LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • km 7/06 ful. 1
  • Yihowaa, ‘Waaqa Keenya Isa Gammadaa’ Fakkaadhaa

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Yihowaa, ‘Waaqa Keenya Isa Gammadaa’ Fakkaadhaa
  • Tajaajila Mootummaa—2006
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Wangeela Namoota Hundaaf Barbaachisu
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2011
  • Misiraachicha Lallabuudhaan Gammachuu Argachuu
    Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa barreeffama qo‵annaa walga‵ii—2017
  • Rakkoowwan Manaa Gara Manaatti Tajaajiluuf Gufuu Ta’an Mo’uu
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2008
Tajaajila Mootummaa—2006
km 7/06 ful. 1

Yihowaa, ‘Waaqa Keenya Isa Gammadaa’ Fakkaadhaa

1 Yihowaan namoonni akka gammadan barbaada. Macaafni Qulqulluun abdii inni ilmaan namootaatiif qopheesse hawwiidhaan akka eeggannu nu gargaara. (Isa. 65:21-25) Gammachuun ‘waa’ee wangeela ulfina Waaqayyoo isa gammadaa’ lallabuu keenyaan argannu warra kaanitti ifatti mul’ata. (1 Xim. 1:11, NW) Haalli nuti ergaa Mootummichaa warra kaanitti itti dubbannu, jaalala nuti dhugaafi namoota ergaa kana itti himnuuf qabnu kan argisiisudha.—Rom. 1:14-16.

2 Dhugaadha, al tokko tokko gammachuu keenya eegnee jiraachuun ulfaataadha. Naannoowwan tajaajilaa tokko tokkotti namoota ergaa Mootummichaa dinqisiifatan muraasa qofa arganna ta’a. Kana malees, jireenya keenya keessatti haalawwan rakkisaa ta’an nu mudachuu danda’u. Namoonni naannoo tajaajilaa keenya keessatti argaman, waa’ee misiraachoo Mootummaa Waaqayyoo nuti lallabnu dhaggeeffachuunsaaniifi hubachuunsaanii, barbaachisaa ta’uusaa beekuun keenya gammachuu qabnu eegnee akka jiraannu nu gargaara. (Rom. 10:13, 14, 17) Kanarratti xiinxaluun fayyina Yihowaan gaarummaasaatiin qopheesse gammachuudhaan lallabuu keenya akka itti fufnu nu gargaara.

3 Wantoota Gaariirratti Xiyyeeffadhaa: Nutis wanta dubbannuuf xiyyeeffanna kennuu qabna. Yeroo namootaa wajjin marii goonu wantoota namoota yaaddessan ykn oduuwwan sabqunnamtiirraa argaman tokko tokko kaasnee dubbachuu kan dandeenyu ta’us, wantoota abdii nama kuchisiisanirratti xiyyeeffachuu hin qabnu. Hojiin keenya “misraachoo” lallabuudha. (Isa. 52:7; Rom. 10:15) Misiraachoon kunimmoo, abdii Waaqayyo gara fuulduraatti nan fida jedhee waadaa galerratti kan hundaa’edha. (2 Phe. 3:13) Kana yaadatti qabachuudhaan “warra garaan isaanii cabe . . . fayyisuuf” Macaafa Qulqulluudhaan haa gargaaramnu. (Isa. 61:1, 2) Kana gochuun keenyammoo, hundi keenyayyuu gammachuufi ilaalcha sirrii akka qabaannu nu gargaara.

4 Yeroo hojii lallabaarratti hirmaannu gammachuu akka qabnu namoonni salphaadhumatti hubachuu danda’u. Kanaaf, namoota naannoo tajaajilaa keenyatti argamaniif waa’ee misiraachoo Mootummichaa yommuu lallabnu, yeroo hundaa amala Yihowaa ‘isa Waaqa gammadaa’ ta’ee haa calaqqisnu.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi