Sagantaa Mana Barumsaa Tajaajila Ti’ookraasii 2008
QAJEELFAMA
Kutaawwan Mana Barumsaa Tajaajila Ti’ookraasii 2008 haala armaan gadiitti dhihaatu.
MADDA BARUMSICHAA: Macaafa Qulqulluu afaan Oromoo [bara 1997], Masaraa Eegumsaa [w], Leenjii Mana Barumsaa Tajaajila Ti’ookraasiitti Kennamurraa Fayyadami [be], “Caaffanni Qulqullaa’aan Hundinuu” Sirriifi Faayidaa Kan Qabudha [bsi-08-OA], Caaffata Qulqullaa’aarraa Ragaa Dhiheessuu (Maxxansa 1989) [rs].
Manni barumsichaa, SA’AATIISAATTI Faarfannaa, kadhannaafi nagaa gaafachuudhaan jalqabamee akka armaan gadiitti dhihaata. Ilaaltuun olaanaa mana barumsichaa, tokkoon tokkoon kutichaa booda kutaa ittaanee dhihaatu beeksisa.
MALA H.: Daq. 5. Malli haasawaa kun kitaaba Mana Barumsaa Tajaajilaarratti hundaa’uudhaan, ilaalaa olaanaa mana barumsichaatiin ykn jaarsa ga’eessa ta’ee garabiraadhaan dhihaata. (Gumiiwwan jaarsolii muraasa qabanitti, tajaajiltoonni ga’eessota ta’an kutaa kana dhiheessuu danda’u.)
KUTAA LAK. 1: Daq. 10. Kutaan kun, kitaaba Mana Barumsaa Tajaajila Ti’ookraasii, akkasumas birooshura “Caaffanni Qulqullaa’aan Hundinuu” Sirriifi Faayidaa Kan Qabudha jedhamurraa, jaarsaan ykn tajaajilaa gumii ga’eessa ta’een haasawaa qajeelfamaa ta’ee daqiiqaa 10f dhihaata. Kaayyoonsaa kutaa kana dhiheessuu qofa utuu hin ta’in, faayidaa barumsichaarratti xiyyeeffatee yaada caalaatti gumicha gargaaru kan addeessuu ta’uu qaba. Mataduree saganticharratti kennameen gargaaramuun barbaachisaadha. Obboloonni kutaa kana dhiheessan yeroo isaaniif kennametti xumuruu qabu. Barbaachisaa taanaan ilaalaa olaanaa mana barumsichaatiin ykn gargaaraasaatiin dhuunfaatti gorsi kennamuufii danda’a.
YAADA IJOO DUBBISA M.Q.: Daq. 10. Jaarsi ykn tajaajilaan gumii ga’umsa qabu, kuticha akka gumichaaf barbaachisutti daqiiqaa shaniif dhiheessa. Dubbisa Macaafa Qulqulluu torban sanaarraa boqonnaafi lakkoofsa filaterratti yaada kennuu danda’a. Kutaan kun boqonnaawwan torban sanaaf kennaman irra deebi’uudhaan qofa dhihaachuu hin qabu. Kaayyoonsaa inni guddaan dhaggeeffattoonni barumsichi akkamittiifi maaliif akka isaan fayyadu akka hubatan gargaaruudha. Obboleessi kutaa kana dhiheessu daqiiqaa shan dabarsuu hin qabu. Daqiiqaan shanan hafan dhaggeeffattoonni yaada akka kennaniif kan ramadamanidha. Isaanis, waan isaan tuqeefi bu’a qabeessa ta’ee argatanirratti (sekoondii 30 ykn isaa gadiif) yaada gabaabaa akka kennan afeera. Achiis, ilaalaan olaanaa mana barumsichaa barattoonni galma lammaffaatti kutaa dhiheessan deemuu akka danda’an ibsa.
KUTAA LAK. 2: Daq. 4 ykn isaa gaditti dhihaata. Kutaa kana obboleessa tokkotu dubbisaan dhiheessa. Baratichi yaada seensaa ykn xumuraa utuu hin kennin dubbisa qofaan dhiheessa. Ilaaltuun olaanaa mana barumsichaa, barattoonni hubannaadhaan, sirriitti, jechoota ijoo ta’an jabeessuudhaan, sagalee gegeddaruudhaan, bakka barbaachisaa ta’etti dhaabachuufi akkaataa haasaa uumamaasaaniitiin dubbisuusaaniirratti xiyyeeffata.
KUTAA LAK. 3: Daq. 5. Kutaan kun obboleettii tokkoof kennama. Barattoonni kutaan kun kennamuuf, yoomessoota kitaaba Mana Barumsaa Tajaajila Ti’ookraasii ful. 82rraa tokko filatu ykn ilaaltuu olaanaa mana barumsichaatiin kennamaaf. Barattuun kun mataduree kennameef haala naannoo tajaajilaa gumichaa wajjin wal simuun dhiheessuu qabdi. Mataduree qofti yommuu kennamutti, barreeffamoota hojjetaa amanamaaniifi ogeessi qopheesserraa qorannaa gootee yaadawwan kutaa sanaaf ta’an qopheessuu qabdi. Kutaa matadureensaa qofti kenname barattoota haaraadhaaf kennamuu hin qabu. Ilaaltuun olaanaa mana barumsichaa, barattuun kun mataduree kennameef akkamitti akka itti gabbifatu, namni haasofsiistu hiika caqasawwaniifi yaada ijoo kutichaa akka hubatuuf haala isheen itti gargaarturratti xiyyeeffata. Ilaaltuun olaanaa mana barumsichaa gargaartuu tokko ramadaaf.
KUTAA LAK. 4: Daq. 5. Baratichi mataduree kennameef gabbifachuu qaba. Yeroo matadureensaa qofti kennamutti, baratichi barreeffamoota hojjetaa amanamaafi ogeessaan qophaa’anirratti qo’annaa godhee qabxiiwwan kutaa sana gabbisan walitti qabachuu qaba. Kutaan kun obboleessa tokkoof yeroo kennamutti, dhaggeeffattoota Galma Mootummaa keessa jiran yaadatti qabachuudhaan haasawaadhaan dhiheessa. Yoo obboleettii tokkoof kenname garuu, akkuma qajeelfama Kutaa Lak. 3f kennametti dhihaachuu qaba. Ilaaltuun olaanaa mana barumsichaa yeroo barbaachisaa ta’etti, Kutaa Lak. 4 obboleessa tokkoof kennuu danda’a. Kutaawwan mallattoon urjii irratti godhaman haasawaadhaan dhihaachuu waan qabaniif obboloota dhiiraaf qofa kennama. Jaarsoliiniifi tajaajiltoonni gumii baay’ee yoo ta’an, kutaawwan Mana Barumsaa Tajaajila Ti’ookraasii ykn Walga’ii Tajaajilaarra jiran, hamma danda’ametti kutaawwan mallattoon urjii irra jiru jaarsaaf ykn tajaajilaa tokkoof kennuun filatamaadha.
GORSA: Daq. 1. Ilaaltuun olaanaa mana barumsichaa amala haasawaa baratichi irratti hojjetu dursee dubbachuu hin qabu. Kutaa Lak. 2, Lak. 3fi Lak. 4 booda, kutaa dhihaate keessaa yaada nama jajjabeessu kennuudhaan baraticha galateeffata. Haalli kutichi itti dhihaate “gaariidha” jechuu qofa utuu hin ta’in, sababii gaarii itti ta’e adda baasee dubbachuu qaba. Akka baratichaaf barbaachisutti, gorsi dabalataa nama jajjabeessu walga’ii booda ykn yeroo garabiraa dhuunfaatti kennamuufii danda’a.
YEROO EEGUU: Kan kutaa dhiheessus ta’e gorsa kan kennu sa’aatii ramadameef dabarsuu hin qabu. Obboloonni Kutaawwan Lak. 2 hanga 4tti dhiheessan, yoo sa’aatii dabarsan malaan akka dhaaban taasifamuu qaba. Obboloonni, mala haasawaa, Kutaa Lak. 1 ykn yaada ijoo dubbisa Macaafa Qulqulluu dhiheessan sa’aatii yoo dabarsan dhuunfaatti gorsi kennamuufii qaba. Hundisaanii sa’aatiisaanii sirriitti eeguu qabu. Faarfannaafi kadhannaa utuu hin dabalatin, guutummaan sagantichaa daqiiqaa 45tti xumurama.
FOORMII GORSI IRRATTI KENNAMU: Kitaabicha keessatti argama.
GARGAARAA GORSA KENNAA: Qaamni jaarsolii, ilaaltuu olaanaa mana barumsichaatiin alatti jaarsa dandeettii qabuufi gargaaraa gorsa kennaa ta’u tokko filachuu danda’a. Jaarsolii baay’een gumii keessa yoo jiraatan, jaarsoliin ga’umsa qaban garagaraa, waggaa waggaan wal jijjiiranii hojii kana hojjechuu danda’u. Itti gaafatamummaan obboleessa kanaa, yeroo barbaachisaa ta’etti obboloota Kutaa Lak. 1fi yaada ijoo dubbisa Macaafa Qulqulluu dhiheessaniif dhuunfaatti gorsa kennuudha. Kana jechuun garuu, jaarsoliifi tajaajiltoonni yeruma haasawaa dhiheessan hundaatti gorsa kennaaf jechuu miti.
IRRA DEEBII: Daq. 30. Ji’a lama lamatti, ilaaltuun olaanaa mana barumsichaa irra deebicha geggeessa. Irra deebichi kan godhamu, malli haasawaafi yaanni ijoo dubbisa Macaafa Qulqulluu erga dhihaatee boodadha. Irra deebiin kun, torban irra deebichi itti dhihaatu dabalatee, barumsawwan ji’oota lamaan darban dhihaatanirratti kan hundaa’edha. Gumiiwwan torban Irra Deebiin Mana Barumsaa Tajaajila Ti’ookraasii godhamutti walga’ii aanaa qaban (sagantaa torban sanaaf ba’ee wajjin) irra deebichi sagantaasaarraa torban tokko turee kan dhihaatu si’a ta’u, sagantaan torban ittaanuummoo torban tokko dursee walga’ii aanaarratti dhihaata. Daawwataan olaanaa aanaa gumii keessan kan daawwatu yoo ta’es, faarfannaan, malli haasawaafi yaanni ijoo Macaafa Qulqulluu akkuma sagantaan ba’eefitti dhihaatu. Haasawaan qajeelfamaa (mala haasawaa booda dhihaata) sagantaa torban ittaanurraa fudhatama. Torban ittaanutti, malli haasawaa sagantaa Mana Barumsaa Tajaajila Ti’ookraasiirratti ba’eefi yaanni ijoo dubbisa Macaafa Qulqulluu erga dhihaatanii booda irra deebiin godhama.
Sagantaa
Ama. 7 Dubbisa M.Q.: Mat. 1-6 Far. 29 (62)
Mala H.: Ibsa Ga’aa Kennuu (be ful. 228 key. 1-2)
Lak. 1: Seensa Wangeela Maatewos (bsi ful. 3-5 key. 1-10)
Lak. 2: Mat. 5:1-20
Lak. 3: Namoonni Maaliif Du’u? (rs ful. 97-99 key. 1)
Lak. 4: Karaawwan Hafuurri Waaqayyoo Itti Nu Gargaaru
Ama. 14 Dubbisa M.Q.: Mat. 7-11 Far. 67 (156)
Mala H.: Yaanni Garaa Murteessaadha (be ful. 228 key. 3-5)
Lak. 1: Dubbii Waaqayyoo Dubbisuudhaan Gammadi (be ful. 9 key.1-5)
Lak. 2: Mat. 10:1-23
Lak. 3: Amanamoo Ta’uun Kan Nama Kiisu Maaliifi?
Lak. 4: Namoonni Du’an Eessa Jiru? Haala akkamiirra Jiru? (rs ful. 99 key. 2–101 key. 2)
Ama. 21 Dubbisa M.Q.: Mat. 12-15 Far. 55 (133)
Mala H.: Hubannaa Dhaggeeffattootaa Kan Bal’isu (be ful. 230 key. 1-6)
Lak. 1: Macaafa Qulqulluu Guyyaa Guyyaadhaan Dubbisi (be ful. 10–12 key. 3)
Lak. 2: Mat. 14:1-22
Lak. 3: Dhugaa Baatonni Yihowaa, Sirna Gaddaa Aadaa Namoota Du’aniif Godhamurratti Kan Hin Hirmaanne Maaliifi? (rs ful. 102 key. 1-7)
Lak. 4: Mormituu Kiristos Jechuun Maal Jechuudha? Innoo Eenyu?
Ama. 28 Dubbisa M.Q.: Mat. 16-21 Far. 13 (33)
Mala H.: Qorannaa Gochuudhaan Haasawaan Tokko Hubannaa Dhaggeeffattootaa akka Bal’isu Gochuu (be ful. 231 key. 1-3)
Lak. 1: “Akkamitti Akka Dhaggeeffatan Ofeeggannoodhaan Yaadaa!” (be ful. 13–14 key. 4)
Lak. 2: Mat. 17:1-20
Lak. 3: Ilaalchawwan Dogoggoraa Du’a Ilaalchisee Ka’aniif Deebii Kennuu (rs ful. 103 key. 1-3)
Lak. 4: Wantoota Kirstiyaanonni Akka Qulqulluutti Ilaalan
Gur. 4 Dubbisa M.Q.: Mat. 22-25 Far. 64 (151)
Mala H.: Caqasawwan Ibsuu (be ful. 231 key. 4-5)
Lak. 1: Walga’iiwwan Gumiifi Walga’iiwwan Gurguddaarratti Xiyyeeffannaadhaan Dhaggeeffachuu (be ful. 15 key. 1–16 key. 5)
Lak. 2: Mat. 23:1-24
Lak. 3: Jireenyi Barabaraa Nuffisiisaa Miti
Lak. 4: Abjuu Hafuura Qulqulluufi Hafuura Qulqulluu Malee Namatti Mul’atan (rs ful. 104-6 key. 2)
Gur. 11 Dubbisa M.Q.: Mat. 26-28 Far. 95 (213)
Mala H.: Hiika Jechootaa Ibsuu (be ful. 232 key. 1)
Lak. 1: Faayidaa Wangeela Maatewos (bsi ful. 5 key. 29-33)
Lak. 2: Mat. 27:1-22
Lak. 3: Amantii Qabaachuun Waaqayyo Jiraachuusaa Amanuu Qofa Miti Kan Jedhamu Maaliifi?
Lak. 4: Qorichawwan Sammuu Hadoochan Yeroo Itti Kiristiyaanotaaf Dhorkaa Ta’an (rs ful. 106-8 key. 2)
Gur. 18 Dubbisa M.Q.: Mar. 1-4 Far. 94 (212)
Mala H.: Caqasichi Dhimma Sanaa Wajjin Akkamitti Akka Wal Qabatu Ibsuu (be ful. 232 key. 2-4)
Lak. 1: Seensa Wangeela Maarqos (bsi ful. 6-7 key. 1-11)
Lak. 2: Mar. 2:1-17
Lak. 3: Kiristiyaanonni Maariwaanaa Kan Hin Fudhanne Maaliifi? (rs ful. 108 key. 3–109 key. 3)
Lak. 4: Jaalalli Ija Jabina Kan Dabalu Akkamitti?
Gur. 25 Dubbisa M.Q.: Mar. 5-8 Far. 33 (72)
Mala H.: Odeeffannoo Dhaggeeffattootakee Fayyadan Filadhu (be ful. 233 key. 1-5)
Irra Deebii Mana Barumsaa Tajaajila Ti’ookraasii
Bit. 3 Dubbisa M.Q.: Mar. 9-12 Far. 87 (195)
Mala H.: Barreeffama Siiramadametti Fayyadami (be ful. 234 key. 1–235 key. 3)
Lak. 1: Dandeettii Yaadachuukee Fooyyessuu Dandeessa (be ful. 17 key. 1–18 key. 5)
Lak. 2: Mar. 11:1-18
Lak. 3: Waaqayyo Kan Hin Sobne Maaliifi?
Lak. 4: Kiristiyaanonni Tamboo Kan Hin Xuuxne Maaliifi? (rs ful. 110 key. 1–111 key. 4)
Bit. 10 Dubbisa M.Q.: Mar. 13-16 Far. 40 (87)
Mala H.: Gaaffiiwwaniin Akka Gaariitti Fayyadamuu (be ful. 236 key. 1-5)
Lak. 1: Faayidaa Wangeela Maarqos (bsi ful. 7-8 key. 31-3)
Lak. 2: Mar. 14:1-21
Lak. 3: Araada Gadhee Mo’uun Kan Danda’amu Akkamitti? (rs ful. 112 key. 1-4)
Lak. 4: “Dheekkamsi Namaa Waaqayyo Duratti Qajeelina Namaaf Hin Hojjetu” Kan Jedhame Maaliifi? (Yaq. 1:20)
Bit. 17 Dubbisa M.Q.: Luq. 1-3 Far. 6 (13)
Mala H.: Gaaffiiwwan Yaada Ijoo Ta’an Hubachiisanitti Fayyadamuu (be ful. 237 key. 1-2)
Lak. 1: Seensa Wangeela Luqaas (bsi ful. 8-10 key. 1-9)
Lak. 2: Luqaas 1:1-23
Lak. 3: ‘Amantiin Hojii Gaariidhaan Hin Argisiifamne Waa’ee Kan Hin Baafne’ Maaliifi? (Yaq. 2:20)
Lak. 4: Saboonni Kaayyoo Waaqayyo Lafaaf Qabu Gufachiisuu Hin Danda’an (rs ful. 113–114 key. 1)
Bit. 24 Dubbisa M.Q.: Luq. 4-6 Far. 67 (156)
Mala H.: Gaaffiiwwan Dhimma Sanarratti Akka Yaadan Godhan (be ful. 237 key. 3–238 key. 2)
Lak. 1: Shoora Hafuurri Qulqulluu Wantoota Baranne Akka Yaadannu Gochuurratti Qabu (be ful. 19 key. 1–20 key. 2)
Lak. 2: Luq. 4:1-21
Lak. 3: Yihowaan Lafa Ibiddaan Ni Balleessaa? (rs ful. 114 key. 2–115 key. 3)
Lak. 4: Waaqayyoon Sodaachuun Cubbuu Hojjechuurraa Akka Of Qusannu Gochuu Danda’a
Bit. 31 Dubbisa M.Q.: Luq. 7-9 Far. 16 (37)
Mala H.: Gaaffiiwwan Ilaalcha Namootaa Hubachuuf Gargaaraniin Fayyadamuu (be ful. 238 key. 3-5)
Lak. 1: Dubbisuuf Carraaqqii Gochuu Kan Qabdu Maaliifi? (be ful. 21–23 key. 3)
Lak. 2: Luq. 7:1-17
Lak. 3: Ragaa Waaqayyo Akka Nu Jaallatuufi Akka Gammannu Kan Barbaadu Ta’uusaa Argisiisu
Lak. 4: Miseensonni Yerusaalem Ishee Haaraa Erga Hamoonni Badanii Booda Gara Lafaatti Hin Deebi’an (rs ful. 115 key. 4–116 key. 1)
Ebl. 7 Dubbisa M.Q.: Luq. 10-12 Far. 15 (35)
Mala H.: Jabeessanii Ibsuuf Gaaffiiwwanitti Fayyadamuu (be ful. 239 key. 1-2)
Lak. 1: Dubbisuuf Carraaqqii Gochuu Kan Dandeessu Akkamitti? (be ful. 23 key. 4–26 key. 4)
Lak. 2: Luqaas 11:37-54
Lak. 3: Kaayyoon Waaqayyo Lafaaf Qabu Jijjiirameeraa? (rs ful. 116 key. 2–117 key. 4)
Lak. 4: Mul’ata 17:17 Akkamitti Hubanna?
Ebl. 14 Dubbisa M.Q.: Luq. 13-17 Far. 39 (86)
Mala H.: Ilaalcha Dogoggoraa Saaxiluuf Gaaffiiwwanitti Fayyadamuu (be ful. 239 key. 3-5)
Lak. 1: Akkatti Qayyabachuun Danda’amu (be ful. 27 key. 1–31 key. 2)
Lak. 2: Luq. 16:1-15
Lak. 3: Seera Waaqayyo Qarmii Ilaalchisee Kennerraa Maal Baranna? (Lew. 19:9, 10)
Lak. 4: Namoota Dhukkubsatan Akkamitti Jajjabeessuu Dandeenya? (rs ful. 118 key. 1-4)
Ebl. 21 Dubbisa M.Q.: Luq. 18-21 Far. 58 (138)
Mala H.: Wantoota Wal Bira Qabanii Barsiisuu (be ful. 240 key. 1–241 key. 1)
Lak. 1: Faayidaa Wangeela Luqaas (bsi ful. 10-11 key. 30-5)
Lak. 2: Luq. 18:1-17
Lak. 3: Namoota Michoonnisaanii Jalaa Du’an Akkamitti Jajjabeessuu Dandeenya? (rs ful. 118 key. 5-9)
Lak. 4: ‘Guungummii Malee’ Jechuun Maal Jechuudha? (Filp. 2:14)
Ebl. 28 Dubbisa M.Q.: Luq. 22-24 Far. 2 (4)
Mala H.: Fakkeenyatti Fayyadamuu (be ful. 241 key. 2-4)
Irra Deebii Mana Barumsaa Tajaajila Ti’ookraasii
Cam. 5 Dubbisa M.Q.: Yoh. 1-4 Far. 50 (123)
Mala H.: Fakkeenyota Caaffata Qulqullaa’aa Keessa Jiran (be ful. 242 key. 1-2)
Lak. 1: Seensa Wangeela Yohannis (bsi ful. 11-13 key. 1-9)
Lak. 2: Yohannis 3:1-21
Lak. 3: Daawit Saa’ol Mooticha Ajjeesuu Dhiisuusaarraa Maal Baranna?
Lak. 4: Jajjabina Namoota Jaalala Waaqayyoo Raawwachuusaaniitiin Ari’atamaniif Ta’u (rs ful. 119 key. 1-6)
Cam. 12 Dubbisa M.Q.: Yoh. 5-7 Far. 44 (105)
Mala H.: Dhaggeeffattoonni Salphaatti Hubachuu Danda’uu? (be ful. 242 key. 3–243 key. 1)
Lak. 1: Qayyabannaan Eebba Argamsiisa (be ful. 31 key. 3–32 key. 3)
Lak. 2: Yoh. 6:1-21
Lak. 3: Anaaniyaasiifi Safiiraarraa Barumsa Maalii Arganna?
Lak. 4: Namoota Firdiin Jal’achuusaatiin Abdii Kutatan Jajjabeessuu Kan Dandeessan Akkamitti? (rs ful. 119 key. 7–120 key. 2)
Cam. 19 Dubbisa M.Q.: Yoh. 8-11 Far. 83 (187)
Mala H.: Wantoota Beekamoo Akka Fakkeenyaatti Fayyadamuu (be ful. 244 key. 1-2)
Lak. 1: Macaafa Qulqulluutti Fayyadamanii Qorannaa Gochuun Kan Danda’amu Akkamitti? (be ful. 33–35 key. 2)
Lak. 2: Yoh. 11:38-57
Lak. 3: Namoota Rakkoo Dinagdee Qaban Jajjabeessuuf Maaltu Nugargaara? (rs ful. 120 key. 3-7)
Lak. 4: Namni Tokko Abboommii Isa Kurnaffaadhaaf Akka Ajajamu Dirqisiisuun Kan Hin Danda’amne Taanaan, Seerichi Maaliif Kenname?
Cam. 26 Dubbisa M.Q.: Yoh. 12-16 Far. 1 (3)
Mala H.: Fakkeenyota Dhaggeeffattootakee Wajjin Wal Siman (be ful. 244 key. 3–245 key. 4)
Lak. 1: Barreeffamoota Qorannaa Gochuuf Gargaaran Kan Biraatti Fayyadamuu (be ful. 35 key. 3–38 key. 4)
Lak. 2: Yoh. 12:1-19
Lak. 3: Namoota Dadhabbiisaanitti Abdii Kutatan Jajjabeessuu (rs ful. 120 key. 8–121 key. 2)
Lak. 4: Wanta Yaada Nutti Ta’u Yihowaatti Gannee Dhiisuu Kan Dandeenyu Akkamitti? (Far. 55:22)
Wax. 2 Dubbisa M.Q.: Yoh. 17-21 Far. 9 (26)
Mala H.: Wantoota Ilaalamanitti Fayyadamanii Barsiisuu (be ful. 247 key. 1-2)
Lak. 1: Faayidaa Wangeela Yohaannis (bsi ful. 13 key. 30-5)
Lak. 2: Yoh. 21:1-14
Lak. 3: Waaqayyo Isa Ijaan Hin Argamnetti Kan Amannu Maaliifi?
Lak. 4: Jijjiirama Tirannaa, Barumsa Saayinsii Qabatamaa Hin Taane (rs ful. 121-3 key. 2)
Wax. 9 Dubbisa M.Q.: HoE. 1-4 Far. 42 (92)
Mala H.: Yesus Wantoota Ilaalamanitti Fayyadamee Kan Barsiise Akkamitti? (be ful. 247 key. 3)
Lak. 1: Seensa Macaafa Hojii Ergamootaa (bsi ful. 14-15 key. 1-8)
Lak. 2: HoE. 1:1-14
Lak. 3: Jijjiirama Tirannaa, Ragaa Hambaalee Lafa Keessaafi Ragaa Qabatamaarratti Hundaa’uu (rs ful. 123 key. 3–126 key. 5)
Lak. 4: ‘Ija Jabummaan’ Dubbachuun Maalfaa Dabalata? (Ibr. 3:6, 1899)
Wax. 16 Dubbisa M.Q.: HoE. 5-7 Far. 76 (172)
Mala H.: Wantoota Ijaan Argamanitti Fayyadamanii Barsiisuu (be ful. 248 key. 1-3)
Lak. 1: Ijoo Haasawaa Qopheessuu (be ful. 39-42)
Lak. 2: HoE. 5:1-16
Lak. 3: Falmii Namoonni Jijjiirama Tirannaatti Amanan Kaasaniif Deebii Kennuu (rs ful. 128 key. 1–129 key. 2)
Lak. 4: Waaqayyoon Sodaachuun Jalqaba Ogummaa Kan Ta’e Maaliifi? (Far. 111:10)
Wax. 23 Dubbisa M.Q.: HoE. 8-10 Far. 66 (155)
Mala H.: Kaartaa, Sagantaalee Walga’iiwwan Gurguddaafi Fiilmii Vidiiyootti Fayyadamanii Barsiisuu (be ful. 248 key. 4–249 key. 2)
Lak. 1: Kutaalee Barataa Mana Barumsichaatiin Siikennaman Qophaa’uu (be ful. 43–44 key. 3)
Lak. 2: HoE. 8:1-17
Lak. 3: Yesus ‘Nama Dhabaa Kan Oolchu’ Akkamitti? (Far. 72:12)
Lak. 4: Namoonni Baay’een Amantaa Kan Dhaban Maaliifi? (rs ful. 130-31 key. 2)
Wax. 30 Dubbisa M.Q.: HoE. 11-14 Far. 35 (79)
Mala H.: Wantoota Ilaalamanitti Fayyadamanii Namoota Baay’ee Barsiisuu (be ful. 249 key. 3–250 key. 2)
Irra Deebii Mana Barumsaa Tajaajila Ti’ookraasii
Ado. 7 Dubbisa M.Q.: HoE. 15-17 Far. 49 (114)
Mala H.: Karaan Itti Ibsitu Barbaachisaa Kan Ta’e Maaliifi? (be ful. 251 key. 1-3)
Lak. 1: Qophii Matadureefi Yoomessasaa Wajjin Wal Simu Gochuu (be ful. 44 key. 4–46 key. 1)
Lak. 2: HoE. 16:1-15
Lak. 3: Sababiiwwan Sodaa Malee Yihowaa Akka Tajaajillu Nu Taasisan
Lak. 4: Namni Tokko Amantaa Argachuu Kan Danda’u Akkamitti? (rs ful. 131 key. 3–132 key. 1)
Ado. 14 Dubbisa M.Q.: HoE. 18-21 Far. 12 (32)
Mala H.: Eessaa Haajalqabnu? (be ful. 251 key. 4–252 key. 3)
Lak. 1: Haasawaa Gumiif Dhihaatan Qophaa’uu (be ful. 47–49 key. 1)
Lak. 2: HoE. 20:1-16
Lak. 3: Addunyaa Haaraan Qajeelummaan Keessa Buufatu Dhufuusaa Akka Amannu Hojiidhaan Argisiisuu (rs ful. 132 key. 3–133 key. 1)
Lak. 4: Abboommii Ba’uu 23:19b Irratti Kennamerraa Barumsa Akkamii Arganna?
Ado. 21 Dubbisa M.Q.: HoE. 22-25 Far. 88 (200)
Mala H.: Yeroo Itti Sababa Qabeeyyii Ta’uun Barbaachisu (be ful. 252 key. 4–253 key. 2)
Lak. 1: Kutaalee Walga’ii Tajaajilaafi Haasawaa Kan Biraa Qophaa’uu (be ful. 49 key. 2–51 key. 1)
Lak. 2: HoE. 22:1-16
Lak. 3: Dhugaa Baatonni Yihowaa, Yaada Yohannis 13:34, 35rratti Argamu Karaawwan Kamiin Hojiirra Oolchu?
Lak. 4: Raajonni Sobaa Addaan Baafamanii Kan Beekaman Akkamitti? (rs ful. 133-4 key. 7)
Adol. 28 Dubbisa M.Q.: HoE. 26-28 Far. 11 (29)
Mala H.: Gaaffii Gaafachuufi Ragaa Dhiheessuu (be ful. 253 key. 3–254 key. 2)
Lak. 1: Faayidaa Hojii Ergamootaa (bsi ful. 15-16 key. 32-40)
Lak. 2: HoE. 26:1-18
Lak. 3: Raajonni Dhugaa, Akkaataafi Yeroo Wantoonni Raajiidhaan Dubbataman Itti Raawwataman Kan Hubatan Yeroo Hundumaa Miti (rs ful. 135 key. 1-6)
Lak. 4: Yihowaan Kan Obse Maaliifi?
Hag. 4 Dubbisa M.Q.: Rom. 1-4 Far. 80 (180)
Mala H.: Dubbii Waaqayyoorratti Hundaa’uudhaan Ragaa Amansiisaa Dhiheessuu (be ful. 255–256 key. 2)
Lak. 1: Seensa Macaafa Roomaa (bsi ful. 17-18 key. 1-7)
Lak. 2: Rom. 3:1-20
Lak. 3: Ergamoonni Tajaajiltoota Yihowaa Kan Eeganiifi Kan Jajjabeessan Akkamitti?
Lak. 4: Dhugaa Baatonni Yihowaa, Waaqeffannaan Dhugaa Akka Jabaatuuf Ga’ee Mataasaanii Raawwatu (rs ful. 135 key. 7-8)
Hag. 11 Dubbisa M.Q.: Rom. 5-8 Far. 91 (207)
Mala H.: Dubbii Waaqayyootiin Ala Ragaa Dhiheessuu (be ful. 256 key. 3-5)
Lak. 1: Haasawaa Sabaaf Dhihaatu Qophaa’uu (be ful. 52–54 key. 1)
Lak. 2: Rom. 6:1-20
Lak. 3: Dhugaa Baatonni Yihowaa Firiisaaniitiin Beekamu (rs ful. 136 key. 1–137 key. 2)
Lak. 4: Qajeelummaan Nu Eegu Kan Danda’u Akkamitti?
Hag. 18 Dubbisa M.Q.: Rom. 9-12 Far. 65 (152)
Mala H.: Ragaa Quubsaa Dhiheessuu (be ful. 257 key. 1-4)
Lak. 1: Faayidaa Macaafa Roomaa (bsi ful. 18-19 key. 20-5)
Lak. 2: Rom. 9:1-18
Lak. 3: Hamiifi Jette Jettee Babal’isuun Balaa Maalii Qaba?
Lak. 4: Namoota Raajota Sobaati Nuun Jedhaniif Deebii Kennuu (rs ful. 138 key. 1-3)
Hag. 25 Dubbisa M.Q.: Rom. 13-16 Far. 7 (19)
Mala H.: Garaa Namootaa Tuquuf Carraaquu (be ful. 258 key. 1-5)
Irra Deebii Mana Barumsaa Tajaajila Ti’ookraasii
Fulb. 1 Dubbisa M.Q.: 1 Qor. 1-9 Far. 31 (67)
Mala H.: Ilaalcha Dhaggeeffattootaa Hubachuu (be ful. 259 key. 1-3)
Lak. 1: Seensa 1 Qorontos (bsi ful. 20-21 key. 1-7)
Lak. 2: 1 Qor. 4:1-17
Lak. 3: Waaqayyo Guyyaa Namni Tokko Itti Du’u Dursee Hin Murteessine (rs ful. 138 key. 4–139 key. 1)
Lak. 4: Qabeenyi Waaqayyo Nu Eebbisuusaa Kan Argisiisudha?
Fulb. 8 Dubbisa M.Q.: 1 Qor. 10-16 Far. 15 (35)
Mala H.: Miira Dhaggeeffattootaa Kakaasuu (be ful. 259 key. 4–260 key. 1)
Lak. 1: Faayidaa 1 Qorontos (bsi ful. 21 key. 23-6)
Lak. 2: 1 Qor. 13:1–14:6
Lak. 3: Warri Dubbicha Hojiirra Oolchan Gammadoo Kan Ta’an Maaliifi?
Lak. 4: Wanti Raawwatamu Hundi Jaalala Waaqayyoo Miti (rs ful. 139 key. 2–140 key. 7)
Fulb. 15 Dubbisa M.Q.: 2 Qor. 1-7 Far. 28 (58)
Mala H.: Namoonni Kaan Sodaa Waaqayyoo Akka Qabaatan Gargaaruu (be ful. 260 key. 2-3)
Lak. 1: Seensa 2 Qorontos (bsi ful. 22 key. 1-4)
Lak. 2: 2 Qor. 1:1-14
Lak. 3: Waaqayyo Wanta Hundumaa Dursee Hin Beeku Akkasumas Hin Murteessu (rs ful. 140 key. 8–141 key. 2)
Lak. 4: Kiristiyaanonni Dhugaa Yeroo Ari’ataman Kan Gammadan Maaliifi?
Fulb. 22 Dubbisa M.Q.: 2 Qor. 8-13 Far. 24 (50)
Mala H.: Gochi Keenya Waaqayyoon Gammachiisuu Ykn Gaddisiisuu Danda’a (be ful. 260 key. 4-5)
Lak. 1: Faayidaa 2 Qorontos (bsi ful. 22-23 key. 18-20)
Lak. 2: 2 Qor. 9:1-15
Lak. 3: Kiristiyaanonni Dhuga Kutaa Biyya Lafaa Kan Hin Taane Maaliifi?
Lak. 4: Waaqayyoo Dandeettii Wantoota Raawwataman Dursee Beekuufi Murteessuu Qaba (rs ful. 141–142 key. 2)
Fulb. 29 Dubbisa M.Q.: Gal. 1-6 Far. 71 (163)
Mala H.: Warri Kaan Akka Of Qoran Gargaaruu (be ful. 261 key. 1-3)
Lak. 1: Seensaafi Faayidaa Macaafa Galaatiyaa (bsi ful. 24-26 key.1-6, 14-18)
Lak. 2: Gal. 1:1-17
Lak. 3: Waaqayyo Haala Addaamii Wajjin Walqabateen, Dandeettii Duree Beekuusaatti Kan Hin Fayyadamne Maaliifi? (rs ful. 142 key. 3–143 key. 1)
Lak. 4: Jaalalli Sodaa Namootaa Mo’uuf Kan Nu Dandeessisu Akkamitti?
Onk. 6 Dubbisa M.Q.: Efe. 1-6 Far. 87 (195)
Mala H.: Garaa Guutuudhaan Abboomamuu Baruu (be ful. 261 key. 5–162 key. 2)
Lak. 1: Seensaafi Faayidaa Macaafa Efesoon (bsi ful. 26-27 key. 1-8, 16-19)
Lak. 2: Efe. 3:1-19
Lak. 3: Dhiifama Gaafachuun Mallattoo Dadhabinaa Miti
Lak. 4: Waaqayyo, Hiree Yaaqoob, Esaawuufi Yihudaa Dursee Hin Murteessine (rs ful. 143 key. 2–ful. 144 key. 1)
Onk. 13 Dubbisa M.Q.: Filp. 1–Qol. 4 Far. 50 (123)
Mala H.: Garaa Namootaa Tuquuf Yihowaa Wajjin Walta’uu (be ful. 262 key. 3)
Lak. 1: Seensaafi faayidaa Macaafa Filiphisiiyus (bsi ful. 28-29 key. 1-7, 12-14)
Lak. 2: Filp. 3:1-16
Lak. 3: Haalli Gumii Kiristiyaanaa Dursee Kan Murteeffame Karaa Kamiini? (rs ful. 144 key. 2-3)
Lak. 4: * Faayidaa Macaafa Qolosaayis (bsi ful. 30-31 key. 12-14)
Onk. 20 Dubbisa M.Q.: 1 Tas. 1–2 Tas. 3 Far. 84 (190)
Mala H.: Yeroo Ramadametti Xumuruu (be ful. 263 key.1–264 key.4)
Lak. 1: Seensaafi Faayidaa Macaafa 1ffaafi 2 Tasaloniiqee (bsi ful. 3-4 key. 1-5, 13-15; ful. 5-6 key. 1-4, 10-11)
Lak. 2: 1 Tas. 1:1–2:8
Lak. 3: Macaafni Qulqulluun Waa’ee Urjii Lakkaa’uu Maal Dubbata? (rs ful. 145 key. 1-5)
Lak. 4: * Faayidaa 1fi 2 Ximotewos (bsi ful. 7-8 key. 15-19; ful. 9 key. 10-12)
Onk. 27 Dubbisa M.Q.: 1 Xim. 1–2 Xim. 4 Far. 97 (217)
Mala H.: Gorsa Garaa Namaa Tuqu (be ful. 265 key. 1-3)
Irra Deebii Mana Barumsaa Tajaajilaa Ti’ookraasii
Sad. 3 Dubbisa M.Q.: Tit. 1–Film. Far. 34 (77)
Mala H.: Gorsa Jaalalarratti Hundaa’e (be ful. 266 key. 1-4)
Lak. 1: Seensa Macaafa Tiitoosiifi Faayidaasaa (bsi ful. 10-11 key. 1-4, 8-10)
Lak. 2: Tit. 1:1-16
Lak. 3: Sababiiwwan Waaqayyo Akka Jiru Amanuuf Bu’uura Ta’an Tokko Tokko Maalfa’i? (rs ful. 146–7 key. 2)
Lak. 4: * Faayidaa Macaafa Filemon (bsi ful. 12-13 key. 7-10)
Sad. 10 Dubbisa M.Q.: Ibr. 1-8 Far. 61 (144)
Mala H.: Gorsa Caaffata Qulqullaa’aarratti Hundaa’e (be ful. 267 key. 1-2)
Lak. 1: Seensa Macaafa Ibrootaa (bsi ful. 13-15 key. 1-9)
Lak. 2: Ibr. 3:1-19
Lak. 3: Hammeenyiifi Rakkinni Jiraachuunsaa Waaqayyo Akka Hin Jirre Kan Mirkaneessu Miti (rs ful. 147 key. 3-5)
Lak. 4: Garaa Garummaa Gadi Of Deebisuu Dhugaafi Sobaa Gidduutti Argamu
Sad. 17 Dubbisa M.Q.: Ibr. 9-13 Far. 51 (127)
Mala H.: Ija Jabinaan Dubbachuu (be ful. 267 key. 3-4)
Lak. 1: Faayidaa Macaafa Ibrootaa (bsi ful. 15-16 key. 23-27)
Lak. 2: Ibr. 10:1-17
Lak. 3: Waaqayyo Qaamaafi Miira Kan Qabudha (rs ful. 148 key. 1-7)
Lak. 4: Dhiifama Gochuun Tokkummaa Kan Jabeessu Akkamitti?
Sad. 24 Dubbisa M.Q.: Yaq. 1-5 Far. 20 (45)
Mala H.: Haasawaan Dhiheessinu Kan Nama Jajjabeessu Ta’uu Kan Qabu Maaliifi? (be ful. 268 key. 1-3)
Lak. 1: Seensa Macaafa Yaaqoobiifi Faayidaasaa (bsi ful. 16-18 key. 1-7, 15-17)
Lak. 2: Yaq. 1:1-21
Lak. 3: Waaqayyo Jalqaba Hin Qabu (rs ful. 148 key. 8–149 key. 2)
Lak. 4: ‘Oo’i Firdiirratti Kan Mo’u’ Akkamitti? (Yaq. 2:13)
Mud. 1 Dubbisa M.Q.: 1 Phe. 1–2 Phe. 3 Far. 14 (34)
Mala H.: Wanta Yihowaan Godhe Akka Yaadatan Godhii (be ful. 268 key. 4–ful. 269 key. 2)
Lak. 1: Seensaa 1 Phexrosiifi Faayidaasaa (bsi ful. 19-20 key. 1-5, 11-13)
Lak. 2: 1 Phe. 2:1-17
Lak. 3: Fayyuuf Maqaa Waaqayyootti Fayyadamuun Barbaachisaadha (rs ful. 149 key. 3–150 key. 1)
Lak. 4: * Faayidaa 2 Phexros (bsi ful. 21-22 key. 8-10)
Mud. 8 Dubbisa M.Q.: 1 Yoh. 1–Yih. Far. 54 (132)
Mala H.: Akkaataa Yihowaan Sabasaa Itti Gargaare Hubachiisuu (be ful. 269 key. 3-5)
Lak. 1: Seensaa 1ffaa, 2ffaafi 3 Yohannisiifi Faayidaasaa (bsi ful. 22-24 key. 1-5, 11-13; ful. 24-25 key. 1-3, 5; ful. 26 key. 1-3, 5)
Lak. 2: 1 Yoh. 4:1-16
Lak. 3: Amantiin Hundi Gaariidhaa? (rs ful. 150 key. 2-5)
Lak. 4: * Faayidaa Macaafa Yihudaa (bsi ful. 28 key. 8-10)
Mud. 15 Dubbisa M.Q.: Mul. 1-6 Far. 47 (112)
Mala H.: Wanta Waaqayyo Nuu Gochaa Jirutti Akka Gammadduu Argisiisi (be ful. 269 key. 5–271 key. 1)
Lak. 1: Seensa Macaafa Mul’ataa (bsi ful. 28-29 key. 1-6)
Lak. 2: Mul. 3:1-13
Lak. 3: Yesus “Waaqa” Akkamiiti? (rs ful. 150 key. 6-7)
Lak. 4: Obsiifi Araarri Daangaa Qabu Kan Jennu Maaliifi?
Mud. 22 Dubbisa M.Q.: Mul. 7-14 Far. 8 (21)
Mala H.: Leenjii Mana Barumsaa Tajaajila Ti’ookraasiirraa Guutummaatti Fayyadami (be ful. 5–8 key. 1)
Lak. 1: Faayidaa Macaafa Mul’ataa (bsi ful. 30-31 key. 28-34)
Lak. 2: Mul. 8:1-13
Lak. 3: Mormiiwwan Waaqayyotti Amanuu Ilaalchisee Ka’aniif Deebii Kennuu (rs ful. 151 key. 1–152 key. 1)
Lak. 4: ‘Waaqayyo Garaa Keenyarra In Caala’ Jechuun Maal Jechuudha? (1 Yoh. 3:20)
Mud. 29 Dubbisa M.Q.: Mul. 15-22 Far. 81 (181)
Mala H.: Sirriitti Dubbisuu (be ful. 83–84 key. 1)
Irra Deebii Mana Barumsaa Tajaajila Ti’ookraasii
[Miiljaleewwan]
Obboloota dhiiraaf qofa kan kennamu; jaarsoliin ykn tajaajiltoonni utuu dhiheessanii ni filatama.