Lak. 1: Jireenya Keenya Fuula Yihowaa Duratti Karaa Bu’a Qabeessa Ta’een Gargaaramuu Kan Dandeenyu Akkamitti? (w02 11/15 ful. 20-​3)

Lak. 2: Lakkoobsa 6:​1-​17

Lak. 3: Macaafni Qulqulluun, Namoonni Walii Waliisaanii, Wal Jibbuu Akka Dhaabaniif Kan Gargaaru Akkamitti?

Lak. 4: Qophiin Furichaa Akkaataa Jireenya Keenyaarratti Jijjiirama Akkamii Geessisuu Qaba? (rs ful. 310 key. 6-ful. 311 key. 2)

Hag. 9 Dubbisa Macaafa Qulqulluu: Lakkoobsa 7-9 Far. 15 (35)

Amala Haasawaa: Tooftaadhaan Dhugaa Ba’uu (be ful. 197 key. 4–ful. 198 key. 4)

Lak. 1: Haawaasa Wal Hin Qoqqoodne Uumuu Ni Danda’amaa? (w02 1/1 ful. 4-7)

Lak. 2: Lakkoobsa 8:​1-​19

Lak. 3: Phaawulos Kristiyaanonni Kristosii Wajjin ‘Ol In Butamu’ Yeroo Jedhetti Waa’ee Mataduree Maalii Ibsaa Ture? (rs ful. 311 key. 3- ful.  312 key. 1)

Lak. 4: Mormituun Kristos Eenyu?

Hag. 16 Dubbisa Macaafa Qulqulluu: Lakkoobsa 10-​13 Far. 21 (46)

Amala Haasawaa: Jechoota Sirrii, Yeroo Sirrii Ta’etti Gargaaramuu (be ful. 199 key. 1-4)

Lak. 1: Waaqa Dhugumaan Jiru​​—⁠Yihowaatti Amanami (w02 1/15 ful. 5-7)

Lak. 2: Lakkoofsa 12:​1-​16

Lak. 3: Waaqayyo Tarkaanfii Adabaa Kan Fudhatu Ta’uunsaa, Jaalalsaa Wajjin Wal Hin Faallessuu?

Lak. 4: Kristos Duumessaan Argamaafi Biyyi Lafaa Utuu Isa Arguu, Kristiyaanota Amanamoo Gara Samiitti Fudhataa? (rs ful. 312 key. 2-ful. 313 key. 1)

Hag. 23 Dubbisa Macaafa Qulqulluu: Lakkoobsa 14-​16 Far. 91 (207)

Amala Haasawaa: Maatii Keenyaafi Warra Kaanii Wajjin Malaan Jiraachuu (be ful. 200 key. 1-4)

Lak. 1: Obboloota Ilaalcha Adda Addaa Gabbifatan (w02 1/15 ful. 21-3)

Lak. 2: w02 7/15 ful. 23 key. 15- ful. 24 key. 19

Lak. 3: Kristiyaanonni Qaamaan Gara Samiitti Ol Fudhatamuu Danda’uu? (rs ful. 313 key. 2-3)

Lak. 4:  Kristiyaanonni Haasaa Viidiyoo Gochawwan Gadheedhaan Guutaman Haasa’uu Kan Hin Qabne Maaliifi?

Hag. 30 Dubbisa Macaafa Qulqulluu: Lakkoobsa 17-​21 Far. 49 (114)

Amala Haasawaa: Yaada Ni Ta’a Jedhu Kan Qabduufi Kan Nama Jajjabeessitu Ta’i. (be ful. 202 key. 1–ful. 203 key. 1)

Irra Deebii Afaanii

Ful. 6 Dubbisa Macaafa Qulqulluu: Lakkoobsa 22-​25 Far. 54 (132)

Amala Haasawaa: Akkaataan Dhiheenyaa Ni Ta’a Jedhu Qabaadhu (be ful. 203 key. 2–ful. 204 key. 1)

Lak. 1: Biyyi Lafaa Durii Kan Bade Maaliifi? (w02 3/1 ful. 5-7)

Lak. 2: Lakkoobsa 22:​1-​19

Lak. 3: Kristiyaanonni Amanamoon Utuu Hin Du’iin Dhoksaadhaan Gara Samiitti Fudhatamuu? (rs ful. 313 key. 4–ful. 314 key. 3)

Lak. 4:  Warri Kristiyaanaa Ijoolleesaaniitiif Dubbisuu Kan Qaban Maaliifi?

Ful. 13 Dubbisa Macaafa Qulqulluu: Lakkoobsa 26-​29 Far. 32 (70)

Amala Haasawaa: Yeroo Warra Hidhata Amantii Keetii Wajjin Haasoftu (be ful. 204 key. 2–ful. 205 key. 4)

Lak. 1: Hir’inni Qaamaa Kan Hafu Akkamitti? (w02 5/1 ful. 4-7)

Lak. 2: Lakkofsa 29:​1-​19

Lak. 3: Guyyaa Rakkina Guddaatti Kristiyaanota Dhugaatiif Eegumsa Maaliitu Godhama? (rs ful. 314 key. 4–ful. 315 key. 3)

Lak. 4: Abdiin Waaqayyo Kenne, Karaa Kristos Yesus “Eeyyee” Kan Ta’u Akkamitti?

Ful. 20 Dubbisa Macaafa Qulqulluu: Lakkoobsa 30-​32 Far.14 (34)

Amala Haasawaa: Tuqaasaa Addeessuuf Irra Deddeebi’uu (be ful. 206 key. 1-4)

Lak. 1: Qajeelummaa Facaasuudhaan, Gaarummaa Jaalalaa Yihowaa Haammadhaa! (w02 7/15 ful. 28-​31)

Lak. 2: Lakkoobsa 30:​1-​16

Lak. 3: Kristiyaanonni Tokko Tokko Kristosii Wajjin Akka Ta’aniif Gara Samiitti Kan Fudhataman Maaliifi? (rs ful. 315 key. 5-8)

Lak. 4:  Fakkiiwwan Walquunnamtii Saalaa Argisiisanirraa Fagaachuu Kan Qabnu Maaliifi?

Ful. 27 Dubbisa Macaafa Qulqulluu: Lakkoobsa 33-​36 Far. 57 (136)

Amala Haasawaa: Yeroo Haasawaa Dhiheessituufi Tajaajilarratti Tuqaasaa Addeessuuf Irra Deddeebi’uu (be ful. 207 key. 1–ful. 208 key. 3)

Lak. 1: Qulqulloonni Dhugaa Sigargaaruu Kan Danda’an Akkamitti? (w02 9/15 ful. 4-7)

Lak. 2: w02 8/1 ful. 18 key. 15-ful. 19 key. 19

Lak. 3: ‘Qaamaan Butamuun Akka Jiru Ni Amantaa?’ (rs ful. 315 key. 9–ful. 316 key. 1)

Lak. 4: Ispoortii Balaa Geessisan Irratti Hirmaachuu Kan Hin Qabne Maaliifi?

Onk. 4 Dubbisa Macaafa Qulqulluu: Keessa Deebii 1-3 Far. 85 (191)

Amala Haasawaa: Matadureesaa Gabbisuu (be ful. 209 key. 1-3)

Lak. 1: Waaqayyoon Sirriitti Beekuudhaan Jajjabina Argamu (w02 10/1 ful. 5-7)

Lak. 2: Keessa Deebii 1:​1-​18

Lak. 3: Dhugaa Kan Ofii Kee Godhadhu Jechuun Maal Jechuudha?

Lak. 4: Namootaafi Iddoo Kanaan Dura Hin Beekne Akka Beeknu Ta’ee Nutti Dhagahamuunsaa Rii’inkarneeshiniin Dhugaa Ta’uusaa Mirkaneessaa? (rs ful. 316 key. 2-ful. 318 key. 1)

Onk. 11 Dubbisa Macaafa Qulqulluu: Keessa Deebii 4-6 Far. 81 (181)

Amala Haasawaa: Mataduree Sirrii Ta’e (be ful. 210 key. 1–ful. 211 key. 1; saanduqa ful. 211)

Lak. 1: 537 L.B.D. Jalqabee Hanga 997 L.B.D. Gara Boodaatti Lakkaa’uu (si ful. 285 key. 5-7)

Lak. 2: Keessa Deebii 4:​1-​14

Lak. 3: Yaadni Yohannis 9:​1, 2 Irratti Galmeeffamee Argamu Rii’inkaarneeshinii Kan Hin Deggerre Maaliifi? (rs ful. 318 key. 2–ful. 319 key. 2)

Lak. 4: ‘Waa’ee Foonii Yaaduun Maalfaa Dabalataa’?

Onk. 18 Dubbisa Macaafa Qulqulluu: Keessa Deebii 7-​10 Far. 45 (106)

Amala Haasawaa: Xuqaawwan Gurguddaa Ijoo Ta’an Addeeffamanii Akka Beekaman Gochuu (be ful. 212 key. 1–ful. 213 key. 1)

Lak. 1: 997 L.B.D. Jalqabee Hanga 2370 L.B.D. Gara Boodaatti Lakkaa’uu (si ful. 285-6 key. 8-​11)

Lak. 2: w02 8/15 ful. 15 key. 3-ful. 16 key. 6

Lak. 3: Abdii Macaafni Qulqulluun Kennuufi Rii’inkaarneeshinii Gidduu Garaagarummaa Hangamiitu Jira? (rs ful. 319 key. 3-4)

Lak. 4:  Yihowaan Gantoota Akkamitti Ilaala?

Onk. 25 Dubbisa Macaafa Qulqulluu: Keessa Deebii 11-​13 Far. 27 (57)

Amala Haasawaa: Xuqaawwan Gurguddaan Hin Baay’atin (be ful. 213 key. 2–ful. 214 key. 5)

Irra Deebii Afaanii

Sad. 1 Dubbisa Macaafa Qulqulluu: Keessa Deebii 14-​18 Far. 9 (26)

Amala Haasawaa: Seensa Haawwiin Dhaggeeffachuuf Nama Kakaasu (be ful. 215 key. 1–ful. 216 key. 4)

Lak. 1: 2370 L.B.D. Jalqabee Hanga 4026 L.B.D. Gara Boodaatti Lakkaa’uu (si ful. 286-7 key.12-​15

Lak. 2: Keessa Deebii 14:​1-​23

Lak. 3: Namni Tokko, ‘Ani Rii’inkaarneeshinittan Amana’ Yoo Jedhehoo? (rs ful. 320 key. 1-3)

Lak. 4: Kristiyaanonni Jireenyasaanii Salphaa Gochuu Kan Qaban Maaliifi?

Sad. 8 Dubbisa Macaafa Qulqulluu: Keessa Deebii 19-​22 Far. 28 (58)

Amala Haasawaa: Namoonni Tajaajila Dirreerratti Argattu, Xiyyeeffannaan Akka Sidhaggeeffatan Gochuu Kan Dandeessu Akkamitti? (be ful. 217 key. 1-4)

Lak. 1: Jireenya Yesus Lafarratti Dabarse (si ful. 291 key. 16-17)

Lak. 2: Keessa Deebii 21:​1-​17

Lak. 3: Amantii Baay’een Kan Jiraatan Maaliifi? (rs ful. 321 key. 1–ful. 322 key. 2)

Lak. 4: Fakkeenyawwan Macaafa Qulqulluu Keessatti Argamanirraa Miira Abdii Kutachuu Mo’uuf Kan Nugargaaran Akkamitti?

Sad. 15 Dubbisa Macaafa Qulqulluu: Keessa Deebii 23-​27 Far. 70 (162)

Amala Haasawaa: Seensa Keerratti Matadureekee Ifa Gochuu (be ful. 217 key. 5–ful. 219 key. 1)

Lak. 1: Waggoota Yesus Tajaajilaan Dabarse (si ful. 291 key. 18-​19)

Lak. 2: Keessa Deebii 24:​1-​16

Lak. 3: Namoota Deggersa Waaqayyoo Qaban Addaan Baasnee Beekuu Kan Dandeenyu Akkamitti?

Lak. 4: Amantiin Hundinuu Karaan Itti Gaarii Ta’u Qaba Yaadi Jedhu Dhugaadhaa? (rs ful. 322 key. 3-ful. 323 key. 1)

Sad. 22 Dubbisa Macaafa Qulqulluu: Keessa Deebii 28-​31 Far. 12 (32)

Amala Haasawaa: Yaada Xumuraa Bu’a Qabeessa (be ful. 220 key.1-3)

Lak. 1: Bara Ergamootaa (si ful. 291-2 key. 20-3)

Lak. 2: Keessa Deebii 29:​1-​18

Lak. 3: Amantii Warra Ofii Dhiisuun Sirriidhaa? (rs ful. 323 Key. 2-4)

Lak. 4: Kristiyaanonni Seers Qabeeyyii Ta’uu Kan Qaban Maaliifi

Sad. 29 Dubbisa Macaafa Qulqulluu: Keessa Deebii 32-​34 Far. 34 (77)

Amala Haasawaa: Yaada Xumuraa Ilaalchisee Xuqaawwan Itti Yaadamuu Qaban (be ful. 220 key. 4–ful. 221 key. 4)

Lak. 1: Adeemsa Misiyoonummaa Phaawulos, Isa Lammaffaa (si ful. 292-3 key. 24-5)

Lak. 2: w02 10/15 ful. 11 key. 10-​13

Lak. 3: Karaawwan Maqaa Waaqayyoo Itti Qulqulleessuu Dandenyu

Lak. 4: Amantii Walitti Makuu Ilaalchisee Macaafni Qulqulluun Ilaalcha Maalii Qaba? (rs ful. 324 key. 1–ful. 325 key. 1)

Mud. 6 Dubbisa Macaafa Qulqulluu: Iyaasuu 1-5 Far. 18 (42)

Amala Haasawaa: Tajaajilarratti (be ful. 221 key. 5–ful. 222 key. 6)

Lak. 1: Adeemsa Misiyoonummaa Phaawulos Isa Sadaffaafi, Xumura Waggaa Tajaajilasaa, A.L.B. 56-​100⁠tti. (si ful. 293 key. 26-​30)

Lak. 2: Iyaasuu 4:​1-​14

Lak. 3: Miseensa Amantii Gurmaa’e Tokkoo Ta’uun Barbaachisaadhaa? (rs ful. 325 key. 2–ful. 326 key. 1)

Lak. 4: Qilleen Ayyaana Kristiyaanonni Kabajuu Qabanidhaa?

Mud. 13 Dubbisa Macaafa Qulqulluu: Iyaasuu 6-8 Far. 95 (213)

Amala Haasawaa: Odeeffannoo Sirrii Dabarsuu (be ful. 223 key. 1-5)

Lak. 1: Dhiifama Gaafachuun Nagaa Buusuuf Furtuudha (w02 11/1 ful. 4-7)

Lak. 2: Iyaasuu 6:​10-​23

Lak. 3: Manaa Gara Manaatti Deemnee Lallabuu Keenya Dhaabuu Kan Hin Qabne Maaliifi?

Lak. 4: Kan Barbaachisu Nama Garabiraa Jaallachuu Qofaa? (rs ful. 326 key. 3)

Mud. 20 Dubbisa Macaafa Qulqulluu: Iyaasuu 9-​11 Far. 56 (135)

Amala Haasawaa: ‘Dubbii Amanamaatti Jabaatanii Qabamuu’ (be ful. 224 key. 1-4)

Lak. 1: Irree Keessan Jabeeffadhaa (w02 12/1 ful. 30-​1)

Lak. 2: w02 11/15 ful. 18 key. 19-ful. 19 key. 23

Lak. 3: Dhuunfaatti Waaqayyoo Wajjin Walitti Dhihaachuun Dirqama Barbaachisaadhaa? (rs ful. 326 key. 4–ful. 327 key. 1)

Lak. 4:  Nama Nagaa Ta’uu Jechuun Maal Jechuudha?

Mud. 27 Dubbisa Macaafa Qulqulluu: Iyaasuu 12-​15 Far. 76 (172)

Amala Haasawaa: Odeeffannoo Sirrii Ta’uusaa Mirkaneessuu (be ful. 225 key. 1-3)

Irra Deebii Afaanii

Obboloota dhiiraa qofaaf kan kennamu.

Hanga yeroon si heyyametti, namoota yaada mormii dhiheessaniif deebiiwwan kennaman yeroo dhiheessitu, yaada naannoo sanaaf caalaatti barbaachisaa ta’erratti xiyyeeffadhu.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi