Qayyabannaan Kitaabaa —Kan Nu Barbaachisu Maaliifi?
1 Bara 1895tti, Dhugaa Baatonni Yihowaa yeroo sanatti Barattoota Macaafa Qulqulluu jedhaman, qayyabannaadhaaf walitti ennaa qabaman tuutnisaanii Daawun Sarkil Foor Baayibil Stadii jedhama ture. Qayyabannaansaanii jildii Miliiniyaal Daawun jedhamurratti kan hundaa’e ture. Booddee, tuutni qayyabannaa kun Beeriyaan Sarkils Foor Baayibil Stadii jedhamee moggaafame. (HoE. 17:11) Yeroo baay’ee tuutni xiqqoon kun, galgala tuuta sanaaf mijaa’aa ta’etti mana dhunfaatti walga’a ture. Qayyabannaan Kitaabaa kan jalqabame haala akkasiitiini.
2 Jajjabinaafi Gargaarsa Argamu: Gareen qayyabannaa kitaabaa itti yaadamee lakkoofsisaa akka xinnaatu kan godhameef, warri walga’ii kanarratti argaman amantiisaanii akka ibsaniif carraa guddaa akka kennuufi. Bu’aansaas ‘amantii waliitiin jajjabeeffamuufi wal jajjabeessuudha’.—Rom. 1:12.
3 Akkaataa ilaaltuun olaanaa qayyabannaa kitaabaa itti barsiisu hubachuun keenya, ‘dubbicha isa dhugaa qajeeltootti hojjechuuf’ nu gargaaruu danda’a. (2 Xim. 2:15) Caqasawwan barumsa sanarratti argaman akkamitti akka addeessu hubadhu. Barreeffamni qayyabatamu kanaaf mijaa’aa yoo ta’e, Macaafa Qulqulluu qofaan gargaaramee gaaffiiwwan irra deebiirratti yaadawwan ijoo irra deebi’uu danda’a. Fakkeenyisaa tajaajila keenyarratti akkaataa itti namoota barsiisnu fooyyessuuf nu gargaaruu danda’a.—1 Qor. 11:1.
4 Ilaaltuun olaanaa qayyabannaa kitaabaa, barumsa torbanii geggeessuu malees, hojii lallabaarratti dursa fudhata. Ilaaltuu olaanaa tajaajilaa wajjin ta’uudhaan, qophii tajaajilaaf mijaa’aa ta’e qopheessa. Miseensonni tuuta sanaa hundumtuu misiraachoo lallabuufi bartoota gochuuf itti gaafatamummaa qaban akka raawwatan gargaaruuf carraaqa.—Mat. 28:19, 20; 1 Qor. 9:16.
5 Ilaaltuun olaanaa qayyabannaa kitaabaa, haala hafuuraa tokkoon tokkoon miseensonni tuuta sanaa qabaniif ni yaadda’a. Kanas gumiirrattiifi warra kaanii wajjin tajaajiluudhaan argisiisa. Ennaa manasaanii dhaqee obboloota daawwatu, carraa kana karaa hafuura isaan jajjabeessuuf itti gargaarama. Hundumtuu gargaarsi hafuuraa yeroo isaan barbaachisutti ilaaltuu olaanaa qayyabannaa kitaabaatti sodaa tokko malee dhihaachuu qabu.—Isa. 32:1, 2.
6 Wal Jajjabeessuu: Biyyoota sochiin saba Waaqayyoo dhowwaa ta’etti, obboloonni tuuta muraasaan walitti qabamu. Obboleessi tokko akkas jechuudhaan yaadata: “Hojiin keenya dhorkamuyyuu, hanga danda’ametti walga’ii torban torbaniin goonurratti 10 hanga 15 taanee argamna. Walga’iiwwan kanarratti, qayyabannaa Macaafa Qulqulluurraas ta’e walitti dhufeenya qabnuun jajjabina arganna. Muuxannoo keenya akka wal jijjiirruufi tokkoon tokkoon keenya wal’aansoon walfakkaatu akka nurra jiru beekuuf nu gargaareera.” (1 Phe. 5:9) Nuyis akkasuma, qophii Qayyabannaa Kitaabaa guutummaatti deggeruudhaan wal haa jajjabeessinu.—Efe. 4:16.
[Gaaffiiwwan Qayyabannaa]
1. Qophiin Qayyabannaa Kitaabaa akkamitti jalqabame?
2. Qayyabannaa kitaabaarratti ‘amantii waliitiin akka jajjabeeffamnuuf’ gahee qabaachuu kan dandeenyu akkamitti?
3, 4. Qophiin qayyabannaa kitaabaa, tajaajila keenya raawwachuuf kan nu gargaaru akkamitti?
5. Qophii ayyabannaa kitaabaa rraa gargaarsa dhuunfaadhaan argamu maaltu jira?
6. (a) Biyyoota tokko tokkotti obboloonni keenya walga’iiwwan tuuta xixinnootiin kan jajjabaatan akkamitti? (b) Ati dhuunfaa keetti qophii qayyabannaa kitaabaarraa kan fayyadamte akkamitti?