LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • km 10/05 ful. 1
  • Sagalee Waaqayyoo Ija Jabummaadhaan Dubbadhaa

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Sagalee Waaqayyoo Ija Jabummaadhaan Dubbadhaa
  • Tajaajila Mootummaa—2005
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Ija Jabinaan Lallabuudhaan Fakkeenya Yesus Hordofaa
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2009
  • ‘Dubbii Waaqayyoo Ija Jabinaan Dubbadhaa’
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2010
  • Gaaffiiwwan Armaan Gadiitiif Deebii Argachuuf Carraaqaa
    Sagantaa Walgaʼii Aanaa 2018-2019—Kan Ilaaltuun Ol Aanaa Aanaa Irratti Argamu
  • Hin Sodaatin
    Namoota Jaalladhu—Barattoota Godhi
Dabalataan Ilaaluuf
Tajaajila Mootummaa—2005
km 10/05 ful. 1

Sagalee Waaqayyoo Ija Jabummaadhaan Dubbadhaa

1 Tajaajiltoota Waaqayyoo waan taaneef, namoonni hundi lallaba keenyatti akka hin gammanne beekna. (Mat. 10:14) Haata’u malee, kun misiraachoo kana labsuurraa boodatti akka jennu nu gochuu hin qabu. (Fak. 29:25) Ija jabinaan sagalee Waaqayyoo akka dubbannuuf kan nu gargaaru maalidha?

2 Phaawulos, ‘Kristos Yesusin beekuun hundumaarra caala’ jechuudhaan dinqisiifannaa qabu dubbateera. Kunimmoo ‘amantii guutuudhaan’ akka dubbatuuf isa kakaaseera. (Filp. 3:8; 1 Tas. 1:5) Namoonni muraasni ergaa inni lallabu kana akka dadhabinaafi gowwummaatti yoo ilaalanillee, inni garuu ergaan kun ‘humna Waaqayyoo isa warra amantii qaban hundumaa fayyisu’ akka ta’e beeka ture. (Rom. 1:16) Kanaafuu, mormiin si’a isa mudatettillee ‘aangoo Yihowaan isaa kenneen ija jabummaadhaan’ dubbachuusaa itti fufeera.—HoE. 14:1-7, NW; 20:18-21, 24.

3 Madda Humna Keenyaa: Phaawulos ija jabummaan akka lallabu kan isa godhe humna mataasaa hin turre. Phaawulos waa’eesaafi waa’ee Siilaas akkas jedhee barreesseera: “Filiphisiiyusitti akka dhiphanne, namoonni akka nutti darbanis . . . warri nuun morman utuma baay’atanii iyyuu, wangeela isaa akka isinitti himnuuf Waaqayyo keenya ija jabina nuuf kenneera.” (1 Tas. 2:2; HoE. 16:12, 37) Kana malees, Phaawulos yeroo Roomaatti hidhamee ture misiraachoo kana ‘ija jabinaan akka dubbatuuf’ obboloonni akka isaaf kadhatan gaafatee ture. (Efe. 6:18-20) Phaawulos ofitti amanuu mannaa Yihowaatti amanamuudhaan ija jabinaan dubbachuusaa itti fufeera.—2 Qor. 4:7; Filp. 4:13.

4 Haalli kun yeroo har’aattis raawwatamaa jira. Obboleessi Dhugaa Baatuu ta’uusaa bakka hojiisaatti beeksisuuniifi karaa alidilee ta’een dhugaa ba’uun isa rakkisee ture tokko, dhimma kanarratti kadhannaa gochuudhaan dhugaa ba’uu eegaleera. Jalqabarratti namichi isaa wajjin hojjetu tokko kan isa morme yoo ta’ellee, abdii du’aa ka’uu ilaalchisee mareen isaan godhan qayyabannaa Macaafa Qulqulluu akka jalqabu isa gargaareera. Ergasii obboleessi kun dhugaa ba’uudhaaf carraa argate hundumaatti fayyadamuutti ka’e. Yeroo lammataatiif bakka qacaramee hojjetetti waggoota 14 keessaatti namoonni isaa wajjin hojjetan 34 akka cuuphaman gargaareera. Haaluma walfakkaatuun nutis Yihowaan ‘sodaa malee sagaleesaa akka dubbannuuf ija jabummaa’ akka nuuf kennu mirkanaa’oo ta’uu dandeenya.—HoE. 4:29.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi