LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • km 10/05 ful. 2
  • Sagantaa Walga’ii Tajaajilaa

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Sagantaa Walga’ii Tajaajilaa
  • Tajaajila Mootummaa—2005
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Torban Onkoloolessa 10 Jalqabu
  • Torban Onkoloolessa 17 Jalqabu
  • Torban Onkoloolessa  24 Jalqabu
  • Torban Onkoloolessa 31 Jalqabu
  • Torban Sadaasa 7 Jalqabu
Tajaajila Mootummaa—2005
km 10/05 ful. 2

Sagantaa Walga’ii Tajaajilaa

Torban Onkoloolessa 10 Jalqabu

Faarfannaa 70 (162)

Daq. 10: Beeksisa gumii. Beeksisawwan Tajaajila Mootummaarraa filataman. (Naannoo keessaniif kan hojjetu yoo ta’e) akkaataawwan dhiheenyaa fuula 10⁠rra jiranitti fayyadamuudhaan, Masaraan Eegumsaa Hagayya 1fi Dammaqaan! Hagayya 2005 akkamitti akka raabsaman kan argisiisu hojiin argisiisni akka dhihaatu godhi. Dhumarratti qabxiiwwan barbaachisoo hojiin argisiisichaa dubbadhu. Dabalataanis mataduree garabiraa barruu sana keessatti argamuufi naannoo keessaniif mijaa’aa ta’erratti akka xiyyeeffatan godhi.

Daq. 15: Amaleeffannaa Dubbisuu Qabdaa? Qabxiiwwan filatamoo kitaaba Mana Barumsaa Tajaajilaa fuula 21-26⁠rratti hundaa’uudhaan marii dhaggeeffattootaa wajjin godhamuun kan dhihaatu. Sagantaan dubbisa keenyaa maalfaa kan dabalatudha? (saanduqa ful. 21) Barreeffamoota nuuf qophaa’an dubbisuun keenya barbaachisaa kan ta’e maaliifi? (ful. 23, key. 2) Sagantaa dubbisaa gaarii qabaachuuf kan si gargaaru maalidha? (ful. 26, key. 3-4) Barreeffamoota Masaraa Eegumsaafi Dammaqaa! dubbisuuf kan sagantaa kan baafattee akkamitti? Kana gochuukeetiin bu’aa akkamii argatteetta?

Daq. 20: “Sagalee Waaqayyoo Ija Jabummaadhaan Dubbachuu Keessan Itti Fufaa.” Ija jabinaan akka dhugaa hin baane wantoonni isaan rakkisan maalfaa akka ta’an dhaggeeffattoonni akka yaada kennan afeeri. Kana mo’uudhaaf kan isaan gargaare maalidha?

Faarfannaa 71 (163) fi kadhannaa xumuraa.

Torban Onkoloolessa 17 Jalqabu

Faarfannaa 60 (143)

Daq. 10: Beeksisa gumii. Miiltoo Tajaajila Mootummaa Fulbaana 2005 kutaa 3⁠ffaarra jirutti fayyadamuudhaan, qayyabannaa Macaafa Qulqulluu yeroo geggeessinutti Caqasawwanitti akka gaariitti akkamitti fayyadamuu akka qabnu qabxii tokko ykn lama irra deebi’i. Mataduree fuula 5⁠rratti, “Birooshuura Dammaqinaan Eegaa! Jedhu Qayyabachuu” jedhu gabaabumatti irra deebi’aa. Kutaan kun, sagantaa birooshuurichi itti qayyabatamus akka qabu ibsi. Hundisaanii qayyabannaa kitaabaa Onkololeessa 24 jalqabamu kanaaf, qayyabannaa hundumaarratti akka gaaritti akka qophaa’aniifi akka hirmaatan jajjabeessi.

Daq. 15: Balaawwan Interneetiirraa Fagaadhaa. Dammaqaa! Amajjii, 2005, fuula 16-19⁠rratti hundaa’uudhaan haasawaa jaarsaan dhihaatu.

Daq. 20: “Namootaaf Yaaduu Keessan Gaarummaadhaan Mul’isaa.” Tajaajilarratti namoota kaaniif gaarummaa akkamitti akka argisiisnu dhaggeeffattoonni yaada akka kennan afeeri. Karaawwan namoota dhugaa baanuuf gaarummaa argisiisuu itti dandeenyu ilaalchisee maxxansa Tajaajila Mootummaa gara fuulduraatti ba’urraa barumsa dabalataa arganna.

Faarfannaa 42 (92) fi kadhannaa xumuraa.

Torban Onkoloolessa  24 Jalqabu

Faarfannaa 41 (89)

Daq. 10: Beeksisa gumii. Gabaasa herregaafi buusii gumichi godheef xalayaa waajjirri damee barreesse dubbisi. Akkaataawwan dhiheenyaa miiltoo Tajaajila Mootummaa Amajjii 2005⁠rra jirutti gargaaramuudhaan akka naannoo keessaniif mijaa’aa ta’etti, barreeffama Sadaasatti raabsamu ilaalchisee hojiin argisiisni akka dhihaatu godhi.—Tajaajila Mootummaa Amajjii 2005, ful. 6, key. 5 ilaali.

Daq. 15: Akka gumichaaf barbaachisutti itti fayyadamaa.

Daq. 20: Akkaataa Uffannaafi Miidhaginaa Keenyaan Seera Waaqayyo Baase Kabajuu. Masaraa Eegumsaa Hagayya 1, 2002, fuula 17-19⁠rratti hundaa’uudhaan haasawaafi maree dhaggeeffattootaa wajjin godhamuun jaarsaan kan dhihaatu. Uffannaan keenya seera qabeessa ta’uunsaa dhugaa ba’uudhaaf akkamitti akka carraa nuu banu dhaggeeffattoonni yaada akka kennaniif afeeri.

Faarfannaa 38 (85) fi kadhannaa xumuraa.

Torban Onkoloolessa 31 Jalqabu

Faarfannaa 92 (209)

Daq. 10: Beeksisa gumii. Babal’istoonni gabaasa tajaajilaa ji’a Onkoloolessaa akka deebisan yaadachiisi. (Naannoo keessaniif kan hojjetu yoo ta’e) akkaataawwan dhiheenyaa ful. 10⁠rra jiranitti fayyadamuudhaan, Masaraan Eegumsaa Hagayya 15 akkamitti akka raabsamu kan argisiisu hojiin argisiisni akka dhihaatu godhi. Hojiin argisiisa isa tokkorratti guyyaa biraa deebi’anii dhaquudhaaf bu’uura akka ta’utti saanduqa “Maxxansa Ittaanutti” jedhu itti argisiisuudhaan deddeebii gaaffii ittaanu hawwiidhaan akka eeggatu kan argisiisu haa ta’u.—Tajaajila Mootummaa Onkoloolessa 1998, ful. 12, key. 7-8.

Daq. 15: Fedhii Maamiltoota Barruu Kakaasuu. Tajaajila Mootummaa Caamsaa  2005, fuula 8⁠rratti hundaa’uudhaan haasawaafi marii dhaggeeffattootaa wajjin godhamuun kan dhihaatu. Maamila barruu yeroo jalqabaatiif argachuu kan dandeenyu akkamitti? (key. 1) Caqasa tokkoon fayyadamnee maree walitti aanu gochuu kan dandeenyu akkamitti? (key. 3) Caqasa barreeffamanii jiran dubbisuu caalaatti maal gochuu qabna? (key. 4) Maamilli barruu tokko barataa Macaafa Qulqulluu ta’uu kan danda’u akkamitti? (key. 5) Hojiin argisiisni babal’isaan tokko caqasa tokkorratti maamila barruu tokkoo wajjin maree yeroo godhu argisiisu akka dhihaatu godhi.

Daq. 20: Dargaggoota Gara Kuteenyaafi Kabajaan Ejjennoosaanii Ibsan. Masaraa Eegumsaa Fulbaana 15, 2002, fuula 23-24, mataduree xiqqaa “Kabajaan Ejjennoo Ofii Ibsuu” jedhurratti hundaa’ee haasawaa jaarsaan dhihaatu. Dargaggeessa tokko ykn lama rakkoowwan mana barumsaatti isaan mudate maal akka ta’eefi kanas akka mo’an kan isaan gargaare maal akka ta’e akka dubbataniif dursii qopheessi.

Faarfannaa 100 (222) fi kadhannaa xumuraa.

Torban Sadaasa 7 Jalqabu

Faarfannaa 92 (209)

Daq. 5: Beeksisa gumii.

Daq. 20: Dandeettii Walga’iiwwanirratti Xiyyeeffannaadhaan Hordofuu Keessan Fooyyeffadhaa. Masaraa Eegumsaa Fulbaana  15, 2002, fuula 12-14, keeyyata 11-14⁠rratti hundaa’uudhaan haasawaafi marii dhaggeeffattootaa wajjin godhamuun kan dhihaatu. Yaadawwan dhihaatan keessa deebi’uudhaan dhaggeeffattoonni walga’iiwwanirraa bu’aa akka argataniif maaltu akka isaan gargaare yaada akka kennan afeeri.

Daq. 20: “Dandeetti Namootaa Wajjin Sababa Dhiheessuudhaan Haasa’uu Keenya Guddisuu.” Babal’istoonni muraasi namoota akkaataa guddinaa addaddaa qaban naannoosaaniitti argamanii wajjin sababii dhiheessuudhaan mari’achuu akkamitti akka danda’an yaada akka kennan afeeri.

Faarfannaa 24 (50) fi kadhannaa xumuraa.

[Miiljaleewwan]

Yaada seensaa daqiiqaa tokko hin guunneen erga jalqabdee booda, gaaffiifi deebiidhaan dhiheessi.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi