LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • km 4/07 ful. 2
  • Sagantaa Walga’ii Tajaajilaa

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Sagantaa Walga’ii Tajaajilaa
  • Tajaajila Mootummaa—2007
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Torban Ebla 9 Jalqabu
  • Torban Ebla 16 Jalqabu
  • Torban Ebla 23 Jalqabu
  • Torban Ebla 30 Jalqabu
  • Torban Caamsaa 7 Jalqabu
Tajaajila Mootummaa—2007
km 4/07 ful. 2

Sagantaa Walga’ii Tajaajilaa

Torban Ebla 9 Jalqabu

Faarfannaa 89 (201)

Daq. 10: Beeksisa gumii. Haasawaa addaa mataduree “Biyya Lafaa Isa Rakkinaan Guutame Keessatti Tasgabbii Argachuu Dandeessu!” jedhu gaafa Dilbataa dhihaaturratti obboloonni namoota akka afeeran yaadachiisi. Hundumtuu diraamaa viidiyoo DVD Gaaffii Dargaggootaa—Jireenyakoo Akkamitti Yoon Itti Fayyadame Wayya? jedhu maree torban dhufu Walga’ii Tajaajilaarratti godhamuuf ilaalanii akka dhufan jajjabeessi. Baafata “Main Menu” jedhu DVDicharraa akkamitti itti fayyadamuun akka danda’amu ibsi. Akkaataawwan dhiheenyaa ful. 8⁠rra jiranitti ykn naannoo keessaniif mijaa’aa ta’an kan biraatti fayyadamuudhaan, Masaraan Eegumsaa Bitootessa 1fi Dammaqaan! Bitootessa 2007 akkamitti akka raabsaman kan argisiisu hojiin argisiisni haa dhihaatu.

Daq. 15: “Hundi Keenya Warra Kaan Bartoota Gochuurratti Ga’ee Qabaachuu Dandeenya.” Keeyyata 4⁠rratti si’a mari’attan utuu hin cuuphamin dura miseensonni gumii jajjabina akkamii akka isaanii kennaa turan yaada akka kennan dhaggeeffattoota afeeri. Obboloota yaada kennan lama ykn tokko dursii qopheessi.

Daq. 20: Mataduree “Qabeenya Biyya Lafaa Isa Hin Amansiifne Kanaan Firoota Baafadhaa,” jedhu key. 1-14⁠rratti hundaa’ee haasawaa jaarsaan dhihaatu. Seenaa isa Duraa 29:14, 17 dubbisi. Gumaacha haati hiyyeessaa tokko goote ilaalchisee keeyyata 10⁠rra jirurratti yaada kenni. Kutaan barreeffama kanaa inni hafe torban lamaan kana keessatti akka irratti mari’atamu dubbadhu.

Faarfannaa 19 (43) fi kadhannaa xumuraa.

Torban Ebla 16 Jalqabu

Faarfannaa 58 (138)

Daq. 10: Beeksisa gumii. Beeksisa Tajaajila Mootummaa keessaa filatame. Gabaasa herregaafi buusii gumiin godheef xalayaan galateeffannaa waajjira dameerraa ergame yoo jiraate dubbisi.

Daq. 15: “Dubbii Waaqayyoo Sodaa Malee Dubbadhaa.”* Yeroo qabaannaan caqasoota yaannisaanii hin kaa’mnerratti yaada akka kennan dhaggeeffattoota afeeri.

Daq. 20: “Jireenyakee Akkamitti Yoo Itti Fayyadamte Wayya?”—Kutaa 1. Keeyyata 1fi 2⁠rratti yaada gabaabaa erga dubbattee booda, gaaffii key. 3fi 4⁠rra jirurratti mari’adhaa. Keeyyata 3⁠rraa gaaffii 4⁠ffaarratti si’a mari’attan caqasoota lamaanuu dubbisaa. Xumurarratti Baafata “Main Menu” jedhu DVDicharraa irra deebi’i. Hundumtuu Gaafannoowwan ykn “Interviews”, akkasumas Kutaa Dabalataa ykn “Supplementary Material” jedhu DVDicharraa torban Walga’ii Tajaajilaa ittaanutti godhamuuf ilaalanii akka dhufan jajjabeessi.

Faarfannaa 91 (207) fi kadhannaa xumuraa.

Torban Ebla 23 Jalqabu

Faarfannaa 96 (215)

Daq. 8: Beeksisa gumii. Akkaataawwan dhiheenyaa ful. 8⁠rra jiranitti ykn naannoo keessaniif mijaa’aa ta’an kan biraatti fayyadamuudhaan, Masaraan Eegumsaa Bitootessa 15fi Dammaqaan! Ebla 2007 si’a raabsaman kan argisiisu hojiin argisiisni haa dhihaatu.

Daq. 17: Mataduree “Qabeenya Biyya Lafaa Isa Hin Amansiifne Kanaan Firoota Baafadhaa,” jedhu key. 15-23⁠rratti hundaa’uudhaan maree jaarsaan dhihaatu. Buusii gochuudhaaf ilaalcha sirrii akkamii qabaachuu akka qabnu addeessi.

Daq. 20: “Jireenyakee Akkamitti Yoo Itti Fayyadamte Wayya?”—Kutaa 2. Battalumaan gaaffii key. 5-7⁠rra jiru gaafachuudhaan jalqabi. Keeyyata 8⁠ffaa miira ho’aadhaan dhiheessi.

Faarfannaa 76 (172) fi kadhannaa xumuraa.

Torban Ebla 30 Jalqabu

Faarfannaa 7 (19)

Daq. 12: Beeksisa gumii. Babal’istoonni gabaasa tajaajila ji’a Eblaa akka deebisan yaadachiisi. Tajaajila Mootummaa Onkoloolessa 1999, ful. 7, mataduree “Naannoo Jireenyaakee Jijjiirrachuuf Jettaa?” jedhuufi Saanduqa Gaaffii Tajaajila Mootummaa Caamsaa 1999, ful. 2⁠rraa yaada ijoo ta’an ibsi.

Daq. 13: Akka gumichaaf barbaachisutti itti fayyadamaa.

Daq. 20: Masaraa Eegumsaa Ebla 15, 1997 ful. 28-31, Mataduree “Karaa Hafuuraa Sirriitti Soorachaa Jirtaa?” jedhurratti hundaa’uudhaan haasawaafi gaaffiiwwan irra deebii qabuun jaarsaan kan dhihaatu.

Faarfannaa 22 (47) fi kadhannaa xumuraa.

Torban Caamsaa 7 Jalqabu

Faarfannaa 72 (164)

Daq. 10: Beeksisa gumii.

Daq. 15: Qophiiwwan Bakka Waaqeffannaatiif Taasifaman. Kitaaba Fedha Yihowaa Raawwachuuf Gurmaa’uu jedhamu boqonnaa 11⁠rratti hundaa’uudhaan haasawaafi maree dhaggeeffattootaa wajjin godhamuun kan dhihaatu.

Daq. 20: “Namoonni Yeroo Manaa Dhabamanitti.” Ilaaltuu olaanaa tajaajilaatiin kan dhihaatu.

Faarfannaa 43 (98) fi kadhannaa xumuraa.

[Miiljaleewwan]

Yaada seensaa daqiiqaa tokko hin guunneen jalqabamee gaaffiifi deebiidhaan kan dhihaatu.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi