LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • km 6/04 ful. 3
  • Irra Deebii Mana Barumsaa Tajaajila Ti’ookraasii

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Irra Deebii Mana Barumsaa Tajaajila Ti’ookraasii
  • Tajaajila Mootummaa—2004
Tajaajila Mootummaa—2004
km 6/04 ful. 3

Irra Deebii Mana Barumsaa Tajaajila Ti’ookraasii

Gaaffiiwwan kanaa gaditti jiran, Mana Barumsaa Tajaajila Ti’ookraasii torban Waxabajjii 28, 2004, jalqabutti kan irratti mar’iatamudha. Ilaaltuun olaanaa mana barumsichaa, barreeffamawwan, gaaffiiwwan irra deebii torban Caamsaa 3 hanga Waxabajjii 28, 2004⁠rratti hundaa’uudhaan daqiiqaa 30f irra deebicha gaggeessa. [Yaadachiisa: Gaaffiiwwan booda barreeffamni deebiin irratti argamu hin caqasamne taanaan, deebiiwwan argachuuf dhuunfaatti qorannaa godhi.​—Kitaaba Mana Barumsaa Tajaajilaa ful. 36-7 ilaali.]

AMALAWWAN HAASAWAA

1. Yommuu waltajjiirraa haasawaa dhiheessinu haasawaan keenya kan uumamaa akka hin taane ykn gogaa akka ta’u kan godhu maalidha? [be ful. 179 key. 4]

2. Akkaataa sagalee keenyaa fooyyessuu jechuun, haala hafuura itti baafannu to’achuufi irreewwan dhiphatan laaffisuu jechuu qofa kan hin taane maaliifi? [be ful. 181 key. 2]

3. Dhugaa Macaafa Qulqulluu warra kaaniif yeroo hirru, ‘namoota hundumaa biratti waan fakkaatu hundumaa ta’uuf’ tarkaanfii hojiirra ooluu danda’u akkamii fudhachuu dandeenya? (1 Qor. 9:​20-​23) [be ful. 186 key. 2-4]

4. Tajaajila keenyarratti xiyyeeffannaadhaan namoota dhaggeeffachuun maal dabalata? [be ful. 187]

5. Namoota tajaajilarratti argannu hundumaa kabajuu kan qabnu maaliifi? [9, be ful. 190]

HAASAWAA LAK. 1

6. Obboloonni qajeelfama Ti’ookraasii dabarsan kaayyoonsaanii maalidha? Kaayyoo kana bakkaan ga’uuf maaltu nugargaaruu danda’a? (Mat. 5:​16; Yoh. 7:​16-​18) [be ful. 56 key. 3–ful. 57 key. 2]

7. Yommuu barsiisnu wantoota walbira qabuu kan qabnu maaliifi? Yesus mala kana hojiirra kan oolchehoo akkamitti? [be ful. 57 key. 3; ful. 58 key. 2]

8. Haala barumsa Fariisotarraa adda ta’een, barumsi Yesus yaada garaa namootaa tuqee kan ture akkamitti? [be ful. 59 key. 2-3]

9. Murtoo akkamiiyyuu utuu isaaniif hin godhin, namoonni barsiisnu waan baratan hojiirra akka oolchan gargaaruu kan dandeenyu akkamitti? [be ful. 60 key. 1-3]

10. Murtoo dhuunfaasaaniitiin gochuu qaban ilaalchisee warri kaan gaaffii yoo nugaafatan, deebii kennuu kan qabnu akkamitti? [be ful. 69 key. 4-5]

DUBBISA MACAAFA QULQULUU KAN TORBANII

11. Museen, ‘iddoo buufata sanaafi mi’asaa hundumaa akka fakkeenya’ isaaf kennameetti hordofuu kan qabu maaliif ture? (Bau. 25:​9) [w03 2/15 ful. 29]

12. Yeroo baay’ee, qalmi gubamu dhihaachuusaa dura, aarsaan sababii cubbuutiif dhihaatu maal argisiisa? (Lew. 8:​14, 18; 9:​2,​3) [w00 8/15 ful. 16 key. 16; ful. 19 key. 8]

13. Israa’eloonni, abboommii Yihowaan Ba’uu 34:​23, 24⁠rratti kenneef ajajamuudhaan amantii qaban argisiisuusaaniirraa maal baranna?

14. Qalmi araaraa kan dhihaatu maaliif ture? (Lew. 3:​1)

15. Yeroo har’aa, akkaataa tajaajila qulqulluu itti dhiheessinu ilaalchisee, Ba’uu 30:​9⁠rraa maal baranna? [w00 11/15 ful. 14 key. 16]

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi