17 Yihowaan inni si furu, Inni Qulqulluun kan Israaʼel akkana jedha:+
“Ani Waaqa kee Yihowaa
Isa wanta si fayyadu si barsiisu,+
Karaa irra deemuu qabdu irras si geggeessu dha.+
18 Ajajawwan koo xiyyeeffannaadhaan utuu dhageesseetta taʼee akkam gaarii ture!+
Silaa nagaan kee akkuma lagaa,+
Qajeelummaan kees akkuma dambalii galaanaa ni taʼa.+