LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • km 10/05 ful. 1
  • Namootaaf Yaaduu Keessan Gaarummaadhaan Mul’isaa

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Namootaaf Yaaduu Keessan Gaarummaadhaan Mul’isaa
  • Tajaajila Mootummaa—2005
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Gaarummaa—Amala Dubbii fi Gochaan Argisiifamu
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2018
  • Gaarummaan Aarii Qabbaneessa
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2012
  • Akka Isaan Jaallattu Isaanitti Himi
    Muuxannoowwan Dhugaa Baatota Yihowaa
Tajaajila Mootummaa—2005
km 10/05 ful. 1

Namootaaf Yaaduu Keessan Gaarummaadhaan Mul’isaa

1 Dubartiin sababa malee Dhugaa Baatota Yihowaa jibbitu tokko, yeroo jalqabaatiif erga obboleettii tokkoo wajjin wal argitee booda akkas jettee turte: “Waa’ee maalii akka waliin haasofne dhuguma hin yaadadhu, garuu nama gaarii, kan nama keessumsiistuufi garraamii ta’uushee nan yaadadha. Amallishee kun akkan isheetti dhihaadhu na godheera. Amma har’aatti hiriyummaa ani isheedhaa wajjin qabuuf bakka guddaan kenna.” Muuxannoon kun namoota misiraachoo itti himnuuf garaa guutuudhaan yaaduun barbaachisaa ta’uusaa nuuf ibsa.—Filp. 2:4.

2 Jaalalli Gaarummaa Ni Argisiisa: Karaan namoota birootiif jaalala itti argisiisnu keessaa inni tokko gaarummaadha. (1 Qor. 13:4) Namni gaarummaa argisiisu nageenya warra kaaniitiif kan yaaduufi isaaniin gargaaruufis fedhii cimaa kan qabudha. Dhugaadha, hojiin lallabaa akkasumaanuu hojii gaarummaadhaan geggeeffamudha. Haata’u malee dhugaadhaan garaarraa kakaanee namootaaf yaaduun keenya lallabuu keenyaan qofa kan ibsamu ta’uu hin qabu. Dimshaashumaan akkaataan nuti namootatti dhihaannu—michummaaniifi amalli gaariin argisiisnu, haalli itti isaan dhaggeeffannu, wanti nuti isaaniin jennu, akkaataan nuti isaanitti dubbannuufi haalli nuti isaan itti ilaallu dhugumaan akka isaanii yaannu kan mul’isudha.—Mat. 8:2, 3.

3 Jaalalli namootaaf qabnu haala hojiidhaan mul’atuun akka isaan gargaarru nu kakaasa. Obboleessi qajeelchaa ta’e tokko manaa gara manaatti utuu tajaajiluu Dhugaa Baatuu ta’uusaa yeroo hubatte dubartiin abbaan manaa jalaa du’e tokko isa balaaleffatte. Yeroo balballi rurrukutamaa turetti ampoolii korreentii deebisuudhaafan mana nyaata itti bilcheessan keessa masalaalii yaabbachaan ture jettee dubbatte. “Kana qofaakee hojjechuun balaa sirraan ga’uu danda’a,” ittiin jedhe. Achiis akka ol seenu waan afeerteef ampoolicha jijjiireefii adeeme. Achii booda ilmishee ilaalee akkamitti hojjechuu akka dandeesse yeroo ishee gaafatu wanta ta’e itti himte. Haalli kun baay’ee waan isa tuqeef obboleessa kana galateeffachuuf barbaachuutti ka’e. Kunimmoo marii gaarii gochuudhaan mucaanshee qayyabannaa Macaafa Qulqulluu akka jalqabu taasiseera.

4 Gaarummaa argisiisuudhaan, jaalala Yihowaan namootaaf qabu calaqqisiisna; akkasumas namoonni ergaa Mootummichaatti akka gammadan gochuu dandeenya. Kanaafuu, yeroo hundumaa ‘akka hojjetoota Waaqayyootti of dhiheessuudhaan gaarummaa’ haa argisiisnu.—2 Qor. 6:4, 6.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi