Faarfannaa
Geggeessaa muuziqaatiif; Giitiititti.* Faarfannaa Asaaf.+
81 Waaqa isa jabina keenya taʼeef ililchaa.+
Waaqa Yaaqoobiif miira injifannootiin ililchaa.
2 Muuziqaa taphachuu jalqabaa, dibbees rukutaa,
Baganaa namatti toluu fi meeshaa muuziqaa ribuu qabus fudhadhaa.
3 Guyyaa ayyaana keenyaatiif, guyyaa baatii haaraatti,
Guyyaa baatii guutuutti xurumbaa afuufaa.+
4 Sababiin isaas, kun Israaʼeliif labsii dha,
Murtii Waaqa Yaaqoob biraa dhufe dhas.+
Ani sagalee* akkana jedhuu fi hin hubanne kana nan dhagaʼe:
6 “Baʼaa isaa gateettii isaa irraa nan fuudhe;+
Harki isaas guuboo baachuu irraa bilisa taʼee ture.
7 Yeroo dhiphinaa keetti na waammatte, anis sin oolche;+
Duumessa kakawweedhaan guutame keessaa* deebii siif nan kenne.+
Bishaanota Mariibaa* biratti sin qore.+ (Seelaa)
8 Yaa saba koo, na dhagaʼi, ani si irratti ragaa nan baʼa.
Yaa Israaʼel, utuu na dhageesseetta taʼee silaa gaarii ture.+
9 Si gidduu waaqni keessummaa taʼe hin jiraatu,
Atis waaqa ormaatiif hin sagaddu.+
10 Ani Yihowaan Waaqa kee
Isa biyya Gibxii keessaa si baase dha.+
Afaan kee balʼisii banadhu, anis isa nan guuta.+
11 Sabni koo garuu sagalee koo hin dhageenye;
Israaʼel naaf hin ajajamne.+
12 Kanaafuu, garaa isaanii isa didaa duukaa akka buʼan isaan nan dhiise;
13 Maal taʼa sabni koo utuu na dhagaʼeera taʼee,+
Israaʼel daandiiwwan koo irra utuu deemeera taʼee!+
14 Silaa ani dafee diinonni isaanii akka isaaniif bitaman nan godha,
Harka koos hamajaajii isaanii irratti nan kaasan ture.+
15 Warri Yihowaa jibban isa duratti ni hollatu,
Wanti dhuma irratti isaanitti dhufus* bara baraaf itti fufa.