-
Baʼuu 20:2-5Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
2 “Ani Waaqa kee Yihowaa isa biyya Gibxii keessaa, mana garbummaa jalaa si baase dha.+ 3 Ana biratti* waaqolii kan biroo akkamii iyyuu hin qabaatin.+
4 “Wanta ol gubbaa samii keessa jiru yookiin gad lafa irra jiru yookiin lafa jala bishaan keessa jiru kam iyyuu fakkeessitee ofii keetiif fakkii bocame yookiin fakkii kan biraa hin tolfatin.+ 5 Ati isaaniif hin sagadin yookiin gowwoomfamtee isaan hin tajaajilin;+ sababiin isaas, ani Waaqni kee Yihowaan Waaqa namoonni guutummaatti akka isaaf bulan barbaadu,+ akkasumas warra isa jibban cubbuu abbootiitiif ilmaan irratti, dhaloota sadaffaa irrattii fi dhaloota arfaffaa irratti adaba fidu dha;
-