LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • km 4/07 ful. 1
  • ‘Dubbii Waaqayyoo Sodaa Malee Dubbadhaa’

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • ‘Dubbii Waaqayyoo Sodaa Malee Dubbadhaa’
  • Tajaajila Mootummaa—2007
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Ija Jabinaan Lallabuudhaan Fakkeenya Yesus Hordofaa
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2009
  • Sagalee Waaqayyoo Ija Jabummaadhaan Dubbadhaa
    Tajaajila Mootummaa—2005
  • ‘Dubbii Waaqayyoo Ija Jabinaan Dubbadhaa’
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2010
  • Sagalee Waaqayyoo Ija Jabinaan Dubbachuukee Itti Fufi
    Waaqa Dhugaa Isa Tokkicha Waaqeffadhu
Dabalataan Ilaaluuf
Tajaajila Mootummaa—2007
km 4/07 ful. 1

‘Dubbii Waaqayyoo Sodaa Malee Dubbadhaa’

1 Mana barumsaatti ykn bakka hojiitti waa’ee amantaakee warra kaanitti himuuf yommuu carraa argattu ni mamtaa? Karaa alidilee ta’een firootakee, ollaawwan keetiifi namoota hin beekneef lallabuun sitti ulfaataa? Carraa argannetti fayyadamnee “dubbii Waaqayyoo sodaa malee dubbachuudhaaf” maaltu nu gargaara?—Filp. 1:14

2 Gara Boodaatti Hin Jedhinaa: Michuunkee ykn firrikee yommuu sobaan maqaansaa balleeffamu dhageesse isaaf falmuurraa duubatti jettaa? Michuu keenya kan ta’e Yihowaan waggoota kumaan lakkaa’amaniif sobaan maqaansaa badeera. Waaqa keenya isa guddaa kan ta’e Yihowaa bakka buunee dhugaa ba’uuf mirga guddaa arganneerra! (Isa. 43:10-12) Jaalalli Yihowaadhaaf qabnu, waa’ee ofiikeenyaa dhiphachuu ykn warra kaan sodaachuu mannaa, dubbachuu keenya akka itti fufnu akkasumas ija jabinaan dhugaadhaaf dhugaa ba’uurraa duubatti akka hin jenne nu gargaara.—HoE. 4:26, 29, 31.

3 Wanti lallabnu misiraachoo ta’uusaa yaadadhaa. Misiraachoon kun namoota hojiirra oolchaniif faayidaa bara baraa argamsiisa. Mormitoota ykn ofii keenyarratti utuu hin ta’in, faayidaa hojii misiraachoon kun argamsiisurratti xiyyeeffachuun keenya ija jabinaan lallabuuf nu gargaara.

4 Fakkeenya Warra Kaanii: Fakkeenya namoota amanamoo dubbii Waaqayyoo sodaa malee dubbatanirraa jajjabina argachuu dandeenya. Fakkeenyaaf, Henok firdii Yihowaan warra Waaqayyo malee jiraatanirratti fidu ija jabinaan lallabeera. (Yih. 14, 15) Nohi amanamummaadhaan namoota dantaa hin qabneef lallabeera. (Mat. 24:37-39) Kirstiyaanonni jaarraa jalqabaa, ‘barumsa dheeraa kan hin qabneefi kan hin beekamne’ ta’anis, utuma mormii cimaan isaanirra ga’uu lallabuusaanii itti fufaniiru. (HoE. 4:13, 18-20) Seenaan namoota Yihowaatti amanamuudhaan sodaa namootaa mo’anii hinaaffadhaan wangeela lallabuu danda’an yeroo baay’ee barruulee Masaraa Eegumsaafi Dammaqaarratti ba’a.

5 Seenaa namoota amanamoo rakkina adda addaa keessa darban xiinxaluudhaan ija jabina argachuu dandeenya. (1 Mot. 19:2, 3; Mar. 14:66-71) Namoonni kun ‘Waaqayyorraa ija jabina argatanii’ sodaa malee kan dubbatan yommuu ta’u, nutis akkasuma gochuu dandeenya!—1 Tas. 2:2.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi