LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • km 2/05 ful. 2
  • Sagantaa Walga’ii Tajaajilaa

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Sagantaa Walga’ii Tajaajilaa
  • Tajaajila Mootummaa—2005
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Torban Guraandhala 14 Jalqabu
  • Torban Guraandhala 21 Jalqabu
  • Torban Guraandhala 28 Jalqabu
  • Torban Bitootessa 7 Jalqabu
Tajaajila Mootummaa—2005
km 2/05 ful. 2

Sagantaa Walga’ii Tajaajilaa

Torban Guraandhala 14 Jalqabu

Faarfannaa 77 (174)

Daq. 10: Beeksisa gumii. Beeksisawwan Tajaajila Mootummaa keessaa filataman. (Naannoo keessaniif mijaa’aa yoo ta’e) Yaada seensaa ful. 8⁠rra jirutti fayyadamuudhaan Masaraan Eegumsaa Muddee 1fi Dammaqaan! Muddee 2004 akkamitti akka raabsaman kan argisiisu hojiin argisiisni akka dhihaatu godhi. Akkaataawwan dhiheenyaa kennamanitti akkuma haala naannoo keenyaatti gargaaramuu kan dandeenyu akkamitti akka ta’e gabaabumatti dubbadhu.—Tajaajila Mootummaa Amajjii 2005, ful. 8 ilaali.

Daq. 20: Warra Birooshuura isa Haaraa Fudhatan Qayyabannaa Macaafa Qulqulluu Jalqabsiisuu. Ilaaltuun olaanaa tajaajilaa haasawaafi maree dhaggeeffattootaa wajjin godhamuun kan dhiheessu. Hojiin argisiisa kutaa walga’ii tajaajilaa ji’a darberratti dhihaate gabaabsii irra deebi’i. Hojiin argisiisichi yeroo dhumu, saanduqa yeroo itti aanutti akka irratti mari’atan ibsamerratti xiyyeeffadhu. Yoo danda’ame babal’isaan yeroo darbe hojiin argisiisa kana dhiheesse ammas birooshuura kanatti fayyadamee deddeebii gaaffii ennaa godhu hojiin argisiisaan haa dhiheessu. Achiis babal’isichi, qola duubaa birooshuurichaatti gargaaramuudhaan namichi qayyabannaa Macaafa Qulqulluu akka jalqabu afeera; yeroo itti aanutti birooshuura Waaqayyo Nurraa Maal Barbaadaa? jedhamuun barumsa 1⁠ffaarratti mari’achuudhaan qayyabannaa jalqabuuf walii galu. Babal’istoonni hundinuu namoota birooshuura Dammaqinaan Eegaa! jedhamu raabsaniif hundaa qayyabannaa Macaafa Qulqulluu jalqabuuf carraaqqii akka godhan jajjabeessi.

Daq. 15: “Qayyabannaawwan Macaafa Qulqulluu Guddina Argisiisan Geggeessuu—Kutaa 6.” Barataan Macaafa Qulqulluu Ayyaana Yaadannoorratti argame tokko, kan maxinoofi wayinicharraa fudhatan muraasa kan ta’an maaliifi jedhee yeroo gaafatuufi ennaa deebiin kennamuuf kan argisiisu, hojiin argisiisni daqiiqaa afurii akka dhihaatu godhi. Obboleessi qayyabannicha geggeessu gaaffiisaatiif baraticha galateeffachuudhaan, gaaffii kana barreessa; achiis qayyabannaasaanii booda akka irratti mari’atan itti hima. Qayyabannaasaanii erga xumuranii booda, inni qayyabachiisu sun baratichi kitaaba Ragaa Dhiheessuu, ful. 267 gaaffii “Maxinichaafi Wayinicharraa kan Fudhatu Eenyu?” jedhu jalatti waa’ee Ayyaana Yaadannoo akka dubbisu itti hima. Walii wajjin erga dubbisanii booda, baratichi gaaffii inni kaaseef deebii quubsaa kennameefiif dinqisiifannaa qabu ibsa.

Faarfannaa 53 (130) fi kadhannaa xumuraa.

Torban Guraandhala 21 Jalqabu

Faarfannaa 60 (143)

Daq. 10: Beeksisa gumii. Yaada ijoo saanduqa ful. 6 mata duree, “Barumsa Dabalataa Akka Argatan Gargaaraa” jedhurra jiru addeessi. Nama fedhii qabu yeroo argatan, hundisaanii foormii Hordofaa Gargaaraa (S-43) jedhamu dafanii akka guutan jajjabeessi.

Daq. 35: “Tibba Ayyaana Yaadannoo—Yeroo Sochii Tajaajilaa Keenya Itti Guddisnudha” Ilaaltuu olaanaa tajaajilaatiin kan dhihaatu. Keeyyata ja’affaarratti ennaa mari’attan, yaada Dammaqaa! Fulbaana 2004, ful. 12-13⁠rra jiru dabalii dhiheessi. Maqaa babal’istoota qajeelchaa gargaaraa ta’uuf galmaa’anii dubbadhu. Walga’iiwwan tajaajila dirree dabalataan karoorfaman beeksisi. Hundisaanii tibba Ayyaana Yaadannootti sochii karaa hafuuraa godhan akka guddisan jajjabeessi. Waraqaan afeerrii hanga ammaatti babal’istootaaf hin kennamne yoo ta’e, walga’ii booda kennamuufii qaba.

Faarfannaa 8 (21) fi kadhannaa xumuraa.

Torban Guraandhala 28 Jalqabu

Faarfannaa 18 (42)

Daq. 10: Beeksisa gumii. Gabaasa herregaa. Babal’istoonni gabaasa tajaajilaa ji’a Guraandhalaa akka deebisan yaadachiisi. (Naannoo keessaniif mijaa’aa yoo ta’e) Yaada seensaa ful. 8⁠rra jirutti fayyadamuudhaan Masaraan Eegumsaa Muddee 15 akkamitti akka raabsamu kan argisiisu hojiin argisiisni akka dhihaatu godhi. Akkaataawwan dhiheenyaa bu’a qabeessa ta’an kan biraas fayyadamuun ni danda’ama.

Daq. 20: Warra Karaa Hafuuraa Dadhaboo Ta’aniif Akka Yaaddan Argisiisaa. (HoE. 20:35)* Masaraa Eegumsaa Adoolessa 1, 2004, ful. 17-18, key. 12-16⁠rratti hundaa’ee, akkuma Qayyabannaa Masaraa Eegumsaa gaaffiifi deebiidhaan kan dhihaatu. Keeyyata hundumaa obboleessi dandeetti qabu akka dubbisu godhi. Ayyaana Yaadannoofi haasawaa addaa fuldura keessan jiruun haala wal qabateen, akkaataa barumsi kun hojiirra oolfamuu danda’urratti xiyyeeffadhu.

Daq. 15: Birooshuura Dammaqinaan Eegaa! jedhamu raabsaa. Akkaataawwan Dhiheenyaa ji’a Muddeetti birooshuura kana raabsuuf gargaaran dubbadhu; hojiin argisiisaanis akka dhihaatan godhi. Akkaataawwan dhiheenyaa miiltoo Tajaajila Mootummaa Amajjii 2005⁠rratti ba’anirraa ykn akkaataawwan dhiheenyaa naannoo gumichaatiif mijaa’aa ta’etti gargaaramuun ni danda’ama.

Faarfannaa 33 (72) fi kadhannaa xumuraa.

Torban Bitootessa 7 Jalqabu

Faarfannaa 24 (50)

Daq. 8: Beeksisa gumii. Yaadawwan ijoo saanduqa “Ayyaana Yaadannoo Ilaalchisee Yaadachiisawwan Kennaman” jedhurra jiran addeessi.

Daq. 20: “Gaarummaasaatiif Yihowaa Galateeffadhaa.” Maqaa obboleessa haasawaa dhiheessuu dabalatee, sa’aatii, bakka Ayyaanni Yaadannoo itti kabajamuufi ibsawwan barbaachisan dubbadhu. Ennaa key. 4⁠rratti mari’attan, babal’isaan tokko maamila barruusaa gara ayyaanichaatti yeroo afeeru kan argisiisu, hojiin argisiisni gabaabaan akka dhihaatu godhi.

Daq. 17: “Tajaajilarratti Barruulee Raabsaa” Yaada keeyyata 3 fi 4⁠rra jiru akka gumichaaf mijaa’aa ta’utti dhiheessi. Babal’istoota naannoo daldalaatti, karaarratti, bakka namoonni baay’een argamanitti ykn karaa al-idilee ta’een lallabuudhaan bu’a qabeeyyii ta’an tokko ykn lamaaf gaaffiifi deebii godhi. Carraawwan kanaan akkamitti barruulee akka raabsan gaafadhu. Akkaataan dhiheenyaa tokko ykn muuxannoon argame gabaabsamee hojiin argisiisaan akka dhihaatu godhi.

Faarfannaa 64 (151) fi kadhannaa xumuraa.

[Miiljaleewwan

Yaada seensaa daqiiqaa tokko hin guunneen jalqabamee gaaffiifi deebiidhaan kan dhihaatu.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi