Karaa Yihowaadhaaf Ulfina Fiduun Jiraadhaa
BAKKA DHIHOO KAA’AA
1 “Inni isin waame qulqulluu akkuma ta’e, isinis adeemsa keessan hundumaan qulqulloota ta’aa! Inni caaffata qulqullaa’aa keessatti, ‘Ani qulqulluu waanan ta’eef, isinis qulqulloota ta’aa!’” jedheera. (1 Phe. 1:15, 16) Yihowaan waggoota hedduudhaaf jaarmiyaasaatiin fayyadamee ilaalcha keenya akka sirreessinu karaa baay’ee nu gargaareera. Yeroo ammaatti hedduun keenya seerawwan bu’uuraa Caaffata Qulqullaa’aa akkamitti hojiirra akka oolchinu hubannaa sirrii arganneerra. Haata’u malee, seerawwan bu’uuraa tokko tokko irra deebinee barachuun keenya hunda keenyaaf, keessumaammoo namoota yeroo dhihoo Yihowaa beekaniif baay’ee barbaachisaadha.—Rom. 12:2; 2 Phe. 1:12; 3:1.
1. Yaadachiisa tokko tokko irra deebinee barachuun keenya faayidaa akkamii nuuf argamsiisa?
Gaa’elaaf Ilaalcha Akkamii Qabaachuu Qabna?
2 Gaa’ela kan jalqabsiise Yihowaadha. Kana jechuun garuu gammachuun kan argamu fuudhaaf heerumarraa qofa jechuudhaa? (Lal. 12:13; Mar. 12:30) Macaafni Qulqulluun, namoonni hedduun utuu hiriyaa gaa’elaa hin qabaatin gammachuudhaan Yihowaa akka tajaajilan dubbata. Intalli Yiftaa, hawaasa gaa’elaafi ijoollee godhachuuf bakka guddaa kennu keessatti utuu hin heerumin jiraachuudhaan wareega abbaashee raawwatteetti. (Abo. 11:34-40) Ijoolleen durbaa Filiphos arfan ‘raajii’ dubbachaa kan turan yommuu ta’u, Yihowaa jajachuuf tajaajiluunsaanii gammachuu guddaa akka isaaniif argamsiise homaa hin shakkisiisu. Yesus inni “Waaqa gammadaadhaaf, NW” fakkeenya ta’u hin fuune ture. (HoE. 21:8, 9; 1 Xim. 1:11) Kanaaf, Kiristiyaanota utuu gaa’ela hin qabaatin Yihowaa tajaajilan tuffachuun sirrii miti.
2. Maqaa namoota abbaa manaa ykn haadha manaa utuu hin qabaatin Yihowaa tajaajilaa turan caqasi.
3 Abbootii durii waaqeffachuun, namoonni gaa’elaaf ilaalcha sirrii akka hin qabaanne godheera. Yaanni sanyiin ykn jireenyi itti fufuu qaba jedhu, namoonni tokko tokko hiriyaa gaa’elaa qabaachuufi ijoollee godhachuun dirqamadha jedhanii akka yaadan godheera. Namoonni tokko tokko kana gochuu dhiisuun abbootii durii aarsa jedhanii amanu. Nuti garuu Kiristiyaanota waan taaneef, warri du’an ‘waan tokko iyyuu akka hin beekne’ ni hubanna. Hirriba cimaa keessa akka jiraniifi abdiinsaaniis du’aa ka’uu qofa akka ta’e beekna. (Lal. 9:5; HoE. 24:15) Kiristiyaanonni hundi barumsa sobaatiin geggeeffamuu hin qaban; akkasumas eenyuyyuu warra hiriyaa gaa’elaa hin qabnerratti ga’isuu hin qabu.
3. Gaa’ela ilaalchisee, aadaan dogoggora ta’e tokko tokko maalfa’i?
4 Gaa’ela ilaalchisee, 1 Qorontos 7:8, 9, 28, 32-34, fi 38rratti yaada gaarii arganna. Kiristiyaanonni fuudhaaf heeruma raawwachuu ni danda’u. Kiristiyaanonni hiriyaa gaa’elaa dhabuusaaniitti gaddan ykn sababii kanaan amala addagguummaatiif saaxilaman balaa kanaaf saaxilamuusaanii mannaa gaa’ela qabaachuunsaanii gaariidha. Gaa’elli rakkoowwan tokko tokko hiikuu danda’us, rakkoowwan garabiraammoo fiduu danda’a. Akkuma Phaawulos jedhe namoonni qeentee ta’an karaa hafuuraa ‘caalaatti ba’eessa godhu.’ Obboloonni hedduun, yeroo murtaa’eef ykn hanga dhumaatti gaa’ela malee jiraachuuf filataniiru. Obboloonni qeentee ta’an hedduun qajeelchaa ykn qajeelchaa addaa ta’anii tajaajilu. Warri kaanimmoo Bet’eliin galanii tajaajilu. Yihowaan amanamummaa isaan argisiisan hin irraanfatu. (Ibr. 6:10) Abbaafi haadha kan taatan, ijoolleen keessan utuu gaa’ela hin qabaatin dura yeroo muraasaaf utuu tajaajila yeroo guutuu keessa galanii tajaajilanii hin gammaddanii?
4. (a) Gaa’ela ilaalchisee Caaffanni Qulqullaa’oon maal jedhu? (b) Obboloonni tokko tokko utuu hin fuudhin ykn utuu hin heerumin dura fedhii Mootummichaa kan dursan akkamitti?
Gaa’ela Raawwachuu Kan Qabnu Eenyuu Wajjini?
5 Caaffanni Qulqullaa’aan warra hin amannee wajjin walitti hin hidhatinaa jechuudhaan nu gorsa. (2 Qor. 6:14, 15) Kiristiyaanni gorsa kana fudhachuu didu baay’ee gowwaadha. Namni utuu hin amanin Kiristiyaana tokko hiriyaa gaa’elaa godhachuu barbaadu, nama gaariifi nama dhugaa hin mormine fakkaatee dhihaachuu danda’a. Inni ykn isheen gumiirratti ni argamu ta’a. Gaa’elli erga raawwatamee booda garuu, amalli nama sanaa gedderamuu danda’a. Kana malees, ta’e jennee seerasaa cabsuudhaan walitti dhufeenya namoota akkasii wajjin goonu Yihowaan ni eebbisa jennee yaaduu hin qabnu.—Iyo. 9:4b.
6 ‘Nama amanee’ wajjinillee yeroo gaa’ela raawwannu of eeggannoo gochuu qabna. (1 Qor. 7:39) Utuu gaa’elaaf waadaa hin galin dura eenyummaa nama sanaa akka gaariitti hubadhu. Namni kun Yihowaadhaaf ni abboomamaa? Wantoota hafuuraatiif dinqisiifannaa qabaa? Yeroo hundumaa ni qayyabataa? Nama gad of qabudhaa? Gaarummaa qabaa? jennee of gaafachuu qabna. Kiristiyaanota ga’eessa ta’aniifi nama sana akka gaariitti beekanii wajjin mari’adhu. Erga kana gootee booda nama sanarratti shakkii yoo qabaatte maal gochuu qabda? Macaafni Maatii Gammachuu Qabu Argachuun Kan Danda’amu Akkamitti? jedhamu akkas jedha: “Shakkiin akkasii of eeggannoodhaan ilaalamuu qaba. Hanga fedheyyuu nama sana yoo jaallatte, hamma fedheyyuu hiriyaa gaa’elaa argachuuf yoo hawwite, rakkoowwan gurguddaa kana fakkaatan akka waan salphaatti hin ilaalin. (Fakkeenya 22:3; Lallaba 2:14) Nama wanta ati baay’ee jibbitu raawwatuu wajjin walitti dhufeenya cimaa qabda taanaan, walitti dhufeenya kana dhaabuufi nama kanaaf waadaa galuurraa fagaachuun barbaachisaadha.” Gaa’elli walitti dhufeenya yeroo gabaabaadhaaf turu waan hin taaneef, wanta kana keessa galuu keenya dura waa’ee nama sanaa mirkanaa’oo ta’uun keenya barbaachisaadha.—Mat. 19:5, 6.
5, 6. (a) ‘Nama amanee’ wajjin gaa’ela raawwachuun barbaachisaa kan ta’e maaliifi? (b) Namni tokko hiriyaa gaa’elaa yeroo barbaadu dhimmawwan akkamii tilmaama keessa galchuu qaba?
Ga’ee Abbaa Manaa
7 Dhiirri tokko yeroo fuudhu, mirga wanta barbaade gochuuf qabu tokko tokko dhabuu danda’a. Kanaan kan ka’es dhiironni tokko tokko kana amananii fudhachuun isaanitti ulfaachuu danda’a. Abbaan manaa Kiristiyaana ta’e gaa’elli qulqulluu ta’uusaa ni hubata. Wanta haadha manaasaatiif barbaachisu gochuu yoo dide, Yihowaa wajjin walitti dhufeenya gaarii qabaachuu hin danda’u. (1 Xim. 5:8) Haadha manaasaa humnaan bituu mannaa, haala qaamashees ta’e miirashee tilmaama keessa galchee gaarummaadhaan ishee geggeessa. (1 Phe. 3:7) Yeroo barbaachisaa ta’u, hojii manaa hojjechuudhaan ishee gargaara. Barruun Dammaqaa! Waggoota muraasa dura ba’e dhimma kana ilaalchisee akkas jedha: “Abbootii manaa aadaawwan tokko tokko keessatti guddatan biratti fudhatama argachuu baatus keessumaammoo, haati manaa alaa kan hojjettu yoo ta’e hojii manaa karaa seera qabeessa ta’een waliif hiruun barbaachisaadha.” Abbaan manaa qayyabannaa maatiirratti, tajaajilaafi sochiiwwan kana fakkaatanirratti dursa fudhachuudhaan jireenya hafuuraa haadha manaasaatiif akka yaadu argisiisuu qaba.
7. Amalli abbaan manaa mataa maatii ta’uudhaan argisiisu, waaqeffannaasaarratti dhiibbaa akkamii fiduu akka danda’u ibsi.
8 Abbaan manaa Kiristiyaana ta’e tokko fakkeenyaafi qajeelfama Yesus kan hordofu yoo ta’e, akkuma of jaallatutti haadha manaasaa jaallachuu danda’a. (Mat. 19:19; Efe. 5:28) Kunimmoo karaa inni isheedhaaf kunuunsa godhurratti mul’achuu danda’a. Fakkeenyaaf, nyaata gaarii ofii nyaachuudhaan hambaasaa isheedhaaf hin kennu. Walakkaa mindaasaa hambifatee, walakkaasaatiin wanta maatiidhaaf barbaachisu hunda akka dhiheessitu gochuudhaan ishee hin dhiphisu. Abbaan manaa haadha manaasaa wajjin adeemuu, wajjin taa’uu, ishee dhaggeeffachuufi isheedhaa wajjin karoora baasuu qaba.
8. Abbaan manaa tokko, qaamaanis ta’e miiraan fedha haadha manaasaa guutuu kan danda’u akkamitti?
9 Naannoo tokko tokkotti, haati manaa abbaa manaashee kan gargaartu utuu hin ta’in wanta hundumaa dhiheessuu akka qabdutti ilaalamti. Firoottan abbaa manaashee ta’an guutummaatti isaaniif akka abboomamtu isheerraa eeguu danda’u. Macaafni Qulqulluun garuu, haati manaa harka “abbaa manaa isheetii” jala of haa galchitu jedha. (Efe. 5:24) Haati manaa, firoottan abbaa manaashee kabajuu kan qabdu ta’us, kan abboomamtu garuu abbaa manaasheetiifidha. Abbaan manaa, mataa maatii ta’uu jechuun maal jechuu akka ta’e akka gaariitti firoottansaatiif ibsuudhaan dhiibbaa haadha manaasaarra ga’u hambisuu qaba.
9. Abbaan manaa, mataa maatii ta’uu jechuun maal jechuu akka ta’e firoottansaatiif dhimmawwan akkamii ibsuu qaba?
Ga’ee Haadha Manaa
10 Haati manaa Kiristiyaana taate tokkos, akkuma abbaa manaashee mirga wanta barbaadde gochuuf qabdu dhabdi. Yeroo heerumtee kaasee abbaa manaashee wajjin foon tokko ykn ‘gargaartuusaa’ taati. (Uma. 2:18) Amalawwan garabiraa dabalatee, “hafuura garraamummaa fi gabii isa Waaqayyo duratti guddaa gati-jabeessa ta’e” argisiisuuf carraaqqii gooti. (1 Phe. 3:1-6) Gaarummaa abbaa manaashee itti argisiisu, akka dadhabinaatti fudhachuudhaan maatii sana bulchuuf yaalii hin gootu. Kanaa mannaa qajeelfama abbaan manaashee karaa hafuuraa kennu hordofuuf yaalii gooti. Abbaa manaasheetiif abboomamuunshee Yihowaa ni gammachiisa.
