Faarfannaa
Faarfannaa Asaaf.+
3 Isa rakkataa fi isa abbaa hin qabneef falmaa.*+
Isa gargaarsa hin qabnee fi rakkina irra buʼeef haqaan murtii kennaa.+
4 Isa rakkataa fi isa hiyyeessa baraaraa;
Harka hamootaa jalaas isaan oolchaa.”
5 Isaan hin beekan, hin hubatanis;+
Dukkana keessa asii fi achi deemaa jiru;
Hundeewwan lafaa hundi kirkiraa jiru.+
8 Yaa Waaqayyo, saboonni hundi kan kee waan taʼaniif,
Kaʼi, lafaafis murtii kenni.+