LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • km 2/07 ful. 3-5
  • Hojii Yihowaa Isa Jajamaa Labsaa

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Hojii Yihowaa Isa Jajamaa Labsaa
  • Tajaajila Mootummaa—2007
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Galma Gaarii Waggaa Tajaajilaa Isa Haaraadhaaf Baafachuu Dandeessu
    Tajaajila Mootummaa—2007
  • ‘Guutummaatti Wangeela Dhugaa Ba’aa’
    Tajaajila Mootummaa—2008
  • Bal’inaan Dhugaa Ba’uudhaan Tajaajila Keessan Guddisaa
    Tajaajila Mootummaa—2003
  • Hirmaannaa Tajaajilarratti Gootan Guddifachuuf Karoora Baafadhaa
    Tajaajila Mootummaa—2012
Dabalataan Ilaaluuf
Tajaajila Mootummaa—2007
km 2/07 ful. 3-5

Hojii Yihowaa Isa Jajamaa Labsaa

1 “Yaa Waaqayyo, waaqa irraa fi lafa irra kan jiru hundinuu kan kee ti; guddinni, aangoon, ulfinni, gooftummaanii fi surraan kan kee ti.” (1 Sen. 29:11) Jaalalaafi dinqisiifannaan Yihowaadhaaf qabnu maal gochuuf nu kakaasa? Waa’ee Yihowaa isa ‘hojii isaa isa jajamaa akka labsinuuf dukkana keessaa, gara ifa isaa isa dinqisiisaatti nu waamee’ lallabuuf nu kakaasa. (1 Phe. 2:9) Waa’ee Waaqa keenya isa guddaa warra kaanitti dubbachuurraa duubatti jechuu hin dandeenyu! Bitootessa, Eblaafi Caamsaatti hojii Yihowaa isa jajamaa labsuuf carraawwan baay’ee qabna.

2 Duula Addaa Ayyaana Yaadannoo Beeksisuuf Godhamu: Wiixata, Ebla 2 Irbaata Gooftaa kabajuudhaan, hojii Yihowaa isa jajamaa labsina. Afeerriin addaa kun addunyaa maratti Bitootessa 12 hanga Ebla 2⁠tti kan kennamudha. Babal’istoonni hundi akka irratti hirmaataniif afeeramaniiru. Namoonni haaraa babal’istoota ta’uuf ga’eessa ta’an irratti hirmaachuuf yeroo baay’ee gaariidha. Qayyabattoota ykn ijoollee ga’eessota ta’an qabaannaan jaarsolii wajjin mari’achuuf dursa fudhadhu.

3 Duulli kun akkuma Walga’ii Koonyaa “Fayyinni Keenya Dhihaateera!” jedhamuuf godhamee wajjin kan wal fakkaatudha. Gumiiwwan waraqaan afeerrii ga’aa jechuunis tokkoon tokkoon babal’istootaaf shantama shantama kan ergamu yeroo ta’u qajeelchitootaaf immoo 150tu ergama. Akkas jechuudhaan akkaataawwan dhiheenyaa salphaa fayyadamuu dandeessu: “Kun waraqaa afeerrii waggaa keessatti bakka guddaa kenninuuf qophaa’edha. Akka irratti argamtuuf afeeramteetta. Ibsii dabalataa waraqaa kanarratti argama.” Namni sun gaaffii yoo qabaate deebii isaa kennuuf yeroo qabaadhu. Ayyaana Yaadannootiif waraqaan afeerrii adda ta’e qophaa’eera. Barbaachisummaa Ayyaana Yaadannoo ilaalchisee yaada kitaaba Barumsa Macaafa Qulqulluurraa kutaa dabalataa ful. 206⁠rra jiru bu’a qabeessadha. Sanbadduraafi Dilbata barruulee ji’a sanaa wajjin waraqaa afeerrii kana raabsina. Namoota fedhii argisiisan deebitee gaafachuu hin dagatin.

4 Hamma danda’ametti, waraqaan afeerrii addaa kun abbaa manichaatiif kennamuu qaba. Naannoon tajaajilaakee muraasa yoo ta’e, namoota manatti hin argamne galmeessiitii yeroo kan biraa deebi’ii isaan gaafadhu. Gumiin keessan naannoo bal’aa kan qabu taanaan, jaarsoliin namoota manatti hin argamneef malaan waraqaa afeerrii kana akka kaa’an murteessuu danda’u. Deddeebiin gaaffii, qayyabattoonni Macaafa Qulqulluu, firoonni, namoonni isinii wajjin hojjetan, ollaawwaniifi namoonni beektan kan biraan waraqaa afeerrii kana argachuusaanii mirkaneessaa.

5 Qajeelchaa Gargaaraa Ta’uu: Ji’a Bitootessaa, Eblaafi Caamsaatti, qajeelchaa gargaaraa ta’uudhaan hojii Yihowaa isa jajamaa caalaatti labsuu dandeessaa? Akkas gochuun sagantaa keerratti sirreeffama tokko tokko gochuu si gaafata ta’a. (Efe. 5:15-17) Tajaajila Yihowaarratti caalaatti hirmaachuuf tattaaffii gochuun gammachuufi eebbasaa akka argamsiisu mirkanaa’aa ta’uu dandeessa. (Fak. 10:22) Ayyaanni Yaadannoo dhihaachaa waan jiruuf, yeroon kun yeroo itti karoora baafachuu jalqabnudha.—Fak. 21:5.

6 Waggaa darbe obboleettiin umriinsaanii waggaa 90 ta’e tokko qajeelchaa gargaaraa ta’uuf mirga argatanii turan. Akkas jedhaniiru: “Biqiltuu kunuunsuu kanan jaalladhuufi dhaabuu barbaadee kanan ture ta’uyyuu, wanta dursuun narra jiraatu beekuu akkan qabu hubadheen ture. Fedhii Mootummaa Waaqayyoo dursuuf jecha, ji’a Bitootessaatti qajeelchaa gargaaraa ta’uufan murteesse.” Carraaqqii godhaniif eebbifamaniiruu? Itti fufuudhaan akkas jedhu: “Caalaatti miseensa gumii akkan ta’eefi Yihowaatti akkan dhihaadhetti natti dhaga’ameera.” Wanta dursa kennaafii jirru qoruudhaan sirreeffama akkasii gochuun nu barbaachisaa laata?

7 Sa’aatii 50 qajeelchaa gargaaraarraa barbaadamu guutuun hamma yaaddu ulfaataa ta’uu dhiisuu danda’a. Hojiiwwan guyyaa guyyaadhaan hojjettu kadhannaadhaan qoriitii sagantaa baasi; achiis sagantaakee kaalandarii Dhugaa Baatota Yihowaarratti barreeffadhu. Eenyuyyuu caalaa haalakee kan beeku sidha. Fayyaa kan dhabde yoo taateefi jabina yoo qabaachuu baatte, guyyaa guyyaadhaan sa’aatii lama tajaajiluu dandeessa ta’a. Guyyaa guutuu kan hojjettu ykn kan barattu taanaanimmoo, galgala ykn Sanbadduraafi Dilbata tajaajiluudhaan qajeelchaa gargaaraa ta’uu ni dandeessa.

8 Obboloonni baay’een maatiidhaan ta’anii qajeelchaa gargaaraa ta’uu danda’aniiru. Waggoota darbanitti haati manaafi abbaan manaa tokko, haallisaanii kan isaaniif heyyamu ta’uusaa waan shakkaniif qajeelchaa gargaaraa ta’uu sodaatanii turan. Maal godhanree? Akkas jedhan: “Wanta yeroo dheeraadhaaf waliin hojjechuuf hawwinee turre kana raawwachuuf akka nu gargaaru Yihowaa kadhanne.” Karoora gaarii baafachuusaaniitiin galmasaanii kanarra ga’uu danda’aniiru. Itti fufuudhaan akkas jedhaniiru: “Baay’ee dinqisiisaadha. Eebbawwan baay’ee arganneerra. Yaalaa jennee isin jajjabeessina. Erga nuyi gochuu dandeenyee isinis ni dandeessu.”

9 Qayyabannaa maatii yeroo ittaanu gootanirratti, ji’oota dhufanitti sochii tajaajilaa keessan guddisuuf maaliif yeroo hin ramaddan? Guutummaan maatii keessanii qajeelchaa gargaaraa ta’uu baatuyyuu, miseensonni maatii kaan gargaarsa yoo godhaniif namni tokko qajeelchaa gargaaraa ta’uu ni danda’a. Kan hin danda’amne taanaan garuu, maatiin keessan ji’oota sochiin addaa itti taasifamu kanatti tajaajilarratti yeroo dabalataa dabarsuuf galma baafachuu ni danda’a.

10 Wal Gargaaraa: Hinaaffaan nama tokkorraa isa kaanitti ni darba. Fedhii qajeelchaa gargaaraa ta’uuf qabdu warra kaanitti himi. Akkas gochuunkee warri kaanis qajeelchaa gargaaraa akka ta’an kakaasuu danda’a. Kana malees, babal’istoonni kanaan dura qajeelchaa gargaaraa turan, galmakee bira ga’uu akka dandeessuuf yaada haalaafi sagantaakee sirreessuuf si gargaaru sii kennuu danda’u. (Fak. 15:22) Qajeelchaa gargaaraa ta’uu kan dandeessu yoo ta’e, babal’isaan haallisaa kankee wajjin wal fakkaatu, sochii gammachiisaa ta’e kanarratti akka hirmaatuuf maaliif hin afeertu?

11 Jaarsolii baay’een sochii tajaajilaa adda ta’e kanarratti hirmaachuuf qophii barbaachisaa ta’e ni godhu. (Ibr. 13:7) Kun dhugumaan gumii kan jajjabeessudha! Jaarsoliin haasaasaanitiinis hinaaffaa warra kaanii ni kakaasu. Jechoonni ykn yaadawwan nama jajjabeessan qofti qajeelchaa gargaaraa akka ta’an kakaasuuf ga’aa ta’uu danda’a. Ilaaltuun olaanaa tajaajilaa, babal’istoonni hundi hojiidhaa ykn mana barumsaatii erga deebi’anii booda, tajaajilarratti waliin akka hirmaataniif walga’iiwwan tajaajila dirree dabalataan ni qopheessa. Qophiiwwan kunis yeroo hundumaa beeksisaan himamu qaba. Akkasumas naannoon tajaajilaafi barreeffamni ga’aan jiraachuusaa mirkaneessuu qaba.

12 Haallikee qajeelchaa gargaaraa akka hin taaneef kan si daangessu ta’uyyuu, babal’istoota qajeelchaa gargaaraa ta’an jajjabeessuu akkasumas isaaniif kadhachuu dandeessa. (Fak. 25:11; Qol. 4:12) Guyyoota torbanii keessatti tajaajiluudhaan ykn sa’aatii yeroo kaan turtu caalaa turuudhaan, isaanii wajjin tajaajiluuf qophiiwwan tokko tokko gochuu dandeessa ta’a.

13 Eblatti Qajeelchaa Gargaaraa 2,000 Argachuuf Galma Ba’e: Hanga ammaatti lakkoofsi guddaan qajeelchaa gargaaraa Itoophiyaatti galmeeffame Bitootessa 2003⁠tti yommuu ta’u, innis 1,918 ture. Kanaafuu, Ebla dhufutti qajeelchitoonni gargaaraa 2,000 akka ta’an galmi baafameera. Gumii hundaa keessatti babal’istoota 4 keessaa 1 qajeelchaa gargaaraa yoo ta’e galma kanarra ga’uu ni dandeenya. Gumiiwwan tokko tokko keessatti babal’istoonni haallisaanii isaanii heyyamu baay’een qajeelchaa gargaaraa akka ta’an beekamaadha. Gumiiwwan tokko tokkotti laayyumatti galma akkasiirra ga’uun ni danda’ama. Kunis gammachuu gumii keessaniif argamsiisuufi hojii lallabaa naannoo tajaajilaa keessanitti raawwatamurratti dhiibbaa gaarii geessisu tilmaamuu dandeessu!

14 Jiini Eblaa qajeelchaa gargaaraa ta’uuf mijaa’aadhaa kan jennu maaliifi? Ayyaanni Yaadannoo jalqaba ji’ichaatti ta’uunsaa, namoota ayyaana kanarratti argamaniif deddeebii gaaffii gochuuf carraa guddaa nuu bana. Ji’a kanatti barruulee kan raabsinu ta’ullee, kaayyoon keenya deddeebii gaaffii yeroo goonutti kitaaba Barumsa Macaafa Qulqulluu raabsuudhaan qayyabannaa jalqabsiisuudha. Kanaaf, Eblatti qajeelchaa gargaaraa ta’uun qayyabannaawwan Macaafa Qulqulluu jalqabsiisuuf carraa baay’ee nuu bana. Kana malees, jiini Eblaa Dilbata shaniifi guyyoota ayyaanaa baay’ee kan qabu waan ta’eef, babal’istoota hojii qabaniifi barataniif qajeelchaa gargaaraa ta’uun salphaa ta’a.

15 Tibbi Ayyaana Yaadannoo darbu hundi, dhuma sirna biyya lafaatti waggaa tokko akka dhihaannu godha. Yeroon waa’ee Waaqa keenya isa guddaa itti dubbannu dhumaa jira. (1 Qor. 7:29) Takkaa Ayyaanni Yaadannoo kun darbinaan, carraa guddaan Abbaa keenya isa samii itti galateeffannu bara baraaf darba. Kanaaf, ji’a Bitootessaa, Eblaafi Caamsaatti hamma dandeenyu hojii Yihowaa isa jajamaa labsuuf ammumaa qophii haa goonu!

[Gaaffiiwwan Qayyabannaa]

1. Hojii Yihowaa isa jajamaa labsuuf kan nu kakaasu maalidha?

2. Ayyaana Yaadannoo beeksisuuf duulli addaa taasifamuuf karoorfame maalidha? Eenyufaa irratti hirmaachuu danda’u?

3. Ayyaana Yaadannoof namoota afeeruuf maal jechuu dandeenya?

4. Waraqaan afeerrii Ayyaana Yaadannoo adda ta’e akkamitti raabsama?

5. Qajeelchaa gargaaraa ta’uuf ammumaa karoora baafachuu kan qabnu maaliifi?

6. Muuxannoo obboleettii waggaa 90 waggaa darbe qajeelchaa gargaaraa ta’anirra maal barachuu dandeenya?

7. Qajeelchaa gargaaraa ta’uun ulfaataadhaa?

8. Wanti haati manaafi abbaan manaa tokko qajeelchaa gargaaraa akka ta’an dandeessise maalidha?

9. Qayyabannaa maatii yeroo ittaanu gootanirratti, ji’oota sochiin addaa itti taasifamu ilaalchisee maal gochuu dandeessu?

10. Tibba Ayyaana Yaadannootti qajeelchaa gargaaraa ta’uuf fedhii qabaachuu keenya warra kaanitti himuu kan qabnu maaliifi?

11. Ji’oota dhufaniif jaarsoliin, babal’istoonni qajeelchaa gargaaraa akka ta’aniif kakaasuu kan danda’an akkamitti?

12. Qajeelchaa gargaaraa ta’uu yoo dadhabde maal gochuu dandeessa?

13. Biyya keenyaaf galmi akkamii baafameera? Kanaafoo gumiin keessan gahee maalii raawwachuu danda’a?

14. Jiini Eblaa qajeelchaa gargaaraa ta’uuf mijaa’aa kan ta’e maaliifi?

15. Ayyaanni Yaadannoo yeroo dhihaachaa adeemu kanatti miira ariifannaa qabaachuu kan qabnu maaliifi?

[Fakkii fuula 4rra jiru]

Ji’a Eblaatti Qajeelchitoota 2,000 Ta’an Qabaachuu Dandeenyaa Laata?

◼ Wanta dursa kennitaniif qoraa

◼ Maatiidhaan galma keessanirratti mari’adhaa

◼ Karoora keessan babal’istoota kaanitti himaa

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi