LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • mwb17 Waxabajjii ful. 8
  • Misiraachicha Lallabuudhaan Gammachuu Argachuu

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Misiraachicha Lallabuudhaan Gammachuu Argachuu
  • Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa barreeffama qo‵annaa walga‵ii—2017
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Misiraachoon Lallabamaa kan Jiru Akkamitti?
    Bara Baraaf Gammachuudhaan Jiraadhu!—Kitaaba Qulqulluu Qoʼachuudhaan Fayyadami
  • “Waaqayyoof Gammachuudhaan Hojjedhaa”
    Tajaajila Mootummaa—2003
  • Gammachuu—Amala Waaqayyo Irraa Argannu
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2018
  • “Dhaqaatii . . . Saba Hundumaa Keessaa Namoota Barattoota Godhaa”
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2016
Dabalataan Ilaaluuf
Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa barreeffama qo‵annaa walga‵ii—2017
mwb17 Waxabajjii ful. 8

AKKA KIRISTIYAANA TOKKOOTTI JIRAACHUU

Misiraachicha Lallabuudhaan Gammachuu Argachuu

Lallabuun ulfaataa sitti taʼee beekaa? Baayʼeen keenya gaaffii kanaaf deebii eeyyee jedhu kennina. Maaliif? Tarii naannoo tajaajilaa keenya keessatti yeroo hunda namoota dantaa hin qabnee fi nu mormantu nu mudata taʼa; yookiin nama hin beekne haasofsiisuun nu sodaachisa taʼa. Dhuguma iyyuu, wantoonni akkasii gammachuu keenya nu jalaa xiqqeessuu dandaʼu. Haa taʼu malee, Waaqa gammadaa gammachuudhaan akka isa tajaajillu barbaadu waaqeffanna. (Far 100:2; 1Xi 1:11) Yommuu lallabnu sababiiwwan akka gammannu nu taasisan sadii kam faʼi?

Tokkoffaa, ergaan nuti lallabnu abdii kan namaaf argamsiisu dha. Hawaasni yeroo ammaatti argamu abdiidhaaf bakka guddaa kan hin kennine taʼu illee, garaa namootaa “misiraachoo wanti caalaatti wayyu akka dhufu” ibsuun guutuu dandeenya. (Isa 52:7, NW) Misiraachoon waaʼee Mootummaa Waaqayyoo ibsus akka gammannu nu gargaara. Kanaaf, tajaajila baʼuu keenya dura, eebba Mootummaan Waaqayyoo lafa kanaaf fidu irratti haa xiinxallu.

Lammaffaa, misiraachoon lallabnu qaamaanis taʼe karaa hafuuraa namoota ni fayyada. Wantoota miidhaa geessisan irraa fagaachuu waan barataniif abdii jireenya bara baraa argatu. (Isa 48:17, 18; Rom 1:16) Hojii lubbuu namootaa baraaruu irratti hirmaachaa akka jirru goonee haa ilaallu. Namoonni tokko tokko carraaqqii isaan oolchuuf godhamu kan hin barbaanne taʼan illee, namoota fayyuu fedhan barbaaduu keenya itti haa fufnu.—Mat 10:11-14.

Sababii sadaffaan hunda caalaa barbaachisaa taʼe immoo, hojiin lallabaa keenya Yihowaadhaaf ulfina argamsiisa. Inni hojii lallabaa keenyaaf bakka guddaa kenna. (Isa 43:10; Ibr 6:10) Kana malees, hojii kana galmaan gaʼuu akka dandeenyuuf hafuura isa nuu kenna. Yihowaan gammachuu isa firii hafuuraa taʼe akka isiniif kennu kadhadhaa. (Gal 5:22) Gargaarsa isaatiin wantoota yaaddoo nutti taʼan moʼuudhaan ija jabinaan lallabuu dandeenya. (HoE 4:31) Ilaalchi namoonni naannoo tajaajilaa keenya keessatti argaman hojii lallabaa keenyaaf qaban maal iyyuu yoo taʼe, hojii akka lallabnuuf nutti kenname irraa gammachuu argachuu dandeenya.—His 3:3.

Hojii lallabaatiif ilaalcha garaa garaa—gaddaa fi gammachuu

Tajaajila irratti ilaalcha akkamii qabaachuu barbaadda? Akka gammaddu argisiisuu kan dandeessu akkamitti?

VIIDIYOO QOʼACHUU FI IRRATTI XIINXALUUDHAAN GAMMACHUU DEEBISANII ARGACHUU JEDHAMU ILAALAA; ACHIIS GAAFFIIWWAN ARMAAN GADIITIIF DEEBII KENNAA:

  • Jiʼa jiʼaan saʼaatii hedduu hojii lallabaa irratti kan dabarsinu taanu illee, gama hafuuraatiin of sooruuf dursa kennuu kan qabnu maaliifi?

  • Karaan fakkeenya Meerii itti hordofuu qabnu kami dha?

  • Dubbii Waaqayyoo irratti xiinxaluuf yeroo akkamii ramadde?

  • Misiraachicha yommuu lallabdu wanti gammachuu siif argamsiisu maali dha?

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi