Irra Deebii Mana Barumsaa Tajaajila Ti’ookraasii
Gaaffileen kanaa gad jiran, Mana Barumsaa Tajaajila Ti’ookraasii torban Waxabajjii 25, 2007 jalqabutti kan irratti mari’atamudha. Ilaaltuun olaanaa mana barumsichaa, barreeffamoota, gaaffilee irra deebii torban Caamsaa 7 jalqabuu hanga Waxabajjii 25, 2007rratti hundaa’uudhaan daqiiqaa 30f irra deebicha geggeessa. [Yaadachiisa: Gaaffilee booda barreeffamni deebiin irratti argamu hin caqasamne taanaan, deebiiwwansaanii argachuuf dhuunfaatti qorannaa gochuu si barbaachisa.—Kitaaba Mana Barumsaa Tajaajilaa ful. 36-37 ilaali.]
AMALAWWAN HAASAWAA
1. Yeroo haasawaa dhiheessinu sodaadhaan kan ka’e sagaleen keenya si’a qallatutti sagalee keenya fooyyessuuf maal gochuu dandeenya? [be ful. 184 key. 3–ful. 185 key. 2
2. Tajaajila keenya yeroo raawwannu “namoota hundumaa biratti waan fakkaatu hundumaa” ta’uu kan dandeenyu akkamitti? (1 Qor. 9:20-23) [be ful. 186 key. 2-4]
3. Namoota dhaggeeffachuu ilaalchisee fakkeenya Yihowaa hordofuu kan dandeenyu akkamitti? (Uma. 18:23-33; 1 Mot. 22: 19-22) [be ful. 187 key. 1-2, 5]
4. Namoonni fedhii argisiisan karaa hafuuraa akka guddatan gargaaruu kan dandeenyu karaawwan kamiini? [be ful. 187 key. 6–ful. 188 key. 3]
5. Namoota kabajuun barbaachisaa ta’uunsaa nu yaaddessuu kan qabu maaliifi? [be ful. 190 key. 3, saanduqa]
HAASAWAA LAK. 1
6. Namoota barsiisnu garaa tuquuf carraaquu kan qabnu maaliifi? [be ful. 59 key. 1]
7. Namoota barsiisnuuf fakkeenya ta’uun keenya dhiibbaa maalii qaba? [be ful. 61 key. 1]
8. Haasaa mana keessatti goonu fooyyeffachuu kan dandeenyu akkamitti? [be ful. 62 key. 3]
9. Ermiyaas raajichi ija jabinaan hinaaffaa argisiisuusaatiin fakkeenya akkamii nuu ta’a? [si p. 129 par. 36]
10. Macaafni Faaruu Ermiyaas amanannaa akkamii ibsa? Ta’uyyuu firdiin Waaqayyoo hamootatti dhufu cimaa ta’uusaa ibsuuf faayida qabeessa kan ta’e maaliifi? [si p. 132 par. 13]
DUBBISA M.Q.
11. Ermiyaas 37:21rratti akka ibsametti wanta Ermiyaasiin mudatee wajjin haala wal fakkaatuun, waa’ee maalii mirkanaa’oo ta’uu dandeenya?
12. Baaruk, Yihowaan ‘rakkinarratti rakkina dabaluudhaan kan isa dadhabsiise’ kan dubbate maaliif ta’uu danda’a? Jalqabarratti ilaalchi inni rakkoo kanaaf qabu maal ture? (Er. 45:1-5)
13. Baabilon akka ‘namni ishee keessa hin jiraannetti’ kan onte yoomi? (Er. 50:13)
14. Kadhannaa ilaalchisee seerri bu’uuraa Faaruu Ermiyaas 3:8, 9, 42-45rratti ibsame maalidha?
15. Geengoon Hisqi’el boqonnaa 1rratti caqasame maal kan argisiisudha?