LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • lmd barumsa 6
  • Hin Sodaatin

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Hin Sodaatin
  • Namoota Jaalladhu—Barattoota Godhi
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Yesuus Maal Godhe?
  • Yesuusirraa Maal Baranna?
  • Fakkeenya Yesuus Hordofi
  • Ija Jabinaan Lallabuudhaan Fakkeenya Yesus Hordofaa
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2009
  • ‘Dubbii Waaqayyoo Ija Jabinaan Dubbadhaa’
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2010
  • Sagalee Waaqayyoo Ija Jabummaadhaan Dubbadhaa
    Tajaajila Mootummaa—2005
  • Gaaffiiwwan Armaan Gadiitiif Deebii Argachuuf Carraaqaa
    Sagantaa Walgaʼii Aanaa 2018-2019—Kan Ilaaltuun Ol Aanaa Aanaa Irratti Argamu
Dabalataan Ilaaluuf
Namoota Jaalladhu—Barattoota Godhi
lmd barumsa 6

MARII JALQABUU

Yesuus mukarraa akka gadi buʼu yeroo Zakkewoosiin gaafatu namoonni ajaaʼibsiifannaadhaan ilaalaa jiru

Luq. 19:1-7

BARUMSA 6

Hin Sodaatin

Dhugaa buʼuuraa: “Misiraachoo Waaqayyoo isiniif lallabuuf gargaarsa Waaqa keenyaatiin akkuma taʼetti ija jabina arganne.”—1 Tas. 2:2.

Yesuus Maal Godhe?

Jesus urging Zacchaeus to come down from a tree, to the surprise of some onlookers.

VIIDIYOO: Yesuus Zakkewoosiif Lallabe

1. VIIDIYICHA ilaali ykn Luqaas 19:1-7 dubbisi. Achiis gaaffilee armaan gadiirratti yaadi:

  1. Namoonni tokko tokko Zakkewoosirraa kan fagaatan maaliif taʼuu dandaʼa?

  2. Yesuusoo misiraachicha akka isatti himu maaltu isa kakaase?

Yesuusirraa Maal Baranna?

2. Ergaa Mootummichaa namoota hundatti himuuf ija jabina qabaachuun nu barbaachisa.

Fakkeenya Yesuus Hordofi

3. Yihowaatti amanami. Hafuurri Waaqayyoo Yesuusiif cimina lallabuuf isa barbaachisu kenneera, nuufis nuuf kenna. (Mat. 10:19, 20; Luq. 4:18) Namoota haasofsiisuu sodaattuuf lallabuu akka dandeessuuf ija jabina akka siif kennu Yihowaa kadhadhu.—HoE. 4:29.

4. Haalaalatti namatti hin murteessin. Namoota tokko tokko bifa isaanii, sadarkaa hawaasicha keessatti qaban, sadarkaa diinagdee isaanii, akkaataa jireenyaa isaanii ykn amantaa isaanii ilaaluudhaan haasofsiisuurraa duubatti jenna taʼa. Garuu kana yaadadhu:

  1. Yihowaa fi Yesuus wanta garaa namaa keessa jiru beekuu ni dandaʼu, nuti garuu hin dandeenyu.

  2. Namni akkamiiyyuu araara Yihowaa argachuu ni dandaʼa.

5. Hin sodaatin, garuummoo mala qabeessaa fi of eeggataa taʼi. (Mat. 10:16) Falmiirraa fagaadhu. Namni haasofsiistu misiraachicha dhagaʼuuf fedhii hin qabu taanaan ykn haalli isaa nageenya keetiif gaarii akka hin taane yoo sitti dhagaʼame, malaan marii keessan addaan kuti.—Fak. 17:14.

CAQASOOTA KANAS ILAALI

HoE. 4:31; Efe. 6:19, 20; 2 Xim. 1:7

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi