Sagantaa Walga’ii Tajaajilaa
Torban Hagayya 14 Jalqabu
Faarfannaa 71 (163)
Daq. 10: Beeksisa gumii. Akkaataawwan dhiheenyaa ful. 4rra jiran ykn naannoo keessaniif ta’an kan biraatti fayyadamuudhaan, Masaraan Eegumsaa Adoolessa 1 fi Dammaqaan! Adoolessa 2006 akkamitti akka raabsaman kan argisiisu hojiin argisiisni akka dhihaatu godhi. Hojiin argisiisni inni tokko namoota maree dhaabsisuuf jecha “Dhugaa Baatota Yihowaa wajjin mari’achuuf fedhii hin qabu” jedhaniif deebii maalii akka laannu kan argisiisu haa ta’u.—Kitaaba Ragaa Dhiheessuu ful. 17-18 ilaali.
Daq. 12: “Amanamummaadhaan Tajaajiluu Ilaalchisee Fakkeenya Ta’u.” Muuxannoo qajeelchaa addaa barreeffamootarratti ba’an keessaa muraasasaanii filii dhiheessi; ykn qajeelchitoonni addaa gumichaa wajjin tajaajilan yoo jiraatan isaaniif gaafannoo godhi.—Baafata Barreeffamoota Masaraa Eegumsaa mataduree “Special Pioneers” jedhu ilaali.
Daq. 23: Walitti Siqeenyi Hiriyaa Mana Barumsaa Wajjin Qabnu Daangaansaa Hammam Ta’uu Qaba? Dammaqaa! Ebla 2006, ful. 17-19rratti hundaa’uudhaan haasawaafi maree dhaggeeffattootaa wajjin taasifamuun kan dhihaatu. Babal’istoota mana dhugaatti guddataniifi seerawwan bu’uuraa Macaafa Qulqulluu hojiirra oolchuudhaan rakkoowwan mana barumsaatti isaanirra ga’an akka mo’aniif maatiinsaanii akkamitti akka isaan leenjisan akka dubbatan afeeri. Dargaggoota yaada kennan lama ykn tokko dursii qopheessi.
Faarfannaa 72 (164) fi kadhannaa xumuraa.
Torban Hagayya 21 Jalqabu
Faarfannaa 29 (62)
Daq. 8: Beeksisa gumii. Beeksisawwan ful. 3fi 4rraa filataman.
Daq. 12: Qayyabannaa Masaraa Eegumsaafi Haasawaa Sabaarraa Faayidaa Argachuu. Kitaaba Fedha Yihowaa Raawwachuuf Gurmaa’uu jedhamu, ful. 59 hanga mataduree xiqqaa ful. 64rratti hundaa’uudhaan haasawaafi maree dhaggeeffattootaa wajjin godhamuun kan dhihaatu.
Daq. 25: Qajeelchaa Gargaaraa Ta’uuf Ammumaa Karoora Baafadhaa! Haasawaafi maree dhaggeeffattootaa wajjin godhamuun kan dhihaatu. Waggaa tajaajilaa haaraatti yoo ji’a tokkoofillee qajeelchaa gargaaraa ta’uuf karoora akka baafatan jajjabeessi. (1 Qor. 9:26) Obboloonni tokko tokko ji’a sochiin adda ta’e itti godhamu, ji’a guyyaa ayyaanaa qabu ykn ji’a Sanbata shaniifi Dilbata shan qaban kan akka Fulbaana, Amajjii, Eblaafi Caamsaa jiranitti qajeelchaa gargaaraa ta’uu filatu ta’a. Dhaggeeffattoota akkas jedhii gaafadhu: “Yeroo darbetti qajeelchaa gargaaraa ta’uuf rakkoowwan isin mudatan akkamitti mo’uu dandeessan? Qajeelchaa gargaaraa ta’uudhaan eebba akkamii argattan? Qajeelchaa gargaaraa ta’uuf fedhii qabdu taanaan Yihowaan akka isin gargaaruuf maaliif hin kadhattan? (HoE. 4:29; 2 Qor. 4:7; Yaq. 1:5) Kana ilaalchisee miseensa maatii ykn obboloota gumii keessa jiran yaada akkasii qabanii wajjin maaliif hin mari’attan? (Fak. 15:22) Qajeelchaa gargaaraa ta’uudhaaf kan yaaddan yoomi?”
Faarfannaa 66 (155) fi kadhannaa xumuraa.
Torban Hagayya 28 Jalqabu
Faarfannaa 43 (98)
Daq. 10: Beeksisa gumii. Gabaasa herregaafi buusii gumichi godheef xalayaa waajjirri damee barreesse dubbisi. Babal’istoonni gabaasa tajaajilaa ji’a Hagayyaa akka deebisan yaadachiisi. Akkaataawwan dhiheenyaa ful. 4rra jiranitti ykn naannoo keessaniif hojjetan kan biraatti fayyadamuudhaan, Masaraan Eegumsaa Adoolessa 15fi Dammaqaan! Adoolessa 2006 maamila barruu tokkoof deddeebiin gaaffii yommuu godhamu akkamittiin akka raabsaman hojiin argisiisni akka dhihaatu godhi.
Daq. 15: Madda Jajjabinaa Ta’aa. (Rom. 1:11, 12) Haasawaafi maree dhaggeeffattootaa wajjin godhamuun kan dhihaatu. Gumii keessan keessatti qajeelchitoonni meeqa akka argaman dubbadhu. Karaawwan itti isaan jajjabeessuu dandeenyu barbaaduudhaan, isaan galateeffachuudhaan, bu’aa qajeelchaa ta’uudhaan argamu caqasuudhaan, isaanii wajjin tajaajiluudhaan, nyaata isaan afeeruufi baasii geejibaaf isaan barbaachisu isaanii kennuudhaan isaan jajjabeessuu akka dandeenyu dubbadhu. Qajeelchitoonni warra kaanirraa jajjabina argatan akka dubbatan afeeri. Gumichi qajeelchaa hin qabu taanaan, obboloota qajeelchaa gargaaraa ta’anii tajaajilaa jiran akkamitti jajjabeessuun akka danda’amu irratti mari’adhaa.
Daq. 20: Ji’a Fulbaanaatti Qayyabannaa Macaafa Qulqulluu Jalqabsiisuuf Karoora Baafattaniittuu? Haasawaafi hojiin argisiisa. Fulbaanatti kitaaba Barumsa Macaafa Qulqulluu jedhamutti fayyadamuun deddeebii gaaffii yommuu goonutti qayyabannaa jalqabsiisuuf carraaqqii addaa goona. Kana gochuuf nama haasofsiifne sanaa wajjin jalqabuma keeyyatoota muraasarratti mari’achuuf carraaqqii haa goonu. Yaada dhimma naannichaaf ta’utti fayyadamuudhaan hojiin argisiisni lama akka dhihaatu godhi. Tokkoon tokkoon hojiin argisiisichaarratti mataduree naannoo tajaajilaa keessaniif mijaa’aa ta’e filadhaa.
Faarfannaa 16 (37) fi kadhannaa xumuraa.
Torban Fulbaana 4 Jalqabu
Faarfannaa 23 (48)
Daq. 10: Beeksisa gumii.
Daq. 15: “Walga’ii Koonyaa ‘Fayyinni Keenya Dhihaateera!’ Jedhamu Beeksisuuf Duula Addunyaa Maratti Godhamu.” (Tajaajila Mootummaa Ebla 2006, ful. 4 ilaali) Keeyyata hundaa dubbisi.
Daq. 20: “Utuu Wal Hin Caalchisin Lallabuudhaan—Namootaaf Akka Yaaddan Argisiisaa.” Yaada Roomaa 1:14 dhuma key. 2rra jirurratti yommuu mari’attan, kitaaba Caaffata Qulqullaa’aa Gadi Fageenyaan Hubachuu jedhamu Jildii 1, ful. 255, mataduree “Barbarian” jedhuufi yaada keeyyata tokkoffaarra jiru gabaabsii dubbadhu. Keeyyata 3rratti erga mari’attanii booda, qabxiiwwan sadan buukleetii Guud Niwuus Foor Ool Neeshins jedhamu ful. 2rra jirurra deebi’i. Akkasumas namoota afaan biyya alaa dubbataniifi naannoo tajaajilaa keenya keessatti argaman haasofsiisuuf buukleetii kanaan akkamitti fayyadamuu akka dandeenyu hojiin argisiisni akka dhihaatu godhi.
Faarfannaa 49 (114) fi kadhannaa xumuraa.
[Miiljaleewwan]
Yaada seensaa daqiiqaa tokko hin guunneen jalqabuudhaan, gaaffiifi deebiidhaan kan dhihaatu.