Akkaataawwan Dhiheenyaa Birooshura Raabsuuf Dhihaatan
BAKKA DHIHOO KAA’AA
Yaanni adda addaa miiltoo kana keessatti argamu birooshuuroota raabsuudhaaf kan gargaaru yeroo ta’u, akkaataa dhiheenyaa kanas akka haala naannoosanaaf mijaa’utti fayyadamuun ni danda’ama. Akkaataa dhiheenyaa kanneen biroottis gargaaramuun ni danda’ama. Akkaataan dhiheenyaa birooshura raabsuuf gargaaran miiltoo kana keessatti utuu hin ta’in bakka garabiraatti akka fakkeenyaatti dhihaataniiru.—Tajaajila Mootummaa Amajjii 2005, ful. 6 ilaali.
Yaanni fuula kanarratti dhihaate (1) yaada gaaffii uumu kaasuun haasaa jalqabuuf, (2) qabxiiwwan birooshuricha keessatti ibsaman eessatti akka argaman, (3) caqasa yaada sanaan wal simuufi maree sanarratti dubbisuu qabnu of keessaa qaba. Deebii namichaarratti hundaa’uudhaan, akkaataa dhiheenyaa sana jecha mataa keetiin fayyadamtee babal’isuu ni dandeessa.
Kitaaba Namoota Hundumaaf Ta’u
“Macaafni Qulqulluun gorsa yeroo ammaatti hojiirra ooluu danda’u akka qabate yaaddee beektaa?”— ibsa ful. 22; saanduqa ful. 23, key. 3; Fak. 25:11.
Jireenya Gammachiisaa Ta’e —Argachuu Kan Dandeenyu Akkamitti
“Namoonni guutummaa addunyaarra jiran jireenya fooyya’aa jiraachuu barbaadu. Dhugumatti jireenya gammachiisaa ta’e argachuun ni danda’ama jettee yaaddaa?”—ful. 29, key. 6; 2 Phe. 3:13.
Bara Baraaf Gammachuudhaan Lafarra Jiraadhu!
“Namoonni hedduun jireenya bara baraa argachuuf gara samii dhaquu akka qaban yaadu. Haata’u malee, waa’ee bara baraaf gammachuudhaan lafarra jiraachuu maal yaadda?”— Fakkii qolasaarratti argamu; Mul. 21:4.
Sillaaseetti Amanuu Qabdaa?
“Namoonni waa’ee Waaqayyo ilaalcha garaagaraa qabu. Haata’u malee, wanti itti amannu beekuufi beekuu dhiisuun keenya garaa garummaa qaba jettee yaaddaa?”—ful. 3, key. 3, 7-8; Yoh. 17:3.
Maqaa Waaqayyo Isa Bara Baraaf Jiraatu
“Baay’een keenya kadhannaa ‘Yaa isa waaqa irra jirtu abbaa keenyaa! Maqaan kee qulqulluu ta’ee haa eegamu’ jechuudhaan jalqabu beekna. (Mat. 6:9) Haata’u malee, fayyina argachuun keenya maqaa kana beekuurratti kan hundaa’e akka ta’e beekta turtee?”—ful. 28, key. 1; Rom. 10:13.
Mootummaan Waaqayyoo Jannata Fiddi
“Namoonni hedduun rakkoowwan yeroo har’aatti numudataniif furmaata argachuuf hawwu. Haata’u malee, mootummaan rakkina kana furuu danda’u ni hundeeffama jettee yaaddee beektaa?”—ful. 3, key. 1; Mat. 6:9, 10.
Yeroo Duunu Maal Taana?
“Namoonni jaallannu yeroo du’an, eessa akka jiraniifi deebinee wal arguu dandeenyaa laata jennee yaaduun keenya kan nama dinqisiisu miti. Gaaffiiwwan akkasiirratti yaaddee beektaa?”— Gaaffiiwwan qola duubaarra jiran; Iyo 14:14, 15.
Namni Jaallattan Yeroo Du’u
“Guyyaa har’aa birooshura namoonni miliyoonattii lakkaa’amaniifi michuuwwansaanii du’aan dhabaniif abdii gammachiisaa qabate kana namootaaf kennaa jirra. Namoonni du’an abdii maalii qabu jettee yaaddee beektaa?”—ful. 27, key. 3; Yoh. 5:28, 29.
“Namoonni michuuwwansaanii du’aan dhaban akkamitti jajjabeessuun akka danda’amu yaaddee beektaa?”—ful. 20, key. 1; Fak. 17:17.