Kitaaba Barumsa Macaafa Qulqulluutti Yeroo Fayyadamtan Fakkeenya Barsiisaa Guddichaa Hordofaa
1 Yesus Barsiisaa Guddichi, karaa salphaafi ifa ta’een barsiisa ture. Dhaggeeffattootasaa kakaasuuf yeroo tokko tokko ilaalcha akkamii akka qaban gaafata ture. (Mat. 17:24-27) Dubbii Waaqayyoorratti akka xiyyeeffatan godha ture. (Mat. 26:31; Mar. 7:6) Bartoonnisaa barachuusaanii akka itti fufan waan beekuuf, odeeffannoo baay’ee isaanitti himuurraa of qusata ture. (Yoh. 16:12) Akkasumas wanta barsiise akka amananiifi akka hubatan mirkaneessuu barbaada ture. (Mat. 13:51) Kitaabni Barumsa Macaafa Qulqulluu haala kana fakkaatuun akka barsiisnuuf yaadamee kan qophaa’edha.
2 Gaaffiiwwan Seensaa: Boqonnaa hunda yeroo qayyabattan jalqaba, gaaffiiwwan seensaa mataduree sana jala jiranirratti xiyyeeffachuun gaariidha. Gaaffiiwwan deebii kennuufii hin barbaachisne gaafadhaa. Yookiin gaaffiiwwan seensaarratti yaada gabaabaa akka kennu afeeraa. Deebii inni kennurratti yeroo dheeraadhaaf mari’achuu ykn dogoggora inni dubbate hunda sirreessuun barbaachisaa miti. Deebii kenneef isa galateeffadhaatii qayyabannaa keessan jalqabaa. Deebii inni gaaffiiwwan seensaatiif kenne beekuun keessan, barumsawwan tokko tokkorratti caalaatti akka xiyyeeffattan isin gargaara.
3 Caqasawwan: Qayyabannaan Caaffata Qulqullaa’oorratti kan hundaa’e ta’uu qaba. (Ibr. 4:12) Haata’u malee, caqasawwan kennaman hunda dubbisuun barbaachisaa miti. Caqasawwan wanti amannu Macaafa Qulqulluurratti kan hundaa’e ta’usaa argisiisan addeessi. Caqasawwan yaada dabalataa ibsan dubbisuun barbaachisaa ta’u dhiisuu danda’a. Kitaabni Barumsa Macaafa Qulqulluu karaa salphaa ta’een dhugaa barsiisa. Qayyabannicha salphaa godhi. Yaadawwan bal’aa ta’anirratti ibsa baay’isuu ykn yaada barumsichaan ala ta’e barbaachisummaasaa malee dubbachuurraa of qusachuudhaan yaadawwan ijoo ta’anirratti xiyyeeffadhaa.
4 Kutaa Dabalataa: Kutaan dabalataa matadureewwan barumsicha ibsa dabalataa kennan 14 kan qabatedha. Barbaachisaa yoo ta’e qayyabannaarratti irratti mari’achuun ni danda’ama. Baratichi, barumsa boqonnicharra jiru kan hubateefi kan fudhate taanaan, matadureewwan kutaa dabalataa tokko tokko dhuunfaasaatti akka dubbisu itti himuun ni danda’ama. Fakkeenyaaf, baratichi dursee Yesus Masiihii ta’uusaa kan amane taanaan, yeroo boqonnaa 4, mataduree “Yesus Kiristos Eenyu?” jedhu qayyabattan, kutaa dabalataa “Yesus Kiristos Masiihii Isa Abdachiifame” jedhurratti mari’achuun barbaachisaa ta’uu dhiisuu danda’a. Al tokko tokko garuu, yeroo qayyabannaatti kutaa dabalataarratti ykn isarraa yaada muraasa irratti mari’achuun gaarii ta’uu danda’a.
5 Kutaa dabalataarratti mari’achuuf yoo filattan, gaaffiiwwan qopheessuudhaan, kutaa dabalataa sanarratti akkuma keeyyatoota kaanitti irratti mari’achuu dandeessu. Yookiin, baratichaaf barbaachisaa yoo ta’e qayyabannaa keessan gidduutti odeeffannoo kutaa dabalataarra jiru irra deebi’uu dandeessu. Kunimmoo utuu dhuunfaasaatti dubbisee hangam akka isaaf galu hubachuuf isin gargaara.
6 Saanduqa Irra Deebii: Saanduqni dhuma boqonnaa hundaarra jiru gaaffiiwwan seensaatiif deebii kan kennudha. Yaadawwan ijoo boqonnichaa irra deebi’uuf itti fayyadamuu ni dandeessu. Babal’istoonni tokko tokko yaadawwaniifi caqasawwan achirratti argaman baraticha waliin dubbisuun gaarii ta’ee argataniiru. Achiis caqasichi hima achirra jiru akkamitti akka deggeru gabaabsee akka ibsuuf isa gaafatu. Kunimmoo, barsiisichi, barataansaa yaadawwan ijoo barumsichaa akka hubateefi deebiinsaa deggersa Macaafa Qulqulluu akka qabu, akkasumas barumsa kanaa wajjin walii galuusaa akka beeku godha. Akkasumas baratichi warra kaanii wajjin yeroo mari’atu Macaafa Qulqulluutti akka fayyadamuuf isa leenjisa.
7 Hojii barsiisuufi bartoota taasisuu nuu kenname karaa bu’a qabeessa ta’een raawwachuu kan dandeenyu, malawwan Yesus barsiisuuf itti fayyadame hordofuudhaanidha. (Mat. 28:19, 20) Kana gochuuf kitaabni Barumsa Macaafa Qulqulluu nu gargaaruu danda’a. Namoota karaa ifa ta’e, salphaafi nama gammachiisuun dhugaa barsiisuuf kitaaba kanatti akka gaariitti itti fayyadamaa.
[Gaaffiiwwan Qayyabannaa]
1. Yesus akkamitti barsiisa ture?
2. Gaaffiiwwan seensaa boqonnaa hundarra jiranitti fayyadamuu kan dandeenyu karaawwan kamiini?
3. Qayyabannaa salphaa gochuu kan dandeenyu akkamitti?
4. Qayyabannaarratti yaadawwan kutaa dabalataarratti mari’achuufi dhiisuu kan murteessu maalidha?
5. Yaada kutaa dabalataarra jirurratti mari’achuuf yoo filanne maal gochuu dandeenya?
6. Saanduqa irra deebii gara dhumaarra jirutti akkamitti fayyadamuu dandeenya?
7. Hojii nuu kenname raawwachuuf kitaaba Barumsa Macaafa Qulqulluutti fayyadamuu kan dandeenyu akkamitti?