Hojii Gargaarsa Waaqayyoo Qabu
1 Tajaajiltoota Waaqayyoo yeroo har’aatti argaman keessaa, barumsa guddaa, qabeenyaafi kan aboo qaban namoota xiqqoodha. Kanaafuu, namoonni tokko tokko, tajaajila keenya akka waan faayidaa hin qabneetti ilaaluudhaan balaaleffatu. (Isa. 53:3) Haata’u malee, hojiin Macaafa Qulqulluu barsiisuu kun, namoota miiliyoonaan lakkaa’aman addunyaa maratti argamaniif jajjabinaafi abdii argamsiiseera. Namoonni bakki guddaan hin kennamneef kun, bu’aa guddaa akkasii argachuu kan danda’an akkamitti? Gargaarsa Waaqayyootiin qofa! (Mat. 28:19, 20; HoE. 1:8) Phaawulos: “Waaqayyo warra jaboo yeellaasisuudhaaf waan biyyi lafaa dadhabaatti lakkaa’u fo’ate” jechuudhaan ibseera.—1 Qor. 1:26-29.
2 Ergamoonniifi Kristiyaanonni jaarraa duraa ‘Barumsa dheeraa kan hin qabneefi kan hin beekamne’ turan. (HoE. 4:13) Haata’u malee, hojii misraachoo lallabuu itti kenname ija jabinaan waan hojjetaniif, Yihowaan carraaqqiisaanii eebbiseeraaf. Gufuuwwaniifi mormiiwwan addaddaa jiraatanillee, ‘dubbiin gooftaa humna isaa argisiisee, bal’achaa, guddachaas adeemeera.’ Hojichi gargaarsa Waaqayyoo waan qabuuf, homtinuu isa dhaabsisuu hin dandeenye. (HoE. 5:38, 39; 19:20) Haalli yeroo har’aa jirus kanuma fakkaata. Bulchitoota aangoo qabaniin mormii cimaan irra ga’ullee, misraachichi bal’achaafi guddachaa akka hin adeemne gochuu hin dandeenye.—Isa. 54:17.
3 Waan Hundumaatiif Kan Galateeffatamuu Qabu Waaqayyodha: Tajaajiltoota Waaqayyoo ta’uudhaan mirga addaa argachuun keenya akka of jajnu sababa ta’uu danda’aa? Matumaa! Phaawulos tajaajila Kristiyaanummaa ilaalchisee: “Ammas nuyi warri wanta gati-jabeessa akkasii fudhanne kun, akka qodaa suphee ti; kana eeguudhaaf humni humna gararraa kan keenya utuu hin ta’in kan Waaqayyoo ti.” jechuudhaan barreesseera. (2 Qor. 4:7) Phaawulos tajaajilasaa raawwachuu kan danda’e jajjabina Waaqayyo kenneefiin qofa ta’uusaa hubateera.—Efe. 6:19, 20; Filp. 4:13.
4 Nuyis haaluma wal fakkaatuun, hojii lallabaa kana kan raawwannu ‘gargaarsa Waaqayyootiin’ ta’uusaa beekna. (HoE. 26:22) Yihowaan hojii lallabaa keenya isa addunyaa maratti geggeeffamuun saba lafarraa sochoosuudhaaf haala dinqisiisaa ta’een nutti gargaaramaa kan jiru yeroo ta’u, kunis badiisni yeroo dhihootti akka ga’u kan argisiisudha. (Hag. 2:7) Hojii makara hafuuraa isa guddaa kanarratti, ‘Waaqayyoo wajjin hojjechuu’ keenyaan hammam eebbifamneerraa!—1 Qor. 3:6-9. Hiika bara 1899.