Namoota Taayitaarra Jiraniif Ilaalcha Sirrii Ta’e Qabaachuu *
“Nuyi namaaf abboomamuu irra, Waaqayyoof abboomamuutu nu irra jira.” (HoE. 5:29) Dirqama kana guutuun waan mootummaan nurraa barbaadu wajjin walsimuu dhiisuu danda’uyyuu, ta’e jennee seera nutti hin tolle cabsuu wajjin addadha. Ilaalcha mataa keenyaatiin, seerri tokko kan hin barbaachisne, ykn garmalee jabaataa ta’ee nutti akka argamu beekamaadha. Haata’u malee, kun, seerawwan ajaja Waaqayyoo wajjin wal hin faallessine cabsuuf sababii hin ta’u. Namoonni seerawwan isaaniif faayidaa argamsiisan qofaa kan kabajan yoo ta’ehoo? Bu’aansaa jeequmsa uumuu ta’a.
Yeroo booda namni tokko, waan qabamee hin adabamneef taayitaa kabajuu dhiisuufi waan garaasaa gochuu akka danda’u itti dhaga’amuu danda’a. Jalqabarratti seerota xixiqqoo ennaa cabsu yoo adabamuu baate, wanta guddaa seeraan ala ta’e raawwachuuf kaka’uu danda’a. Lallaba 8:11rratti akkas jedhameera: “Adabni warra wanta hamaa hojjetan irra dafee waan hin geenyeef, garaan ilmaan namootaa guutummaatti wanta hamaa hojjechuutti in jabaata.” Haata’u malee, seeraaf kan ajajamnu adaba sodaannee ta’uu qabaa? Kristiyaanni tokko garuu wanti ajajamuuf isa kakaasu waan kanarra caalu ta’uu qaba. Sababiin inni guddaan qalbii qulqulluu qabaachuuf fedhii qabnu akka ta’e Phaawulos dubbateera. (Rom. 13:5) Namni qalbiinsaa seerawwan bu’uuraa Macaafa Qulqulluutiin leenjifame, waan seeraan ala ta’e raawwachuun, ‘waan Waaqayyo dhaabeen mormuu’ akka ta’e ni beeka. (Rom. 13:1, 2) Waan nuyi goonu warri kaan beekanis beekuu baatanis, Waaqayyo garuu beeka; jireenyi keenya inni fulduraa kan hundaa’es isarratti.—1 Phe. 2:12-17.
Ilaalcha dargaggoon tokko barsiisaasaatiif qabuufi namni tokko kan isa qacareef qabuunis seerri bu’uuraa kun ni hojjeta. Namoonni naannoo keenya jiraatan waan dogoggora ta’e raawwachuunsaanii dhiibbaa nurraan geessisuu hin qabu. Barsiisaan keenyas ta’e namni nuhojjechiisu wanta goonu argus arguu baatus, jijjiirama tokkoyyuu nurratti fiduu hin qabu. Kan nuyaaddessuu qabu, wanti sirrii ta’e isa kami? Waaqayyoon kan gammachiisu maalidha? gaaffii jedhudha. Akkasumas, wanta seera Waaqayyoofi seera bu’uuraa qajeelummaa wajjin wal hin faallessine akka goonu utuu gaafatamne ajajamuun nurra jira. Barsiisonni bakka buutota ‘warra biyya bulchanii’ waan ta’aniif kabajamuu qabu. Tiitoos 2:9, 10rratti Phaawulos kan dubbate, walitti dhufeenya bulchitootaafi hojjettoota gidduu jiru ilaalchisee ta’uyyuu, seerri bu’uuraa achirratti argamu warra biyya bulchaniifis ni hojjeta. Phaawulos akkas jedhe: “Itti haa tolan, . . . Barsiisichi waa’ee Waaqayyo fayyisaa keenyaa dubbatu kun, waan hundumaatti akka namatti tolee mul’atu gochuudhaaf, isaan guutummaatti amanamummaa gaarii haa argisiisan”. Kanaafuu, dhiibbaa hafuura Seexanaa isa ‘namoota Waaqayyoof hin abboomamne gidduutti hojjechaa jiruu’ ofirraa ittisuufi warra hidhata amantaa keenyaa ta’anii wajjin walitti dhufeenya nagaa qabaachuu qabna.—Efe. 2:2, 3.
[Miiljalee]
* Barumsi kun, kitaaba Nagaafi Tasgabbii Dhugaa-Eessaa Argachuu Dandeessa? (Ingiliffa) jedhamu fuula 134-6rraa kan fudhatamedha.