Sagantaa Walga’ii Tajaajilaa
Torban Adoolessa 10 Jalqabu
Faarfannaa 2 (4)
Daq. 10: Beeksisa gumii. Akkaataawwan dhiheenyaa ful. 12rra jiran ykn naannoo keessaniif ta’an kan biraatti fayyadamuudhaan, Masaraan Eegumsaa Waxabajjii 1 fi Dammaqaan! Waxabajjii 2006 akkamitti akka raabsaman kan argisiisu hojiin argisiisni akka dhihaatu godhi. Hojiin argisiisni inni tokko namoota maree dhaabsisuuf jecha “Nuti Kiristiyaana” jedhaniif deebii maalii akka laannu kan argisiisu haa ta’u.—Kitaaba Ragaa Dhiheessuu ful. 19 ilaali.
Daq. 15: Gumiin Kan Gurmeeffameefi Kan Geggeeffamu Akkamitti? Kitaaba Fedha Yihowaa Raawwachuuf Gurmaa’uu jedhamu, boqonnaa 4rratti hundaa’uudhaan haasawaafi maree dhaggeeffattootaa wajjin godhamuun kan dhihaatu.
Daq. 20: “Qayyabannaawwan Macaafa Qulqulluu Amalawwan Yihowaa Akka Dinqisiifatan Gargaaraa.” Kitaaba Barumsa Macaafa Qulqulluu jedhamu saanduqa irra deebii xumura boqonnaa 1rra jiruun gargaaramuudhaan barataa Macaafa Qulqulluu gargaaruuf, gaaffiiwwanitti akkamittiin fayyadamuu akka danda’amu kan argisiisu hojiin argisiisni akka dhihaatu godhi.
Faarfannaa 88 (200) fi kadhannaa xumuraa.
Torban Adoolessa 17 Jalqabu
Faarfannaa 99 (221)
Daq. 10: Beeksisa gumii. Beeksisawwan Tajaajila Mootummaarraa filataman. Yaada Masaraa Eegumsaa Hagayya 15, 2000, ful. 32rra jiru gabaabsii dubbadhu. Barsiifata Macaafa Qulqulluu guyyaa guyyaadhaan dubbisuu qabnu, yeroo boqonnaarra jirrutti ykn yeroo kaanitti sagantaa dhaabbataa qabaachuun faayidaa akkamii akka qabu ibsi.
Daq. 15: Jaalalliifi Gad of Qabuun Amalawwan Tajaajilarratti Barbaachisanidha. Masaraa Eegumsaa Hagayya 15, 2002, ful. 18-20, key. 13-20rratti hundaa’ee, haasawaadhaan kan dhihaatu.
Daq. 20: “Yihowaa, ‘Waaqa Keenya Isa Gammadaa’ Fakkaadhaa.” Dhaggeeffattoonni naannoo tajaajilaasaaniitti yommuu lallaban gammachuu qaban akka argisiisaniifi yaada sirrii akka qabaatan wanta isaan gargaare akka dubbatan afeeri.
Faarfannaa 11 (29) fi kadhannaa xumuraa.
Torban Adoolessa 24 Jalqabu
Faarfannaa 74 (168)
Daq. 12: Beeksisa gumii. Gabaasa herregaafi buusii gumichi godheef xalayaa waajjirri damee barreesse dubbisi. Akkaataawwan dhiheenyaa ful. 12rra jiranitti ykn naannoo keessaniif hojjetan kan biraatti fayyadamuudhaan, Masaraan Eegumsaa Waxabajjii 15fi Dammaqaan! Waxabajjii 2006 akkamitti akka raabsamu kan argisiisu hojiin argisiisi akka dhihaatu godhi. Dhuma tokkoon tokkoon hojiin argisiisichaa booda, yaadawwan seensaa babal’isichi fedha nama haasofsiisu sanaa kakaasuuf ittiin fayyadame irra deebi’ii dubbadhu.
Daq. 20: “Walga’ii Koonyaa Dhugaa Baatota Yihowaa, Mataduree ‘Fayyinni Keenya Dhihaateera’ Jedhuun 2006tti Dhihaatu.” Barreessaa gumiitiin kan dhihaatu. Yaada key. 1rra jirurratti erga mari’attanii booda guyyaa walga’iin koonyaa keessan itti godhamu dubbadhu. Hundinuu walga’ii kanarratti argamuuf garanumaa haala mijeeffachuu akka jalqaban jajjabeessi.
Daq. 13: Utuu Hin Socho’in Jabaannee Haa Dhaabannu. (1 Qor. 15:58) Babal’istoota ykn qajeelchitoota amanamummaadhaan waggoota hedduudhaaf tajaajilaa turaniif gaafannoo godhi. Dhugaa kan dhaga’an akkamitti? Tajaajila yommuu jalqabanitti hojiin lallabaa maal fakkaata ture? Rakkoowwan akkamiitu isaan mudatee ture? Waaqeffannaa dhugaatiif amanamummaadhaan dhaabachuusaaniitiin eebbawwan akkamii argatan?
Faarfannaa 14 (34) fi kadhannaa xumuraa.
Torban Adoolessa 31 Jalqabu
Faarfannaa 51 (127)
Daq. 10: Beeksisa gumii. Babal’istoonni gabaasa tajaajilaa ji’a Adoolessaa akka deebisan yaadachiisi. Barreeffama ji’a Hagayyatti raabsamu dubbadhu.
Daq. 15: Akka gumichaaf barbaachisutti itti fayyadamaa.
Daq. 20: “Barsiifata Gaarii Qabaachuudhaan Faayidaa Argadhaa.” Dhaggeeffattoonni barsiifata haala waaqeffannaa wajjin wal qabateen, sagantaa dhaabataa ta’e qabaachuuf carraaqqii godhan akkasumas eebbawwan argatan akka dubbatan afeeri.
Faarfannaa 53 (130) fi kadhannaa xumuraa.
Torban Hagayya 7 Jalqabu
Faarfannaa 92 (209)
Daq. 10: Beeksisa gumii. Akkaataawwan dhiheenyaa Tajaajila Mootummaarratti ba’an akka naannoo keenyaaf barbaachisutti akkamittiin itti fayyadamuu akka dandeenyu gabaabsii irra deebi’i.—Tajaajila Mootummaa Amajjii 2005, ful. 6 ilaali.
Daq. 15: Walga’iiwwan Jaalalaafi Hojii Gaariidhaaf Nama Kakaasan. Masaraa Eegumsaa Bitootessa 15, 2002, ful. 24-25rratti hundaa’ee haasawaadhaan kan dhihaatu. Gaafannoo gabaabaa babal’istoota yeroo hundaa walga’iiwwan gumiirratti argamuufi carraaqqii gochuusaaniitiin eebba argatan akka dubbatan godhi.
Daq. 20: Tajaajilarratti Malaan Gargaaramuudhaan Akkaataa Dhiheenyaa Keenya Akka Haalasaatti Haa Jijijjiirru. Masaraa Eegumsaa Muddee 1, 2005, ful. 28-30rratti hundaa’uudhaan, haasawaafi maree dhaggeeffattootaa wajjin godhamuun kan dhihaatu. Keeyyata 6-11rratti yeroo yaada kennitu Phaawulos, hubataa, yaadasaa akka haalasaatti kan jijijjiiruu, tajaajilaafi akkaataa ittiin barsiisuun, mala qabeessa ta’uusaa ibsi. Achiis, dhaggeeffattoonni gaaffiiwwan key. 12-14rra jiraniif akka naannoosaaniif ta’utti yaada akka kennan afeeri. Babal’istoonni, namoonni naannoosaaniitti argaman wanta isaan barbaachisu, haala isaan keessa jiran, akkasumas garaa garummaa aadaa ilaalcha keessa galchuudhaan, akkaataa dhiheenyaasaanii yommuu jijijjiiran kan argisiisu hojiin argisiisni akka dhihaatu godhi.
Faarfannaa 83 (187) fi kadhannaa xumuraa.
[Miiljaleewwan]
Yaada seensaa daqiiqaa tokko hin guunneen jalqabuudhaan, gaaffiifi deebiidhaan kan dhihaatu.