Hundi Keenya Warra Kaan Bartoota Gochuurratti Ga’ee Qabaachuu Dandeenya
1 Barataa haaraan tokko gargaarsa nama tokkoo qofaadhaan kan argamu miti. Yihowaan ‘hojjetoota hidhatasaa’ ta’an hundumaatti fayyadamee barattoonni Macaafa Qulqulluu karaa hafuuraa akka guddatan gargaaruu danda’a. (1 Qor. 3:6-9) Yaada walga’iiwwanirratti kenninu qofaadhaan utuu hin ta’iin, amala gaarii argisiisuudhaanis bartoota haaraa gargaaruu kan dandeenyu yommuu ta’u, amalli gaariin kunis hafuurri Waaqayyoo jireenya keenya keessatti hojjechaa akka jiru kan argisiisudha. (Yoh. 13:35; Gal. 5:22, 23; Efe. 4:22, 23) Yaadawwan olitti ibsamaniin alatti bartoota haaraa gargaaruuf maal gochuu dandeenya?
2 Bakka Gumiitti: Jalqabaafi dhuma walga’iirratti dursa fudhannee ho’ifnee nagaa gaafachuufi isaan haasofsiisuudhaan namoota walga’iirratti argamuu jalqaban akka jaallannu argisiisuu dandeenya. Namichi tokko yeroo jalqabaatiif yommuu gumiirratti argame waan isatti dhaga’ame akkas jechuudhaan dubbateera: “Kanaan dura kan wal hin beekne yoo ta’eyyuu, guyyaa tokkotti namoota ijoollummaa kootii kaasee amantiikoo keessatti wajjin turre caalaa na jaallatan argadheera. Dhugaa akkan argadhe natti dhaga’ame.” Namichi kun gumiirratti argamuu erga jalqabee ji’a torba booda cuuphameera.
3 Namni Macaafa Qulqulluu qayyabachaa jiru karaa hafuuraa yeroo guddina argisiisu dinqisiifadhaa. Namni kun mormii isarra ga’u mo’achaa jiraa? Yeroo hunda walga’iirratti ni argamaa? Gumiirratti yaada kennuu jalqabeeraa? Mana barumsaa ti’ookraasiitti galmeeffameeraa? Yookiin tajaajilarratti hirmaachuu jalqabeeraa? Guddina inni argisiiseef isa dinqisiifadhaa. Akkas gochuun keessan isa jajjabeessuu danda’a.—Fak. 25:11.
4 Qayyabannaa Geggeessuudhaan: Babal’istoonni tokko tokko yommuu barataasaanii qayyabsiisan akka argamaniif, babal’istoota kaan afeeruudhaan barattoonnisaanii namoota gumii keessatti argamanii wajjin akka wal baran gargaarru. Namni Macaafa Qulqulluu qayyabsiistan yeruma sana gumiirratti argamuu akka jalqabu afeeraa. Yommuu inni gumiirratti argamuu jalqabu, warra kaanii wajjin wal isa barsiisaa. Amala gadhee kan akka tamboo xuuxuu mo’uuf wal’aansoo gochaa jiraa? Maatiisaa keessaa qayyabachuusaa kan mormu jiraa? Babal’isaa rakkina wal fakkaatu keessa darbee wajjin utuu haasa’ee fayyadamuu danda’a.—1 Phe. 5:9.
5 Bartoonni haaraan gumiirraa karaa hafuuraa gargaarsa argachuun isaan barbaachisa. Garaadhaa akka isaaniif yaannu argisiisuudhaan, hundi keenya barattoonni Macaafa Qulqulluu guddina akka argisiisan gargaaruu dandeenya.