Yeroo Keessanitti Akka Gaariitti Fayyadamaa
1 Fedhiin Yihowaa gammachiisuuf qabnu, jireenyi keenya sochiiwwan hafuuraarratti akka xiyyeeffatu gochuuf nu kakaasa. Sagaleensaa, ‘duraan dursinee yaada keenya mootummaa Waaqayyootti akka hiinuufi’ ‘isa ta’uufi isa hin taane gargar baafnee akka qorannu’ nu gorsa. (Mat. 6:33; Filp. 1:10) Yeroo nuu kenname utuu hin dabarsin sochiiwwan Mootummaa Waaqayyoorratti hirmaachuuf, hojiiwwan baay’ee hin barbaachisne sadarkaa lammataarra kaa’uuf yeroo kan argannu akkamitti?—Efe. 5:15-17.
2 Sochiiwwan Mootummattiitiif Dursa Kennaa: Yeroon keessan wantoota barbaachisoo hin taaneen akka hin qabamneef sagantaa baafadhaa. Warri tokko tokko tokkoon tokkoon ji’aatti guyyoota itti tajaajilarratti hirmaatan kalaandariisaaniirratti barreessuudhaan sagantaa baafatu. Achiis wantoota sagantaa isaan baafatan isaan jalaa fashaleessu akka hin jiraanne of eeggannoo godhu. Nuyis walga’iiwwaniif, qayyabannaa dhuunfaafi walga’iiwwan gurguddaadhaaf yeroo nuu kenname utuu hin dabarsin itti fayyadamuudhaan akkasuma gochuu dandeenya. Obboloonni hedduunimmoo, sagantaa guyyaa hundaa Macaafa Qulqulluu dubbisuudhaan jalqabamu ykn xumuramu qabu. Sochiiwwan barbaachisoo ta’an hundaaf yeroo ramadaa; akkasumas wantoonni barbaachisoo hin taane sagantaa keessan akka isin jalaa gufachiisan hin heyyaminaa.—Lal. 3:1; 1 Qor. 14:40.
3 Wanta Biyya Lafaarraa Fayyadamnuuf Daangaa Baasuu: Biyyoota tokko tokkotti, ispoortii, tapha, bashannana, hojii yeroo lafaa hojjetamuufi sochiiwwan kan biraa salphaatti argachuun ni danda’ama. Namoonni baay’een televijiinii ilaaluudhaan ykn kompiitaratti gargaaramuudhaan yeroo dheeraa dabarsu. Haata’u malee, sochiiwwan yeroo boqonnaatti godhamaniif meeshaawwan haaraa addunyaan kun dhiheessu hordofuun gadda nurraan ga’uunsaa hin oolu. (1 Yoh. 2:15-17) Kanaafuu Caaffanni Qulqullaa’oon addunyaa kanatti guutummaatti akka dhimma itti hin baaneef nu gorsu. (1 Qor. 7:31) Gorsa gaarii kana hordofuudhaan, jireenya keessan keessatti waaqeffannaa Yihowaatiif dursa kennuu keessan hojiidhaan argisiisuu dandeessu.—Mat. 6:19-21.
4 Yeroon sirni kun itti badu baay’ee dhihaateera. Warri sochii Mootummattiitiif dursa kennan gammadoo ta’uusaaniirrayyuu, surraa Waaqayyoo ni argatu. (Fak. 8:32-35; Yaq. 1:25) Kanaafuu, nuyis qabeenya guddaa kan ta’e yeroo keenyatti akka gaariitti haa fayyadamnu.