10. Haati manaa abbaa manaasheetiif ilaalcha akkamii qabaachuu qabdi? Yihowaan abboomamuushee kana akkamitti ilaala?
11 Haadhotiin manaa Waaqayyoof abboomaman amalawwan gaarii waan qabaniif galateeffamuu qabu. Ibsi Fakkeenya 31:10-31rratti haadha manaa dandeettii gaarii qabduuf kenname akka gaariitti hubatamuu qaba. Haati manaa achirratti ibsamte, manashee akka gaariitti qabuu qofa utuu hin ta’in, lafa bitanii hojii qonnaarratti hirmaachuufi hojii daldalaarratti hirmaachuushee nutti hima. “Guyyoota gara dhumaa” kana keessa haadhotiin manaa hedduun hojii mindaa namaaf argamsiisu qabu. (2 Xim. 3:1) Haata’u malee, haati manaa mindaadhaan hojjettus “jireenya maatii isheetii” ni eegdi. (Fak. 31:27) Kun itti gaafatamasheeti malee, kan hojjettuushee ykn kan firoottanshee tokko tokkoo miti. Haallisaa ni heyyama taanaan, haati manaa hojii alaa hojjettu hir’istee, yeroo baay’ee utuu manatti dabarsitee maatiin faayidaa argachuu danda’a.
11. Akkuma Fakkeenya 31:10-31rratti ibsametti, haati manaa Waaqayyoon sodaattu maalfaa raawwatti?
Of Eeggannoo Hiriyaa Gaa’elaatiif Godhamuu Qabu
12 Ilaalchi namoonni biyya lafaa saalqunnamtiidhaaf qaban, ilaalcha Yihowaan qabuu wajjin tokko miti. Abbaan manaa Kiristiyaana ta’e tokko garuu gorsa Yihowaa hojiirra oolchuudhaan saalqunnamtii ilaalchisee haadha manaasaa akka jaallatu argisiisa. Qaamasheefi miirasheetiif yaaduudhaan wanta isheen hin barbaanne akka gootu hin dirqisiisu. Kana ilaalchisee, Masaraan Eegumsaa Waxabajjii 1, bara 1989 maxxanfame akkas jedha: “Israa’el keessatti, namoonni wal fuudhanillee yeroon saalqunnamtiirraa fagaachuu itti qaban akka jiru seerri ba’e jira. Abbaan manaa tokko yeroo haati manaasaa laguurra jirtu ishee wajjin saalqunnamtii gochuurraa fagaachuu qaba. (Lew. 15:24; 18:19; 20:18) Abbootiin manaa Israa’el keessa turan hundi haadhotii manaasaaniitiif yaaduufi of qabuun isaanirraa barbaadama ture. Kiristiyaanonni yeroo ammaatti argamanoo dhimma kanarratti haadhotii manaasaaniitiif yaaduu hin qabanii? Phexros, abbootiin manaa Kiristiyaana ta’an dubartootasaanii ‘akka dhagnasaanii isa dadhabaatti’ ilaaluudhaan isaanii ‘beekanii akka isaanii wajjin jiraatan’ gorseera.—1 Phexros 3:7.”
12. Abbaan manaa saalqunnamtii wajjin haala wal qabateen haadha manaasaatiif yaaduu kan qabu maaliifi?
13 Karaa garabiraammoo Macaafni Qulqulluun: “wal bira ga’uu wal hin didinaa” jechuudhaan warra wal fuudhan gorsa. (1 Qor. 7:3, 5) Abbaan manaa ykn haati manaa wanti ani barbaadu yoo naaf guutame malee sii wajjin saalqunnamtii hin raawwadhu jechuu hin danda’an. Karaa garabiraammoo, haati manaafi abbaan manaa hojiidhaaf jedhanii yeroo dheeraadhaaf gargar jiraachuu hin qaban. Abbootiin manaa hedduun maatiisaanii baadiyyaatti dhiisanii magaalaadhaa hojjetu. Seexanni kanaan fayyadamee abbaan manaas ta’e haati manaa akka amala addaggummaatiin kufan godha.
13. Abbaan manaas ta’e haati manaa, ‘walbira ga’uu diduurraa’ fagaachuu kan danda’an akkamitti?
Ijoollee Godhachuufi Leenjisuu
14 Ijoolleen kennaa Waaqayyoo waan ta’aniif, warrasaaniitiif gammachuu argamsiisu. (Far. 36:9; 127:3) Dhimma kanarratti akka gaariitti erga yaadanii booda, abbaan manaafi haati manaa ijoollee godhachuu akka qabaniifi akka hin qabne murteessuu danda’u. Yihowaan namoota fedhii Mootummichaa babal’isuuf jecha ijoollee godhachuurraa of qusatan eebbiseera. Hedduunsaanii yeroo ammaatti qajeelchaa, qajeelchaa addaa, daawwattoota olaanaafi Bet’el galanii tajaajilaa jiru.a Haata’u malee, haadhotiin manaafi abbootiin manaa hedduun ijoollee godhachuuf murteessuunsaanii dogoggora miti. Namoonni kana gochuuf murteessan maal gochuu qabu?
14. Namoonni hojii Mootummichaatiif jecha ijoollee godhachuurraa of qusatan, eebbawwan akkamii argachuu danda’u?
a Fakkeenyaaf, Masaraa Eegumsaa Hagayya 1, 2000, ful. 20-3 ilaali.
15 Yihowaan, Kiristiyaanonni ijoolleesaanii sirriitti akka guddisan itti gaafatamummaa isaanii kenneera. Haata’u malee, haati manaafi abbaan manaa ijoollee hedduu qaban kana gochuun rakkisaa akka ta’e hubataniiru. Kanaaf, abbaan manaafi haati manaa ijoollee meeqa godhachuu akka qaban walii galuunsaanii barbaachisaadha. Kiristiyaanonni qusannaa maatiitiif jecha qoricha da’umsa dhowwuun fayyadamuu qabuu? Dhimma kanarratti haati manaafi abbaan manaa ofumasaaniitiif murtoo gochuu qabu. Haata’u malee, Dammaqaan! Guraandhala 22, bara 1993 maxxanfame akkas jedha: “Kiristiyaanonni qoricha da’umsa dhowwu yeroo filatan lubbuudhaaf ulfina akka kennan argisiisuu qabu. Macaafni Qulqulluun lubbuun kan jalqabu garaa haadhaa keessatti ta’uusaa waan ibsuuf, Kiristiyaanonni qoricha ulfa baasuufi mucaa garaa haadhaa keessatti guddachaa jiru ajjeesu fudhachuurraa fagaachuu qabu. . . . Doktooronniifi manneetiin yaalaa qusannaa maatii, malawwan itti da’umsa ittisaniifi wanta abbaan manaafi haati manaa sun barbaadanii wajjin wal siman ilaalchisee, gorsaafi gargaarsa kennuufii danda’u.”
15. (a) Qusannaan maatii barbaachisaa kan ta’e maaliifi? (b) Abbaan manaafi haati manaa yeroo mala da’umsa ittisuun fayyadaman of eeggannoo akkamii gochuu qabu?
16 Karaa foonii wanta maatiidhaaf barbaachisu qopheessuu caalaa wanti barbaachisaa ta’e tokko jira. Macaafni Qulqulluun, abbootiin ijoolleesaanii “adabaa fi barsiisa gooftaatiin” akka guddisan gorsa. (Efe. 6:4) Kana gochuun maalfaa dabalata? Hanga isaan amanamummaadhaan Yihowaa tajaajiluu danda’anitti guddisuu dabalata. Kana gochuu akka danda’aniifis, ijoolleen fakkeenya keessanirraa akka baratan godhaa. (Yoh. 5:19) Yihowaa waaqeffachuurratti dursa fudhachuu akka dandeessaniif haala keessan sirreessaa. Ijoollee keessan hundumaa leenjisuuf, yeroo, jaalalaafi xiyyeeffannaa kennuun barbaachisaa ta’uusaa yaadadhaa. Warri, ijoolleesaanii wajjin ta’uu mannaa firoottansaanii gaafachuuf yeroo baay’ee manatti hin argaman taanaan, ijoolleensaanii iddoo gadheetti kufuu danda’u.
17 Ijoolleen kana gochuuf yeroo ga’an, sababii wanti tokko itti ta’u isaaniif ibsaa. Ofumaa “kan gochuun sirrii miti,” “nuti wanta kana hin goonu” ykn “kana gochuun dhowwamaadha” jechuu mannaa, Caaffata Qulqullaa’aarratti hundaa’uudhaan wantoonni tokko tokko dogoggora kan ta’an maaliif akka ta’e isaan barsiisaa. Fakkeenyaaf, Yihowaan horii qe’eetiif ilaalcha akkamii akka qabu ibsuu yoo barbaaddan, Yoonaas 4:11 caqasuudhaan Yihowaan namoota Nanawwee qofa utuu hin ta’in, ‘horii qe’ees’ utuu hin balleessin hafuusaa ibsuufii dandeessu. Haaluma wal fakkaatuunis, galateeffachuun, dhugaa dubbachuuniifi amala addaggummaarraa fagaachuun faayidaa maalii akka qabu ibsaafii. Kitaabni Barsiisaa Guddicharraa Barachuu jedhamu, seerawwan akkasii ijoollee keessan akka barsiistaniif kan qophaa’edha.
16, 17. (a) Qayyabannaan maatii ijoollee leenjisuurratti ga’ee akkamii qaba? (b) Warri, wantoonni tokko tokko maaliif akka raawwataman, Macaafa Qulqulluurraa sababii dhiheessuudhaan ijoolleesaanii leenjisuu kan danda’an akkamitti akka ta’e fakkeenyaan ibsi.
18 Ijoollee keessaniif galma hafuuraa baasaa. Tajaajila yeroo guutuu keessa galanii wangeela lallabuun bu’aa akkamii akka qabu isaanii wajjin mari’adhaa. Qajeelchitoota mana keessanitti afeeraa. Kan danda’amu yoo ta’e, ijoolleen keessan Bet’eliin akka daawwatan godhaa. Yeroo manni barumsaa cufamu, ijoolleen keessan qajeelchaa gargaaraa akka ta’an jajjabeessaa. Dhugaadha, akka aadaa biyya sanaatti leenjiin akkasii ijoollee sanaaf haaraa ta’uu danda’a. Ta’us, gorsa kana hojiirra oolchuudhaan maatii cimaafi gammachuu qabu argachuu dandeessu.
18. Warri, ijoolleesaanii wajjin waa’ee galmawwan hafuuraa akkamii mari’achuu qabu?
19 Abbootiifi haadhotiin biyyoota Afriikaa adda addaa keessatti argaman, yeroo dulloomnu ijoolleen keenya nu gargaaru jedhanii abdatu. Warri ilaalcha akkasii qaban, ijoolleensaanii gumii keessatti carraaqqii akka godhan jajjabeessuu mannaa mana barumsaatti qabxii gaarii akka fidan jajjabeessu. Maatiin tokko tokkommoo, ijoolleesaanii mana barumsaa barumsi gaariin itti kennamuufi qarshii hedduun itti kaffalamu galchanii barsiisu. Kun garuu ijoolleen Yihowaa tajaajiluuf carraa xiqqoo akka argatan ykn guutummaatti akka Yihowaa hin tajaajille isaan gochuu danda’a. Ijoolleen bakka kanatti baratan tokko tokko, namoonni mana barumsaa sana keessatti aangoo qaban gochawwan amantii sobaarratti akka hirmaatan waan isaan dirqisiisaniif karaa hafuuraa dadhabaniiru. Warri ijoolleesaanii bakka kanatti ergan dhuguma karaa hafuuraa wanta ijoolleesaaniitiif barbaachisu dhiheessaa jiru jechuun hin danda’amu!—Kes. 6:6, 7.
19. Warri, gorsa Keessa Deebii 6:6, 7rratti argamu hojiirra oolchuu kan danda’an akkamitti?
20 Barumsaaf ilaalcha sirrii qabaachuun barbaachisaadha. Tajaajilli Mootummaa keenya akkas jedha: “Ijoollummaa keetti barumsa bu’uuraa argachuunkee, beekumsa gaarii dubbisuufi barreessuuf si gargaaru argachuuf si dandeessisa. . . . Suutuma suuta sirriitti yaaduuf, wantoota tokko tokko walbira qabdee ilaaluuf, rakkoowwan hiikuufi yaada gaggaarii maddisiisuuf si gargaara.” Eeyyee, ni argama taanaan ijoolleen hundi barumsa bu’uuraa barachuunsaanii baay’ee barbaachisaadha. Ta’us, ijoollee hedduun barumsaaf jecha warrasaaniirraa fagaatanii jiraatan ykn barumsa sadarkaa olaanaa baratan dhugaa dhiisaniiru. Warri kaanimmoo, erga barumsa kolleejjii fixanii booda karoora qajeelchaa ta’uuf baafatan dhiisanii qabeenyaadhaaf bakka guddaa kennu jalqabaniiru. Obboloonni barumsa akkasii hordofan karaa hafuuraa balaadhaaf of saaxilu. Barumsa mucaan tokko dhabuu hin qabne inni guddaan, seerawwan bu’uuraa Macaafa Qulqulluuti. Yihowaadhaaf ulfina kennuu barachuu qaba. Warri ijoolleensaanii Yihowaa akka tajaajilaniif leenjisan, Yihowaan bara dullumaasaaniitti akka isaan hin dhiisne abdachuu danda’u.—Far. 37:25.
20. Barumsaaf ilaalcha akkamii qabaachuu qabna?
21 Ijoollee Waaqayyoof abboomaman guddisuun yeroofi carraaqqii gaafata. Itti gaafatamummaa isiniif kenname sirriitti yoo raawwattan Yihowaan baay’ee isin eebbisa. Maatiin hundi gammachuu argachuusaarrayyuu, ‘wanta hojjetanitti gammaduu’ danda’u.—Lal. 2:24; 3:12, 13.
21. Ijoollee Waaqayyoof abboomaman guddisuun eebba akkamii argamsiisa?
22 Phexros akkas jechuudhaan barreesseera: “Kanaafis michoota ko, isaan kana eeggachaa, warra xurii fi mudaa hin qabne taatanii, Waaqayyoo wajjin nagaa qabaattanii akka argamtaniif dhama’aa!” (2 Phe. 3:14) Dhugaa Baatonni Yihowaa gorsa kana hojiirra oolchuudhaan aadaawwan Kiristiyaanaaf hin taanerraa fagaataniiru. Namoonni yeroo ammaatti Dhugaa Baatota Yihowaa wajjin Macaafa Qulqulluu qayyabachaa jiran, brooshuura Waaqni Maal Nurraa Barbaadaa? jedhamu Barumsa 11ffaarraa duudhaawwan Waaqayyo itti hin gammanne tokko tokkorratti yaaduu danda’u.
23 Dhugaadha, aadaawwan gaariin seera bu’uuraa Macaafa Qulqulluu wajjin wal hin faallessine tokko tokkos jiru. Keessummaa simachuu, namoota dullooman kabajuufi warra rakkatan gargaaruun aadaa Macaafni Qulqulluun deggerudha. Akkaataawwan uffannaa, akkaataa itti nama nagaa gaafatanis yeroo baay’ee seera bu’uuraa Macaafa Qulqulluu wajjin kan wal faallessan miti. Haata’u malee, aadaawwan Waaqa dhugaa dheekkamsiisan hedduun jiru. Duudhaawwan akkasii, ‘jireenya isa abbootarraa namatti darbu isa waa’ee hin baafne’ jedhameera. Phexros Kiristiyaanonni jaarraa jalqabaa kana gochuurraa akka fagaatan akeekkachiisa kenneera. (1 Phe. 1:18) Gorsa Phaawulos akkas jechuudhaan kenne hojiirra oolchuu qabna: “Namni tokko illee akka barsiisa Kristositti utuu hin ta’in, yaada mataa isaa keessaa ba’ee fi gowwoomsaa waan tokko of keessaa hin qabneen isin hin harkisin; . . . kana hundumaattiis of eeggadhaa!” (Qol. 2:8) Mee amma aadaawwan naannoo keenyatti beekaman tokko tokkorratti haa xiyyeeffannu.
22, 23. Aadaawwan hundi dogoggoradhaa? Ibsi.
Dhagna Qabaa
24 Macaafni Qulqulluun dhagna qabaa dhiirotaa hin dhowwu. Dhagna qabaan Seera Yihowaan Israa’elootaaf kenne keessaa tokko yeroo ta’u, hanga Yesus du’etti dhiirri dhagna hin qabamne akka xuraa’aatti ilaalama ture. Haata’u malee, Seerichi ‘adabduu isa gara Kiristositti geessu ture.’ Yeroo ammaatti dhiirri tokko dhagna qabamuunsaa Waaqayyo duratti fudhatama adda ta’e isaaf hin argamsiisu; akkasumas ulaagaa Kiristiyaana tokkorraa eegamu miti.—Gal. 3:24; 5:6.
25 Kanaafuu, tarii warri sababii fayyaatiif ilmaansaanii dhagna qabsiisuu yoo barbaadan mirgasaaniiti. Haata’u malee, naannoo tokko tokkotti namoonni guyyaa tokko murteessanii ijoolleesaanii warra umuriinsaanii walitti dhihaatu dhagna qabsiisu. Yeroo sanattis cidha qopheessanii sirbaafi shubbisaan ijoollee dhagna qabamaniif ulfina kennu; kana kan godhanis hawaasa keessatti bakka olaanaa isaaniif hawwuudhaani. Gochi akkasii kun maddisaa amantii waan ta’eef, Kiristiyaanni tokko gochawwan Waaqayyoof ulfina hin argamsiisne akkasiirratti hirmaachuunsaa sirrii miti.
24, 25. (a) Ijoollee dhiiraa dhagna qabuun Israa’el keessatti akkamitti ilaalama ture? (b) Aadaawwan dhagna qabaa Yihowaa biratti jibbamaa ta’an keessaa tokko tokko caqasi.
26 Ijoollee durbaa dhagna qabuunoo sirriidhaa? Aadaan akkasii kun keessumaa biyyoota Afriikaa hedduutti baay’ee beekamaadha. Dhagna qabaan kun karaa adda addaatiin kan raawwatamu ta’uyyuu, hundumtisaa ijoollee durbaarratti miidhaa guddaafi barbaachisaa hin taane kan geessisudha. Gaazexaan tokko akkas jedha: “Durbi tokko yeroo dhagna qabamtu, baay’ee ishee dhukkuba, ni hoollatti, dhiiga baay’eetu dhangala’a, qaamonni biraan naannoo sanatti argaman miidhamuu danda’u, akkasumas baay’ee madaa’uufi du’uu dandeessi.” Warri Kiristiyaanota ta’an ijoolleesaanii rakkina akkasiitiif saaxiluu akka hin barbaanne beekamaadha. Kanarra darbees, ijoollee durbaa dhagna qabuun waaqeffannaa sobaa wajjin walitti dhufeenya waan qabuuf gocha akkasiirraa fagaachuu qabna.
26. Ijoollee durbaa dhagna qabuun qaamasaaniirratti balaa akkamii geessisuu danda’a?
27 Yihowaan dubartiin tokko abbaa manaashee wajjin saalqunnamtii akka raawwattu kan uume yeroo ta’u, durba tokko dhagna qabuun garuu fedhiishee kana balleessuu danda’a. Durbi tokko dhagna yoo qabamte hanga heerumtutti durbummaadhaan turuu dandeessi jedhamee yaadama. Haata’u malee, durbi tokko durbummaashee eegdee akka jiraattu kan gargaaru qaamashee muruu utuu hin ta’in seerawwan bu’uuraa Kiristiyaanummaa barsiisuudha. Dammaqaan! Onkoloolessa, 1993 akkas jedha: “Gochi dogoggora ta’e kan ittifamu barumsaan malee kutaa qaamaa kutuudhaan miti. Fakkeenyaan ibsuuf: Ijoollee xixinnoon yeroo guddatan hattuu akka hin taaneef harkasaanii ni kunnaa? Yookiinimmoo gara fuulduraatti wanta gadhee akka hin dubbanne jennee arrabasaanii ni kunnaa?” Ijoollee durbaa dhagna qabsiisuun gocha balaa geessisu ta’uusaarrayyuu, lubbuu namaatti akka itti gaafatamnu nu gochuu danda’a. (1 Sen. 11:17-19; Far. 51:14) Namni aadaa gocha gara jabinaa kana deggeru hundi, Yihowaa isa ‘burqaa jireenyaa’ ta’eefi ‘kennaa gaarii hundumaa’ nuu kennu tuffachuusaa argisiisa. Kana malee, biyyoota mootummaan gocha akkasii ittisetti, Kiristiyaanonni seera mootummaan baaseef ni ajajamu. (Far. 36:9; Yaq. 1:17; Rom. 13:1) Kiristiyaanonni ijoolleensaanii dhagna qabsiisan gumii keessatti mirga tajaajilaa adda ta’e argachuu hin danda’an. Obboleettiin gochi kun akka isheerratti raawwatamu fedhiidhaan of dhiheessites mirga akkasii hin argattu.
27. Ijoollee durbaa akka dhagna hin qabsiisne kan nu gargaaru seerawwan bu’uuraa Caaffata Qulqullaa’aa warra kamidha?
Kudhaama
28 Bara duriitii jalqabee, namoonni waan hamaarraa nu oolcha jedhanii kudhaama kaa’achaa turan. Kudhaamni tokko tokko rifeensa, lafee, ilkaaniifi qeensa bineensotaarraa hojjetama. Warri kaanimmoo sibiila, uffata, callee ykn biqiltuurraa hojjetamu. Bara durii, biyya Gibxiitti calleen, kudhaamniifi wantoonni kana fakkaatan tokko tokko hafuurota hamoo ofirraa ittisuuf jecha kaa’atamu turan.
28. Kudhaamni maalii wajjin walitti dhufeenya qaba?
29 Kiristiyaanni tokko wantoota kana yoo qabaate akkas jedhee of gaafachuu qaba: ‘Kudhaama kana maaliifan godhadhe?’ Dhukkuba, balaa, ija hamaa ykn hafuurota hamaarraa na oolchu jedheen amanaa? Wantoota akkasii kaa’achuunkoo warra kaanirratti dhiibbaa akkamii geessisuu danda’a? Firoottankoo kudhaama kana ijoolleekoorratti yoo argan wantoota waaqeffannaa sobaa wajjin walitti dhufeenya qaban tokko tokkorratti akkan hirmaadhu na jajjabeessuu danda’uu?’ Meeshaawwan akkasii nu eeguu hin danda’an. Kanaa mannaa, nama tokko dhiibbaa Seexanaatiif saaxiluu ykn namni tokko caalaatti miidhaa hojii hafuurota xuraa’ootiif akka saaxilamu gochuu danda’u. Kudhaamni miidhaginaaf jedhamee waan kaa’atamu qofa miti. Kanaa manaa, hojii hafuurota xuraa’oo wajjin walitti dhufeenya kan qaban ta’uusaaniirrayyuu, walitti dhufeenya Yihowaa wajjin qabnu nu jalaa balleessuu danda’u.—Kes. 18:10-12; Gal. 5:19-21; Mul. 21:8.
29. Kudhaama kaa’achuun balaa akkamii namarraan ga’uu akka danda’u hubachuuf gaaffiiwwan akkamii of gaafachuu qabna?
Baasii Naqataaf Kennamuufi Cidha
30 Dhiirri durba naqate tokko warra intalaatiif kennaa kennuun sirrii ta’uusaa Macaafni Qulqulluun ni dubbata. Hojjetaan Abrahaam yeroo Ribqaa Yisihaqiif kadhachuu dhaqetti “naqata meetii fi naqata warqee uffata babba’eessa fidee Ribqaadhaaf kenne.” (Uma. 24:53) Kennaa kanas, Ribqaadhaaf, haadhasheefi obboleessashee jechuunis miseensota maatiisheetiif kenne. Caaffanni Qulqullaa’aan gatiin naqataa kun firoottanshee warra kaaniif akka hin kennamne argisiisa. Kiristiyaanonni, firoottansaanii warri hin amanne walii galtee gatii naqataatiif kennamu keessa akka galan heyyamuu qabuu? Kun yoo ta’e, firoottansaanii kun gatii naqataa kana guddisuufi intalattii nama gatii gaarii kennetti “gurguruu” danda’u jechuudha. Maatii gaariin, qabeenyaadhaaf bakka guddaa kennuu mannaa soddaa dhugaatti qabamee jiraatu, kan Yihowaa jaallatuufi hinaaffaadhaan hojii Kiristiyaanummaa hojjetu barbaadu.
30. (a) Kiristiyaanonni yeroo gatii naqataatiif mari’atan gorsa seera bu’uuraa Caaffata Qulqulluu isa kam hordofuu qabu? (b) Obboleessi intalasaa heerumsiifatu tokko, firoottansaa dhimma gatii naqataafi gaa’elaa keessa akka hin galle gochuu kan qabu maaliifi?
31 Fuudhaaf heerumni Kiristiyaanotaa, Yihowaa isa gaa’ela jalqabsiiseef ulfina kan fidu ta’uu qaba. Phaawulos akkas jechuudhaan Kiristiyaanota gorseera: “Egaa yoo nyaattan yookiis yoo dhugdan yookiis waanuma hojjettan hundumaa ulfina Waaqayyoof hojjedhaa!” (1 Qor. 10:31) Kiristiyaanonni, maatiisaanii keessatti gaa’elli Yihowaa ykn gumii arrabsiisu akka raawwatamu hin barbaadan. Cidhi Kiristiyaana tokkoo, bashannana keessa ba’aafi machiidhaaf sababii ta’uu hin qabu. Biyyoota Afriikaa tokko tokkotti, yeroo cidhaatti ruuzii bittimsuudhaan ykn wanta waaqeffannaa sobaa wajjin wal qabatan garabiraa gochuudhaan taphachuufi akkaataa saalqunnamtii kakaasuun shubbisuun kan beekamedha. Gochi akkasii kun cidha Kiristiyaanni tokko qopheessurratti raawwatamuu hin qabu.
31. Cidha Kiristiyaanni tokko qopheessurratti wantoota godhamuu hin qabne tokko tokko caqasi.
32 Galma Mootummaatti gaa’elli kan raawwatamu yoo ta’e, of eeggannoo cimaan godhamuu qaba. Jaarsoliin gaa’elli sun seera Kiristiyaanotaaf ba’ee wajjin kan wal hin faallessine ta’uusaa mirkaneessuu qabu. Kanarraa ka’uudhaan Masaraan Eegumsaa Ebla 15, bara 1984 maxxanfame gorsa armaan gadii kenna: “Muuziqaan Galma Mootummaatti banamuu qabu kan nama jajjabeessu, jechuunis faarfannaa Dhugaa Baatota Yihowaa qofa ta’uu qaba. Abaaboon ykn meeshaan miidhaginaa garabiraan, karaa gara Galma Mootummaatti itti galanii wajjin ykn bakka suuraa itti ka’anii wajjin haala wal fakkaatuun xiyyeeffannaa namootaa kan hin harkisne ta’uu qaba.—Filiphisiiyus 4:5.” Warri cidha sanarratti akka argamaniif afeeraman namoota akkamii ta’uu qabu? Barruun kun itti fufuudhaan akkas jedha: “Namoonni meeqa achitti argamuu akka qaban, uffannaafi amallisaanii maal fakkaachuu akka qabu ilaalchisee yaada sirrii qabaachuun barbaachisaadha. Namoonni wanta gadhee Macaafni Qulqulluun balaaleffatu raawwatanii gumii keessaa baafaman bakka cidhaa kanatti argamuunsaanii sirrii miti. (2 Qorontos 6:14-16) Misirroonni, (nama haasawaa cidhaa dhiheessu) namoota sooressaafi baasii hedduu baasisan cidharratti akka argaman gochuu mannaa, namoota isaanii wajjin Yihowaa tajaajilan afeeruunsaanii baay’ee gaariidha.”
32. Yeroo obboloonni gaa’elasaanii Galma Mootummaatti raawwatan of eeggannoo akkamiitu godhamuu qaba?
33 Dhiirriifi durbi wal fuudhuuf yaadan murtoo adda addaa gochuu qabu. Kunimmoo, gosaafi bifa wayyaasaanii, qubeelaa gaa’elaa ykn cidhasaaniirratti namoota meeqa akka afeeran murteessuu dabalata. Yeroo murtoo akkasii godhanis yaada sirrii qabaachuunsaanii barbaachisaa akka ta’e hin shakkisiisu. Fakkeenyaaf, konkolaataa miidhagfaman hedduu kireeffatanii xurumbaa afuufaa adeemuun namoota biyya lafaa biratti beekamaadha. Kiristiyaanni tokko wanta kanaaf ilaalcha akkamii qabaachuu qaba? Masaraan Eegumsaa Ebla 15, bara 1997 qophaa’e yaada akkas jedhu qabateera: “Yesus cidharratti kan argame ta’us, utuu yeroo ammaatti jiraatee, aadaa naannichaa hordofuudhaan konkolaachisaa xurumbaa guddaa dhageessisaa misirrootaa wajjin magaalaa naanna’aniifi sagalee xurumbaa guddaa dhageessisuusaaniitiin kan ka’e tiraafiikiin isaan adabuu wajjin adeema jedhanii yaaduun baay’ee rakkisaadha. (Maatewos 22:21 ilaali.) Walumaa galatti Kiristiyaanonni gama kanaan wanta namoonni biyya lafaa akka isaaniif argamuuf godhan hordofuu mannaa, ogummaa isa namoota gad of deebisan biratti argamu argisiisu.”
33. Kiristiyaanni tokko yeroo cidha qopheessu, ilaalcha sirrii akka qabu karaawwan garabiraa kamiin argisiisa?
Reeffa Bira Taa’aa Buluufi Awwaalcha
34 Hundumti keenya yeroo namni jaallannu du’u baay’ee gaddina. Gaddi akkasii kunimmoo, akkuma Yesus yeroo Alaazaar michuunsaa du’e, firoottansaa yeroo boo’an argee “imimmaan isaa dhangalaase”, Kiristiyaanni baay’ee gadde tokkos boo’uu danda’a. (Yohannis 11:35) Ta’us, Kiristiyaanonni yeroo gaddaattillee wantoota biyyoota Afriikaa hedduutti godhaman hin raawwatu. Aadaa tokko tokko keessatti, rifeensa ofiitiif kunuunsa gochuu dhiisuun ykn guutummaatti ofirraa haaduun, uffata xuraa’aa uffachuun, lafatti of rukutuun, harka ofii raasaa boo’uuniifi warra kaanii wajjin iyyuun beekamaadha. Kiristiyaanota dhugaa waan taaneef, gadda keessa ba’aafi nama diraamaa argisiisu haala fakkeessuun boo’uurraa fagaachuun keenya yeroo warri du’an itti ka’an amantii guutuudhaan akka eegnu argisiisa.—Iyo. 14:14, 15; Yoh. 5:28, 29; HoE. 24:15.
34. (a) Yeroo nama jaallannu du’aan dhabnu gadduufi boo’uun keenya dogoggoradhaa? (b) Nama du’aa ka’uutti amanu tokkoof aadaan bo’ichaa sirrii hin taane warra kamidha?
35 Biyyoota hedduutti reeffa bira taa’anii buluun kan baramedha. Namoonni hedduun yeroo namni tokko du’u faarfachaa, boo’aa ykn dhugaatii alkoolii dhugaa halkan guutuu utuu hin rafin bulu. Wantoonni akkasiimmoo baasii baay’eedhaaf nama saaxilu. Namoonni nyaata qopheessu ykn horii qalu, dunkaana ykn konkolaataa kireeffatu. Wantoonni kun maatii gadde sanarra kasaaraa geessisuusaaniirrayyuu, gochawwan Kiristiyaana tokkoof hin taanerratti akka hirmaatu isa gochuu danda’u. Wantoonni kun barbaachisoodha jedhamuu danda’uu? Guutummaatti aadaa warra kaan biratti fudhatama argaterraa fagaachuun namoonni akka nu ari’atan gochuu danda’aniyyuu, Waaqayyo biratti eebba nuuf argamsiisa.—2 Xim. 1:7.
35. Halkan guutuu reeffa bira taa’aa buluun maatii gaddi irra ga’erra miidhaa akkamii geessisuu danda’a?
36 Bakka awwaalchaa qopheeffachuun sirriidhaa? Fakkeenyawwan Macaafa Qulqulluu keessatti ibsaman tokko tokko ilaali. Abrahaam bakka awwaalchaa maatiisaatiif ta’u bituuf baasii baay’ee baaseera. (Uma. 23:3-20; 25:9; 49:29-32) Yosef reeffa abbaasaa gara Kana’aanitti geessuudhaan ulfina abbaasaatiif qabu argisiiseera. Fari’oonis, namoota aangoo qaban isaa wajjin erguudhaan Yosef wanta abbaansaa jedhe akka raawwatu isa hin gargaarin hin oolle.—Uma. 47:29, 30; 50:6-13.
37 Yeroo ammaattis, seera awwaalchaa biyyichaa wajjin haala wal simuun miseensonni maatii bakka awwaalchaatiif qophii gochuu qabu. Namni tokko yeroo du’u bakka abbootiisaa itti awwaalamanitti geessanii awwaalamuun beekamaadha. Kana gochuun baasii akkamii akka gaafatu erga tilmaamanii booda, maatiiwwan kana gochuuf murteessuu danda’u. (Luqaas 14:28) Namoonni tokko tokko utuma bakka awwaalchaa seera qabeessa ta’e naannoosaaniitii argachuu danda’anii, bakka fagoo abbootiinsaanii itti awwaalamanitti reeffa geessuudhaan baasii hin barbaachisne baasuudhaan rakkinaaf saaxilamu. Kana kan godhan maaliifi? Bakka abbootiin durii itti awwaalamanitti yoo awwaalaman hafuurri warra du’anii karaa biyyoo sanaa walitti dhufeenya qabaata jedhanii waan amananiifidha. Kiristiyaanota waan taaneef, amantii akkasiirratti hundoofnee murtoo hin goonu.—Lal. 9:5, 10.
36, 37. Namni tokko eessatti awwaalamuu akka qabu ilaalchisee wantoota akkamii tilmaama keessa galchuu qabna?
38 Dubartiin Kiristiyaana taate tokko, yeroo abbaan manaashee du’u qabeenya abbaan manaashee horate “dhaaluuf” jecha firoottansaa keessaa nama tokkotti akka heerumtu gaaffii isheedhaaf dhihaatu diduuf jabina qabaachuu qabdi. Kana gochuun, ta’e jedhanii seera bu’uuraa Yihowaan baase mormuurrayyuu fayyaa dubartittiirra balaa geessisuu danda’a. Dubartiin Kiristiyaana taate tokko matumaa yaada akkasii fudhachuu hin qabdu.
38. Kiristiyaanonni wantoota yeroo gaddaatti godhaman akkamiirraa fagaachuu qabu?
39 Dhugaa Baatonni Yihowaa yeroo namni tokko du’u haasawaa awwaalchaa ni qopheessu. Kiristiyaanni tokko haasawaa kana akka dhiheessu yoo gaafatame, haasawaa dhimma kanaaf qophaa’e hordofuu qaba malee, yeroo sanatti fayyadamee aadaawwan namoonni Kiristiyaana hin taane qaban ykn haasawaa Caaffata Qulqullaa’aarratti hin hundoofne dhiheessuu hin qabu. Sirni awwaalchaa salphaa, kan nama jajjabeessuufi kabaja kan qabu ta’uu qaba. Yeroo baay’ee, haasawaan awwaalchaa, bakka awwaalchaatti kennamu namoota gaddaniifis ta’e hiriyootasaanii warra achitti argaman jajjabeessuuf ga’aadha. Yeroo yeroodhaan nama gadde gaafachuun akka isaan jaallannu kan argisiisu ta’uyyuu, obboloonni dhiiraafi durbaa yeroo dheeraadhaaf sagantaa qabatanii achitti wal ga’uudhaan faarfannaa faarfachuunsaanii barbaachisaa miti. Sirna awwaalchaa salphaa gochuudhaan baasii baay’ee baasuurraa ooluun ni danda’ama; akkasumas gargaarsa obbolootaarraa argamu baasiiwwan tokko tokkoof oolchuun ni danda’ama. Yeroo awwaalchaatiif jecha gumii keessa qarshii kaa’uunis ta’e warra dhukkubsatan gargaaruuf qarshii kaa’uun hin barbaachisu.
39. (a) Kiristiyaanni tokko haasawaa awwaalchaa akka dhiheessu yoo afeerame, maalirratti xiyyeeffachuu qabna? (b) Kiristiyaanonni maatii gaddaniif akka yaadan akkamitti argisiisuu danda’u?
Jaalala Waaqayyoo Keessatti Of Eegaa
40 Yeroo biyya lafaa isa Yihowaa hin beekne gidduutti isa Waaqeffannu rakkinni uumamuunsaa hin oollu. Haata’u malee, wantoota hundumaatiif seera baasuun rakkisaadha. Kanaaf, yeroo murtoo goonuufi wantoota tokko tokkoof furmaata kennuuf yommuu yaalii goonu, Yihowaan ogummaafi hubannaa akka nuu kennu kadhachuun keenya barbaachisaadha. (Yaq. 1:5) Jaarsoliin gumii seera bu’uuraa Macaafa Qulqulluurratti hundaa’een gargaaramanii murtoo sirrii gochuu akka dandeenyu nu gargaaruun isaan gammachiisa. Jireenyi keenya Yihowaadhaaf ulfina akka fidu gochuudhaan ‘abdii jireenya bara baraa sammuutti qabachuudhaan’ ‘jaalala Waaqayyoo keessatti of eeguu’ dandeenya.—Yih. 21; 2 Phe. 3:13.
40. (a) Aadaafi duudhaa namoota hedduu biratti fudhatama qabaniif ilaalcha sirrii akka qabaannu wanti nu gargaaru maalidha? (b) Biyya lafaa isa Waaqayyo malee jiraaturraa adda baatanii jiraachuuf kan murteessitan maaliifi?