Walga’ii Tajaajilaa
Torban Fulbaana 12 Jalqabu
Faarfannaa 11 (29)
Daq. 10 : Beeksisa gumii. Beeksisawwan Tajaajila Mootummaarraa filataman. (Naannoo keessaniif mijaa’aa yoo ta’e) Akkaataa dhiheenyaa ful. 8rra jirutti fayyadamuudhaan, Masaraan Eegumsaa Adoolessa 1fi Dammaqaa! Adoolessa 2005 akkamitti akka raabsaman kan argisiisu hojiin argisiisni akka dhihaatu godhi. Akkaataawwan dhiheenyaa bu’a qabeessa ta’an kan biraattis gargaaramuun ni danda’ama. Hojiin argisiisa isa tokko jaarsaaf isa kaanimmoo dargaggeessa tokkoof kenni. Tokkoon tokkoonsaa booda, akkaataa itti dhihaate keessaa qabxiiwwan gaarii tokko tokko dubbadhu.
Daq. 20: “Yeroo Keessanitti Akka Gaariitti Fayyadamaa.” Dhaggeeffattoonni guyyaa guyyaadhaan Macaafa Qulqulluu dubbisuuf akkamitti yeroo akka ramadan yaada akka kennan afeeri. Maatiiwwaniifi obboloonni qeentee ta’an sochiiwwan hafuuraatiif yeroo ramaduuf Tajaajila Mootummaa Caamsaa 2005tti akka fayyadaman jajjabeessi.
Daq. 15: “Qayyabannaawwan Macaafa Qulqulluu Guddina Argisiisan Geggeessuu.” Kutaa 1ffaafi 2ffaa miiltoo Tajaajila Mootummaa kanaarratti hundaa’ee maree dhaggeeffattootaa wajjin godhamu. Yaada Tajaajila Mootummaa Hagayya 2004, ful. 1rra jirus ilaaluu dandeessu. Yeroo qayyabannaa Macaafa Qulqulluu geggeessitu hundumaatti akka gaaritti qophaa’uun kan si barbaachisu maaliifi? Kunoo maalfaa dabalata? Dhaggeeffattoonni yaadawwan Tajaajila Mootummaarratti dhihaatan akkamitti hojiirra akka oolchan yaada akka kennan afeeri. Fuula jalqabaa miiltichaarra saanduqa gararraa jirurratti yaada kennuudhaan xumuri.
Faarfannaa 95 (213) fi kadhannaa xumuraa.
Torban Fulbaana 19 Jalqabu
Faarfannaa 74 (168)
Daq. 10: Beeksisa gumii.
Daq. 20: Waggaa Darbetti Maal Raawwanne? Ilaaltuun olaanaa tajaajilaa wantoota gaarii waggaa tajaajilaa darbe raawwannerratti xiyyeeffachuudhaan, waggaa tajaajilaa darbe wanta raawwatamerra deebi’a. Galata dhiheessi. Hojii waggaa dhufutti irratti xiyyeeffatamuu qabu tokko ykn lama ibsi. Sochii qajeelchitootaarratti yaada kenniitii hojii hinaaffaadhaan hojjetaniif isaan galateeffadhu. Obboloota sochii hafuuraa dhaaban jajjabeessuuf carraaqqii godhameen bu’aa argame ibsi.
Daq. 15: “Wal Jajjabeessuu Keessan Itti Fufaa.” Dhaggeeffattoonni, gargaarsa warri kaan isaanii godhanitti akkamitti akka fayyadaman akka dubbatan godhi.
Faarfannaa 69 (160) fi kadhannaa xumuraa.
Torban Fulbaana 26 Jalqabu
Faarfannaa 95 (213)
Daq. 10: Beeksisa gumii. Gabaasa herregaafi buusii gumichi godheef xalayaa waajjirri damee barreesse dubbisi. Babal’istoonni gabaasa tajaajilaa ji’a Fulbaanaa akka deebisan yaadachiisi.
Daq. 15: Akka gumiif barbaachisutti itti fayyadamaa.
Daq. 20: Barruuleetti Fayyadamuudhaan Misiraachicha Lallabuu. Ji’a Onkololeessaatti Masaraa Eegumsaafi Dammaqaa! raabsina. Seensa haasichaarratti, yaadawwan kanaa gadii Tajaajila Mootummaa Guraandhala 2005, fuula 8, keeyyata 3-6rratti argamanirratti mari’adhaa: (1) Barruulee walumatti qabaatii raabsaa. (2) Torbanitti guyyaa tokko barruulee raabsuuf ramadaa. (3) Ji’atti barruulee meeqa akka raabsitan karoorfadhaa. (4) Barruulee raabsuuf carraa mijaa’aa ta’e hundumaatti fayyadamaa. (5) Barruulee turanitti fayyadamaa. Yaadawwan kennaman kana akka naannichaaf ta’utti dhiheessi. Achii, (Naannoo keessaniif mijaa’aa yoo ta’e) yaada fuula 8rra jirutti fayyadamuudhaan, Masaraan Eegumsaa Adoolessa 15 akkamitti akka raabsamu kan argisiisu hojiin argisiisni akka dhihaatu godhi. Akkaataawwan dhiheenyaa bu’a qabeessa ta’an kan biraattis gargaaramuun ni danda’ama. Kana malees, barruulee ennaa raabsan mataduree qolasaarra jiru qofarratti utuu hin ta’in, kan keessasaa jiraniifi naannoo sanaaf mijaa’aa ta’anirrattis akka xiyyeeffatan godhiitii, matadureewwan kanneen keessaa tokkoon ennaa gargaaraman kan argisiisu hojiin argisiisni haa dhihaatu. Tokkoon tokkoonsaa booda, akkaataa itti dhihaate keessaa qabxiiwwan gaarii tokko tokko dubbadhu.
Faarfannaa 1 (3) fi kadhannaa xumuraa.
Torban Onkololeessa 3 Jalqabu
Faarfannaa 54 (132)
Daq. 5: Beeksisa gumii.
Daq. 20: “Garaa Guutuudhaan Akka Abboomamaniif Warra Kaan Gargaaraa.” Yoo yeroo ga’aa qabaatte, dhaggeeffattoonni caqasawwan yaannisaanii hin ibsamnerratti yaada akka kennan afeeri.
Daq. 20: Yihowaa Gammachiisuu. (Fak. 27:11) Obboloota yeroo dheeraadhaaf amanamummaadhaan Yihowaa tajaajilan lama ykn sadiif gaaffiifi deebii godhi. Hundisaanii Yihowaadhaaf ajajamoo ta’anii akka itti fufan wanta isaan gargaare akka dubbatan afeeri. Wantoota ibsan keessaa tokko tokko, qayyabannaa dhuunfaa Macaafa Qulqulluu, yeroo hundumaa walga’iirratti argamuu, obboloota amanamoo hiriyaa godhachuu, garaa guutuudhaan tajaajilarratti hirmaachuu, kadhannaa garaadhaa madde gochuufi bashannana miidhaa geessisurraa fagaachuu ta’uu danda’a. Qorumsawwan ajajamummaasaanii qoran akkamiitu isaan mudatee ture? Qorumsawwan kana mo’uu kan danda’anoo akkamitti? Ajajamummaasaaniitiif kan eebbifaman akkamitti?
Faarfannaa 44 (105) fi kadhannaa xumuraa.
[Miiljaleewwan]
Yaada seensaa daqiiqaa tokko hin guunneen erga jalqabdee booda, gaaffiifi deebiidhaan dhiheessi.