Sagantaa Walga’ii Tajaajilaa
Torban Caamsaa 10 Jalqabu
Faarfannaa 86 (193)
Daq. 10: Beeksisa gumii. Beeksisawwan Tajaajila Mootummaarraa filataman. Naannoo gumii keessanitti yaadni seensaa fuula 6 irra jiru bu’a qabeessa yoo ta’e, isaaniin gargaaramanii Masaraa Eegumsaa Bitootessa 1 fi Dammaqaa! Bitootessa 2004 yeroo raabsamu kan argisiisu hojiin argisiisni akka dhihaatu godhi. Yaadawwan seensaa kan biraas fayyadamuu ni dandeessu. Namoonni “Amantaa mataa koo qaba” jedhan mormii kaasaniif karaa adda addaa ennaa deebii kennan kan argisiisu haata’u.—Kitaaba Caaffata Qulqullaa’aarraa Ragaa Dhiheessuu jedhamu, fuula 18-19 ilaali.
Daq. 15: Tokkummaa Keenya Eeguu. Kitaaba Tajaajila Keenya Raawwachuuf Gurmaa’uu jedhamu, fuula 153-157rratti hundaa’ee, dhageeffatotaa wajjin mariidhaan kan dhihaatu. Hojii gad aanaaf, namoota barumsa dheeraa hin qabneef ykn hiyyeeyyii ta’aniifi gosa adda addaa ta’aniif ilaalcha qabnurratti foyya’insa akkamii gochuu akka qaban ibsi.
Daq. 20: “Garaa Bal’adhaa.” Yaada seensaa daqiiqaa tokko hin guunneen jalqabamee gaaffiifi deebiidhaan kan dhihaatu. Yaada kitaaba Tokkummaa Waaqeffannaa Waaqni Dhugaa Inni Tokkichi Argamsiise jedhamu, fuula 138, keeyyata 17rra jiru dabalii dhiheessi.
Faarfannaa 88 (200) fi kadhannaa xumuraa.
Torban Caamsaa 17 Jalqabu
Faarfannaa 20 (45)
Daq. 10: Beeksisa gumii.
Daq. 15: “Galateeffannaa Keessan Argisiisaa.” Yaada seensaa daqiiqaa tokko hin guunneen jalqabamee gaaffiifi deebiidhaan kan dhihaatu. Hanga yeroon siiheyyametti, dhaggeeffattoonni caqasawwan kennamanirratti yaada akka kennan afeeri. Keeyyata 3rratti yeroo mari’attan, yeroo dhihootti qajeelchaa gargaaraa kan ta’an keessaa tokko ykn lama eebba argatan akka dubbatan afeeri.
Daq. 20: Walii Keenyaaf ni Yaadna. (1 Qor. 12:25, 26) Kitaaba Tajaajla Keenya Raawwachuuf Gurmaa’uu jedhamu fuula 157-159, mata duree xiqqaa, “Waliif Yaaduu” jedhurratti hundaa’ee, haasawaafi marii dhaggeeffattootaa wajjin godhamuun kan dhihaatu. Sabni Yihowaa guutummaa lafaarra kan jiraatan ta’uyyuu, hundisaanii tokkummaa qabu. Yeroo hundaa waa’ee obboloota keenyaa kadhachuutu nurra jira. Yeroo barbaachisaa ta’etti gargaarsa ariifachiisaa kennuuf dammaqoodha. Caqasawwan furtuu ta’an dubbisaatii irratti mari’adhaa; muuxannoowwan barreeffamawwan keenyarratti argaman tokko ykn lama dabalii dhiheessi.
Faarfannaa 23 (48) fi kadhannaa xumuraa.
Torban Caamsaa 24 Jalqabu
Faarfannaa 12 (32)
Daq. 12: Beeksisa gumii. Gabaasa herregaa. Dammaqaa! Bitootessaa 22 [Ingiliffa] akkamitti akka raabsamu kan argisiisu hojiin argisiisni haadhihaatu. Nama amantaa naannoosanaa hordofu akka tuqutti haadhihaatu.
Daq. 15: “Muuziqaa Nama Jajjabeessu.” Haasawaafi marii dhaggeeffattootaa wajjin godhamuun kan dhihaatu. Yaada Kitaaba Waggaa 2002, fuula 175, fi Masaraa Eegumsaa, Guraandhala 1, 1997, fuula 27, keeyyata 1, 2rra jiru dabalii dhiheessi.
Daq. 18: Yeroo hundumaa Manaa Gara Manaattifi Karaa Alidilee ta’een Dhugaa Ba’uuf Qophaa’oo Ta’aa. Tajaajila Mootummaa Caamsaa 2003 fuula 1rratti mata duree “Tajaajila Manaa Gara Manaa Yeroo Ammaa Waggaa Dhibba Lakkoofsise Kana Irratti Hirmaachaa Jirtuu?” jedhuufi Tajaajila Mootummaa Waxabajjii 2003 fuula 3rratti hundaa’ee, haasawaafi marii dhaggeeffattootaa wajjin godhamuun kan dhihaatudha. Manaa gara manaatti lallabudhaan muuxannoowwan argatan akka dubbataniif dursiitii obboolota muraasa qopheessi. Traaktiin Waa’ee Macaafa Qulqulluu Caalaatti Beekuu Ni Barbaaddaa? jedhamuufi bukleetiin Guud Niiwus Foor Ool Neeshin jedhaman karaa aldilee ta’een yeroo raabsaman kan argisiisu hojiin argisiisni gabaabaan akka dhihaatu godhi.
Faarfannaa 93 (211) fi kadhannaa xumuraa.
Torban Caamsaa 31 Jalqabu
Faarfannaa 9 (26)
Daq. 8: Beeksisa gumii. Babal’istoonni gabaasa tajaajilaa ji’a Caamsaa akka deebisan yaadachiisi.
Daq. 17: Jireenyi—Kennaa Guddaa Eegumsi Godhamufi Qabudha. Kitaaba Caaffata Qulqullaa’aarraa Ragaa Dhiheessuu jedhamu fuula 25-26rratti hundaa’ee mariidhaan dhihaatu. Yaada Dammaqaa! Amajjii - Bitootessa 1994, fuula 10, 11rra jiru dabalii dhiheessi. Dubartiin, dhimmoota waa’ee qaama ishee ilaalanirratti murteessuuf mirga qabdi jedhee nama amanuuf, Yihowaan ulfa baasuudhaaf ilaalcha qabu akkamitti ibsita? Muuxannoo Masaraa Eegumsaa Amajjii 1, 2000, fuula 4, keeyyata 4-5rra jiru dabalii dhiheessi.
Daq. 20: “Namoota Taayitaarra Jiraniif Ilaalcha Sirrii Ta’e Qabaachuu.” Kitaaba Nagaafi Tasgabbii Dhugaa Eessaa Argachuu Dandeessa? jedhamu fuula 134-136rratti hundaa’ee, haasawaafi marii dhaggeeffattootaa wajjin godhamuun kan dhihaatu. Keeyyata 13-15rratti xiyyeeffachuudhaan, qabxiiwwan kanaa gadi jiranirratti mari’adhaa: Kitaabolii, muuziqaa ykn meeshaalee elektiriikii wajjin haala walqabateen, amanamummaaniifi kabajni namoota taayitaarra jiraniif argisiisnu, ilaalcha seera mirga waraabbiitiif qabnu kan tuqu akkamitti? Kristiyaanni tokko, sagantaawwan koompiitaraa hiriyootasaatiif maxxansuusaa dura, maal mirkaneessuu qaba? Warri kaan mallattoolee tiraafikii eeguu baataniyyuu, nuyi eeguu kan qabnu maaliifi? Seerri tiraafikii warra miillaan deemaniifi bishikiliitii oofanirratti ni hojjetaa? Warri konkolaataa qaban waan konkolaachisan ilaalchisee seerawwan akkamii yaadachuu qabu? Warri hojii daldalaarra jiran seera eeguu qaban maaltu jira? Dallaa ykn mana keenya buukeetti dabalanii ijaaruu dabalatee seera hordofuu qabnu maaltu jira? Abbootiin taayitaa dhimma tokko akka nuuf raawwatan jennee, matta’aa akkamiiyyuu kennuufii kan hin qabne maaliifi? (Fakkeenya 17:23) Kana gochuun, gaarummaa nuu godhameef kennaa muraasa kennuurraa adda kan ta’e akkamitti?--Qol. 3:15.
Faarfannaa 14 (34) fi kadhannaa xumuraa.
Torban Waxabajjii 7 Jalqabu
Faarfannaa 57 (136)
Daq. 10: Beeksisa gumii. Yaada ijoo “Qophii Namoota Gargaaruuf Godhame” jedhurratti mari’adhaa. Afaan naannoo keessanitti dubbataman keessa tokko tokko maqaa dha’i.
Daq. 15: Akka Gumiif barbaachisutti itti fayyadamaa.
Daq. 20: Yommuu barsiistan fakkeenya bu’a qabeessa ta’etti gargaaramaa. Masaraa Eegumsaa Fulbaana 1, 2002, fuula 22-24rratti hundaa’ee marii dhaggeeffattootaa wajjin godhamuun kan dhihaatu. Fakkeenya tokko bu’a qabeessa kan godhan wantoonni afuur maal fa’i? Fakkeenya salphaa ta’een gargaaramuun bu’aa maalii qaba? Fakkeenya bu’a qabeessa ta’e eessaa argachuu dandeenya? Fakkeenyawwan saanduqa fuula 23rra jiran keessaa tokko tokko dhiheessiitii, tokkoon tokkoonsaanii bu’a qabeessa kan isaan taasise maal akka ta’e ibsi.
Faarfannaa 55 (133) fi kadhannaa xumuraa.